Afranqalloo
Binta Dirree irraa | Waxabajjii 30, 2012
Afranqalloo madda tokkummaa
Kan jaalalaa fi kan sabboonummaa
Hundee Oromoo kan Bareentumaa
Akeeka galii kan bilisummaa
Walgayii sabaa kan hawaasummaa
Dammaqsaa sabaa diddaa gabrummaa
Jaarmaya maadhee kan Oromummaa
Falmataa haqaa mirga namummaa
Manguddoo Afranqalloo yaa warra haqaa
Yaa sabboonoota warra dammaqaa
Waa tolee miidhagee jalqabni keessaanii
Hundee bilisummaa bu’urri keessanii
Xurreen Oromummaa isin nuuf saayxanii
Jalqabni isaa tolee akeekni keessanii
Hanga’ee mandhee bakkayyu walga’ee
Sabboonummaa cimtuu nama keessa kaa’ee
Manguddoo Afranqalloo warra hujii boonsaa
Hin irraanfatamtan sammuu teenya keessaa
Wareegama qaalii kan sabaaf kafaltan
Seenaa saba boonsu galmeessuun dabartan
Dhaloota haaryaaf fakkii guddaa taatan
Onnee sabboonummaa keessatti magarsitan
Manguddoo Afran Qalloo goota gootowwanii
Oromoon ni boonaa hujii teeysaninii
Abuubaker Muussaa sabboonaa Oromoo
Seenaa kee guddaa dhaa yaa jaalataa qomoo
Abdusalaam Haajii Ismaa’il Galmootii
Mahammad Haaji Muussaa Mahammad Xiqqaa ti
Mahammad Abdurahmaanis(kabura) jira
Kaniin maqaa dhooynees hedduu dha kan biraa
Baandiin muuziqqaa dha kan Urjii Bakkalchaa
Sirba Afaan Oromoo warra akkaan tolchaa
Alii Aammad Alii Saalihee Mahmuudii
Alii Shabboo Waddoo Ismaa’il Muummadii
Abdulhamid Aammad, Mahammad Yuusufi
Suleeymaan Yuusuf, Abdurahmaan Yusufi
Dameen isaan kanaa “Hiriyaa jaalalaa”
Kuni jara xixiqqaa warra isaan jalaa
Ali Birraa dhaa fi Abuubakar Muummadii
Abrahim Yuusuf/Himee/Abrahim Muummadii
Ilyaas Yusufi fi hedduu kanneen biraa
Hammanaan yaadadhaa senaan saanii jira
Baandii muziqaa dhaa hedduu dha ammalee
Maskoob lagaharree ammallee Arsalee
Biiftuu ganamaa fi Suuqal ilaaqillee
Ilillii Abrashaa iyyaal Qabri joollee
Hayyootni Afaanii Maddii walaloodha
Abuubakar Muussaa fi Shantam Shubbisaa dhaa
Mahammad Abraahim /Kopy/ Haamid Mahammadii
Abdi Muummad Yuusuf /Qophe/ isaan kana maddi
Ammallee ni qabnaa hayyootaa jajjabaa
Ani barreessee hin fixuu asirrattii dhaabaa
xxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxx
Binta Dirree


Namoonni baandii 4′n Qalloo dhaaban bara baraan seenaa Oromoo keessatti ka yaadataman ta’aa jiraatu. Akkasumas namoonni dhaaba Maccaa fi Tuulamaa, ABO, OSA kkf dhaabanis. Dhaabbilee akkanaa kanaaf bifa ho’aa fi dammaqaa ta’een bara hundeeffama isaanii ayyaanefachuu qabna.
gama biraatiin ammoo dhaloonni har’aa hojii abbootii keenya kana irraa waa baranne nutis hujii walfakkaataa dalaguuf qabsaa’uu qabna. Dhaloonni Oromoo si’anaa karaa adda addaa walitti dhufuun haala kamiin QBO ittifufna, finiinsina, injifannoon xumurra isa jedhu irratti dhimminee hojjechuu qabna. Ka darbe qofa faarsaa jiraachuu hinqabnu.
Yaa Obsaa keenya yaada kee niinfuudha, haata’umalee anillee kan dabree wanniniin faarseef waanuma faarsamuu qabuufi, ammaas arra guyyaan kan Afran Qalloon waan ta’eef qeeqaas ta’faaruun akkuma hujii isaatti arkachuu waan qabuuf, garuu yaada keetiif heedduun si galatoomfadha.
