Qabsoo, Tumsaa fi Karaa Bilisummaa

 

Ibsaa Guutamaa

Ibsaa Guutamaa irraa

ABOn dhaaba malbulchaa warraaqaa fi amantalaa waggaa 37ti. Akeeki saa sirna kolonummaa hundee buqqisee Oromiyaa ofiinbultu gad dhaabuu dha. Sana bakkaan ammyyuu hin gahin malee, namoota waggoota digdamii torban kana dura of beekaniif jijii qabsoon ummata Oromoo ABOn hoogganamu argamsiise kan eenyuu hin abjonne. Sun tola hin argamne, lubbuu hedduutu itt kaffalame, qabeenya meeqatu barbadaawee, warra meeqatu faca’aee, caba hawaasomaa fi ayyaamii meeqatu uumame. Oromon ummata godinaa keessati baaqeen wayyaba thahe. Kanaaf bilisummaan saa nagaa, walqixummaa, gamtaa, fi tasgabiif naannaaf raggaasaa ta’a jedhamee abdatama. Sirni mootummaa ni jiga, dhalooti ni darba. Ummatii fi lafti irra jiraatan garuu barabaran walbiraa fi walitt ejjanii jiratu. Adeemsa seenaa keessa, darbee darbee nagaan waliin jiraachuu kan booressan murnooti fi abba tokkeen ni dhalatu.

Akkasitti murni empayera Itiyoophiyaa ijaaree fi dhaale Oromiyaa irra diriirfatee bara dhibbaa fi digdamaa ol kan barbadeessaanii jiru. Ummati walii diina miti. Haa tahu malee dibbee kolonii amma illee rukutamaa jiru callisanii ilaaluun isaan hin gaafachiisu jechuu miti. Gocha murnoota sanaan warra dhiigaa ta’anii jiru. Akka aadaa Afrikaati faloo bahanii, gumaa baasanii, ifati kan yakke aagii tufsiifatee araara buusuun jireenya hardhaaf haa tahu egeree ijoollee saaniif ni tola.

Utuu empayerri hin uumamin bulchi Itiyoophiyaa Tigraayii fi Amaraa gidduuti harka wal jijjiiraa ture. Biyyichi laga lagatt hiramee “nugusa nagastiin” olhantummaan darbaa dabarsaan mo’a. Uumama empayer duuba caasaa walfakkaatan diriirfame nugusichi Oromiyaa sududan karaa qondaalota muuduun bulcha ture. Sanaafis Oromiyaan kutaa adda addaati kukkutamte. Yeros sanaaf booqaan “zaranyaa” (sanyeessaa?) itt hin baane ture. Tigrooti amma jijjirama xinnoo fi to’annoo caalaan falcha/formulawalfakaataatt dhimma bahaniiru.

Oromiyaan deebitee walitt caasamte. Bulchaaf Tigirooti qajeelaa fi bilisa hin tahin malee kennata naannaan qondaalota ramadan. Ammaa saboota bira addaan beekuu abbaluun gurguddoo Habashaa hedduu, caalaan Tigreemiti dhaan “zaranyummaatt” fudhatame. Wayyaaneen fedha nama yeros jiru ilaaluun akka laaqama kan isaan duraatt hin deebine eenyummaa ummata kolonootaa baree jedhe.

Jarri kaan utuu dhuguma ummata bira akka Itiyoophiyoo fi walqixxeett fudhatu tahe Qubee keenya malee kan ofii qabaachuun cubbu maaf jedhu? Biyyaa ofii qabaachuu Oromo, Somaalee, Afar, Anyuwak, Wala’ittaa, Kafichoo, Sidamaa kkf maaliif raajeffatu? Kan mataa naannessaa jiru karoorfata Wayyaanee caalaa “zaranymmaa” garaa saanii keessa jiru mitii? Jarri kun oori’i saanii kun maalitt akka geessu beekuu? Jechi federeshina “zaranyaa fi gosaa” jedhu afaan Oromo tabu fi galtuu keessaa yoo bahus ni dhagahama. Wacabbarri federeshina “zaranyaa fi gosaa” jedhu kan dhufe erga sirni tokkeen Itiyophiyaa diigamee kolonootaaf angoon tokkoo tokkoo hiramee jedhamee kaaseetu. Sun xaxaa olhantummaa Habashaa hoodummaa baase. Sammuu saanii keessatt Habashaa fi jarri kaan seenyiin adda addati jechuu dha; akii Afriikaanotaa fi Afriikaamitoota? Sana malee yeroo ummata adda addaa kibbaa walirra goranii itt duudanii fi garboofatan qooqi akkasii afanii hin baane.

