Injifannoolee Qabsoon Gonfataman Tikfachaa Kanneen Hafan Galmeeffachuuf Soch’uun Dirqama Lammummaa Oromooti!
Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo
Ummanni Oromoo qabsoo bilisummaa hogganummaa ABOtiin kurnoota dabran baayéef geggeessaa tureen injifannoolee hin tuffatamne galmeeffachuun hin haalamu. Haa tahu malee ammayyuu taanaan Oromoon guutummaa guutuutti mirga abbaa biyyummaa biyya isaa Oromiyaa irratti qabu deebifachuuf qabsoon isa hafe guddaa dha. Mirga hanqate guddaa kana guuttachuuf jechas qabsoon hogganummaa ABOtiin geggeeffamu osoo wal irraa hin citin jabaatee itti fufee jira. Wayta ammaa kanatti tarkaanfiileen waraanaa balínaan WBOdhaan fudhatamaa jiranii fi diddaan ummataafi sochii Qeerrootiin wal qabatee Oromiyaa mara waliin gahaa jirus ittuma fufa qabsoo deemaa dhufee yoona gahee ti. Mootummaan Wayyaanee diddaa ummataa fi tarkaanfiilee WBO Oromiyaa waliin gahaa jiru gad baasee irraa dubbachuu irraa of haa qusatu malee, tarkaanfiilee kanaan heddu laalatee muddamaa jiraachuu isaa haaluu hin dandaú. Duris taanaan sirnoonni Itoophiyaa dhufaa dabraan diddaa ummata Oromoo irraa isaan mudatu ukkaamsuu fi akka rakkoon homaatuu hin jirretti dhiheessuun aadaa isaanii waan taheef Wayyaaneenis as dhihoo kana sanuma jabeeffataa jira. Ibsaa guutuu



Ibsi Adda Bilisummaa Oromootiin darbe kuni saba Oromoo qofa otoo hin taane dhaaba ABO mataa isaas ni ilaallata. Addi Bilisummaa Oromoo qabsoo Ertiraan deemsisaa turte itti dhiheenyaan waan waliin tureef ammas waliin jiruuf seenaan qabsoo Ertiraa ABO dhaaf haaraa miti jedheen abdadha. Ertiraan otoo mootummaan Dargii hin kufiin dura harka lafa jalaatiin mootummaa ishii dhaabbattee turte. Erga mootummaan Dargii kufee boodas waanti tokkollee otoo haaraa ishiitti hin tahiin mootummaadhuma dhaabatee jiru bakka bakka qabachiiftee hojii salphaa itti fuftee biyya ishii qabatte.
Har’as ABO kan eggatu kanuma jedheen akka namtokkootti amana. ABOn karaa hundaanuu saba Oromoo caalaa of qopheessuu qaba. Harka lafa jalaatiin namoota yaroo dhaaf ministeerallee tahan muuduu kan dandahu amma. Komiteen addaa addaas kan ijjaaramuu dandahu ammuma jedheen abdadha. Waan booda hojjatamuu qabu hunda amma yoo xummuurratan booda maal hojjadhee maal dhiisu ? maalis qabadhee maal dhiisu nama hin jechisiisu. Kana qofa mitii Addi Bilisummaa Oromoo kan godhuu qabu saba Oromoo ala jiru hunda bakka jiru hundatti wal gahii wal irraa hin citne waamee marihatee mariisisuu, ijaaree ijaarsisuu, filee filachiisuu fi kkf gochuu qaba. ABOn kana yoo godhes sabni Oromoo bilisummaan dhiyaachuu ishii abdatee ABO waliin tokkummaan dhaabata jedheen abdadha.
Ibsa Ejjennoo ABO Kora Kutaa Giddu Galeessa Awurooppaa 2012 ABO caasaa fi qajeelfama baafete irratti hunda’un haala QBO, akkataa adeemsa isaati of duuba millatee ilaalun waan keessa jirus, gufuu fi rakoolee isa mudate xinxalee gara fulduratti fala itti barbaaduuf waggaatti kora qopheesse miseensotaa, deggertoota akkasumas firoota qabso bilisumma Oromoo marihate marihachiisa. Kanuma irratti hunda’un Kutaan Giddu Galeessa Awuropa Kora bara 2012 Konyaan ABO Netherland magalaa Haarlem tti qopheesuun marii guddaa godhe jira. Bakka kora kana irratti qondaala ABO keessa Miseensa ABO kan ta’an Jaal Aster Gammadaa, fi Jaal Dr Shigut Galataa haala QBO itti jirtu gama Siyaasaan, Diplomacy fi WBO ibsa barbaachisu hirmatoota kora kanaaf kennuu dhan marii kallatti hundan bana qodhan. Innis ABO, Seeraaf heeraa dhaabichaa irratti hunda’ee miseensaa fi oggana irratti keessa iyyu diaspora irratti hojii irra olchuu dhabuun rakkina yeroo baayyee mul’latu ta’uu, Hariiroon fi afuurri gaariii miseensaa fi miseensa gidduu, miseensaa fi Oggana gidduu jiraachuu dhabuu, Ijaarmne wal ijaaruu dhabuu, Oganoon ABO Dirree qabsoo irraa fagatanii jiraachuu hamilee WBO fi ummaticha abdii fi umna tahu hanqachuu, tumsa fi gargarsa qama biraa irra argachuu dhabuu. Gama kanin diinni ummata keenya irratti gabrumma isaa dheerafachuuf hacuucaafi gidraa hiriaa hinqabne irran geesisaa jirachuu isaa. Keessaa iyyuu lafa isanii irraa buqisanii lafas gurguranii namas gurguru ajeesuu, hiduuf biyya irraa ari’u irratti xiyyeefatanii jiru. Rakkoolee kanaaf kan kana fakaatan irratti erga balina marihatame booda, ibsa ejjennoo kana gadi tti argamu dabarsuun walgahichichi milkin xumuramera. Seerrii fi qajeelfamni dhaaba sirna’n hojii irra akka ooluu, miseensi fi ogganni dhaaba dirqama isaanii akka ba’an dhaammanna. Miseensotni ABO qabsoo keenya bakkan ga’auf wali keenya gidduu tti hariiroo gaarii fi afuurri jaalluma murteessa ta’u isaa hubannee amala akkasi horanne akka gabbifannu kabajaan isin gaafanna. Ijaaramuun umna ta’u isaa barree , lammiin Oromoo hundi akka qabsoo kana irra qooda fudhatu ijaarmnne wal ijaaruu irratti akka bobbaanu. Miseensootni Gumii Sabaa bayyinaan akka dirree tti deebia’anii WBO fi Ummaticha cina dhaabbatani Abdii fi umna akka taįaniif kabajan gaafanna.
Alagaa fromfachuu irratti ciminan akka hojjennu. Mottumoota warra diina keenyaaf tumsa gargaarsa godhanii nu garboomsa jiran cimsine balaaleffanna. Mootumman Wayyaanee Ummata keenyaa lafa isaa irra buqisuu, hidhaaf ajeechaa akkasumas biyya iraa ari’uu atattamaan akka dhabu cimsinee akeekachiifna. Injifannoo Uummata Oromoof! I.U.Of!!