The Legendary Oromo Mother’s Song: “Yaa Mootummaa”
Faaruu Haadha Mootummaa
Adoolessa 24, 2012 (Ayyaantuu.com) – Mootummaan Kaaba Oromiyaa, Salaale ti dhalatee guddate. Ilma tokkicha qofaa waan qabduuf, haati isaa qananii dhaan guddifte. Farda-sangaa bulloo, qawwee zinnara isaa wajjin bitteef. Haadha warraa bareedduu fuusifte.
Akkuma beekamu, Oromoon Salaalee sirna Nafxanyaatiin gidiraa guddaatu irra gaye. Mootummaan roorroon itti baay’atnaan nafxanyaa heddu galaafate. Sirnichi nama nyaataan sun qabee Karchallee Alam Baqqaa ti umurii guutuu akka hidhamu itti murteesse.
Roorroo kanatti kan gaddite Haati Mootummaa faaruu ilma ishiitii Alam Baqaa kessatti gaafachuu yeroo dhaqxu jettu haadholiin keenya nuuf dabarsaniiru:
Yaa Mootummaa:
Yaa Mootummaa yaa ilma koo
Tokkicha koo, tokkicha koo,
Farda jennaan bulloo sii bitee
Qawwee jennaan beeljigii bitee
Niitii jennaan bareedduu fidee
Maalin balleesse yaa ilma koo?
Tokkicha koo, tokkicha koo.
Yaa Mootummaa yaa ilma koo
Tokkicha koo, tokkicha koo,
Yaa Mootummaa bulloo shurshuraa
Alam Baqaa buutee na duraa
Yaa Mootummaa gurracha Turaa
Alam Baqqaa buutee na duraa
Itti hin bartuu galaa shumburaa
Garaa si muraa, garaa si muraa.
Yaa Mootummaa yaa ilma koo
Tokkicha koo, tokkicha koo
Koottu hin gallaa Salaalumattii
Iyyan lammiin namaa birmattii
Koottu hin gallaa Salaale wayyaa,
Biyya jabbiin namaa guddattuu,
Biyyaa lammiin namaa dubbattuu.
Maalin balleesse yaa ilma koo?
Tokkicha koo, tokkicha koo.
Yaa Mootummaa guraacha Turaa,
Itti hin bartuu galaa shumburaa,
Garaa si muraa, garaa si muraa.
Yaa Mootummaa kittaa walaloo,
Itti hin bartuu hidhaa wadaroo,
Koottu hin gallaa Salaale Wayyaa,
Biyyaa jabbiin namaa guddattuu,
Biyyaa lammiin namaa birmattuu.
Yeroo hundumaa, faaruu kana mana hidhaa keessatti faarfachaa turte nuun jechaa turan haadholiin keenya. Miid’dhaan dubartoota Oromoo irraan gayaa ture fi har’a illee daran babal’achaa jiru akka laayyootti waan bira darbamu miti. Kanaaf, roorroo haadholii keenya irraan, obboleetiiwwan keenya irraan gayaa turee fi ammas gayaa jiruuf yaadannoo akka ta’u, faaruu seena-qabeessa kana artistootni fi barreessitootni keenya walaloo isaa guutuu wajjin dhaloota dhufutti dabarsuu qabu jedheen amana.
Oduu durii fi faaruun hadholiin waa heddu ilmaan isaaniitti dabarsu. Mootummaan nama tokko mitti warri jedhan illee jiru. Mootumaa Oromiyaa isa humnaan cabe warri jedhanis jiru. Waan hundaafuu, ani warra seenaa qorataniifan dhiisa. Amman ofii beeku isiniif hire. Faaruun kun haadholii ilmaan isaanii mana hidha Wayyaanee keessatti gidiraa argaa jiraniif yaadannoo haa ta’u.
Jiruu Barii yaada dhiyeesse. Walaloon Jamamaa Luuccessaa fi Mortaarin itti ida’ame.



Good Job
Seenaa kana daa’imummaa kiyya irraa jalqabee warra kiyya irraa dhagaahaan ture.Haata’u malee sheekkoo ykn oduu dur natti fakkaataa ture;seenaa dhugaa ta’uu isaa kanan dhagahe kunoo amma.
