Achi buutee miila Bakhar Waaree – Walaloo
Binta Dirree iraa | Hagayya 14,2012
Du’ee hin awwaalamnee Jiraatee hin mul’annee
Eessa seene dhiirroo Mootichi Wayyaanee?
Ni xawaafee laata halkan keessa ka’ee
Miila Bakhar Waaree achi buutee ta’ee?
Hayyu-duree biyyaa nama biyyaan deemu
Bakka inní jiru beekuu feena namuu
Yeroodhaaf taatullee dubbiin tuni nu dhibdee
Hangam ooltee bultuus numa baati booddee
Akkaataa itti jiru ummata dhoysanii
Inni muuza hin taanee maali adabsanii
Muuznilleen bilchaatee yeroo bahu qabaa
Akkaataan Mallasaa maalif dangaa dhabaa?
Moo isaanumaatu walafaan deebi’ee?
Aangoof bololuudhaan Mallasaa gaaga’ee?
Yoo akkas hin taanee maalif nu dhoysan ree
Maalifi ukkaamsan akka kessa hin barree?
Iccitiin feetellenn mana urtee baatii
Akkamitti dhokatte dubbiin Mallasaatii
Du’aa jiruu isaatiif nuti hin rakkannee
Dubbiidhaatu tahee manama hiikamnee
Isiinuu as deemtii dhokattee waan haftuu
Barumaaf jiraannaa yeroolleen dheerattuu
xxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxx
Binta Dirree



Ajab dubbii! Bareeda dha Binta Dirree jabadhu!
Galatoomi Binta Dirre.
Wow nama gammachiisa walaloon kee.Jabaadhu itti nuuf fufi.
Otoo keessumattuu waahee nafxanyoota amma hiriira gaafii mirgaa ka obbolewwan kenya kan Muslimtootaa biyya keessa itti jiran dhimma itti bahanii lamuu Oromoo bituuf akkaan tattaafataa jiran irratti nuuf gumaachitee akkaan gaariidha.
Aadde Binta Dirree,
galatoomi giifti kan koo!
Dandeetii kankee gudaa dhaatii, jabaadhu barreessi akkuma obbo Abba Oromiya siin jedha.
Walaloonkee akka damma mi’aaha.
Horii buli !!
Kolba
akka malee bareedaa jebaadhuu
Uuuuuuu garaan dhaba garaachi sagale jitti oromoon kanaafu hattichi du’e jira / baktahee jirra / wa’ee issa dhisaa wa’ee biyya dubbadhudha kessaattu saba koo oromoo oso jiru hin duunu ol haa kaanu kessattu hoggantota keenya rabbi soddadha ummataaf yaada uuuuuuu urrrrih
Wallaloo bareeda. Dhokkachuun dhimma Mallasaa namichi jiraattus du’us Woyyaanonni ummata biyyatti hangam akka tuffatan nu hubachiisa.
‘bareeda dhummaa’, jabaadhu adeero. Facaasi abboo, haa- baraanu haa-barsiifnu..