Tarkaanfiilee ummataa fi humna addaa WBOn fudhataman
Madda Oduu ABO/MOA/Caamsaa 15,2012
Caasaalee mootummaa nageenya ummataa tiksuuf dirqamni irra jiru keessaa tokko raayyaa poolisaa ti. Haa tahu malee motummootni Itophiyaa hundi humna kana akka sirna isaanii tiksuu fi tajaajilutti ijaarratuun dirqamni polisaa nageenya ummataa tiksuu irra kan ummata hiraarsuu fi dararu taasifamaa yoona gahe. Mootummaan Wayyaanee caasaalee mootummaa aangoo isaa ittiin tikfataa jiru keessaa tokko humna polisaa akka tahes ni beekama. Read more…
Categories: Afaan Oromoo, Oromia Tags:
Dhaamsa Dargaggoo – Walaloo
Mekiyaa Abdullahitiin | Caamsaa 15, 2012
Magaalaa Nagayatti
Wayaabada ana waan yeroon na goote
Dhufaa dabraan marti ana gabroomfatee
Biyyuma abbaa kiyyaatti bakkaan dhalaadheettii
Bakka handhurti koo itti awwaalamtettii
Qe’uma too dhuftee akka qabneen marti
Eenyummaa ni qabdaa jettee na gaafattii?
Anuu isii hin gaafannee bakka irraa deemtuu
Kan isiin eenyummaa kiyya na gaafattuu
Read more…
Categories: Afaan Oromoo, Oromia Tags:
Tokkummaa ! – Walaloo
Mekiyaa Abdullahitiin | Caamsaa 06, 2012
Tokkummaa! Tokkummaa! Tokkummaa! Tokkummaa!
Gaafiin saba Oromoo hoggayyuu kanumaa!
Aniis gaafiin kiyya kanaa alaa mitii
Gaafiin saba Oromoo gaafii sirriidhaatii
Nami waliigalee yeroon alaa galaa
Saba koo hin usinaa walgaafadhaa malaa
Hayyuu qara qabnaa kan mala nuuf maluu
Jeynootaas niqabnaa goota biyyaafloluu
Biiflees baay’ee qabnaa kan darbatee hin dhabnee
Jeyna sodaa hin qabne kan if booda hin deebinee
Hayyoota ciccimoo warra caffee Odaa
Warra sammuu qaraa madda Sirna Gadaa Read more…
Categories: Afaan Oromoo, HOA News, Oromia Tags:
Omishi Abaaboo “Abol” Jedhamu Gubate
Madda Oduu ABO/MOA/ Caamsaa 03, 2012
Haala sochii FDG keessatti Caamsaa 01, 2012 Omisha Abaaboo “Abol” jedhamu, kan Ona Ada’aa, ganda Daalotaa fi Qaallittii keessatti argamu (qarqara magaala Bushooftuu) kan qabeenyummaan isaa nama Tigraay fi nama Lammii Hindii (Share) ta’e irratti tarkaanfii fudhatameen, Waardiyyaa Ashanaafii Tufaa jedhamu ukkaamsudhaan meeshaa waraanaa qabatee ture irraa fuudhamee qabeenya qonnaa Abol irra balaan geessifameera. Read more…
Categories: Afaan Oromoo, Oromia Tags:
JECHOOTA MOGGOYYAALEE KAN AFAAN OROMOO : KUTAA 13-ffaa
Taammanaa Bitimaa irraa | May 2, 2012
Dubbiftoo mandhee tanaa, Barreeffata kana kutaalee 12-aan dabran akka argattanii dubbiftan abdachuun, kunoo harras kutaa 13-ffaa itti-fufeen jiraa mee yoo dandeessan ilaala. Dabalees as irratti isin beeksisuu kanan fedhu, kutaan inni harra isiniif dhiyaate kun isa xumuraa akka tahe.
