Gaafii WBO – Walaloo
Makiyyaa Abdullahi tiin | Ebla 23, 2012
Bilsummaa tiyya maaf narraa fagaattee?
Naaf himi naangallee bakka itti dhokattee
Ummanni Oromoo xiqqaa fi guddaanii
Sumaaf maraatanii suma abjuunsaanii
Yoo akka fadhiisaanii qaata sirkatanii
Yoo akka qabsoodhaa lubbuu if kennanii
Jaalaluma keetiif marti machaa’anii
Eega siif maraachuu if quba hin qaban
Yoo qabeenya taatees numa arjoomanii
Namuu akka humnaattu waan dandeytii saanii
Bilsummaa tiyya maalree rakinnikee
Kan nurraa fagaatteef kan booyu sabni kee
Yaa bilisummaatoo ibsituu dukkanaa
Suma arkachuudhaan gabrummaarraa baanaa
Sumaan nama taanee adunyaatti beekkamnaa
Biyya abbaa keenyaa sumaani deeffannaa
Kan sitti nugeeysuu karaan kami laataa?
Barbaada keen deemaa maaf narraa fagaattaa?
Hallayya moo dirree dahoo moo labbaadhaa
Natti himi HAWWII too fagoo moo dhihoo dhaa?
Maaf dhagaan samiirraa anarratii hin roobnee
Du’akoon filadhaa yooniin sinarkannee
Beelaa fi dheebuudhaaf an harka hin kenninee
Qabsoo ittiin jiraa if booda hin deebinee
Alaa fi mana koo ilmaan koo facaasee
Suma arkachuufiin qawwee lafaakaasee
Baddaa fi gammoojjii Oromiyaa keessaa
Si barbaadaan deemaa roobaa caama keessaa
Maaliree rakkinni afaansaa wallaalee
Ni beeytaa naaf himi ani naaf hin gallee
Bilisummaa tiyya garaa hin jabaatinii
Addeesii naaf himi tokko nan dhoysinii
Akkanaa akkasii an namunoo je’u
Ittiin fuuf qabsoo if booda deebi’uu



Falmi koo hundaa duraa gumachaa keef galanni bilisummaa yaa ta’un hawwii koo isa guddaa dha.itti aansuun walaloon kun isaa keessa koo ture waan ta’ef{> WBO <} deebii nuf yaa laatun dhamsaa bilisummaati!!
Teshome kenya obsi Bilisummaaniis deebii laattee jiratii ni maxafamaati.
Makiyaa walaloo babbareedoo walduraa duubaan nuuf gumaachaa jirtuuf galatoomi.
Nafxanyichi Minilik II jedhamu daa’imman oromoo qabee akka hoolaatti gurguraa akka ture VOA fi BBC odeeffannoo dabarsan caqasaa:
Historical accounts of the Oromo history depicts that many Oromos were sold into slavery in 1800s. Among them Onesimos Nasiib/ Hiikaa Awaajii was freed by the Egyptian envoy; Warner Muzenjir in 1850s and given to the Swedish Missionaries. Hiikaa was then able to preserve his language and produce the first ever Oromo Bible in 1899. He was first converted and baptized in 1872 by the time when he took the name Onesimos. He returned back to his oromo land in 1900s and began expanding the Christian faith. He was able to saw the seed of protestant Christianity in the Western part of Ethiopia at a place called Boojjii Dirmajii, a rular town of nearly 10, 000 population. The Christian faith that he sow spread to the entire Ethiopia.
Another slave was freed in 1888 by the British warships in the coast of Yemen and became a teacher in South Africa. The BBC broadcasted about this Oromo girl who was liberated and became a teacher in South Africa on its transmission of August 24, 2010. Her name was Bishoo Jaarsaa/Bisho Jarsa/. The story is fascinating and makes most people who read cry and in tears. A number of Oromos who were transported to Ethiopia in 1909 were also put on the BBC website to contact friends and those who know the history of these people. Below is the picture of an Oromo girl, Bishoo Jaarsaaa according to the BBC. You can find detail history by clicking on this web page. http://www.bbc.co.uk/news/world-africa-14357121.
adee Makiya walaloo onnee kakkasitu kanaaf bayee galatoom .Ammalee galatin kee bilsummaa haa ta’uu.