BUNA MIDHAAN EEBBAA*
Taammanaa Bitimaa irraa | Onkoloolessa 28, 2012
Iyyoolee, bunni midhaan eebbaa
Hoo-maaree, asxaa warra eebbaa!
Yoo oddoo dhaabatu
Mukni-saa qeyee-dha bareecha
Yoo guuramee dhiyaatu
Ijji-saa mooraa oogdii fakkeessa!
Qolli irraa baafamee
Akka mucaa harmaa, qananiin dhiqame
Cululuqxuu eelee, beedeerra kaayamee
Akka waan buruquu
Mukakaayyii-tin suuta suuta akaayamee
Haarri-saa olka’ee
Mana keessaa ba’ee:
Ollaa-dha urgeessa
Gandasoo qayyeessa
Biyya Gadaa shittoomsa
Dachee odaas urgoomsa!
Xaabee cululuqxuutti baafamee
Mooyyee bunaatti qusa’amee
Qus-qusiitu yeedalloon bilbilamaa
Qeyee dabree gandattis dhagayama!
Jabanaan sadan sunsummaanii kore
Jalaayyis barbadaan laaftoo itti-tolee
Haarri funyaani fi afaanin bayee
Hoo’inni-saa galmas gayee:
Haati warraa: “ijoolle buna waamaa!
“Mee dhaqaa ollaa cufatti dhaamaa!”
Jetteetoo yoo magartuuwwan ergitu
Magartuuwwanis ganda keessa fiffiigdee
Bitimaa karraawwanii of-duuraa dhiddhiibde
“Koottaa bunni damfee!
“Dafaa warri marsee!”
Jetteetoo yoo kaachaan ol-deebitu:
Namni dhufee
Manni guutee
Haati warraa jabanaa shafoorra keessee
Ofii shiitii-mmoo dombii-rra teessee
Coqorsi shafoo marsee
Urgaan raftuu dammaqsee
Shaarfaan bunaas dhiyaatee
Haasaan jaarsaas bilchaatee:
Ishiin: “qaa jabaa!” jettee
Inni: “yaa Waaq situ jabaa-dhaa!
Gooftaa suma-jabaa-dhaa!
Jajjabaaddhuu nu baaddhu!
Lallaafii nu horsiisi! —”:
Jedheetoo ofii fi maatii-saatii
Hoorii fi lammii-saatii
Gandaa fi biyya-saatii
Qubaan garbuu qabatee
Waaqa guddaa kadhatee
Buna eebbatiin jamaa garaan eebbisaa
Arraba culkiitiin biyyas farsee leellisa!
Buna asxaa nagayaa
Obboleessa coqorsaa
Koodee-woo kan ejersaa
Tiruu garbuu limaayaa
Seenaa-saa isa akka faayaa
Mee kitaaba-rra olkaayaa!
Dubrii aannanii
Qaalluu midhaanii
Isa Waaqni kennee
Oromoo badhaase
Kan Oromoo-Kuushiis
Dabarsee addunyaa badhaase
Muudaas irra-yaasee!
Ijoollee dhaabaa buna eebbaa
Iyyoolee waamaa buna eebbaa
Dhugaa wal-wawwaamatii
Wajjummaas daraarsatii!
Manguddoo buna qapphaa
Gurguddoo marga qapphaa
Namaa-sa’a
Lafaa-marga
Xiqqaa-guddaa eebbisaa
Waaqa faarsaa leellisaa
Seera Gadaa eebbaan
Aaadaa Gadaa eebbaan
Walta’aa nuuf deebisaa!
Oromiyaa biyya eebbaa, eebbisaa
Biyyoota Kibbaas miidhamoo eebbisaa
Afrikaaf toltuu hawwaa
Addunyaaf nagaa hawwaa!
Coqorsa ta’aa walqabaddhaa
Damma ta’aa walitti mi’aawaa
Kanniisa ta’aa walii tumsaa
Akka goondaa hojii cimsaa!
Diina biyya keessanitti
Farra ija keessaniitti
Akka dhagaa qarsaa jabaaddhaa
Akka kanniisaas iddaa tarkaanfaddhaa!
Hundi keessan olka’aa
Garaa guutuun walta’aa
Beenaa tarkaanfaddhaa
Eebba bunaas abdaddhaa!
Qubee, qubee, qubee qubaa
Oromiyaa, Oromiyaa
Bilisummaa, bilisummaa
Jedhaa sagalee olqabaa
Gaachanas walirra qabaa!