SEENSA
Akkumanan deddeebiseetoo barreeffata kana kutaa addaddaa keessatti ibsuuf yaale, Afaan Oromoo keenya jechoota kuma dhibba hedduun lakkaawaman of-keessatti baaddhatee argama. Dabaleesoo, akkuma barreeffata kana kutaalee garagaraa keessatti qalbeeffatan afaan kun karaa jechoota moggoyyaalees sonaan dureessa. Jechoonni Oromoo kan moggoyyaalee sadii, afur faa qaben ni jiru. Haatuhu malee, akkuma Oromoon: “kan qabufan dabala jettee harreen lagatti fincoofte” jedhu san, isa ofiif akka handhuuraatti qabu irratti sagaleewwan afaanota biroo irraa kan hedduu xiqqoo tahan ergifatteeti jira. Mee amma isaan kana fakkeenyota tokko tokko dhiyeessuun haa ilaaluu! Read more…
Categories: Afaan Oromoo Tags:
Deebii Bilisummaa – Walaloo
Makiyaa Abdullahiin | Ebla 29, 2012
Yaa barbaadaa kiyya dhagayi siifiin himaa
Waaniin sirraa dhoysu hin qabu inumaa
An tarkaanfii takka sirraa fagoo jiruu
Na dararan malee an nama dararuu
Ana duraa kaasaa qoree dhaa fi gufuu
Qulqullaa’uu qabaa karaan irra dhufuu
Hallayaadhaas cufaa kan afaan banattee
Qabsaa’aa akka keetii kumaatama nyaattee
Waa laaftuudhaamitii dubbiin daba haftee
Dhagay siifiin himaa eega nagaafattee
Aangoodhaaf bololuu kutaan walqoqqooduu
Gandaa fi amantiin firaan walbarbaaduu
Olola dharaatiin maqaa wal-xureessuu
Walirrtii bobbahuu hayyuu ifii xiqqeessuu
Read more…
Categories: Afaan Oromoo, Oromia Tags:
Humni addaa WBO Finfinnee fi Adaamaa keessatti qondaalota tikaa Wayyaanee lama ajjeese
Madda Oduu ABO/MOA/ Ebla 23,2012
Tarkaanfii diinota QBO fi ummata Oromoo ta’an irratti daran cimsee kan jiru Humni Addaa WBO dhiheenya kana qondaalota tikaa wayyaanee lama irratti tarkaanfii maayyii fudhatee jira.
Haaluma kanaan Humni Addaa WBO Ebla 16,2012 magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Awwaaree ganda 02 keessatti gaafatamaa tikaa sirna wayyaanee kan naannoo sanaa Maharii Ammahaa jedhamu irratti tarkaanfii fudhateen ajjeesee jira. Tarkaanfii fudhatame kanatti kan rifatan wayyaanotni lammiiwwan Oromoo nagaa irratti gocha diinummaa raawwataa akka jiranis hubatameera.
Sochii isaa babal’ifatuun diina adabaa kan jiru Humni Addaa WBO Ebla 04, 2012ttis Shawaa bahaa magaalaa Adaamaa keessatti qondaala tikaa sirna wayyaanee kan ta’e nama Shifarraa Kiflee jedhamu irratti tarkaanfii fudhateen ajjeesee jira.
Qondaalotni Wayyaanee tarkaanfiin xumuraa Humna Addaa WBOtiin irratti fudhatamaa jiran kunniin kanneen ummata Oromoo Oromummaa fi deggertummaa ABOtiin yakkanii hidhaa fi ajjechaaf saaxilan akka ta’an beekamaa dha. Tarkaanfiin diinaa fi ergamtoota diinaa irratti fudhatamu bakka marattuu jabinaan kan itti fufu ta’uu ajajootni WBO ibsaniiru.
IUOf!
Categories: Afaan Oromoo, Oromia Tags:
Gaafii WBO – Walaloo
Makiyyaa Abdullahi tiin | Ebla 23, 2012
Bilsummaa tiyya maaf narraa fagaattee?
