Qabsoon bilisummaa Oromoo garamitti deemaa jira?
Abdii Boruutiin | Onkoloolessa 14, 2012
Dubbistootni barruu kanaa waayee kana hin beekan yookaanis isaaniif kun haaraa dha jedhee otuu hin taane, barreeffama kanaaf seensa akka ta’an, mee gaafiilee tokko tokkon kaasa. Kaayyoon qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) maali? Oromoon maaliif qabsaa’aa jira? Maal barbaada ykn galiin Oromoon barbaadu maali? Karaa feeneen haa ilaallu; yaada fi ilaalcha feenes haa qabaannu; wanti hundi keenya irratti walii galuu dandeenyu, uummatni Oromoo bilisummaa fi biyya isaa humnaan dhabee; gabrummaa Habashaa jalatti akka kufe fi har’as gabrummaa kana keessa akka jiru; gabrummaan har’aa ammoo kan dur caalaa hamaa akka ta’ee dha jedheen yaada, amanas. Oromoo ta’ee kan dhugaa kanatti hin amanne yoo jiraate, kun karaa lamaan ilaalamuu ni danda’a. Inni tokko, seenaas ta’ee waayee ofii kan hin beekne; kan dammaqinsa hin qabne yoo ta’u; inni biraa otuu waa hundaa beekuu fi hubatuu, kan diina fi alagaarratti rarra’uu fi kaayyoo dhuunfaa qabatee isa kanaaf dursa kennu dha.
Yoo dhugaa kanaa olitti ibsame kanarratti waliigalame ammoo, kaayyoon QBO inni guddaan, gabaabumatti ibsuuf, bilisummaa fi abbaabiyyummaa humnaan dhabe sana deebisee argachuu dha. Akkamitti kana deebisee argataan ykn akkamitti galii hawwu gahaan gaafii biraa ti. Gaafii kanatti otuu hin ceene dura, kaayyoo isa guddaa kanarratti waliigaluun waan filannoo hin qabne dha. Kaayyoo kanatti amanuu fi kanarratti waliigaluun dirqama Oromummaa ti. Tokkummaan kaayyoo guddaa kanaaf hin uumamnes, ijaaramullee tokkummaa dhugaa ta’uu hin danda’u. Fedhii fi kaayyoo uummata ykn saba ofiitu akka tokkooman nama taasisa. Dhimma waliitu walitti nama fidee akka tokkooman nama godha. Tokkummaan kaayyoo ykn dhimma tokkoof ijaaramus tokkummaa fedhii otuu hin taane tokkummaa dirqamaa ti. Namni kaayyoo tokko qabu, isa kana galiin gahuuf tokkummaadhaan hojjechuun dirqama ta’a jechuu dha.
Akka waliigalaatti yoo ilaalame, qabsaa’otni fi jaarmayootni Oromoo, kan walaba ta’anii socha’aa jiran, waan kaayyoo guddaa kanarratti waliin morman natti hin fakkaatu. Kan jidduu isaaniitti dhibdeelee uume ykn uumu, gaafiilee: Akkamitti kaayyoo kana galiin geenya? fi Galiin booddee qabsoo kanaa maal ta’uu qaba? kan jedhan natti fakkaatu. Kaayyoodhuma fedhee ta’u, akkamitti isa kana galiin geenyaan gaafii cimaa fi rakkisaa akka ta’u waan amanamuu dha. Haa ta’u malee, galii kaayyoo tokkoo beekuun ykn murteeffachuun barbaachisaa dha. Namni galii tokko hin beekne ammoo, garamitti akka deemu beekuun isa rakkisuu danda’a. Galiin QBOs yoo hin beekamne ykn ifa hin taane, qabsoon kun garamitti (karamitti) akka deemu ibsuun rakkisaa ta’a jechuu dha. Waayee kanatu rakkoolee adda addaa uumaa deema.
