WBOn Tarkaanfii Itti Fufe
Oduu ABO, Fulbaana 29, 2012
Tarkaanfii WBOn Fulbaana 21, 2012 Godinaa Wallaggaa Bahaatti fudhateen Loltonnii Wayyaanee afurfii fi dabbaalleen sirnichaa tokkoo hojii ala taasifaman. Humni Addaa WBO Waraanaa Wayyane daangaa Oromiyaa fi ummata Guumuz Onaa Yaasoo fi Onaa Haroo limmuu gidduu qubachuun Ummatotaa kanneen walittii buusuun dhiigaa wal dhangalaasisaa turan utuu isaan irbaata mana nama maqaan isaa Geetachoowu Ababee jedhamuu nyaataa jiranii Boombii itti darbuun loltota afur batalumatti ajjeesee jira. Kanneen ajjeefamanis:
1. Indaalee Baayyanee,
2. Abbabee Alamaayyoo,
3. Ajajaa Kudhanii Tasfaaleen Garbee
4. Fiqaaduu Galataa fi
5. Itti-aanaa Bulchiinsa Ona Yaasoo kan ta’e Geetachoo Abbabeeti.
Kana malees humni addaa WBO basaasaa Wayyaanee Godina Wallaggaa Bahaa Onotaa garaagaraa fi Godina Lixaa Shawaa Amboo, Onotaa akka Gudar, Calliyaa (Geedoo), gidduu deddeebi’un waan ummaannii kessa jiruu fi sabbontota Oromoo Godina lameenii irra jiran hordofuun gabaasaa kan ture Geetachoo Adaanuu jedhamuu irrattii Onaa Diggaa Saasiggaattii Fulbaana 24, 2012 tarkaanfii maayii irratti fudhateera.
IUOf!!



good job WBO!! qabsoo kee finiinsi nuti qerrroon gama hundaanuu hamma oromiyaan bilisoomtutti si bira jirra!
Baay’ee nama gammachiisa;giraadhu WBO. Ta’us QBO amma illee daraan laafaa dha. kana caalaa jabaatee fi saffisee adeemuu qaba. Waanti harka keenyaa fi miila keenya xaxee sochii nu dhorke waan jiru na fakkaata. namni muraasni illee waggaa tokko keessatti diina irra kisaaraa fi badii guddaa irraan ga’uu dandaa’a. Fakkeenyaaf qabeenya diina ibiddaan halkan tokkotti daaraa gochuun in dandaa’ama. Maqaa invastimeentiin lafa oromoo kan saaman investeronni Woyyaanee lakkisanii ba’uu ka dandaa’an yoo qabeenya isaaniitti ibidda qabsiifnee mancaasne qofa. karaa biraas adeemuu malla.
Qabsoon diina uummata oromoo irratti geggeffamu ittuma fufa garuu waa’ee investerootaa ilaalchise ijoolleen Oromoo lafa harka diinaa keessaa baasuu fi halagaan akka lafa keenya irratti hin qubanneef tattaafatani kan lafa qaban jiru.Isaaniin akkam haa goonuu?
WBO takka mul’aataa hin’ookatiin. Tarkaanfi dinaakee irraati fudhaatu yeroo yeroon daraan jabeesuu yaali. Biyyaa abanii nama biyyaa nama irra fudhaateef hiluun hintaatuu. Kayyookee ganamaa irra burjajaahuun sirra jiiruu. Hangaa bilisomtuuti kayyoo biiroo hinqabatiin. Guufuu qabsookee ta’e sitti mul’aanaan obboolessaakeefu hinhiliin.
Baay’ee namatti tola. Garuu ummatni keenya akka hin miidhamneef eeggannaa gochaa yoo itti fufame guyyaa tokko bilisummaan harka keenyatti galuu hin haftu! Maaloo nuuf jabaadhaa…. Rabbi isin haa gargaaru.