Sammuu akkasiitiin kan gurguddoon saanii roorroo abbooliin sanii Oromoo irratt raawwatan akka waan ta’uun irra ture fi kan hin gaabbamne godhanii kan fudhatan. Ammayyuu gaaddisa odaa utuu qabnu gaaddisa alaabaa keenya jalatt gumooftu jedhu. Harma muraa harka muraa, arrab muraa kaaba hanga kibbaati gahef hardhallee akka jannummaatt yoo ittiin dhaadatan Oromoon “Ishooyee!” jedhan hin dhibani. Sana ilaaluun kanneen tuffiin ummata keenya ilaalan akkasii haala duree malee waa waliin gona jechuun dabalanii of tuffachuu dha. Safuu dhas. Kan cunqurfamootaa tumsuu dandahan saboota seenaa kufaatii fi hacuuccaa walfakaataa jala jirani, demokratota addunyaa mirga ilmoo namaaf dhaabbatanii fi yoo jiraatan tarkaanfatoota Itiyoophiyaa ta’uu danda’u. Tarkaanfatota maqaa malee hanga yoonaa sirna empayeraa kan abboolii saanii addatt ilaalan as hin baane. Xiyyeeffannoon saanii qabeenya saa malee guraarama sirnichi namarraan gahu miti. Sanaaf malee gara laafina kan qabani fi kanneen bor hedan waliin Oromiyaa haa tahu biyya Habashaa bilisa baasanii demokratessuun nama hin dhibu ture.

Ummatoonni bulcha Habashaa jala jiraatan hundii bilisa tahanii hin beekan. Mootoli hundi quca namummaa bahaati dhimma bahuun goolaa moo’ani. Hariiroo isaanii fi mootota gidduu jiru akka hiree waaqaa murteeffameeti fudhatanii lubbuu dheeraa kadhataafii bahanii. Bilisummaan Itiyoophiyaa hedduu faarsamu sana. Kana mirkaneeffachuuf hedduu keessaa seenaa Amde Tsion, Teedros, Yohannis IV fi Minilik II ilaalaa. Joonjessaa irra marfameen gad haantummaa saatiin dhaadataa jiraate. Moototi saa yero saboota ollaa qabatan hamaa isa irratt shakalaa turan caalaatt qara baasanii itt bobba’ani. Hamma hardhaatt amala addaa kan agarsiise hin jiru. Oromoon hiree ofii ofiin murteeffachuu gaafachuu akka raajiitt kan fudhatan qofa. Isaaaniif Oromoon saba of dandahe, seenaa fi jireenya ofiin boonu miti. Isaanitt hirkatee akka barbaadanitt luugamanii oofuuf umamee. Rimsammi isaan sabootaa fi sabaawotaaf qaban haromsa cimaa barbaada. Seenaa godinichaa fi Addunyaa keessa debi’anii barachuu isaan barbaachisa. Oromoon, “Akka durii fi harka xuriitt hin hafan” jedha. Sana irra waa baratu laataa?

Kanaaf ummati Habashaa of baree bilsa of baasu malee hirree hacuucca fi duubatt harkiftuu tahee hafa. Ummatota bilisa, mirga walqixxummaa fi obbolummaa ilmoo nama, akkasumas olhantummaa seeraa fudhatan nagaan waliin yk wal cinaa jiraachuun hin dhibu. Ilmoon namaa wal irratt hirkatee jiraataa. Kan tokkoo hin qabne kan biraa qaba. Sirni dhalootaa kan jeeqamu yoo tokkoo gulummaa saa irra darbee hunda dhuunfachuu barbaadu. Sana ummati tole jedhee fudhatu hin jiru.