Mana hidhaa sabootaa kan taate, impaayara Itoophiyaa tana yoo ilaalle, yeroo ammaa humnoota kaayyoo galii karaa afurii qabantu mul’achaa jiru:
• Tokkoffaa, warra sirna dulloomaa dur sana deebisuu barbaadanii fi ol’aantummaa Amaaraa deebisanii lubbuu itti horuu barbaadan;
• Lammaffaa, warra ol’aantummaa Tigree eeganii, haala amma jiru kana akkuma jirutti ittifufuu barbaadan;
• Sadaffaa, warra Federaalisimii dhugaa ijaaruu barbaadni fi karaa kanaan impaayarittii haaromsuudhaan tokkummaa ishii jiraachisuu barbaadan; Tokkummaan yoo ture fi jiraate mitii, isa kana jiraachisuun kan danda’amu?
• Afraffaa, warra walabummaa uummatoota ykn saboota isaaniitiif qabsaa’an. Asirratti jechootni lama, kan yeroo ammaa mormisiisaa ta’an “bilisummaa” fi “walabummaan” ka’uu malu.
Warra tokkoffaa fi lammaffaa yoo ilaalle, as keessa Oromoota garaaf buluuf jedhanii; diina ykn alagaa tajaajiluuf dhaabbatan yoo ta’an malee, Oromoon Oromummaan onnee isaa/ishii keessa jiru, kan kaayyoo ykn galii kana deeggaru/deeggartu jira/jirti jedhee yaaduun na rakkisa. Humnootni kun warra QBO dadhabsiisuu fi yoo danda’ame sirumaa dhabamsiisuu barbaadan waan ta’aniif, isaan kun farra QBO ti. Warri tokkoffaan warra bu’aalee QBOn hanga har’aatti galmeesse kanaayuu balleessuu barbaadani fi Oromiyaa dhiiga fi lafee gootota Oromootiin ijaaramte tanaa kaartaarraa haxaayuuf halkanii fi guyyaa hojjetanii dha. Diinni hamaan uummta Oromoo isaan kana. Haa ta’u malee, abjuun isaanii kana ta’us, uummtani Oromoo haxaawamee Addunyaa kanarraa bada malee, sarana sirna dur sanatti deebi’ee, kan isaan jalatti gabroomsamu ni jiraata jedhee hin yaadu, hin amanus.
Akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti, warri sadaffaan diina uummta Oromoo ti yookaanis farra QBO ti jedhee hin amanu. Maaliif yoo jedhame, impaayarittiin tun sirni ishii diigamee; Federaalisimiin akka amma jiru kana otuu hin taane, Federaalisimiin dhugaa ijaaramuu yoo danda’e, kun gara QBOtiinis yoo ilaalame qabsoo kana tarkaanfii tokko gara fuulduraatti oofuu danda’a malee, wanti Oromoo miidhu ykn qabsoo kana gaaga’u ni uumama jedhee hin yaadu. Haa ta’u malee, gaafii guddaan asirratti ka’u: Eenyu wajjin waliigalamee fi hojjetameeti kaayyoon akkanaa kun dhugoomuu danda’a? kan jedhu waan ta’uuf, anis asirratti shakkiin qaba. Gaafiin biraas kan asirratti ka’u: Warri halkanii fi guyyaa tokkummaa Itoophiyaa faarsan, keessumaayuu Habshootni, dhuguma kaayyoo akkanaatti amananii; warra biroo wajjin hojjetanii isa kana galiin gawuu danda’u? kan jedhu ta’a.
Habashootni, tooftaaf jedhanii, saboota cunqurfamoo, keessumaayuu Oromoo, ofitti harkisuuf; isaan kanatti fayyadamanii kaayyoo ofii (kaayyoo dhokataa) galiin gawuuf yoo ta’e malee, dhuguma Federaalisimii dhugaatti amananii hojjechuu ni fedhu jedhee yaaduun baay’ee na rakkisa. Dabni isaanii (yannassuu bilxaa bilxinnat) nuuf haaraa miti. Kana hubachuu dhabuutu mooraa keenya keessatti rakkoolee uumaa ture, uumas jira, ittifufuullee mala. Daba isaanii isaanuu nutti himaa jiru. “Oromoo yawwaah nawu” kan jedhan maalirraa ka’anii ti? Gowwoomsamuu keenya waan arganii fi beekaniifii mitii? Maarree, otuu humna ofii hin cimsin; otuu mooraa ofii hin jabeessin; otuu waliigaltee hin qabaatin; diina nama gowwoomsuuf yaalii hundaa godhu kana amala isaa fi shira isaa otuu beeknuu, isaanitti fiiguun, isaan jala kaachuun maaliifi?