Walaloon tee heddu onnee nama kaafti.otoo walaloon duwwaan kan waa siiksitu taatee teetuma tanaan oromiyaan walboomtee turte.Garuu hubachiisuu malee walaloon mataa isheetti diina hin dhiigsitu,hiixata harkaa dabalchuu qabdi, dhala ofii kana irratti argisiisanii karaa walaloon himan kana akka faanaa dhahan godhuu feesisa,kan na moggaa jirutti otoo hin argisiisin kan fagootti yoo jabaadha jedhee lallabe anis an jira taate hafti.
Qabsoon keessattuu kan akka qabsoo bilisummaa Oromoo xaxaa heedduun sakaalamee garuu baayyee/irra-caalaa isaa injifatee rakkoo keessaa qofa furachuun rakkoo itti taatee jirtu kallattii maraanuu Oromoon hundi akka qooda keessatti fudhatu barbaachisa. Qabsoonis kan jabaattee humna horachaa adeemtu yoo gama hundaanuu haga dandeettii teenyaa gumaacha goone qofa. Kanaaf, xinnaatus guddatus hojii Mekyaan dalagaa jirtu qabsoo keenyaaf bu’aa argaamaa tokko qaba – hogummaa ishetiin lammii ishii dadammaqsaa jirti. Yaadaan wal jajjabeesaa malee nama waa sosso’u karaa malee qeequun humna dhorkuu/buusuu ta’a.
Bintadhaf dhaamsi kiyya – Jabaadhuu! Ni moona! Ni bilisoomna yeroon turtuyyuu!
Bintaa Dirreef:
Armaan olitti jalqaba irratti yaada ani dhiheesse siin tuquuf miti; akkanatti siif hubatame yoo ta’e dhiifama. Walaloon kee bayeessa. Ka darbe faarsuu hinqabnu jechaa hinjiru;ka darbe faarsuu cinaa hojii dabalataa hojjechuun nurra jira jechaattin jira. Ati akka oromoo tokkootti hojii ogbarruutiin QBO deeggaraa waan jirtuuf ergaan kiyyaa siif hinturre. Namoota QBO irratti qooda fudhachaa hinjirreefi malee.
Ka darbe faarsuun baay’ee barbaachisaa dha. Yoo seenaa kaleessaa hibeekne waan har’a fi bor gochuu qabnu beekuu hindandeenyu. kanaaf namootaa dhuunfaa fi garee/dhaabbilee adda addaa QBO oromoo keysatti qooda guddaa qaban karaa adda addaa (walaloo, sirba, barreeffama,…) faarsuu fi jajuun barbaachisaa dha. Gosa qabsoo keessaatiis tokko.
Yaanni guyyaa hundeeffama baandii 4′n Qalloo waggaa 50ffaa kabajuun waan gaariidha. Qaama seenaa waan ta’eef jabeeffamuu qaba. Seenaan jabaate hundee namaaf ta’a. Hundee jabaate irra yoo dhaabbatan ammoo fuuldura ilaaluun nama hinrakkisu. Seenaan walfakkaataan iddoo biraatti hojjatames himamuu qaba. Fakkeenyaaf seenaan Maccaafi Tuulama, seenaa fincila qonnaan bultoota Baaleefi kkf beektotaan qoratamee akka dhalootni haaroyti hubatu taasisuun dirqama nu hundaati.
Nuti Oromoon seenaa dhugaa qabna.Seenaafi aadaa ofii qoratanii ifatti baasanii walbarsiisuun nama boonsa. Wayta olloonni keenya seenaa sobaafi kan ormaa keenya jedhanii gabaafi mana sagadaa hundatti dhaadhessan nuti dammaquu qabna.
Hundeessitooni 4′n Qalloofi namooni seenaa, aadaafi mirga oromoof jecha gumaacha garaa garaa taasisanfi wareegama lubbuu kafalan hundumtuu dhaadheffamuu qabu.
Nagayatti,
Sabboontuu teenya BINTU DIRREE walaloon tee haalaan bareeduudha. Dhugaa dubbattee dhugaan buli! Warruma faarfamuu qabu faarsitee qalamni kee haa mirgisu. Jabaadhu!
Sabboontuu teenya BINTA DIRREE walaloon tee haalaan bareeduudha. Dhugaa dubbattee dhugaan buli! Warruma faarfamuu qabu faarsitee qalamni kee haa mirgisu. Jabaadhu!