Walaloon haati Mootummaa mararfannoo ilma ishiif jecha baafte armaan olitti kan barreeffame ol ta’uu mala. Mee dabalaa daddabalaa qo’adha. fakkeenyaaf:
yaa Mootummaa bulloo shurshuraa
alam-baqqa hinbuutu na duraa
nugusni keenyi iyyuu nu fura
….
kan jedhamu faa of keessaa akka qabu nan beeka.
Hojii dansa;seenaa akkanaa kana babbaasaa.
Kun OPDOf jedhamee tauu qaba. Akkan yaadutti Mootummaan OPDO yeroon amma kan gara uummata isaaniitti galani
Mortaar,
Dhuguma kee ti. Walaloon faaruu kanaa kana qofaa miti. Ani amman yaadadhu qofaan barreesse. Kanaafin barreessitoota, artistoota fi warra seenaa qoratuuf dhiise. Yeroon daa’ima ture waanin dhagayeef hunda yaadachuu hin dandayu. Kanin dhagayee barri isaaa dheeraa dha.
Walumaan haa gabbifnu; seenaaf galmeessinee dhaloota dhufuuf haa dabarsinu.
Jiruu Barii
Galatoomi Obboo Jiruu Barii
Mee anis ittin siif dabala. Garuu kanan ittiin dhagahaa ture maqaan Mootummaa otoo hin taane Beekumaa ture. Haatahu malee walaloon isaa sanuma.
Yaa Beekumaa kittaa walaloo,
itti bartaa idhaa wadaroo ?
Yaa Beekumaa gurraacha Turaa
Alam baqqaa buutaa na duraa
Beenu hin gallaa Salaale wayyaa,
Biyya Jabbiin namaa guddattuu
Biyya lammiin namaa dubbattuu
Kan kana fakkaatus tokko akka kanaa gadii ture. Mootummaa Hayila Sillaasee irraatti fincilee gara dhaqu dhabuu dhaan kan qofaa isaa bosona gale Bokonaa nama jedhamu ture. Haatahu malee otuma bosona keessa jiruu dubartii tokko magaalaa keessatti jaalate. Dubartiin kunis mootummaa waliin wal taatee Poolisa itti waamtee qabsiifte. Sana booda aati Bokonaa gadditee akkas jette.
Akkas taatee yaa ilma koo ?
akkas taatee yaa Bokonaa ?
Fishaaleetu daadhii dhugemoo ?
Beeljootu araqee dhugemoo ?
sumatu machaahee kuferee ?
Bokonaanis akkas jedhe.
Akkas mit yaa aadha koo,
Fishaaleen daadhii hin dhugnee,
Beeljoon araqee hin dhugnee,
anis machaahee hin kufnee.
Kan addaatu maali jennaan,
Galabaa garbuuti jettee.
kan shokoksu maali jennaan,
baala baaqilaati jettee.
kan didichu maali jennaan,
ashkaroota kooti jettee.
kan ususu maali jennaan,
garadoota kooti jettee.
Ennaan an rafee bir jedhuu,
Fishaleen fannootti jiraa.
Beeljoon irkisaatti jiraa.
anis hidhameetan jiraa.
Beeljoo koos na baachisanii,
Ambo gad na laalchisanii.
duuriyyee na dhaansisanii.
Singanuu jetteeti malee,
ani machaahee hin kufnee.
Zannabuu mucaa Baqqalaa,
sin ganuu jetteetu na gantee,
si haa ganuu guyyaan Sanbataa.
yoon asiin afeef falamtee.
yoon asii galeef qalamtee.
jedhee aadha isaatiif deebise jedhu.
Galatoomi Obbo Jamamaa Luuccessaa! Waan heddu na yaadachiifte. Jamamaa namni jedhamus sirna Hayila Silaasee irratti fincilee ture. Warri koos akkasuma fincilanii turan. Sareen wal nyaattu bineensatu jidduutti nyaata jedha Oromoon. Wal tumsanii loluu irra waliinis otoo lolanii gara lachuu sirni Nafxanyaa isaan nyaate.
Anis sirna Wayyaaneen kunoo amman beekuun lolaan jira. Isa dabre irraa barannee wal dhiifnee diinaan loluu qabna.
Waan Jamamaa fi Shifarraawu hojjatan fi waan wasiillan koo faa hojjachaa turan sirriittan yaadadha. Isa hafe immoo seenaa isaaniin dhagayaa gudadhe..
Waan heddu na yaadachiifte Obbo Jamamaa. Galatoomi!
Gaariidha jabaadhukaa tokkicha koo atis