Humnoota biroo waliin tumsa ijaaruun waan haaraa miti; kan Oromoos adda ta’uu hin qabu. Diina waloo cimaa tokko kuffisuuf tumsa ijaaruun barbaachisaa ta’a. Haa ta’u malee, tumsa alaa otuu hin barbaadin dura, tokkummaa ykn tumsa mooraa ofii uumuun, akka gaaga’amni namarra hin geenye wabii ta’a. Yoo kun hin taane ykn hin jiraanne, kophaa kophaa deemanii diina fi alagaatti fiiguun xumurri isaa gaarii hin ta’u. Yoo humni mooraa ofii cime, warri tumsa nama wajjin ijaaranillee nama sodaatu. Yoo humni mooraa ofii laafaa ta’a ammoo, dura namatti fayyadamanii; sana booda kophaa kophaatti nama rukutu. Tooftaan akkanaa kun ammoo Habashoota biratti waanuma beekamuu dha. Kanaaf, isaan wajjin hojjechuun ykn isaanitti fiiguun akka gamnummaatti ilaalamuun dogoggora.
Akkuma kanaa olitti ibsame, kaayyoon QBO inni guddaan tokkuma. Innis bilisummaa fi abbaabiyyummaa saba Oromoo mirkaneessuu dha. Tooftaaf jedhamees haa ta’u, kan rakkoo uume garuu ilaalcha galii booddee qabsoo kanaa ti. Karaa kanaan qabsaa’ota mooraa keenyaa bakkee saditti baasnee ilaaluu ni dandeenya. Isaanis gabaabumatti ibsuudhaaf:
• A) Warra Federaalisimiin dhugaa ijaaramee; uummatni Oromoo ofiin of bulchuu yoo danda’e (oromian autonomy), kunuu gahaa dha warra jedhan;
• B) Warra hiree ofii kan ofiin (ofiif) murteeffatu uummata Oromoo waan ta’eef (self determination of the Oromo people), galii booddee qabsoo isaa innumti haa murteeffatu jedhanii galii kana banaa godhanii dhiisan;
• C) Warra biyyi keenya Oromiyaan kolonii jala waan jirtuuf, guutumaa guutuutti walaboomuu qabdi (complete independence) jedhan
Fedhiin dhuunfaa fi kaayyoon biraa yoo duuba jiraatellee, kana akkuma jirutti dhiisnee; waan isaan kun sadeenuu waliin qaban (kan waloo) yoo ilaalle, hundi isaaniituu akka uummatni keenya gabrummaa jalaa bawu barbaadu jedheen yaada. Namni fedhii kana hin qabaanne, farra QBO waan ta’uuf, ani qabsaa’aa dha ofiin jedhee maqaa kanaan daldaluun irra hin jiru; mooraa diinaatti galuu qaba. Uummatni Oromoo gabrummaa Habashaa jalaa akka bawuuf qabsoofna yoo jedhan, galiin isaan barbaadanillee gara gara yoo ta’e; ammaaf kaayyoo kanaaf tokkoomuun; yoo tokkummaan hin danda’amne tumsa waliif ta’uun silaa dirqama ture. Inni kunuu hafee; olola walirratti godhuu dhiisanii; mooraa keenya keessatti nagaa fi tasgabbiin akka uumamu taasisuunuu sadarkaa isa duraa ture. Nagaa fi tasgabbii uumuun maaliif barbaachisaa ta’a? Yoo nagaa fi tasgabbiin uumame:
• Tokkoffaa, waldura dhaabbachuudhaan humna walii laaffisuurra, hunduu karaa danda’aniin hojjetanii waldorggommii dhugaa godhanii bu’aa tokko buusuu danda’u
• Lammaffaa, yoo olola walirratti godhuun dhaabbate, diinatti qaawwi waan cufamuuf, jidduu keenya seenee, akka walirratti duullu taasisuuf carraa hin argatu
• Sadaffaa, uummatni keenya warra caalaatti isaaf qabsaawu fi bu’aa argamsiisu addaan baafatee, kan cime duuba fi wajjin hiriiruu danda’a
• Afraffaa, hamileen diina QBO laafuu danda’a. Hawaastonni Addunyaallee ija biraatiin nu ilaaluu danda’u
Faayidaan inni qabu kana qofaa miti. Nagaa fi tasgabbiin mooraa keenyaa, bu’ura waa hundaa ti, abdii egeree ti. Tokkummaan keenyallee asirraa madda. Bakka nagaan jiru tokkummaan jiraachuu danda’a. Yoo nagaa fi tasgabbiin hin jiraatne, waldiigumsi ittifufa. Kanarraa kan bu’aa argatu ammoo, diina Oromoo qofaa dha. Uummatni keenya kanarraa bu’aa takkallee hin argatu.