Kanneen walii tumsuun dandahamu olitt kaafnee jirra. Osoo demokratota dhugaa tahuu saanii hin mirkaneeffatin kan abbaa hirrummaan garaatt hafe waliin fiiguun dhadhaqii nama buusuu dandaha. Oromoon “Eenyutu si dhungannaan hidhii muxxeessita?” jedha. Hanga yoona hedduun ashkarummaaf malee nakkarumaaf Oromoo barbaadaa hin jiranii. Dogoggori abboolii keenyaa Goobana Daaccee kaasee jiru barumsa nuu ta’uu qaba. Isaan yeroo saaniitt jannaa fi gamnas turani. Waliinjiroos birmatuuf of duubaa qabu. Garuu haala yeroon gowwoomanii dagamanii diinaa tumsani. Kanaafi galtuu haafa fi hurraa isaan duuba dhufan hundaaf akka fakkeenyaati kan fudhataman. Jarri ammaa utuu hin dagamin of dagaa jiru. Waldhaaluma, birdhuu, sodaa, luynummaa fi raatessa booji’aatt riqachiisutu itt hammaata. Dogoggori Goobanaafaa sirriitt yoo quwatame akka irra hin deebi’amne gargaara.

Gurmuu guddifachuu waan ilaalutt hunda dura kanneen seenaa kufaatii fi kaasaaa wal fakii qabaniin walii galuun waan eegamu. Yoo waan itt nu shakkan qabaatan hojiin it agarsiisu yaaluu dha. Sanaan milkoofnaan kan cunqurfamoota dura dhaabbatu hin jiru. Sana boodaa demokratota yaada tarkaanfataa qaban mooraa cunqursaa keessa yoo jiraatan hawwachuun kan dandahamu. Kun namoota jireenya nagaa fi gammachuu hundaaf hawwan wayyaba tolcha. Waliin tahanii empayera cabsuun sirna yk sirnoota haaraa fi qajeelaa hundaaf akka fedha saati tolu ijaaruun ni salphataa. Sun hundu naannaa nageenya qabu uumuu carraa kennuuf malee Oromoon bilisoomuuf hirkoo barbaada jechuu miti. Sun qawwisa furtuu hamma yoonaa jalaa miliqaa turte tuquun irra haanama.

Akeeki ABO Repubilika Oromiyaa demokraatoftuu fi ofiin bultun gadi dhaabuu dha jenneerra. Kana bakkaan gahuuf qabsoo hidhannoo fi malbulchaa cunqursaa irratt kan gaggeessu ta’uun himameera. Akeekaa fi malli ABOn dhimma itt bahu yoo sana tahu murtoo inni dhumaa kan saba Oromootii. Sabichaa carraa mirga “hiree sabumaa ofii ofiin murteeffachuu”tt dhimma bahuun kan murteeffate ooffalchi ummataan (referendum) mirkaneessa. ABOn murtii ummataa gaaffii malee fudhata. Mirgi hiree murteeffanaa sabootaa yoomiyyuu kan hin sarbamne.

Sagantaa ABO hanga 1998, kutaa hariiroo sabgidduu jalatt, bakka dandahamutt saboota biraa waliin tokkummaa uumuuf akka hojjetu agarsiifameee ture. Sun akeeka malbulchaa keessatt osoo hin tahin yoo ofiin bulummaan argame kan tahu. “Ofiin bulummaa” fi “hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu”n addaa fi gargar kan bahan miti. Ofiin bulummaa kan filatu waan mirga hiree murteeffachuu qabuufi. Koloneeffataan dirqiin yk maalifaan mirga ummati bilisummaaf qaban fudhachiifama. Ummatich waan filatu irba oofalcha ummataa irratt godhuun mirkaneessa.
Hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu, ofiin bulummaa, ummata biraan tokkoomun sirna tokkoo keessa jiru. Qabsichi qabsoo hiree murteeffanaati. Murteen Republika ofiin bultu dhaabbachu yk Itiyoophiyaan walitt hafuun hobbaatii sanaati. Kanaaf gargar feca’amee hiree murteeffanaa abaluu, tokkeessoo abaluu, ofinbulummaa abaluu kan jedhamu hin jiru. Akkasiti dhiheessuun beekaa afanfajjii uumuu taha.

