DHAAMSA GARAA DACHII KEESSAA – Walaloo
Makiyaa Abdullahi | Hagayya 02, 2012
Lafeen abbaa keetii iyyitee si yaamtii
Garaa dachii keessaa dhaamsa dabarsitii
Tokkummaa tokkummaa jetteeti iyyitii
Harka walqabadhaa yaa ilmaan koo jettii
Mallasaan fonqoluus Wayyaaneen nijirtii
Hiddi hin buqqaanee Sirni Wayyaaneetii
Tokkumma uumtanii waliigaltan malee
Carraan isin tartii arraas akka kalee
Duunee hafne je’aa diina keessan cabsaa
Irree gamtteefamteen daangaa kabajchiisaa
Hamaa fi gungummiin maqaa walxureessuun
Bu’aa tokko hin qabuu saba hin bilisoomsuu
Maddi keessan tokkoo Booranaa Bareentoo
Gudeeda Oromoo gadaameessaa Meetoo
Alagaallee ta’u namni diinni tokkoo
Tokkummaa uummata guyyaa gaafa rakkoo
Duuba yaa ilmaan koo maaltu isin dhibee
Akkamitti waldidaa namni biyya dhabee
Namni diinni cabsee biyya irraa fudhatee
Kan haqa isaa dhabee biyya irraa baqatee
Kan biyya ambaa keessatti kadhattuu mudatee
Jiruun baqattummaa mataa naanneesitee
Namni biyti isaa harka namaa jirtuu
Kan Wayyaaneen biyyaa hidhatti guuraa jirtuu
Namni sabni isaa biyyaa dhumaa jiruu
Kan diinni qawweedhaan lubbuu itti guraaruu
Namni bosonni isaa ibiddaan daarawee
Kan waan nyaatu dhabee saamamee beelawee
Roorroon itti fuuftee ni dhageeysa gaddaa
Akkamitti rafaa namni garaan madaa
Namni guuza oolee mana tokko jaaruu
Citaa walhinsaamuu namni walgargaaruu
Arra boru jechaa taa’anii hawwuunii
Bilisummaa hin fidduu taa’anii ifii walnyaachuunii
Ka’aa yaa ilmaan koo harka walqabadhaa
Tokkummaatti cimaa qabsotti jabaadhaa
Duuti garruu hin ooltuu eega dhalatanii
Seera uumamaatii hin ta’u diduunii
Duuti tokkoo mitii ulaagaan walcaaltii
Irra caaltuun du’aa tan mirga iffiirraatii
Ilmaan Oromoo dhaa kan dubraa dardaraa
Jaarmayatti cimaa yoomirrallee arra
Wirtuu lafee duydaa humna oo’aa biyyaa
Isini kan dhaalu boru Oromiyaa
Haawwanii fi abbootiin manguddoonni marti
Bakkuma jirtanii cimaa qabsoodhattii
Waan qabdan arjoomaa qabsoon haa finiintuu
Qabeenyaan maletti qabsoon fiinxa hin baatuu
Goshaa harka kaayaa waan qabdan hiixadhaa
Oromiyaa teessan diina harkaa fudhaa
Jetteeti dhaammattii lafeen abbootiitii
Haa jalaa awwaannuu Orommotni marti
xxxxxxxxxxxxxxxxxx
Binta Dirree /Makiyaa



Horii buli Makiyaa dhugaa walallesitee. Tokkummaa tokkummaa yaa ilman Oromoo………
Binta Dirree/ Makiyaa
Walaloo keetiif galatoomi!! Dhugaa waan ibsituuf oromoo kana qalbeefachuu qabna.Bu’a argachuu qabnus argachuuf tokko taanee haa sochoonu!!!
Duraan dursee barreessaa walaloo kanaa galateeffachuun fedha. Amma amma namootiin walaloo barreessan heddummachaa jiru. Baay’ee gaariidhaa;jabaadhaa,ittifufa.
Yaad-rimeen walaloo kanaa barbaachisummaa tokkummaa ti. Eeyyen dhugaa dha, humnoonni bilisummaa Oromoo baay’ee walbuusanii/walhiranii jiru. garaagarummaa kana fayyadamuudhaan warri Amaaraa garee ABO tokko yoo dhaabbatan warri Tigrees karaa Leencoo Lataa “Waltajjii Marii Oromoo” jechuun dhaabbachaa jiru. Haata’u malee yaroon kun yaroo Oromoon nafxanyoota jala kaatuu fi anatu siif beekaa isaanii keessummessu miti. Yoomiyyu taanaan Oromoon dhaaba Halagaatiin ajajamu cinaa hinhiriiru. Oromoon dhaaba Oromootiin ajajamuu qofa deeggara. Kanaaf ABO kaayyoo kana qabatee adeemu handhuura godhachuun tokkummaa keenya deebisnee ijaaruu qabna. Qaawwa uumame fayyadamtee Habashaan oromootaa fi Oromoota akka walittihinbuusne Oromoon hundi cimsee qabsaa’uu qaba.
jechi keetis cimaa rakkoon keenya kanaa
tokkummaa jabeessuuf olii gadi kaanaa
anaaf sihiin jalqabnee kan biroof fakkeenya tana
atis horii bulii gamtaan hamma kanaa
aniis abdiin qaba bilisummaa kanaa..
GALATOOMII LAMMII KOO NAAF JIRAADHU YOO MIYYUU BAKKA JIRTUUTTI…!!!
NAGAA WAJJIIN..!!!
Dhugaaf taanaan ummaa dhugaa dubbate galanni kee bilisummaa haa ta’u!!
Haadha seenaa,sabboontuu oromoo,qabsooftu haqaa kan lammii ofii nuuf jiraadhu nuhi warri biyya jiru qabsoo jalqabuuf qophii eegaluuf jirra gorsa keessaniin nu bira dhaabbadhaa?
Mee dhiis! Aah! Way! Oromiyaa TPLF ‘n akkamitti akka nutti taphachaa jiran….??
Mee kan oromiyaaf yaadu aniis lubbuun inniis hidhannoon kan na deeggaru…?
Rabbi tokkummaa nuuf haa laatu