Waayee nagaa fi tasgabbii mooraa QBO ergan kaase, mee carraa kanaan waan yeroo ammaa deemaa jiru fi hubadhe tokkon ibsuu yaala. Innis waayee Waltajjii Marii Oromoo (WMO) jedhamuun yeroo ammaa mumul’achaa jiru dha. Duraan dursee, wantin dubbistoota barreeffama kanaa hubachiisuu barbaadu, ani akka nama tokkootti, akka ilma Oromoo tokkootti, warra WMO jedhan kana deeggaruufis ta’ee balaaleffachuuf miti. Garuu, wantan hubadhen ibsuu barbaada. Bakkuma fedhettuu, eenyu wajjinuu haa ta’u, marii godhuun waan badaa miti. Mariirraa waa baayeetu madda. Hubachuu fi wal hubachiisuunillee mariirraa argama. Akka hanga ammaatti beekamutti, jarri kun waltajjii marii jedhan malee, akka jaarmayaa ykn dhaaba tokkootti ijaaramanii;sagantaa fi kaayyoo tokkoon gadi hin baane. Garamitti akka deeman beekuun yoo hin danda’amnellee tilmaamuun garuu ni danda’ama ta’a. Kana kanumman dhiisuun barbaada.
Karaa biraatiin yoon ilaalu garuu, haala bara 2008 uumame sana wajjin wal bira qabee yoon ilaalu, waanuma gara tokkotti deemu natti fakkaata. Maal jechuu kooti? Bara sana warri KY ABO jedhanii jijjiirama labsan; akka jalqabanitti waanuma yeroo gabaabaa keessatti raajii tokko mul’isan fakkaatee ture. Uummatni bilisummaa beelaye fi dheebotes, amma jijjiiramni dhugaa tokko ni dhufa jedhanii akkamitti akka hamileedhaan ka’an waan hirraanfatamuu miti. Haa ta’u malee, yeroo gabaabaa booda waa abjootame sun hunduu abjumatti hafee; boodarra siriidhaa gareen sun bakkee lamaa saditti caccabee hafe. Mooyxannoo sanarraa ka’ee yoon hubadu, adeemsi ammaa kunis (kan warra WMO), akkuma yeroo sana “jijjiirama” jedhame, har’a ammoo “mul’ata haaraa” jedhanii qalbii uummata keenyaa harkisuuf yoo ta’e malee, mul’atni haaraan kun waan adda ta’e tokko ni argamsiisa jedhee yaaduun na rakkisaa jira. Dhugaa dubbachuudhaaf, shakkii qabun ibsuu barbaade malee jara kana hamilee isaanii cabsuufii miti.
Abbaan fedhe, karaa danda’een jijjiirama tokko uummata keenyaaf fiduu yoo danda’e, ani baay’een itti gammada. Ani akka ilma Oromoo tokkootti, Oromoon akka walirratti duulu hin barbaadu. Amanamus amanamuu baatuus, ani nama tokkummaa ilmaan Oromootiif cinqamuu dha. Diinnii nu keessa seenee akka nu qoqqoodu hin fedhu. Kanaafan mooraa keenya keessatti nagaa fi tasgabbiin uumamuu qaba jedhee irra deddeebi’ee dubbadha. Nagaa fi tasgabbii dhabuu mooraa keenyaarraa; wal abaaruu fi wal arrabsuu keenyarraa; kan bu’aa argatu diina keenya qofaa dha. Kanaaf, wal abaaruu, wal arrabsuu, olola walirratti oofuu, hamilee walii cabsuu, sakaallaa walitti ta’uu, diinni otuu jiruu isa dhiifnee walirratti duuluun dhaabbachuu qaba.