Midhaan tokkoo ni nyaatama, garri tokkoo dhiiga taha, garri biraa kosii taha. Sanaaf sirni sifaa sadii hin jedhamu. Kan sabicha ooffalcha ummataan geenyaan dirqama keenya raawwane jedhan yoo jiratan kaayyoo ABO hin calaqqisu. Ammumaa tokkott of dudhuun Oromoo fi halagaa biratt yaada lamaaniin taphachuu nu dadhabsiisa jedhanii ta’aa. Oromoon waan barbaadu hin beeku kan jedhamaa bahef kanuma fa’iifi. ABOn ummatichi irba saatiin waan murteeffate hanga hojiirra oolchutt biraa deebi’uu hin dandahu.

Egaa karaan seeraan ofiin bulummaa haa tahu Itiyoophiyaa akka jiruti tursuuti geessu dura murtee sabichaa jala darbuu qaba. Kaayyoo ABOn ganamaa ka’ee hordofu Republikii Oromiyaa demkratoftuu dhaabee iggiti itt gochuu dha. Sun ooffalcha ummataa gahee akka hin dhaabbanne agarsiisufii. Ummatichi kan filachuun irra jiru gorsuu fi isa duubas gara filatett masakuun qooda dhaabota malbulchaati. ABOn dhaaba isa ofiin bulummaaf nama kakaasuuf ganama murteeffate. Ooffalcha ummataa dura firrisanii saboota biraa waliin tokkummaa uumna jechuun “salaamaawii oneg” fashale nama yaadachiisaa. Inni ammaa kun sana irra adda yoo tahe sirriitt nama qaabachiisuu gaafata.

Empayera waliin hariiroo heera ABO adda tahe uummachaa, tarsiimoo ABO geeddaraa, dhaabota bilisummaa Oromoo hin fudhanneen walii tumsaa, ani ABO ofiin jechuun fakkeessa gowwomsaa karoorfame. ABO bule irraa adda bahuun mirgaa; isaan of himuun garuu madaa ummatichaatt qubaa kaa’uu akka hin taane itt yaaduu dha.

Qabsaawoti hedduun amma ABO tahu himatan hundi heera fi sagantaa ABO 1974 kaasee hanga 1998 fooyyeffamaa dhufe jala kaayyoo tokkichan waliin hiriiraa kan turani. Kaayyoon ABOn hordofu kan gootowwan meeqa itt wareegamanis sanuma. Mooraa bilisummaa keessa kan jiran kaayyoo ganamatt amanan hunda tokkoo kan gochuu dandahus sana. Sana duuba geeddarammi dhufe kan waloon himatan miti. Itt gala adda addaa qabatanii mirga Oromoof qabsoofna kan jedhan jiru. Daayi qabsaawaa hundaa tokkoo tahu hin qabu. Garuu maqaa ABOtt dhimma bahuuf bu’urri irra ka’amu heera hanga 1998 jiru ala hin ta’u. Murnooti jalqaba gargar bahaan, tokkoo mallato waan amma deemaa jiruu dursee arguuni. Murna sadan maqaa ABO dhahatan keessaa lamaan waliin yoo turan aangota heeraa keessaa kan geeddaranii fi foyyessan qabu. Fooyyeffati kun kan sadan waliin qabaataa turaniin walfallessa. Murni sadaffaan kan 1998 waliin foyyessaniin akka masakamu hima. Akeeki malbulchaa mamii malee Repbilik Oromiyaa ofiin bultu gaddhaabuu jedhu isaan biratt hafe jechuu dha. Maqichis isaaniin tola jechuu dha.

ABOn sababa hedduun tokkummaa saa qabatee deemu hin dandeenye. Kanaaf kan achi keessatt walitt qabaman murnaa fi abba tokkeen akka aarii saaniitt wal gumeessanii bahuun maqa fedhan moggaafatu turan. Kaayyoo ganama garuu hin gaddhiifne. Amma kan waliin deemuu dadhaban garuu tarsimicha jijjiiranii maqichas fudhatanii of baasuu yalaa jiru. Maqaan ganama waan baheef qaba. Ulaagaa sana guutu malee homtuu isa hin ta’u. Kanaaf akka jirutt dhiisuun kaayyoo seena qabeessa sanaa fi kanneen sanaaf wareegaman ulfeessuu taha. Maqaa wal harkatt qabuun ammas itt fufa taanaan deebi’anii xaxaa hamaa sanatt galuun hin oolu. Sanaaf gaaddisa halagaa wal dhaabuun akka hin deebine haa abdannuu.

