Gaaffiin Mirga Walqixxummaa Amantii Islaamaa Qaama Gaaffii Mirgoota Hundaati
Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo | Hagayya 06, 2012
Hawaasni Muslimaa Itoophiyaa keessaa ji’oota danuu dabran kana gaaffii mirga wal qixxummaa fi walabummaa amantii dhiheessaa jiraatu illee, mootummaa biyyan bulcha jedhu irraa hanga ammaatti deebii sirnaa akka hin argatin beekamaa dha. Gaaffiin hawaasa Muslimaa, akkuma heera isaa keessa kaayametti, akka mootummaan dhimma amantii keessaa hin seenne fi hogganoota dhimma amantii isaanii ufiin akka filatan kan gaafatu tahee osoo jiruu, har’a mootummichi gaaffii sana gara dabarsuudhaan maqaa biroo kennaafii akka jirus ifaa dha. Kun gaaffii heeraa fi gaaffii mirgaa waan taheef ABO jalqabaarraa kaasee deeggarsa isaa labsee ture ammallee irra deebisee mirkaneessa.
ABO dhimma amantii irratti dhaaba ejjennoo madaalawaa fi hundaaf wal qixaa qabu tahuun isaa ifaa dha. Namni hunduu amantii barbaade hordofuu dhaf mirga inni qabu ni kabaja. Kana irraa kaúunis amantiilee hundumaa ija tokkoon ilaala; tokkoof loogee isa kaan cunqursuutti hin amanu. Kanaaf jechas yeroo hordoftoonni amantii tahe tokkoo dhiibamanii mirga isaaniif malu mulqaman argaa fi dhagayaa callisuu hin dandaú, callisuus hin qabu. Mootummaas tahe jarmaayaan siyaasaa kamuu dantaa siyaasaa isaa tarkaafachiisuuf amantii dhimma itti bahuu hin qabu; amantiin kamuu amantii aangoo siyaasaaf fi dantaa siyaasaa ittiin guuttachuuf kan dhimma itti bahamu tahuu akka hin qabne ABO deddeebi’ee ibsee jira.
Ibsa guutuu:
1. Afaan Oromoo
2. Afaan Amaaraa


It is an important and timely statement. But this needs to be transilated into english as many would not understand Afaan Oromo or Amharic
Please psot the Englush version too
Visitor
OLF do not sqaunder your golden time thru realsing the version abour yourself.
A game is bullet and do not try to purport your people.
Attam jirtan Oromo lammii koo .An deeggaraa ABO ture waggaa 22 darbaniif, qabsoo ABO geggeeffamaa ture waggaalee kurna laman darban kana keessa waan Oromoo gaddisiisu baaye’etu ABO dhan Oromota irraatti hojjatame.Sunis warreen amanti Islaama hordofan ija tuffii tin ilaaluu, hogganoota amantichaa maqaa gantuutin ajjeessuu, san bira darbee hawaasa Oromoo muslimaa maqaa amantiin Oromoo Waaqeffataa jedhuun akka isaan amanticha tuffataniif tattaaffiin godhamaa turuun ifaadha keessumma tu baha Oromiyaa keessatti.Hoggaa gochi akkanaa kan qabsoo Oromoo takkolle hin gargaarree kun hojjatamu, waanni kun dhaabichaani miti kan hojjatame jenneeti obsaa turre ammoo wallaalletii miti akuma saree osoo beeknu huuban wajji jenne califne yoo akkanumaanuu bilisoomne jenne.Arra garuu yeroo Nafxanyooni carraa kanatti gargaarame Oromoo Muslimaa hawatuu barbaadu kanatti ABOn kaeeti fincila diddaa gabrummaa kan biyya keessa deeggareeti wayyaane kuffisaaf osoo eegnu, warreen muslimaa kan diddaa gabrummaatif fincileen leellistoota amantii jedhe
Nuti Oromon amantii 3 qabna
Islam, Christian fi Waaqeffanna isaan kun martinu
Muslima + Christiana + Waaqeffataa = Oromoo
Nuti hawaasni Oromoo wanni itti amannu kiristianni Oromoo tuqamnaan Muslimnis fii Waaqeffatalleen tuqame kuun tuqamnaanis akkasuma saniifuu Oromoo walirra hin baqatinaa harka tokko ta’a waliin qabsa’a akkasiin bilisoomnaa.!!!
Injifannoon Ummata Oromoof
hayyee har-a tanaan gadhuftanii? yoomi as ABOn islaamaaf yaaduu jalqabehoo,soba ummata islaamaa sobdan ifirraa dhiisaa namuu akka dur waan hin jirreef abba caalaa lataa tii fii shaneen marti akkasuma warreen ilaalcha amantii beenxee baballisuuf qabsoorraa osoo jiranii macaafa qulqullu(bible)barreeysu arra amantii islaa mairga dhiibamte ilaalle hinteenyu jechuun kijibaaaaa.kan amaarii aangoo fii siyaasaafillee taatu nu’ummata islaamaatiin waliin hiriira bahee wayyaanee balaaleeyfachaa jiran kiristiyaanni oromo(beenxee fii waaqeeffataan)dahoorraa nuilaala jira tokko ofbiraa dhabne amma ABOniis kalloo jiituu akka dur bartetti ijatti nuqabuu feeti? no way &no more again.