Mammaaksa Oromoo lamaan tokkoon barruu kiyya xumura. “Kan dandeessu dhaani jennaan, gowwaan galee niitii dhaane” fi “Foon lafa jiruuf allaattiin samiirratti wal nyaatti” Kan dhaanamuu qabu silaa diina cimaa dha malee laafaa ofiitii miti; diina hamaa nu nyaachaa jiru dhiifnee, walirratti duuluun hiika hin qabu. Humna keenya jabeessinee diina keenya injifachuu qabna. Har’a sagalee tokko dubbachuunuu humna qabaachuu agarsiisa. Olola walirratti oofuu fi wal dadhabsiisuu haa dhaabnu. Sababa fedheenuu haa ta’u, tokkoomuun yoo hin danda’amne, qabsoo waloo kana cimsuuf karaa danda’amu hundaan wal gargaaruu fi tumsa waliif ta’uun yeroon isaa amma dha. Kun fedhii keenya qofaa otuu hin taane dirqama Oromummaa ti. Oromoon wal malee gargaarsa biraa hin qabu. Fira QBO caalaa diina isaatu heddooma. Kana hubatnee bakkee hundatti humna keenya cimsuu qabna.
Galatoomaa!
Abdii Boruu: aboruu@gmail.com



Kabajamaa barreessaa barruu kanaa, galatoomi. Hojii jabaa eegalte kana illee akkuma siif dandaa’ametti ittifufiinsaan nuuf gumaachi.
Sababiin laafina/dadhabina QBO hedduu ta’uu mala. Garuu iddoo 2tti qoodnee ilaaluu dandeenya:
a) Rakkoo Keessaa- Rakkina Oromotomaan uumaman
- Galma irratti waliigaltee dhabuu
- Amantii fi gandaan walqooduu
- Faayidaa dhuunfaaf jecha qabsoo gatuu
- dammaqinsi ummanni Oromoo waa’ee siyaasaa qabu amma illee baay’ee xiqqoo ta’uu (kunis ilmaan oromoo amma illee barumsa ammayyaa sirriitti argachaa akka hinjirre mul’isa)
b) Rakkoo duubaa
- Biyyootni guddatan faayidaa isaaniif jecha diinota keenya wajjin hiriiruu isaanii
- Biyyoonni ollaa fayidaa isaaniif jecha diinota keenya wajjin hiriiruu isaanii
- …
Kanaaf maal haa goonu?
1. Ummanni hundi walfaana ka’ee akka qabsaa’uu hin’eegamu. Kanaaf gareen galma QBO tokko irratti waliigalan “active”ta’anii QBO finiinsuu yoo eegalan battalatti ummanni duubaan deeggaruu dandaa’a. Kanaaf qaamni “initiative” fudhatee ibidda qabsiisuu barbaachisaa dha.
2. QBO galma jijjiruu utuu hintaane tooftaa fi tarsiimoo bara wajjin adeemu irratti xiyyeeffatee adeemuu qaba. Fknf. Humna meeshaalee waraanaa nuuf kennu/nutti gurguruu yoo dhabne warruma diina keenyaaf loltuu taane qawwee isaaniitiin isaan loluu dandeenya. Qawwee dhabnus meeshaalee uumamaa ka akka ibiddaatiin dhaabbata isaanii mancaasuu dandeenya.
