Dhaloota Abaarame akka Hinjedhamne

Abdii Aduu irraa | Onkoloolessa 26, 2012

Oromoon uumamaasaatiin dursee nageenya jaalata; nageenya kadhatas. Qe’eesaarratti tasgabbaa’ee jiraachuu fedha; jireenya ilma namaatiifillee tasgabbii fedha. Haata’u malee fedhiin Oromoo kun haala qabatamaatiin eega dimimmisee yeroonsaa dheerateera. Biyyasaarratti abbaa biyyaa, qe’eesaarratti aabbaa karraafi abbaa dhuga ta’uun hafee, akka sar-diidaa adamsamuu eega jalqabee oolee bubbuleera.

Waa’ee seenaa gabrummaa Oromoo irra deebi’ee isin yaadachiisuu hinfedhu. Garuu Oromoon biyyasaarratti hadhaa gabrummaa hadheeffachuu eega eegalee bara bittaa Minilikirraa jalqabee, sirnoota mootummaa Hayilalillaasee, Dargiifi Wayyaaneetti, mirgi Oromoo akka sarbametti, hamileen eenyummaa akkuma cabeetti, roorroon, gidiraafii mashaqqaan uummata Oromoorra ga’u akka hammatetti jira. Kun hanga yoomitti itti fufa?

Sarbamni mirga Oromoo, gidiraan jireenyaafi gabrummaan uummataa kan isaan nuffisiseefi dheekkamsise lammiiwwan Oromoo qaqqaaliin fincila diddaa gabrummaa yeroodhaa yerootti kaasaniiru. Nuti Oromoon mataa olqabannee akka deemnuuf, eenyummaa keenyaan akka boonnuuf lubbuusaanii arsaa nuuf godhanii darbaniiruu; qaamaa hanqataniiru; dhiga nuuf lolaasaniiru. Kanaaf fincilawwan Baalee, Arsii, Harargee, akkasumas giddugaleessa Oromiyaafi guutuu Oromiyaa garagaraatti godhaman ragaa bahu. Jaallawwan qaqqaalii seenaan hindaganne kan akka J.Taaddasaa Birruu, J. Waaqoo Guutuu, Hayilamaaraam Gammadaafi (gootota heddu kkf) toora kanaan eeruun ni danda’am. Aarsaawwan kafalaman kunniin wayita yaadannummoo waan tokko hubanna. Innis mirga sarbame deebisuuf jecha qabsoon godhamuufi bilisummaa ofii mirkaneessuuf jecha tattaaffiin ykn carraaqqiin godhamu yoomillee duubatti akka hinjenneedha. Oromoon bifa qindaaweefi jarmiyaadhaan qabsoosaa eega itti fufee bara hundeeffama Adda Bilisummaa Oromoorraa eegalee aarsaan Waraanni Bilisummaa Oromoo(WBO) lammii isaatiif godheefi gochaa jiru Oromoo biratti kabajaa olaanaa qaba. Lammiiwwan qabsoo bilisummaa Oromootiif jecha lubbuusaanii aarsaa godhan kunniin seenaan ni yaadatti.

Hangam cunqursaan hammaatullee, yeroon bilisummaa dheeratullee, fincilawwam diddaa gabrummaa lammiiwwan qaqqaaliitiin godhamaniifi jaarmiyoota qabsoo bilisummaa Oromoo kan akka ABOtiin godhaman, yoo xiqqaate afaan keenyaan saalfii malee akka dubbannuu akkaumas aadaa fi eenyummaa keenyatti akka boonnu nu godheera. Oromummaan akka dagaagduus bu’ura tolcheera. Biyyi Oromiyaa jedhamtu akka turteefi jirtu hubannoo bu’ureesseera.

Oromoon fincila diddaa gabrummaa eega eegalee barawwan jaarraadhaan lakkaawamuuf jiru kan jennu yoo ta’ellee, ‘ Yoom cunqursaa diinaa jalaa bilisa taanaa?’ gaafiin jedhuuf ka’uu mala. Deebiiniinsaa lammiikoo Oromoo hundaaf hibboo ta’uu danda’a. Yoo ta’ellee gaafii cunqursaan ykn diinni akkaumas goomattuun deebistu otoo hinta’iin, gaafii ummanni Oromoo kutannoofi murannoon akkasumas xiiqiidhaan deebisuu malu ta’a. Deebiinsaas namootatti ykn jaarmiyoota qabsoo biliummaatiif jecha of dabarsaa jiranirratti quba qabuudhaan ykn xiyya summiidhaan balfameen itti qiyyaafachuudhaan otoo hinta’iin, Oromoon hundi roorroon lammiisaarra ga’u isatti dhagahamu hundi ga’eesaa ba’uudhaani. Kunimmoo dandeettiifi beekumsaa akkasumas qabeenya qabu osoo hinqusatiin aarsaa lubbuu hanga gumaachuutti of qopheessu malchiisa. Bilisummaan aarsaadhaan ala dhuftu hinjirtu. Bilisummaan gumaacha lammiitiin ala argamtu mul’attee hinbeektu. Bilisummaan gurmaa’inaafi qindoominaan ala hawwamte fiixa baatee hinbeektu. Bilisummaan qabsoodhaan ala argamuun abjuu waan taateef itti siqanii qabsoo finiinsuudhaan ala falli waan jirtu natti hinfakkaattu. ‘Abjuu sodaatanii hirriba malee hinbulan’ akka jedhan sana, gaaga’ama matayyaadhaan nurra ga’u sodaannee qabsoo bilisummaatti makamnee gumaacha nurraa eegamuufi aarsaa lammiin keenya nurraa fedhu yoo hinrawwannee yoomiyyuu roorroo uummata keenyarra ga’u dandamachuun abjuu ta’ee hafa; mirga keenya dhabnee akkuma gabroomnetti hafna; gadaantummmaa keenya labsinee jabina diinaa akka leellifnetti hafna; dhaloota abaarame taanees kabajaa seenaa dhalootaa dhabna; gabrummaafi gadaantummaa dhalootaaf dhaalchifna.
Asirratti wanti yaadatamuu qabu tokko yoo jiraate, nuti Oromoonni ofiifi waliif yoo hinta’iin, diinarraa waan ajaa’ibaa dansaa ta’e tokko eeguun of gowwoomsu ta’uusaati. Diinni yoomiyyuu diinuma. Diinawwan afaan mi’eeffatanii aantummaafi jaalalasaani nuuf mirkaneessuu fedhan kaneen keessi isaanii summii, afaan nu faajjessanii tokkummaa Oromoo diiguufi hawwii Oromoon bilisummaadhaaf qabu burjaajessuuf akkasumas qabsoo bilisummaadhaaf godhamu mancaasuuf tattaafatanirratti dammaquutu nurraa eegama. Oromoon mirga isaa goonfachuun akka madaa qubaa kan isaan gubu jarreen kun, bakka jiran hundatti Oromoon mataa olqabatee akka hindeemne, eenyummaasaatti akka hinboonne, akkasumas habashummaa ofitti fudhatee akka jiraatuuf shirri isaan hindalagne hinjiru. Yoo dand’ame Oromoorratti olaantummaasaanii mirkaneessanii nu cunqursuun kaayyoo isaanii olaanaadha. Yoo dadhabame immoo Oromoo addaan qoodanii summii qoqheessan facaasuudhaan Oromoota wal nyaachisuun tooftaa isaaniiti. Kanaaf immoo Oromoon ‘Lakki!’ jechuu qaba.