Garagarummaan ilaalchaa amma amaname kun qabsoo walxaxaa baheef furmaata guddaa dha. Akka raajiitt ilaalamuun hafee qabsaawoti osoo hin daddaaqin bakka fedhi saanii jirutt ifatti gumaawuu qabu. Garee lamaan garagarummaa saanii baranii Oromummaan akka hariiroon tasa hin hincinnoofne qayyabannoo uumuu ni dandahu. Sagantaa gadjallaa waan tokkoo tokkoo itt qindeeffatan baafachuu kan isaan dhowwu hin jiru. Duratt kan rakkise garaagarummaa yaadaa ifatt himachuu dadhabuu dha. Yaada adda addaa qabaachuu fudhachuun gara demokrasii qabatamaatt tarkaanfii tokkoo. Dhaaboti Oromoo tokkeessoo hedduu keessaa kan ammaa tokkoo waan taheef ta’ina haaraa miti. Maqaa ABO dhahachuu saa qofatu adda isa godha.

Kaayyoo ganama kan itt cichamu adda tahuuf, saba biraa jibbuuf yk gaara sun dhiibutt nama geessuu fi wareegama inni gaafatu wallalamee mit. Garuu wareegama hamma yoonaa godhame bu’a qabeessa gochuuf malli sana qoofa waan taheefi. Kanneen qaawwaa adda addaatt dhimma bahuun tattaafannaa sabi kun gara eenyummaa saa badde argachuutt godhu hankaaksuuf yaalan jiru. Adeemsa saa keessa daddaaqinaa fi bitintruun jiraannan bakka hamilate hanqachuu irra tuffatamis jira. Uumamuun ABO didhaa sana hunda jala dhaabbatee sochii bilisummaa saba danboobaa fi naga jaallataa kanaa gara xumura boonsaa fi ulfina qabeessatt akka geessuufi.

ABOn kan herragamu humna qabaatee dhabeef, yaratee fi baayyateef miti; kaayyoo ummata saa ulfina gonfachiisutt cichuun hanga injjifannoott qabsoo itt fufaa gochuu dandahuuni. Dhaabota Oromo hedduutu mormituu seeraa tahanii Itiyoophiyaa demokratessuu dhama’aa jiru. Mootummaan akka isaan ol hin laalle qossa’aa bahe. Karaa biraammoo innis hamajaajii biroonis ABOn akka nagaaf tokkummaa hin arganne wanti hin goone hin jiru. Yoo barbaade heera Itiyoophiyaa fudhatee akka mormituutt haa hiriiru jedhu. Sun jechuun akkuma jara kaanii kottuu kolaafami jechuu dha. Maqchiis Itiyoopiyaa ofitt diru malee hin jiratu. Sanaan baduuf deema jechuu dha. Abdiin ummatichi bar tokkoo bilisomeen tarree saboota bilisaa dhaabbadha jedhus bishaan dhugaa. Hardha hanqina jaarmmaa cimaa fi hoogganoota caccisoo fi haala tolaa dhabuun sanaaf kaadhimachiiseenii taha. Gufuu yeroo xiqqoo kanaa jedhe qabsoon Oromoo dhugaa kun darabaa hin galuu. Hanqina dhalooti fi yeroon tokkoo qabu kan biraa itt guutee kaayyoo saba saa fiixaan baasuutu abdatama. Sun qabsoo hardha kutannoo fi dudhamaan jannooti Oromoo gaaraa fi sulula Oromiyaa keessatt Oofaa jiran irraa ni muldhata. ABOn oonee bu’uursota saa tahuun hafee ujuu sabichaa ta’eera.

Gidduu kana ifsooti bahaa jiru. Inni tokkoo Itiyoophiyaa demokratessuuf tarsimoo karoorfate labse. Inni lammaffaan tarsmoo addaaf maqaa ABOtt dhimma bahuu isa tokkoffaa kan balaaleffatu. Sadaffaan waan keessa hin jirreef balaaleffamati dabalamne jedhe kan komatu. Tuqaa haaraan inni jalqabaa dhiheeffate keessaa qabso harka hin dabarre gageessuu, dhaabota mormituu koloneeffataa walii haala duree malee tumsuu, empayera Itiyoophiyaa demokratessuuf hojjechuu kan jedhantu argama. Hooggansi saa eessa taahe akka gaggeesu hin himne. Iyya dabarsii Asmaraa lallabameen ni ka’a jedhamee yoo tahe wanti mamsiisu hedduu dha.