Obbo Abdii, nageenyi haa dursu. Waan gaarii, yaada nama yaachisu, nama jajjabeessu barreessite. Yoon galatoomi siin jedhe waanan dogoggore natti hin fakkaatu. Dhuguma, rakkoo guddaatu jira. Rakkoon kun immoo rakkoodhuma ilmaan Oromoo walitti fidde. Krrssaayyuu warra bayee biyya guddate jiraatu, warra waayee bilisummaa sirriitti beeku. Warra biyya guddate argee akkamitti akka uummanni tokko guddachuu dandaye beeku. Ummanni Oromoo biyya keessa jiru, warra siyaasaa oofaa jiru yoo taye malee, waan hundanuu tokkuma. Sabaa himaalee qabaatee waayee addunyaa kanaa arguufi dhagawuu baatus, namni eenyumaa ofiitti amaneetuma jiraata. Otoo hoogganaa, nama dura bu’ee lolee lolchiisu argatee akka warra baradhe jedhee waan hin taane keessa galee dhiiga lammii isaatin daldaluu otoo hin taane, eenyumaa isaa, hegeree isaa bilisa baasuf, akkuma lolee Xaaliyaanii biyyasii (Toophiyaadhaa) baasetti diinas of keessaa baasayyu ture. Naannoo hundatti uummanni aadaa isaa deefataati jira. Diinni hardha isaan bulchuu dandeesses ilmaanuma Oromootti fayyadamteeti malee qotee bultoota keenya gowwuumsitee miti. Waan yeroo sana Daaccee Goobanaa uummata Oromoorra qaqqabsiise baadiyyaanuu sirriitti beeka. Rakkoon guddaan garuu isa warri uummanni abdate deebi’ee wal qoodee deebi’ee bilisummaa uummataatti gufuu taye. Jaroonni adaraa biyyaa fudhatanii, kaayyoo dhiigni nama meeqaa dhangala’eef irraa goranii, hardha waayee tokkummaa Toophiyaa, waayee “federalizimii” maalii, maalii inni jedhan bu’aa waan buusu natti hin fakkaanne.
Namichi tokko “ginbot-7′ keessaa, inni Amiin Junadiin faa wajjin kaatan tokko, yoo gaafii-
“Yoo filmaata darbe irratti Afaan Oromoo Afaan Amaaraa wajjin wal qixxaateti hojjata jettanii akkamitti hamma “Biyya tokko, afaan tokko, amantii tokko.” jettanii dubbattu?” jedhamee dhiyaatef, “Yeroo sana gowwoomsinee sagalee isaanii argachuuf malee akkas tawuu hin dandawu.” jedhe.
Ofumaaf wal tuffachiifna.
Duraan dursanii kaayyoo ABO duraatin deemutu namarra tureeyyu. “Uummata Oromoo waanjoo garbummaa jalaa baasuu.” sana booda murtee biraa ,eenyu faana akka jiraannu, akkamitti akka jiraannu, eenyu nu haa bulchu kkf.
Biyyoonni gugurdatan nu jibbanii otoo hin taane, akka lammii (saba) biraatti itti iyyanee rakkina uummata keenyaa biraan waan hin geenyefuu, akkamitti nu gargaaruu dandawu?
Warri ollaas sanuma.
Mammakis Oromoo tokko jira=-
“Yoo abbaan iyyate ollaan namaa birmata.” jedhu.
Ameerikaas tayee biyyoonni kaan namuma (dhaabuma) humna qabu gargaaru.
Kana waan tayeefuu, wal ganuu dhiifnee, tokkummaan kaanee, akkuma dandeettii keenyatti uummata keenya gargaarree seera hardha irra jiru jijjiiruu barbaachisa. Yoo callisnee teenyee warruma uummata addadda qoodee diina gargaaru qofa komanne, nutis waan callisnee teenyefuu, seenaa hegeree fuunduratti ittuma gaafatamna.
Oromiyaan ni bilisoomti!
Obbo Borru,
Galatoomi xinxalakee kanaaf. Waan Atti jette siridha. Hundumtuu waan nutokomsissuu irratti waaliin dhabachudha qaba. Yeroofi wan heedunn dadaffe waan jijirama jiruuf ciisuun Oromo kuun nubaleesuf yoo tahee malee kan biraa mitti. AKanee wal haa cimsinuu.
Nagaatti
Abdiii Boruu galatoomi.
xiinxala gaari dha. WMO irratti shakki/mormii qabdu haala “civilized’ ta’een ibsite. Anis akkuma kee ilma Oromoo tokkummaa oromootti amanu tokko malee garee kamiyyu hin jibbu/mormu. haata’u garuu WMO fi warra jijjiramaa bara 2008 walitti fiduun doggoggora guddaa dha.