‘Gadaameessi haadhaa burreedha’ jedhanii makmaakanillee, Oromoon hangam ilaalcha garagaraa qabaatullee, ‘Yoo funyaan rukutamu ijji bo’a’ akka jedhan sana, walirraa fagaachuurra walitti dhihaachuun, walitti duuluurra waliif tumsuun fala furmaata hinqabneedha. Yeroon isaa, wayita jibbinsaan walirratti duullu otoo hinta’iin, yeroo mararfannaadhaan waliif tumsinuudha. Summii diinaatiin faalamnee gandaafi amantiidhaan addaan kan walqoodnu yoo ta’e, diinaaf haala mijeessuudhaan alatti tokkummaadhuma keenyaafillee bu’aa hinbuusnu. Oromummaadhaafis gatii ykn sona dhabnaaf.

Gama biraatiin, habashoonni jarmiyootasaanii maqaa adda addaa kennanii heddummeessuudhaan tooftaa jijjiiranii jabeenyasaanii mirkaneeffachuuf wayita wixxirfachaa jiran kanatti, jaarmiyoonni Oromoo bakka garagaraatti fotoqqanii walirratti duuluufi akka diinaatti wal ilaaluudhaan qabsoo Oromoo bilisummaadhaaf godhamu laaffisuun qaaneffachiisaadha jechuun ni danda’ama. Yoo xiqqaate qabxiin irratti waliigaluu danda’an tokko dhabamuun ummata Oromootiif gaddisiisaadha. Jaarmiyoonni mirga Oromoo dabarsanii qaama biraatiif kennan hundi gochi isaanii dogoggora akka ta’e hubachuudhaan fedhiifi hawwii Oromoo guutuu qabu. Jaarmiyaan roorroo Oromootiif furmaata hinkennineefi mala bu’ura qabu hindhoofne akkasumas jaarmiyoonni diina leellisaniifi Oromummaa saalfachiisan hundi gochasaaniirraa deebi’uudhaan kallattii qabsoon bilisummaa barbaaduufi daandii qajeelaa qabsoon bilisummaa qaanqessiturratti hiriiruudhaan fedhiifi hawwii Oromootiif tumsuun dirqama ta’a.

Barreeffamakoo kana wayitan guduunfu, qabsoon diddaa roorroofi gabrummaarraa dhalate kabajama mirgaafi qaanqee bilisummaatiin xumura godhachuun malchiisaadha. Kunimmoo yoomiyyuu miti; amma, yeroo kana. Kunis eenyuuniyyuu miti; nu Oromootaani. Harka marannee callisaan hidhii xuuxuun eessaniyyuu nu hinga’u; kutannoo, murannoofi xiiqiidhaan guutamnee onneeffannee gumaacha nurraa eegamu raawwachuudhaani malee. Mirgawwan uumata keenyaa akka kabajamaniif, roorroofi gidiraan ummata keenyarra ga’an xumura akka godhataniif, dandeettiin, beekumsi,humni, qabeenyi akkasumas lubbuun qusannu jiraachuu hinqabu. Walumaagalatti eenyummaa keenyallee aarsaa gochuuf of qopheessuu qabna. Kunis haala bittinnaaween otoo hinta’iin, haala qindaaweefi gurmaa’ina giddu galeessa godhateen tokkummaa Oromummaarratti xiyyeeffatee socho’uun malchiisaa ta’a. Jaarmiyoonni siyaasaa Oromoo giddu galeessa godhanee socho’aa jirra jedhan hundi fedhii diinaa guutuuf jecha lammii ofii adamsuurraa of qusatanii yoo xiqqaate dhimma isaan tokkoomsurratti tumsa waliif ta’uudhaan qabsoo oogganuun barbaachisaa ta’a. Yaadawwan Oromoo salfachiisan, ummata oromoo gandaafi amantiidhaan addaan qooduurra, Oromummaa dagaagsuufi tokkoomsuurratii hojjachuun fala furmaata hinqabne ta’a.

–Abdii Aduu abdiiaduu@yahoo.com