Waamicha Walga’ii WWDO
Nagaa keenya obbolummaa dargaggoota Oromoo DMV (District of Columbia, Maryland fi Varginia) jirrattan maraaf dabarsina.
Akkuma beekamu walga’iin WWDO (Waldaa Walgargaarsa Dargaggoota Oromo) kan ji’aa Dilbata Hagayya 05, 2012 geggeeffama. Sagantaa guyyaa kanaatti qophilee bashannansiisoo fi barsiisoo dhiyaatanitti dabalee waa’een aadaa fi seenaa Oromoos tartiiba qabatee jira.
Kanaaf, guyyaa kanatti dargaggooti Oromoo naannoo DC, MD fi VA jirattan marti dhuftanii sagantaa kantti akka hirmaattan akkasumas tokkummaa keenya akka ibsinu WWDOn isin hafeera.
Guyyaan: Hagayya 05, 2012
Bakka walga’ii: Waajjira Jaarmiyaa Hawaasa Oromoo
6212 3rd St, NW
Washington, DC 20011
Sa’atii: 6:00w.b.
Galatoomaa.
Koree Gidduu WWDO


Dargaggoo keenyaa !!!
Yeroon hammaa yeroo seenaa bara darbee teenyee waliin haasofnu/mari’annu otoo hin ta’iin seenaa haaraa hojjachuuf ofii keenyaafis ta’ee uumanni keenya itti qophaa’uu qabu akka ta’e wal hubachiisuun cimnee irratti hojjachuu qabnu akka ta’e akka wal hubachiiftaniiqabsoo diddaa garbummaa fininsitan abdii guutuun isinirraa qaba!
Oromiyaan haa bilisoomtu!
Qabsoon keenya qabsoo dhugaa waan ta’eef ni moona!!
Who a hell are u to stay aside and tell oromo youth what they have to do! Stay there in your cave and help grow ur kids. Or make ur self ready for leadership after the demise of the the fight!
UUUUUUUUUUUUUUUUUUUUU
YEROOOOOOOOOOOOON
AMMMAAAAAAAAAAA
YAAAAAAAAAAAAAAA
OROMOOOOOOOOOOOO
Mariin tokkummaa akkasii biyya alaa fi biyya keessatti akka dagaagu hawii kiyya. Jabaadhaa!
Harka fuune! Otoo dhugaa tayee yaanni kun heddu bayeessa. Haa tawu malee, akkuma ‘uummanni Oromoo hundi beeku, rakkina ilmaan Oromoo irratti kan fide gidee isaanitii jedhanii isa warri ABO addadda qoodanii akka uummanni lolee bilisa hin baane dhoowwani. Eenyu akka balleesse isinuu ni beektu. Isin keessa yartuufi gunamtuun waan baay’atuufuu rakkinni ilmaan Oromoo itti fufeera. Addi bilisa baasaa ‘uummata tokkoo maal maal akka hojjatu seenaa addunyaa kanaa namni barate sirriitti beeka. ABO maalin akka adda bilisa baasaa birraarra gargar baye ani beekuu hin dandeenye. ABO Oromoof bu’aa hin buufne jechuu kiyyaa miti. Garuu, yeroo kana, yeroo ollaan nama dhagawu, yeroo addunyaan namaa birmatu taa’anii, basaastuu diinatiin addadda qoodamanii yoom bilisummaa dhugaa argatu? Warri ABO addadda qoodanii aangessan gargar bayanii hawaasa Oromoo warra biyyoota kaabaa- lexaa keessa jiraatan addadda qoodanis ‘uummanni Oromoo biyya jiru addadda hin qoodamne. Garuu nama dura bu’ee lolchiisu, abbaa duulaa hin arganne. ‘Uummata kitilaa (miliyoonii) 45-tti tilimaamamu keessatti namni tokko dhalachuu dhabuun isaa nama gaddisiisa. Oromoon Waaqatti amanaa, mee Waaqayyo akkuma lammii biraa, ‘uummata Oromootifis nama tokko taasisee bilisoomsee bulchu haa erguuf!
Mee Taaddasaa Birruu haa yaadannu.
“Ergaa ekeraa”
Maalif callistanii wal ilaaltu?
hennaa tokko ajjeesan wal irratti dhiiftu?
Yoom akka dhiiratti birmattanii walii tumsitu?
Nuti bilisummaa Oromootif wareegamnee,
lafee keenya caccabsinee,
dhiiga keenya dhangalaafnee,
isin hamma yoomitti wal gantu?
Maalif qabeenya keessan saamsiftu?
Maalif ijoollee keenya ajjechisiiftu?
Hamma yoomitti hegeree keenya tuffachiiftu?
Gargar baatanii qabeenya biyyaa saamsiftanii,
‘uummata beelessitanii agabuu bulchitanii,
harka ormaa ilaalchiftanii,
hennaa ilmi dhiiraa diina ofirraa faccisu,
lammummaa isaa kabajachiisu,
heddu keessan gantuufi gunamtuu taatanii,
hegeree keenya garbummaatti ambisuuf
kutattanii,
Warri ilmaan Oromoo rakkisiisaa jirtan,
gaararraa taatanii ‘uummata gargar baaftan,
ofee taatanii tokkummaafi bilisummaa jibbitan,
warri dhiiga ijoollee keenyatiin daldaltan,
abukaattoo dhaabbadheen isiniin muggutaa,
duutan illee mana Waaqayyootti jeennata nagaa
hin ciiftani!
Dhaaba namni jedhamtu maal abjoochuu barbaadee? Mee anaan waa jechuu keetiin dura “Maqaa kee sirriitti barreefachuuf yaali” Hubannoo fi beekkumsi si hir’ata natti fakkaata? Basaastuu wayii ta’uu hin diddu akkaataan itti maqaa kee barreesite si saaxila! Oromoo yoo taate garuu akka aadaa ilmaan Oromootti haasa’uuf yaadaa fi qalbii waaqayyoo siif haa kennu! Ani nama akka ati jettee kana miti ergaa darbuu qabu dabarsuufan yaada koo kennee akkanatti na hubadhu!!!!!