1-WMO toftaa haaraa marii irratti hundaa’uun (uumata marii’achiisuun) galii wayitti ba’uuf kan deemu malee garee tokko keessaa buqa’ee garee kan biroo irratti duuluuf miti
2- WMO gandaan wal ijaaree Oromoo gandaan qooduuf waan dalage tokko hin qabu
3-WMO akka warra jijjiramaa ija dunuunfatee ji’a 6 ykn 3 keessatti oromiyaa biliisomsa hin jenne. dhugaa lafa jiru waan sirritti beekuuf uumata sobaa hin jiru.
4- WMO qalbii oromoo kan hawaate waan xixiqoo yeroof mira namaa kakaasan dhihessuun miti. kana kjechuun, WMO Mooraan qabsoo Oromoo tasgabaa’uu qabdi, kanaaf mariitu barbaachisaa yedhee yeroo fudhatuun uummata mar’iiachisaa jira. kunimmoo yaada eebbifamaa kan Oromoon baroota dheeraaf dheebochaa ture dha.
Waluumaa galatti namoonni ykn gareen kamiyyuu WMO fi warra jijjiramaa walitti fiduu yookaan tokko godhaanii ilaalan warra dhugaa QBO keessa jirtu takkaa sirreetti hin beekne yoookanimmoo warra ilaalcha gartummaan ijjisaanii jaamee of(dhaaba keessa jiran) irraa dabarsanii waabiroo ilaaluu hin dandeenye qofaa dha.
Akka ilaalcha kiyyaatti WMO kana rakkoo walxaxaa keessa jirru ilaalee waaqatu/rabbitu nuuf uume. Waaqa oromoo waaqa garraamii!
galatoomi
Duraan dursee yaada dhiyeessitaniif hundi keessanuu galatoomaa.
Tuluu (Tulluu?),
Tokkoffaa, “…WMO irratti shakkii/mormii qabdu…”
kan jette, jecha “mormii” jedhu keessaa baasuu qabda. Akkuman barreeffama kiyya keessatti ibse, ani WMO tiin hin mormu nan deeggaras, hin deeggarus hin jenne. Mee kunoo barreeffama kiyya keessaa isa kana ilaali:
• “…Duraan dursee, wantin dubbistoota barreeffama kanaa hubachiisuu barbaadu, ani akka nama tokkootti, akka ilma Oromoo tokkootti, warra WMO jedhan kana deeggaruufis ta’ee balaaleffachuuf miti…”
Lammaffaa, “…WMO fi warra jijjiramaa bara 2008 walitti fiduun doggoggora guddaa dha…”
kan jetteef, qabiyyee barreeffama kiyyaa waan sirriitti hubatte natti hin fakkaatu. Ani HAALA yeroo sana (2008) uumamee ture fi amma deemaa jiru kana walbira qabee ilaaluf malee, WMO fi warra jijjiiramaa (KY ABO) yeroo sanaa akka jaarmayootaatti ilaalee walitti fiduufii miti. Akkan hubadhutti WMO ammaaf jaaarmayaa ykn dhaaba natti hin fakkaatan. Kanaaf akka jaarmayaatti walbira qabanii ilaaluun dogoggora ta’uu danda’a. Waayee kanaafis mee kunoo isa kana ilaali:
• “…Mooyxannoo sanarraa ka’ee yoon hubadu, adeemsi ammaa kunis (kan warra WMO), akkuma yeroo sana “jijjiirama” jedhame, har’a ammoo “mul’ata haaraa” jedhanii qalbii uummata keenyaa harkisuuf yoo ta’e malee, mul’atni haaraan kun waan adda ta’e tokko ni argamsiisa jedhee yaaduun na rakkisaa jira. Dhugaa dubbachuudhaaf, shakkii qabun ibsuu barbaade malee jara kana hamilee isaanii cabsuufii miti…”
Kunis shakkii ibsuu dha malee, mormii agarsiisuu miti. Mariin godhamu deeggaramuu qaba malee ittiin mormuun sirrii miti. Kanaafis kunoo:
• “…Bakkuma fedhettuu, eenyu wajjinuu haa ta’u, marii godhuun waan badaa miti. Mariirraa waa baayeetu madda. Hubachuu fi wal hubachiisuunillee mariirraa argama…”
Mee hubadhu, kun mormii agarsiisuu dhaa?
