Dhaamsa lammii Oromoo fi jaallatamtoota kabajaa Oromummaa kan qabdaan hundaaf
Abdisa | Onkoloolessa 14, 2012
Dhaamsa koo kana namni argee hunduu lammii koo hundaaf Naaf haga’uu. Kunis ilmaan Oromoo barootaaf haccuuccaa jalaa ba’uuf waan danda’uu hundaa gochuu kan carraaqii hedduu godhaan kummaatama isaanii lubbuu qaalliis warreegaatti turaan, itti jiruus. Hardhaan kana waan guddaa gochaa jira jennuusi bu’aan bu’aan argamaa jiruu garuu Galmaan nuga’uuf hin dandeenyee. Sababbiin isaa waan nurrraa eegamuu tokkoo Akka dhuunfaatti hundumtuu waan ba’uu hindandeenyeef. Hata’uu immoo namooni warreegammaaf of qopheessaan hunduus sagantaan isaan baafataan uttuu hin milkaa’iin uttuu afuu argamaas ture hardhas arguu jira. Egaa kanaaf immoo kan dura- bu’ummaa dhaan qabsoo sabichaa addemsisuu rakkoo keessaa Saba isaa baassuun ga’ee isa ta’ee uttuu jiruu walii isaa ti fuula deefachuu dhaan bara qabsoo qancarsee bara bilisummaa immoo dheerresaa jiraachuu filataan jiru. Kun immoo waldhacha uttuu hin taanee akkeeka fuunduraaf sagantaa ijjaaraa dhabuutu keessaa muldhata. Egaa sabni keenyaa akkuma AADAA fi seenaa isaa kan biyyaa isaa keessaatti warreegammaaf ofi keennee eggachaa jiru kana qabsoo isaa bilisummaa dhugaan nu ga’uu danda’uu biyyaa isa keessaatti hundee itti cimsatee yeroo tokkoon Bakka jiruu walkaasee eenyuummaa Isaaf ka’uun barbaachisaa dha. Kuni immoo tokkoon tokkoon keenya waan nurrraa eegamuuf deebii barbaachisaa ta’ee kennuu qabna. Kan abdaanuu humna alaa uttuu hin taane humna keessaa jabbefachuun Alaaf keessaa humna keenya walti fidduun humna tokkoon ka’uu dha. Kun immoo waan haqqaa kan Ifa jiruu waan ta’eef nu humti yoo sagantaa keenyaa baafnee of geggeessuu hin danda’iin gabrummaan barabaraan hajirtuu jechuu taatti. Gabrummaa jalaa ba’uuf tokkummaan ka’amee qabsoo kallattii hundaanuu walfaana finniinsuu qabna.
Akkamtiin? Yoomi? Eessaatti? EENYUU dhaan? Maaliif? Meeqatu? Gaaffii kanneen immoo dhuunfadhaan waltii mar’adhaa. Deebbii isaa itti yaada yeroo itti aannuu sagantaan keenyaa karroora baafachuu dha.
–abdisabo@gmail.com


Abdi saboo galatoomi wan hamilee gutuun yadaake ummataaf barressiteeve. Hundii kenyi of-ilaaluun dirqaama keenya ta’e itoo jiiru, kaan nurraa aala wanta’een dirqaama adda itti laane akka jiiruu namaati quuba qabuun dadhaabiina ilalchaa kenya agarsiisa. Namnii beekaniis ta’e walalaan yoo filannoo mataasaanis ta’e dadhabiina isaan agarsiisaan isaanuma tadhaani abaaraa ooluun bu’a inni ummaata oromoof fiiduu tokkolle hinjiiru. Bekumsii fi ubannoon guddaan akkamitaan ani “ga’ee narra eegaamu bahaa isaa jedhuutu dursuu qabaa. Yeroo ammaas barreffamni akka kankee kuni ummaata kakaasuu fi karaa itti agarsiisu dandahaan barressuun barbachiisadha. Barreffaama human right, irreechaa,.. Kankana fokkaataan barressuu irra caala kanbarbachiisu akkamiiti qabsoo fininsuu fi ummaata qabsaahu barbaduuti dandii agarsisna kanjedhuutu dursuu qaaba. Ajeesnee haduunu dursuu kanqaabu kana……
Obboo Abdiisaa, harka fuune!
Yaanni kee heddu bayeessa. ilmaan Oromoo, warri sabbonaa ta’an hundinuu yaaduma akkanaati qabu. Fedhiin guute. Rakkoon guddaan garuu tokkummaa dhabuudha. Hoogganaa dhabuudha. warri duraan uummatta kakkaasaa turan gaafa nu harkaa duubatti deebi’an rakkoon rakkoo caalu dhalachuu calqabe. Isaan komachuu kiyyaa miti. Otoo isaan wal qooduu baataniiyyuu diinnis akkanatti nun tuffatuuyyu ture.