Birraan Arabaa akka ibidda saafaa Mallasaattis ni utala jedhamee yaadamee yoo tahe “guyyaan burquqaa” ballamame ni darbe. Mallas sanaan uttu hin ta’in badiisa biyyatt hojjetuun dira’inumaa ofiin of xaxee kufuun saa waan hin oolle. Dhaabi lammafaan kaayyoo ABO ganamaatti cichee akka jiru himuun, maqaan ABO dabaan dhimma itt bahamuu, manefestoo fi ifsa qabsoo harka hin dabarre baasuu isa tokkoffaa balaaleffate. Kanneen yaada bilisummaa hin jijjiirranne walitt dhufanii akka itt ABO jabeessuuf mari’atan haala hin mijjeessine; Inni sadaffaan ammayyuu gartokkoti dudhama agarsiisaa hin jiru. Waa’ee manefestoo, tumsaa fi qabsoo harka hin dabarree irratt ejjennoo saa himuu dhiisee maqaan koo maa dhahame qofaan ifsa dheekkamsaan as bahe. Garuu warraaqxota Oromoo fi “QC”fis waamicha waliin hojjechuu godheera.

Hunda irra kan eegamu ummata Oromoott dhugaa fi keessaan laalii ta’uudha. Tarsmoon duraa fi kan jijjirame waliin gitamee fi wal bira qabamee agarsiifamuu qaba. Inni haaraan isa durii irra anjaa qaba? Qabsoo bilisummaa irratt dhiibbaa malii qabata? Miseensotaa fi deggertoota ABO ija keessa ilaalanii waan geedarammi kun barbaachiseef it himuu dandahu? Kan deggeranis kan qabsaawanis ilalchi lama jiraachuu beekanii amananii sararaa isaanitt tolu filachuu qabu. Haa tahu malee ammas naannon irratt walii gamtoomuu dandahan jiru. Mallas sochii bilisummaa fi mormitoota Itiyoophiaa irratt cinqaarrii saa jabeessaa jiraa. Oromoon gooltuu jedhamee haleellaa jala waggaa digdamaa ol jiraate. Labsi saa dhiheenyaa gurra biyyoota alafi malee ofii seeraan bulee waan hin beekneef biyya keessaaf tumaan isa hin barbaachisu. Yaadisaa biyyoota alaa dogoggorsee akka isaan kanneen bulcha hamaa jala baqataniif jireenya tolaa hin kennine gochuufi. Bubbisa Wayyaaneeti garaglchuuf malbulchalafqu’o yeroo qayyabachuu yaaluutu malaa.

Dhimma Oromoo qofa ilaalu afaan halagaanis dabarsuun akka miti jedhanii kan barreessaa kana qeeqan jiru. Yeroo kaanimmoo baquleessaa jajanii kan dhiheessan isaanumaa. Akka amma jiruti barreessaan kun waan dhossu hin qabu hundi wajjiroota alaa keessa jira. Yaaliin godhamaa jiru akka sarettii “osoo beeknuu huuba wajjin nyachuu” keenya barsiifachuu dha. Daaya saba keenyaaf qabu eenyuunuu hin dhossu. Wanti maqaa ummataan goonuu fi jedhnu keessaan laalii yk ifaa tahuu qaba. Kan dhaggeeffatu, kan ilaalu fi kan hojjetu maaltu deemaa akka jiru beekee qeequu, yaadaan gabbisuu mormuu dandeessisuun demokratummaa dha. Garlamee fi dhokataa taanaan amanamummaa nama dhabsiisaa. Dubbisooti osoo yaada dhihaate sirriiti hin xiinxalin namicha barreessee fi mata duree qofa ilaaluun waa jechuutt fiigan jiru. Sunimmoo qeeqa jibbaan guutame cufa gadi baasuu dandaha. Nammi lama waabarii yaadaa adda addaa keessa ta’aniif qunnamtiin saanii hamajaajawaa ta’uu hin qabu.