Buna, buna jedhaatii
Biyyaa fi wal-eebbisaa
Buna, buna jedhaatii
Waaqa Gurraacha faarsaa leellisaa
Nagaa fi walabummaa keessan deebisaa!
Waliso, Waxabajjii 2000
***** Hubachiisa Miiljalees Mee ilaala! *****
* Walaloon kun Oromoota fi Muslimoota amma mootummaa Habashaa kan Wayyaanee jedhamuun, manneen hidhaatti waxalamaa jiran, kanneen baddaa Walloo magaalaa Garbaa-tti, goodaa Gadab Arsii magaalaa Asaasa-tti rasaasa diinatiin harca’anii hafanii fi kanneen Irreecha Bishooftuu irratti irreessa wajjin qabamanii ammallee dararamaa jiraniif, yaadannoo haa tahu! Haarri buna Oromoo kan waggaalee 1500 oli Biyya Oromoo urgeessaa jiru, kan dabreeyyuu kennaa Oromiyaan addunyaa badhaafte tahuun, ammaan tana ilmoo namaa maraaf haaraa jiru kun, gidaarota manneen hidhaa koloneeffattootaa uree keessa lowuun, akka isaanitti urgaawu abdiin qaba! Uummata Oromoo miliyoona 45-tu tarree galee isaan duuba dhaabachaa jiraa, bunni mallattoo nagaa, irreessi-mmoo mallattoo jireenyaa tahuu hubachuun, otoo abdiin hin kutatin qabsoo isaanii itti-fufuutu eebba Waaqaa-ti!


Walaloo baayee miira namaa hawatuu fi ergaa guddaa of keessa qabudha. Egaa yaa nama ulfaata keenya, Taammanaa Bitimaa, kuusaa walaloo keeti keessa isa kana waan nuun geessef galanni kee bilisummaa haa ta’u. Mee asumaan gaaffii lamaan tokkoon qaba, jechoota walaloo kana keessatti fayyadamte ilaalchisee. Tokkoffaa, Jecha ‘Jabanaa’ jechi kun jecha afaan oromoo ta’us afaan Amaara kessattis jechuma kana fayyadamu. Ani jechi kun tarii gaale ‘jaaba anaa’ jedhu irraa dhufee laata kan jedhun shakka. Jaarsoliin wayita buna eebbisanille, “Yaa waaq..Jabanaa siif dhaabne jabaa jabeessi nurraa qabi” fa’a jedhanii eebbifatu. Lammaffaa, jecha ‘Manguddoo’ jedhu kanadha. Jechi kun bu’uurri isaa jecha tishoo Nam-Guddoo jedhu irraa kan dhufee fi hiikni isaas nama umuriidhan bule jechuu dhagaheera. Akkuma Addurree alaa tin Adala, saree diidatiin sardiida fa’a jennu sana jechuudha. Mee wanti kun sirriidha? Waan kana sirraa barachuu fedheen.
Umurii nuu dheeradhu!!
Keebek
Obbo Bittimaa walaloo akka nadhii dammaa dhamdhamu nuuf dhiheessitan. maaloo walaloo keessan kana ittifufaa!
Walaloon keessan aadaa keenya isa dur, isa ganama, isa oromoon gariin amma gad lakkisee jiru nu yaadachiisa.Nan yaadadha yaroo ijoollummaa kiyyaa abbaan koo “qaajabaa miti rabbi jabaa jedhee akaayii mana keessa facaasaa ture”.
Mee waa’ee aadaa keenyaa kan gama tokkoon sababa siyaasaan gama biraan amantii biyya alaa irraa dhufaniin nu jalaa badaa jiruu kana maal haa goonu?
Furmaanni ani yaroo gabaabaa /temporary solutions/ jedhee kennu:
a) Aadaa mul’ataa /concrete culture/ kan ta’e kan akka mi’a qonnaa, meeshaa manaa, faaya dubartii, …muuziyeemiitti walitti qaqqabnee, viidiyoodhaa fi suuraan waraabnee kaa’uu qabna.
b) Aadaa hinmul’anne kan akka aadaa sirna fuudhaa heerumaa, sirna bunaa, sirna ateetee, kkf guutummaa Oromiyaa irraa viidiyoon waraabnee dokumentii goonee kaa’uu qabna.
Nooruu! Nageenyi haa dursu!
