Baabura Warraaqsaa – Walaloo
Mekiyaa Abdullahi irraa | Adoolessa 19, 2012
Baabura warraaqsaa yeroo dura ka’uu
Imaltuun hedduu dhaa kan waliin bobba’uu
Xawalwaalle fi gantuun bakka hin gayanii
Buufata adda addaatti keessaa utaalanii
Ammallee hedduu dhaa kan karaa yaabbatuu
Kan sobaa fi dhugaa baree addaan baafatuu
Baaburri warraaqsaa takkallee hin boqatuu
Dirree bilisummaatii bakki itti dhaabbatuu
Baaburri warraaqsaa kan ittiin sossoohuu
Dhiigaa lafee malee boba’aan hin tahuu
Dhiigaa lafee jannaan yoom kan beeyladaatii
Kan isa sossoosuu dhiiga ilma namaatii
Dhiigaa lafee isaa kan fedhiin dhiheessuu
Sabboonaa Oromoo kan gabrummaa dheeysuu
Baabura warraaqsaa ABOtu oofaa
Kan isa yaabbatan sabboonoota qofaa
Kutataa ilma Oromoo gargaartuun WBOdhaa
Imaltootni isaa Oromoo bal’aa dhaa
Wayyaa baabura koo akka itti shubbisuu
Gantuu taatu malee sabboonaa hin kuffisuu
Oofi shufeera koo ati fayyaa dayii
Xiichi baabura kee bakkumaan na gayii
Hanga bakka geessuu hin dhaabbatin atii
Dheebuudhaa natti jiraa kan bilisummaatii
Dhaaba koo ABO jajjabaadhu ammallee
Gadoodaan hin fayyu bakka gayu malee



Ulfaadhu aadde Makkiya ko!!
Galatoomi gifti ko!
Kolbaa
Galatoomi Mekiyaa!
Walaloon kee kun akka dammatti midhoofti.Akkuma walaloo kee keessatti ibsite namni/gareen/ ani ABO dha ofiin jedhu hundi ABO sirrii dha jedhee ummanni keenya dogoggoruu hinqabu. ABO sirriin isa diina wajjin wala’aansoo walirraa hincinne godhu qofa. Action speaks louder than words. Ani oromoof qabsaa’attin jira ka ofiin jedhu hunduu diina oromoo irratti injifannoo argamsiisuun madaalamuu qaba.
Mekiyaa teessoo kee guutuus utuu jalatti nuuf katabde.
Wayye gantuuf waayee sobduu ammaaf osoo lafa keessanii baaburichuma ooftanii dansa!!
Dhaaba:
Sobduu fi Gantuun baaburri akka daddafee hindeemne gufuu waan taatuuf baabura oofuu fi Gantuu harcaasuun walcinaa adeemuu qaba.