Waanti biraa yeroon keenyaa manguddoon maalumaaf afaan banatu kan jedhu. Jara sanaan bakkaa fi yeroo tokkoo keessa jiraatu. Hamaa fi tolaa uumaa fi namaan dhufu walumaan dhandhamatu. Kanaaf manguddoonis jireenya kana keessa akka mirga fi dirqama qaban irraanfatamuu hin qabu. Sirna Gadaatt hundi akka hiriyaatt qooda qaba ture. Biyya kan bulchan, diina kan irraa ittisan kanneen sanaaf giidoo qabani. Gaheen manguddoo yaada fi gorsa kennuu dha. Brreessan kun hamma qaamaa fi sammuun saa sirriiti hojjetuti yero danuun qabsoo bilisummaa irra gahu callisee ilaaluu hin dandahu. Gab jedhii taa’i jefhamuu hin barsiifanne. Karaa namaa irra waan hin dhaabbanneefis gaddhiis hin jedhamu. Yaada saaf yoo tahe, dargaggoon, yada gidiraa keessa dabarre hedu fi wayyaa tahe, jaarraa walakaa duubati nu hin deebsine hin tahin malee hawaasi gammachuun simata. Ummati manguddoo irraa dhufeen utuu hin tahin wayyaa argadhe jedhee kan barreesicha galmee seenaatt darbata.

Xumuruuf ABOn erga dhaabbatee kan gumaachee fi wareegammi baase salphatt hin laalamu. Bilisummaan Oromoo naannaa sanaf neegeenya akka uumu mamiin hin jiru. Yoo booressituun hin jiraanne ummati ollaa nagaan jiraachuu akka anjaa qabu beeka. Murnooti isaan keessaa biqilan garuu miidhama olloota irraaan abbooliin saanii gaha gaabbisiisummaa saa hin fudhatani. Tuffii sabichaaf qabaniin kan kahe olhantummaan itt fufu abjootu. Nagaan jiraachuuf garuu akka dudhaatt gaabbanii aagii tufsiifachuun isaan irraa eegama. Yoo sana godhanii araara hin buufne garuu warra gumaa tahanii hafu. Kanaaf hammasitt isaaniin firoomun safuu taha. Isaan keessaa sanaaf abbaawummaa kan fudhatan yoo jiraatan hidhata uumuun ni dandahama. Kan walii tumsuun gaaffii hin qabne saboota koloneeffatamanii fi demokraatota addunyaati. Qabsoon bilisummaa mirga hiree ofii ofiin murteeffannaa sabicha beekamee, sagalee kennatuun waan murteeffatuun xumurama.

Walaba tahee of haa bulchu yk saboota biraan tokkummaa haa filatuu irba ooffalcha ummataa irrati kennuun mirkaneesa. Kan hanga sanaatt amanan adda ummachuu ni dandahu. Maqaan ABOs kan sagantaa saa hin geeddare birati hafutu akka. Barri of dhossuu hafee hundi ifa bahee jira. Qabsoon hunda irra akka humna saati gumaacha eega malee sanyii, saalaa fi bara dhalootaan nama hin faanfanu. Bu’aa ummataaf kan hojjetamu golgamuu hin qabu. Marii ummataa fi yaada qeeqaa jajjabeesuun keessaan laalummaa gaafata. Dhaaba malbulchaa warraaqaa irra sanatu eegama. Qayyabannoo akkaa keessaa fi alaan uumuun qabsoon Oromoo Oromummaan hidhate fi kutannoo fi dudhamaan kaayyoott ciche yeroo gabaabduu keessa Bilisummaa harkatt galfachuu ni danda’a.

Jaalbiyyooti kutatanii fi kaayyoo sabaaf dudhama qaban biyyaa saaniif utubaadha.

Qabsoon bilisummaa itt fufa ofiin buluun ni dhufa!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

* Ibsaa Guutama | Gubirmans.com
Caamsaa 2011
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo.

*** Yaada, qeeqaa fi arbsoo barruu kiyya “Bilisummaa irra Facisaa”f karaa garagaraa kennamaniif deebiisa akka ta’uuf; kanneen kara fedheen qooda fudhattan hundi galata hin dhabina.