Numa jirraa – Walaloo
Makiyaa Abdullahitiin | Fulbaana 03, 2012
Numa jirra numa jirraa
Hanga arraa numa jirraa
Nu fixuuf yaalen dachiirraa
Waa dhumnee numa jirraa
Wuliillee ni jiraannaa
Ni fixna malee yoom dhumnaa
Dhufaa dabraan numa miidhaa
Numa saamee numa hidhaa
Abbaa ilmaan nu waldabran
Numarrati mootii tahan
Aanooleerratti nudduulanii
Harkaa miila nu ciranii
Harma aayyoo mummuranii
Yoomi waa nu dandamanii?
Calanqorratiis kana caalaa
Jarri yoom hafan nun jalaa
Lafeen Oromoo tuttuulamtee
Akka uudaa ol dhaabbattee
Guban lafee saba kiyyaa
Garaan kiyya wahi fayyaa?
Niin deefadha dhiiga kiyyaa
Ana ilami abbaa biyyaa!
Seenaadhaatu natti himee
Akkatti sabni koo gabroomee
Eegaan seenaa koo dubbisee
Garaan koo yoom na raffisee
Sammuun kiyya na wareeree
Eegaan seenaa kankoo baree
Aniis akka abbaakoo kaleessaa
Qabsaa’een diina fageessaa
Gad hin qabu mataa kiyyaa
Du’ee dhabamuu naa wayaa
Miidhama saba koon laaladhee
Duluuf ka’ee an onnadhee
Nu dargaggoon abdii biyyaa
Kan bilisoomsu Oromiyaa
Humna ho’aa lafee duydaa
Abdii Oromoo isa guddaa
Arraas angoo dur san deeffachuuf
Walyaamanii nu fi’achuuf
Yaa saba koo hin dagaminaa
Jarri jaraa hin amaninaa
Nu dargaggoon lafaa kaanee
Biyya abbaa keenyaatiif jennee
Ni wareegna lubbuu teenyaa
Biyya dhabnee eessatti teenyaa?
Mallas du’uus ni jiranii
Warri Mallasaa daranii
Warri aangoo mi’eeffatee
Kan qabeenya Oromiyaa cunfatee
Irree teenya gamteefannee
Haa fonqolchinu Wayyaanee
Numa jirra numa jirraa
Hanga har’aa numa jirraa
Nu fixuuf yaalen dachiirraa
Waa dhunee numa jirraa
Wuliillee ni jiraannaa
Ni fixna malee yoom dhumnaa


Makiyaa, harka fuune! Heddun si galateeffadha.
Yaanni kees, hojiin kees heddu na gammachiise. Jaalalli guddaan jaalala biyya ofii, lammii ofii, seenaa ofii, — hundaf qabani. Walaloo kee irraatti kana hundaa ibsiteerta. Galatoomi!
Akkanumatti itti fufi! Waaqayyo si haa gargaaru!
waaliin jira jabaadhuu lammii ofii …
Jiraadhu Jiraadhu ilma aayyaa!
Takkaa akka ilma namaa kan addunyaatti jiraanna. Yokiis hi dhababna.
Dhabamuun namaa gadi tahurra wayya!
Oromiyaan ni bilisoomti !!!!!!!!!!!!
Makiyaa:
Galatoomi.
Rabbi guddaanis nu gargaaraa jira;kunoo mootii Woyyanee adabee jira. Rabbi guddaa kadhachaa mirga keenyaaf qabsoofna. Atis walaloo kee nu irraa hinkutiin.
No world! Thanks Makish!! Jaabadhu qomoo tiyaa!!!!!
Ofitti murteessinaan diinatti murteessun salphaadha. Nuti jabaannan shakkiin tokko hin jiru ni moona. Osoo nu hin fixin isaan fixnee dhugaa keenya deebifanna! Haarsaa kaffaluutti amanuu qabna. Jabaadhu Makiyaa!
