CIGOO
Binta Dirree Irraa| Adoolessa 05, 2012
Lafee cabsadhuu dhuha arkadhu!
Jecha hiikkaa lama qabu arkadhuu. Dhuhaa fi lafee adda baafadhu.
Hiikkaan sarara duraatii walqunnamtii qabu lafee yoo ta’u, dhuhati garuu
sarara duraatii qunnamtii hin qabu.
1.Horii eeguu dhiiftee joollee tapha gortee
Maaf irran dhorkinee harreen caffee seentee
2.Tuni raaree teenyaa tan keessatti tabannuu
Citaa argachuu hayyama hin gaafannuu
3.Waliin gamaa fidnee ashiitaa timiraa
Hiree kennuu didee kophaa nyaachutti jiraa.
Dubbistoota barreeffama kanaa, mee deebii Cigoo kanneenii yaalaa.



Hikkaa jechoota kana (kan dhoksaa):
1) namoon akka harreetti yaadan parlaamaa itti filataman
2) mirga(independence) argachuun haqa keenya
3)Dictatara ta’e waa hunda kan dhunfa isa godhate
Deebin isaa 1ffa akka naati fakkatutii gamm-tokkon OPDO gama birranimmoo ABO tahu nidanda’a;
OPDO:- Warri OPDO (Oromoo kaan ta’an jeechu kooti) biyyaa abba isaani Alagaan(Harreen/Habashan) akka argee akka iti xabatuu goochu akkasummas karaa malee Caaffee seeri gadaa Oromoo duwaaf hayyaammu akka seenan gochu yeroo tahuu,
ABO:- Bara 1992 itu iti ciichee loolee biyyaa abba eege ta’ee, maaqan nu hinbaddu, harroonnis Caafee hin seenan turran. Tari yeroo sana biyyaa baanne dhaq’nnee gurr’moof’nnee deebinna jeedhanni kaan yaadanni turran yoo ta’ee, kaan argaa jirru Taphaa Ijjoollee fakkata. Kaan kanarra nuti hinfidiin jeedhee warri du’aa jeedhan…
2. Kun mirgaa umaamma calaqisa (Natural Right) nati fakkata. Sabbonumma fi Kutannoo qabsoo agar’sisa. ‘Biyyaa abba kooti’oo eenyuu abbasheetu nagafataa yoon dug’daan galee addu qaammadhee jeete Injiraanni Moollu irra teesee jeedhuu mitirre.’
3. Kuun ammas isaa 1ffa waalin bayyee waal-fakata. Hirrmanna Dinagdeef Si’asaa ykn Angoo warra TPLF fi OPDO giddu jirru kaan agar’sisuu ni fakkata, garuu OPDO:n waan qabsa’ee ummataaf
dhabatee waan hintanneef; caalati hariroo waggaa 21 durrati dirree qabsootis ta’ee bu’ureefamma Charteerra Seerra itiin bultii Itoopphia ABO fi TPLF giduuti ta’ee fi haala amman kanaa lachan giddu jirru calaqisa nati fakkata.
Yoon dogogoree naa off’kalcha. Abjjuun akka abban hikatee jeedhu tarii Ciiggonis tahuu maliinna.
Ittaffaan Raabbumma, Faisaan Gooftadha.
Gaafilee dhiyataanif akka kana gaditti deebisuu yaala.
1. Jecha hiikkaa lama qabu:harren caffee seente.Cigoo isaa. Alagaa dhimma bulchisaa ofii keessaa akka seene maalif carraa latuu? jechuu ni ta’a.
2.Jecha hiikkaa lama qabu: citaa argachuuf yoo ta’u Cigoo isa ammoo dhimmaa biyya keenyaaf heyyamma gaafachuu nu barbaachisaa; akka itti bulu murtefachuu mirgaa ummaman rabi nu kennedha.
3. Jecha hiikkaa lama qabu: hiree kennu didee yoo ta’u Cigoo isas carratti nu kennu didee jechu ta’a jedheen yaada. galatomaa!
Gaafilee dhiyataanif akka kana gaditti deebisuu yaala.
1. Jecha hiikkaa lama qabu:harren caffee seente.Cigoo isaa. Alagaa dhimma bulchisaa ofii keessaa akka seene maalif carraa latuu? jechuu ni ta’a.
2.Jecha hiikkaa lama qabu: citaa argachuuf yoo ta’u Cigoo isa ammoo dhimmaa biyya keenyaaf heyyamma gaafachuu nu hin barbaachisuu; akka itti bulu murtefachuuf mirgaa ummaman rabi nu kennedha.
3. Jecha hiikkaa lama qabu: hiree kennu didee yoo ta’u Cigoo isas carratti nu kennu didee jechu ta’a jedheen yaada. galatomaa!