Gara fuunduraattis taanan nama tokko yookaa lama eeguu dhiifnee, hundinuu akkuma danda’etti wal gurmeessee naannoo naannoo isaatin ka’ee warra diinaa of irraa faccisuu barbaachisa. Ilmaanuma Oromoo ta’anii warri diina gargaaranii uummata Oromoo dararaa jiran jiru. Isaanis akka biyya hin rakkifne ofirraa dhoowwuu barbaachisa. Otoo isaan of keessaa hin balleessine diina fagootinan lola jechuun bu’aa waan buusu natti hin fakkaatu. Duraan dursanii diina isa nama faana oolu, iccitee namaa dabarsee odeessu, isa warra diina fagootti daandii agarsiisu of keessaa aramuu barbaachisa.
Kanarratti hundi keenyayyuu waan nurraa eegamu hundaan wal gargaaruu barbaachisa.
Akkuma beekamu, rakkinni keenya inni guddaan, “Obsaa, haa bultu dubbiin, ebelu maal naan jedha? Ebelu mee fira ebeluutii!” jedhanii isa adaba tokko illee balleessarra hin buufne.
Yoo xinsammuun jabaa ta’an bakka kaayyoo ofii ni qaqqabu.
Ilmaan Oromoo tokko haa taanu!
Basaastun gantuudhaa, haa barbadooftu!
Yaada kee ilaalen jira. yaada bayye nama jajabeessudha. Yeeron amma yeero haraka keenya qabanne teenyu miti. Waan dhalli oromo beekus qabu, filmaati nu qabnu tokkicha. innis tokkumma keenya jabeeffacha, wal-gorfacha, qabso itti fufudha.
Diinonni keenya karoora bifa adda-adda baafatani kan keessa itti milka’anin nu garboomsa yoona ga’an, nutis rakko nu mudachu danda’a jennu hunda haa karoorfannu, fala isas of dura itti haa yaadnu.
Qbabsoon keenya fira bayye hin-qabu, diina danummo qabna waan ta’ef bayye hadha’adha, hadha’a adeemas. Hundu kana hubate waan irra barbaadamu haa gumaachu.
Abdisa koo, obboleesa koo iji hama sin hin-argin
duraani duriisee kabajaffii nageenyii siifii hatayuu hariiki ittiini bareesete kan biliisummaffi wallabummaa sabbaffii fiduu sammuuni ittini yadee kan sabbaa oromoo ittin qariiqariituu waqqiinii guddani oromoo ummee hagooduu fayyaa tayii jiraadhuu.
Bareefamiini ka kan sabbaa oromoo kessaa jiruu naffii jiraadhuu yoomu tokkomaani oromoo hajiiratuu!!!
Yaada dansa. Gaaffiin jirtu garu, yaadni kana fakkaatan akkamiin hojii irra oolu isii jettu. Silaa dhaabota QBO geggeesina jedhanii if ilaalan sani, kan yaada akkasii hojiirra oolchuuf ummata gurmeessuun irra ture. Jarri ammoo hiriba hindhumne keessa jiru waan ta’eef waanuma ummati Oromo jedhu iyyuu dhagawuu edda dadhabanii yeroon isaa heddumaateera. Yeroo hiriba isaanii keessa dammaqan yoo jiraate, kan isaan godhan “Waamicha” waliif gochuu qofa. Har’a gareen Obbo Dawud Ibsaa “waamicha” yoo godhe, bor ammoo garee Obbo Dhugaasa Bakakkoo tu waamicha qabiyyeen isaa takka ta’e godha. Bor oolee gaafa kaan ammoo garee Obbo Dawud Ibsa tu keessa deebi’ee waamicha godha. Kun akkanaan wal irraa otuu hincitin itti fufaa yoona gaye. Jarri wal iyyuu waan dhagayan natti hin fakkaatu. Issa kaleessa dubbatanis har’a hin yaadatan. Ajaa’ba, yaa jamaa!
Dhiyeenya kana totocho’a agarsiisa kan jiru dhaabicha ODF jedhee if yaamu sana. Isaan ammoo kan itti xiyyeefatanii ka’an ABO dhabamsiisanii dhaaba isaanii bakka buusuu waan ta’eef tokkummaa ummata Oromo diigaa jiru yoo ta’e malee foyyessaa hin jiran.