Yes we do exist as human beings; but not really existing as other developed humans. We are much less than those humans who completed their evolution as humans.We’re not yet yaa lammiikoo!! Hoggana sammuun joonja’e, ka haasa,us ta’e ka yaadu sirriitti beekuu dhabe. Qabsoon laga gama; Hookkarri gamana; Akka ummatatti tokkummaa dhabnee; ijaaramuu fi gurmaa’uu ka dadhabne; nuti ummataa???? Gariin amantii isaa faarsaa; gariin laga dhufe hawaata; gariin diina jala weellisa; gariin aammoo itophi’aa dhaaf boo’a!! dhimma lammii isaa osoo hin taane, ka itoophiatiif cinqama!! Nuti ummataa obboleewwan.Maaf walii keenya sossobna!! Goondaan mootii qaba, isa faana deema. Oromoon maal qaba. Loon tikee dhabee faffaca’e, tatamsa’e, jooree joonja’e… Ummata diina isaa duratti madaala kaasuu dadhabe!!!…. akki itti waa’ee keenya himan nama rakkisaa!! Haa ta’utii Qeerroo jabeessuu irratti walii yoo galle tarii furmatti ganna dhibba booda dhaloota dhufuuf milkaa’uu ni danda’a. Dhalooti amma jiru, ka jiru fakkaata malee jira ofiin jechuu osoo dhiisee dansa!!
ee numa jirra numa jirra
Waaqaa nu waliin jirra
tan farreen dhala namaa irraa aannee jirra
akka laga badii shawaa keessaa akka harma muraa aanolee fi kan biris seenaa taasifanneerra
eeyyee numa jirra
akka jumlaan ajjeechaa yuhannis tan waloo keessaa irraas hafneera numa jirra
duula haile sillaassee fi dargii irraas hafneerra numa jiraa
Duula lafa irraa nu buqqisuu fi nu dhabamsiisa TPLF irraas aanarra numa jirra
Dukkoo warra buna shuqluuf Dukkoo hanga WBO koo dhufaa obese haa jiraadhu jechuu bira tare kaase shimala koo lolachuu irra jira numa jirra
WBO koo naaf jabaadhu nuti si eggachaarraa numa jirra
Wal abdanna yaa Oromoota koo farreen dhala namaa lafa irraa nun fixan Waaqa qabnaa numa jirra
Dukkoo Republikii Oromiyaa jedha abdiin koo numa jirra jirra fiixa bahaa jirra
ni jirra ni jabannaa
bara baraan jirannaa
mirga keenya sarbamnne
qabsoo keenyaan deeffannaa
ni jirra ni jabannaa
maaliif jettu ni badnee
ni ifne akka bakkalchaa
amma reefuu bargaagnnee
Atis galatoom walaloo keef
Nuha gargaru uman kenya
jabaadhu Makkoo tiyya!
ee numa jirra
hanga jirrrutu shakkisiisaa ta’e malee
galatoomii kana nuugumaachuu keetif maalgodha muknitokko hin boba.uu mukni kan boba.uu walqabatee waan ta.eef walqabachuu barbaadaa amas walitti dhimma bahuu odoo hin taanee fala biyya teenyaa waliin barbaduu irratti
UMMAA AKKAM FAYYAA KEETII?
Yaa sabboontuu oromoo
Gootittii hadha qabsoo
Jaallatamtuu saba koo
jajjabeessituu lammii koo
Nuuf jiraadhu haadha koo!!
yaa ilmaan oromoo wayaanee nuraa dutee jenne osoo gamanuu, walamoo yeroo lammafaaf nuu dhituuf dhuftee maal woyaa yaadhiroo jalaa demtootni abba garaa jaruu waalin nuunyachuu malee ofiyuu hin dubatuu.dhiroo
Addee Makkiyaa Abdullaahii umrii dheeradhu. Dhugaa dubbattee dhugatti buli!