Dhumarratti, “Waluumaa galatti namoonni ykn gareen kamiyyuu WMO fi warra jijjiramaa walitti fiduu yookaan tokko godhaanii ilaalan warra dhugaa QBO keessa jirtu takkaa sirreetti hin beekne yoookanimmoo warra ilaalcha gartummaan ijjisaanii jaamee of(dhaaba keessa jiran) irraa dabarsanii waabiroo ilaaluu hin dandeenye qofaa dha.” fi
“Akka ilaalcha kiyyaatti WMO kana rakkoo walxaxaa keessa jirru ilaalee waaqatu/rabbitu nuuf uume. Waaqa oromoo waaqa garraamii!”
kan jetteef, WMOs ta’ee kan biroo raajeffachuun mirga keeti. Isaaniif dhaabbattee mormuunis akkasuma. Haa ta’u malee, namootni biroos akkuma kee yaada isaanii dhiyeessuudhaan WMO fi gareelee biroo walbira qabanii yoo ilaalan ykn kan ilaalan ta’e, kunis mirga isaanii ti. Garuu, isaan kun warra dhugaa QBO keessa jirtu hin beekne ykn warra… ijjisaanii jaame jechuun kee sirrii natti hin fakkaatu.
Kan biraa, WMO waaqatu/rabbit nuuf uume kan jetteef, waaqni/rabbi isaan uume ammas hojii gaarii isaan dalagsiisee; akka bu’aa tokko nuuf argamsiisan isaan haa gargaaru jedheen yaada koo xumura.
Nagaatti
Akkaataa Wayyaaneen Oromiyaa keessatti caasaa ishii diriirfatte yeroo heddu irra deddebi’anii barreessitoonni fi beektotni Oromoo nu hubachiisaniiru. Kan maatii shan shaniin addaan nu qoodanii nu to’achaa fi nu gabroomfataa jiran wallaalaa keenyatti dhimma bawuuni.
Nuti immoo faallaa kanaa kan ta’e beektota keenyatti dhimma bawuun warra diinaaf ergaman kana bakka dhaloota keenyaatti deebinee addaan baafnee beekuu qabna. Warra gorsaan deebi’uu danda’an gorsuu fi daba Wayyaaneen dhala Oromoo, qabeenya Oromoo (bishaan, bosona, albuuda fi kkf.) irraan gayaa jirtu hubachiisuu dha. Warra dide immoo tarkaanfii irratti fudhachuu malee falli biraa hin jiru.
Akkana yeroon jedhu gandummaa leellisuuf miti. Haaluma keessa jirrutu kana nu dirqisiisa. Waan hunda caala immoo isa Wayyaneen alagoota Afaan Oromoo beekan OPDO jettee maqaa Oromootiin ummata keenya isa hin baratiin dogoggorsitu kanatu akka akkasitti yaadnu nu dirqisiisa.
Gubbaa dhaa warri hooggana kennu dirqiidhaan gandaan gurmaawuu hin qaban. QBOn bara dheeraa keessa ilmaan Oromoo wal barsiiseera. Ani kanin jechaa jiru caasaa (bottom up) ykn. grassroots asii ol ta’e ijaaruu qabna.
Oromoon wali isaa irratti malee diina isaa irratti qabsaa’ee furmaata argachuuf yaaliin inni godhaa ture hoogganota harroota dantaa mataa isheef olii fi gadi fiigaa turteen daandii irraa maqee jira. Kanaaf qabsoon garamitti deemaa jira kan jetteefi; Garamittuu adeemaa hin jiru. Qabsoon qabsoo haa ta’uuf hoogganni haaraan; gootni dhugaan biyya keessaa; ummata keessaa ka’uu qaban jedha. Kanaaf qabsoo hin jirreef if hin dhamaasinaa!!