Egaa maal wayya jettan iree? Sagaleen Oromo bikka jiru hundaa “tokkummaa, tokkummaa…” jedhee dhaamsa dabarfatu kun attaamiin walitti dhufee humna polotikaa ta’uu danda’a jettan. Yaada keessan hundaaf durseen isin galatoomfadha.
well done
Obbolewan koo, ODF dhaaba ta’e dhaaba ta’u dhise tokkummaan ummataa hin diggamu. “Confussion” ummataa kessa jiru sadarkaa sadarkaan baha. Yaada kamiyyu yaa qabaanu, ilaalcha Abdii Boruu bakka saditti qoode kamiyyu yaa qabaatan waliin hojachuu hin dhorku. Konkolaatan tabba jala gesse deemu rakkate. Mari’atani. Maal haagoonu tabba darbuuf jedhu? Tabbi kuni rakkisaadha, maalif tabba urree hin darbinee jedhu. Lakki tabbi uruun salphaa gootani bu’aa bayi guddaa waan qabuuf maalif tabba kana hin yaabbanne jedha. Kuuni tabba yaabachuun rakkoo guddaa qaba, nan yaabadhaatti cacabuunis jira maalif bukkee gorree hin darbiine jedha. Kanumaratti wali galu dadhaban. Dhugaa yaa dubbanu karaa sadeen Abdii Boruu kaase bakka barbbaadamu inuma nama geessa. Rakkina of kessa hinqabnees hinjiru. Karaa kun irra salphaata, kessatu, marsinee darbu qabna kan jennus, dubbi akka itti qaban murtessadha, haa xiqqaatu “Oromia Autonomus” gochuf.
Namni keenya jabaatani osoo hin argamiin humna ofi osoo hin jabeesin, bariitu isaa halagaa bira dhaquu yaada. Muddamni jiru ummaticha akka midhamu barbaadame miti, “personal deriving factors” duuba jira. Kana hatattamaan bakkaan gahuuf. Habshaan ka’aa jennaan ka’aa jedha dhufe. Namni dhumni itti mul’atu lakki waanuma itti harifanu miti jedha. Bilisuma ummata jibbamee miti. Har’a kaanu, meshaan waraanaa hammi ta’e Finfinne/Bishooftu jira. Kan naanno marsee jiru harka gala. Harkatti dura galfatetu injifannoon xummura. Hamma danda’ame carraa argameen ballessa deemu. Tarkaanfilen humna addaan fudhatama jiru jabaate adeemu qaba. Ummatni keenya kan OPDO ta’e jiraatu+ mormitootni biyya kesssa jiran + humni biyyaa ambaa jiru akkuma habashaan lafa jala wal dubistu, wal dubbisuudha.
Rakkini nuti qabnu gandaan qodamne jira. Wal qunamtinis ganduma ofi malee badaa jabaa miti. Kana cabsuuf, humni biyya ambaa jiru “community”dhaaf ifa ta’u qabu. Dhaabileen “community” walin hojannaan waan heddu biyya keesa sochoofna. Karaa diplomaasinis, abalu faranajii hin beeka kan jedhu hin hojatu, jabaattu faranajiin suma dubbisti. Ummata biyattis kan harkaa caalu sochoosu harkaa qabaachu, qalbii faranajiis haatu kan danda’u harkkaa qabaachudha. OPDOn gati hin qabdu kan jedhus dhiisu ”be optimist”. Yartuudha kan jennulle nuti jabaatnu nu walin jirti. Isa dide saboontota OPDO keessa jiran diinaaf kennu tarkaanfi fudhachu. Dhaabileen walin hojachuu hinfeenes biyya bulchu yaadu hinqaban. Yaada “self-contradictory”dha. Amma ummata warraaqsaf kakkaasu. Gama hidhannoon jala jala jabeessu. Qabsoo hunda hirmaachisuuf, dhaabileen “more transparent” ta’u. Gargaarsi ummmataa yeroo muraasaf malees gargaarsa motumootatti ceeha. Ajandaa dhunfaafi gandaa baatani deemu irraa “Oromo empower” gochu yaadu. Biyyi bilisa taanan “profession” qabnuun ummata yoo tajaajille waan guddaadha. Calisne teenyu carraan kan habashaati. http://www.youtube.com/watch?v=pVC9UgOLKLE.
Hi Ayyantuu.com
Add my comments to Abdii Boruu’s paper, please. I posted here by mistake. I appreciate it. It is my fault. Abdisas’s message is also awesome.
Edoo jiru jiru ti walhaagurmeesinu achin booda waliti dhufne haamariyannu. Yeroon isa Amma
Gtma.
Akkana jabaachun nuuraa egama fayaadayaa