Baale Aanaa Kokosa Woreda Keessatti Basaasa TPLF Tokko Arraba Irraa Muran, Sochiin Qeerroos Jabaate
Qeerroo, Adoolessa 14, 2012, Kokosa, Oromia.
Gabaasaa godina Baale Ona Kokosa Woreda, magaalaa Aanaa kanaatti kaleessa Adoolessa 13, 2012 barattoonni Yuuniversity fi Koollejjii irraa galan walitti dhufanii Qeerro jiraataa naannichaa waliin walgahii fi sosso’iinsa warraaqsaa gochaa akka jiran gabaafame. Sochii barattooti godhan kana keessatti tiki Wayyaanee nama OPDO ta’e sochii keessa ruuqatee ykn kaayyatee basaasisaa akka jiru Koreen Qeerroo godinichaa beeksisan. Nami barattoota keessa ta’ee Wayyaanee basaasu maqaan Nugusee Dhaabaa kan jedhamu kun barataa fayyaa yuuniversity Adaamaa, dame Asallaa kan ta’e yeroo ta’u sabboontota barattoota Oromoo kanneen warraaqsa bilisummaa Oromoof sosso’an jedhee bakka teessuma ykn walitti dhufeenya Qeerroo jala bu’ee waajjira Tikaa Wayyaaneetti saaxiluuf yoo deemu, humni hin beekamiin haala kanatti dammaqe dargaggoota Oromoo hammeenya diinaa irraa baraarsuuf jedha namticha basaasa ta’e kana irratti tarkaanfii fudhachuun akka barnoota warra kaaniif ta’uttis arraba isaa irraa muruun diinaaf akka hin basaasne akeekachiisa aayyiin irraan gahan.
Barataa gufuu qabsoo ta’e kanas harraba isaa keessa kutanii akka hin dubbanne, gochuu isaanii gabaasaan addeessu itti fufee Aanama kana keessatti erga gochi kun raawwatamee booda barattoonni waraqaa dhaadannoo “QABSOON ITTI FUFA, GABROONFATAAN NI KUFA” jedhu waraqaalee hedduu bifa alaabatiin barreeffame raabsanii akka jiran beekama. Barattoota waraqaa kana raabsanii fi tarkaanfii barataa kana irratti raawwatan qabuuf jecha kaleessa Adoollessa 13, 2012 sa’a 8:00wb irraa kaasee jala deemtonni wayyaanee hordoffii cimaa fi sakattaa’insa naannicha irratti gochaa akka jirtu gabaasaan naannicha irraa nu gahe addeessa.


uuf….kana kuno akkana yoo tahe malee hin baru,basaastota OPDOf barnnota gaarii taha,qeerroon naannolee biroos hojiirra akka oolchan abdii kooti! baayyee namatti tola…..yaa qeerro oromiyaan haadhii fi abbaan ishee isini nuyi yoo nuti hin qabsoofneef tahe namni kana nyaachuuf booyu malee kana yaaduuf hin jiru….good job
mee jabaadhaa waan hundaafii waluumanii jiraa
Hammaa dandeetaniitti oduuni teessani bareeda jabadhaa.
Garuu oduun teessan qabbatamma tayuu qabbidii ummattaa birattii fudhaatama argachuuffi jalaatamuufii.
Wow!itti fufa!
Kun hojii gaarii dha, tarkaanfiin akkasii bakka hundatti babal’achu qaba.
Karaa biraa obbo Tukkummaan akka jettetti oduun qabatamaa ta’uu qaba jette sun yaada irratti mariyatamuu qabu ta’u iyyuu Oromoon adaa fokkataa of irraa balleessuu qabu keessaa tokko kana oduun Afaan Oromoon darbu waan soba ta’ee yookaan immoo qabatamaa akka hin taaneetti ofii isaa cabsa.Yoo odichi Afaan Amaaraa fi afaan alagaa biraa ta’e ammoo dhugaa akka ta’eetti fudhata.Kun sammuu garbaatu akkasitti hubata. Rabbiin bara ofitti ammannu fi walitti amannu guyyaa tokko nuu fidinnaa???
Qabsoo Qeerroon gochaa jiru hedduu gaarii dha.Kan gargaaramuu fi deggaramu qabu jedheen amana. Haa ta’u malee: Gaaffiin qaba
Oromoon seera Gadaa tumee ittiin bulu keessatti maaliif:
1.Dhiira gadi taa’ee bobbaa irra jiru malif hin aajjeefne?
2.Dhiira(gootata) lola irratti boji’ame ajjeesuun, kabaluun, rukutuun maalif dhoowwaa ta’e?
3.Leenca, qeerransa, bosonuu kkf osoo bishaan dhugaa jiranii ajjeesuun maaliif dhoowwa ta’e?
Oromoon otoo seera warra Habashaa, isa Kibre-Nagast jedhamu sanaan bula ta’e, isaan wajjinuu waan wal-dhabuuf hin qabu ture. Isinis Kibre-Nagast-tti akka amanaa jirtan himachaa jirtu moo maal himachuu barbaaddan?
Waan gola keessatti gochuu barbaaddan goluma keessan keessatti qabachuun garii dha. Maaltu diirreetti bahee odeeffamuu qabaa fi odeeffamuu hin qabuu, osoo odeesitanii hin odeesisiin dura addaan baafachuun gaarii dhaan.
bareeda jechuuni koo akka obbo jabaadhani jedhuu dubiini isaa sirii tahee garuu waan anii jedhee akka garii waanii hubtee nattii hin fakkatuu qeerroonii ummatti biraattii fudhaatamaa qabbuu kanraatti wallii hin moriimanu garuu ummanii qeerroo jalatuu kun yoo qeerrooni oduu qabbatama tahee kan hin dabriisiine tayee ummaatta jalaatuu kan akka uffii biraa hin dhabiineefii jechuu bariibadeettii malee akka obboo jabaadhani bareefami isaa kara dhuumaratii jedhuu sinii mittii.
Rabbii nuhabiliisomiisuu ijiiffanooni kan sabbaa baladhattii