Waamicha Walga’ii WWDO
Akkuma sagantaa keenya ji’a dabree irratti beeksifame walga’iin WWDO idleen Dilbata Adoolessa 1, 2012, waaree booda sa’aa 6:00 irraa jalqabee gaggeeffama. Sirna walga’ii keenya irratti qophiileen bashannansiisoo taa’an kan shamarran keenya addatti qoda fudhatan, sagantaan addaa-addaa fi wal-barsiisuu qophaa’ee jira. Kanaaf, dargaggoonni Oromoo Washington DC fi naannooshee jiraattan walga’ii keenya irratti argamuun afuura fi hamlee Oromummaa nugidduu jiru akkasumas inaaffaa guddina uummata keenyaaf qabnu nuwajjin akka hirmaattan waamicha keenya isiniif dabarsina. Qophii keenyatti bashannanaa walbira jiraachuu keenya haa muli’fnu!
Bakki: Jaarmiyaa Hawaasa Oromoo,
6212 3rd Street, NW,
Washington, DC 20011
Koree gidduu WWDO (Waldaa Walgargaarsaa Dargaggoota Oromoo) irraa


Jabadhaa, tokkumma keeyasani fi ka lammii keyisan cimsaa!