“Waaqa Cuultaa Gurree Birqii,
kana Taammanaa ‘uumtee,
heddu galatoomi, beekaa nuuf kennitee!”
jedhee yoon Waaqa si nuuf (Oromootaf) ‘uume galateeffadhu gammachuutu natti dhaga’ama.
“Akkuma bishaan lafa keessaa burqu, sammuu namaa keessayyis beekkumni burqa. Sammuu kee keessaa beekkuma isa akka bishaan taliilatu burqa.”
Barsiisaa keenya, beekaa keenya, sabboonaa keenya, Waaqayyo lubbuu dheertuu, fayyaa nagaa siif haa kennu! Itti nuu fufi!
Jaalatamoo fi kabajamoo obboo Keebek, obboo Obsaa fi obboo Kumsaa yaada fi jajjabeessa keessaniif mee daran galatoomaa, daran eebbifamaa!
Amma gaafiiwwan obboo Keebek fi kan obboo Obsaa irrattin hamma tokko waa jechuu fedhaa, mee na hoofkalchaa!
Namni Wolf Leslau jedhamu kan umurii isaa guutuu, qorannoolee ciccimoo afaanota warra Seem isaan Toopphiyaa keessaa (afaanota: Gi’iizii, Amaaraa, Tigree, Argobbaa, Guraagee fi Adaree) irratti adeemsise, madda jechootaa (“etymology”) kan afaanonni kunii fi afaanonni warra Kuush Afaan Arabaa irraa ergifatanii ni kenna. Akka isaatti jecha “jabanaa” jedhamu kana, nutis warri Amaaraas warra Arabaa irraayyi ergifanne. Garuu, akka ati amma jecha kana madda isaa nutti agarsiifteetti, yaanni kee kun hedduu quufsaa dha! Obboleesso baay’ee galatoomi!
Kanaan dura barreessitoonni hundumtuu jecha “buna” jedhamu, afaanonni Gaafa Afrikaa marti akka Afaan Arabaa irraa ergifataniitti kaayani. Bara 1980 keessa Gene Gragg barroo “Oromo Dictionary” jedhamu baase. Isa keessatti Oromoonni Wallaggaa udaan bushaayee-tiin (hoolaa fi re’ee) “bunee” akka jedhan ibsa. Inni kana irraa ka’uun “bunee”-n jecha “buna” jedhamu wajjn wal-qabata jedha. Dabreetuu: “kan dursu buna moo re’ee dha?” jechuun gaafii cimaa kaasa.
Seenaa ilmoo namaa keessatti kan qonna dursu horsiisa horiiti. Akka Oromoon jedhutti Oromtichi dursee bunatti dhimma-baye sun, re’e daggala keessaa buna nyaattee mirqaantu irraayyi argee, booda yaaluun hojii irra oolche. Oromoon buna dhuguu kan jalqabe, bardhibbee 9-ffaa keessa jedhamuun kan barreeffame-llee ni jira. Araboonni Oromoo fi Kuusota kaan irraa fudhachuun, buna dhuguu kan jalqaban bardhibbee 13-ffaa leessa. Kanaaf, Araboonni mataan isaanii jecha “buna” jedhamu Oromoota irraayyi ergifatani.
Jechi “bunee” jedhamu kun gara biraatti: “shishii, korkorii, qoroqqoree” jedhama. Dabalees, kan maddi “bunaa” Afaan Oromoo tahuu isaa agarsiisu ni jira. Kunis maqaa gosa Oromoo kan “Buunoo/ Bunoo” jedhamuuti. Gosni kun Iluubbaa Booraa keessa bakka hedduu jira. Caala kan beekamu isa naannoo Baddallee jiru, “Buunoo Baddallee”-ti. Asi irratti Oromoonni Wallaggaa fi Iluubbaa Booraa keessaa kan gara isaanitti aananii jiran, jechoota Oromoota naannolee biroo biratti hin jabaanne jabeessu: jaallachuu – jaalachuu, daffaa – dafaa. Kanaaf, bunee-buna-bunoo/ buunoo – Buunnoo tahe jechuu kiyya.
Inni obboo Obsaan akkamitti aadaa fi afaan keenya isa durii cimsachaa, isa irraanfatame wal-yadachiisaa akka deemnuuf dhiyeesse sonaan gammachiisaa dha. Isa inni jedhe kana bakkaa bakkatti irratti hojjachuu qabna!
Nagaatti!
Taammanaa Bitimaa
============== // ==============