Addunyaa galaa kaate booso hormaataa kaatee

Binta Dirree irraa | Waxabajjii 23, 2012

Eega qaqqllattee Wayyaaneen laamishte
Jaamaa uleen harkaa badde taate

Eaga baalli isii bu’ee hurgufame
Gofloltee jibbamtee tooftaan sii dulloome

Calalaqa boosoo afaan aduu dhiitee
Jaldeeyyiin Tigree dhaa leenca itti fakkaattee

Gantuu xawawaalleen kaatee itti galtee
Baaka hammaranetti dhangalaatee haftee

Qummuuxxoodhaaf je’ee arbi hin hokkoluu
Goota heddu qabna jeyna biyyaa loluu

Duraanuu dil’uudhaa waa ilmoo dhaa mitii
Abad saba ganuu ilmi gudeedaatii

Isaan ganan jennee miirri keenya baduu
Sabboonummaa keenyaan dhaadanna abaduu

Kan foon isaa dhiisee alagaa leelisuu
Quurrama irraa qabnuu san garaa nu raasuu

Kanneen gowwaa baraa tuffatanii dhiisuu
Citaa tokkoof je’ee manni hin dhimmisuu

Wayyaaneen ifiifuu malli harkaa face’ee
Olii gad roora’ee Mallasaan dhama’ee

Alaa fi keessaaniis namuu itti ka’ee
Fagoo deemuu taa’uu kufaatiin saa ga’ee

Mootummaan Wayyaanee bu’urri sossoo’ee
Barana waa bahuu gaalli isaa ka’ee

Kana gowwaa baraa nu ganee itti galee
Oromiyaa mitii booddeen saa Maqalee

Kan waan qabu hin beeynee waan dhabuus hin beekuu
Booda itti mul’ataa gaafa rakkoo arkuu

Saba koo Oromoo qabsotti haa jabaannuu
Injifatnoon teenyaa xiqqollee shakkinuu!!!

xxxxx