Naaf himi naangallee bakka itti dhokattee
Ummanni Oromoo xiqqaa fi guddaanii
Sumaaf maraatanii suma abjuunsaanii
Yoo akka fadhiisaanii qaata sirkatanii
Yoo akka qabsoodhaa lubbuu if kennanii
Jaalaluma keetiif marti machaa’anii
Eega siif maraachuu if quba hin qaban
Yoo qabeenya taatees numa arjoomanii
Namuu akka humnaattu waan dandeytii saanii Read more…
Categories: Afaan Oromoo, Oromia Tags:
Oromiyaa Tiyyaa!! – Walaloo
Mekiyaa Abdullaahii irraa | Ebla 19, 2012
Oromiyaa tiyya biyyoo biyya tiyyaa
Ittiin beekkama koo handhuraa abbaa kiyyaa
Badhaatuu uumamaa yaa sooreettii biyyaa
Harmee Oromiyaa abdii jiruu tiyyaa
Haadha hayyuu qaraa haadha ilmaan gootaa
Biyya ogeeyyiidhaa yaa biyya hayyootaa
Harmee shamarranii harmee dargaggootaa
Qananiituu biyyaa harka ijaaf toltaa
Dachii tee bal’isee uumaan si bareechee
Faayamtuu uumamaa waaqayo si tolchee
Gaarreenii tulluwwan sululaan si marsee
Laggeenii fi maddaan haroon si badhaasee
Baddaa gammoojjiin kee nama gammachiisaa
Jiituu Bonaa Gannaa hogguu magariisaa
Oromiyaa badhaatuu magarsituu hundaa
Biyya midhaan hedduu dureetti albuudaa
Read more…
Categories: Afaan Oromoo, Oromia Tags:
JECHOOTA MOGGOYYAALEE KAN AFAAN OROMOO: KUTAA 11-ffaa
Taammanaa Bitimaa irraa | Ebla 17, 2012
DURA DUBBII
Dubbiftoota barreeffata kanaa, mee waan hundaa dura nagaa fi nageenye isin biraa hin dhabamini! Barreeffata kana kutaalee dabran mara akka argattanitoo dubbiftan abdachuun, kunoo harra immoo kutaa 11-ffaa isiniif dhiyeesseen jiraa, mee yoo yeroo argattan duukkaa bu’uuf yaalaa!
Kanatti dabalees kanan isin hubachiisu waan tokkotu jira. Qorannoon afaan keenyaa reefu ganaa jalqabama jechuutu mala. Waan hedduutu afaan baneetoo nu warra handhuuraa uummata keenyatiin waa baratee as gaye eeggata. Innin amma mataduree tana jalatti isiniif dhiyeessaa jiru, kan jalqabaa ti. Ani nama jechoota Afaan Oromoo kan moggoyyaalee walii tahan irratti qarannoo wayii dhiyeesse matumaa hin agarre. Abalutu jalaqaba jedhaniitoo eeggachuu otoo hin taane, ofumaa jalqabuutu irra wayya jedheetani. Kun kan jalqaba waan taheef, dogoggorris keessaa waan dhabamu natti hin fakkaatu. Ammoo, akkuma uummanni keenya, Oromoon jedhu san: “kan hin dogoggorre Waaqa qofa“. Inni kun qorannoo akka aannan mijuutti guute, otoo hin taane, warri biraa isa kana irraa ka’uun guutuu, mijuu taasisaniitoo nuuf dhiyeessu jedheen abdii cimaa qaba. Haatahu malee, amma isin warri barreeffata kana dubbiftanii dogoggora wayii argitan, yookaan itti-dabalamaa wayii qabdan karuma mandhee tanaatiin mee naaf erguu yaalaa! Read more…
Categories: Afaan Oromoo Tags:
YOOMI LAATA GUYYAAN?
Mekiyaa Abdullaahii irraa | Ebla 16, 2012
Yoomi laata guyyaan nuti tokko taanu
Diina rifachiisne kani mudhii kutnuu
Yoomi guyyaan nuti haraka walqabannuu
Oromummaa qofaan kan walitti dhíhaannuu
Guyyaan diina Oromoo naasuun dachii naynuu
Oromoon tokkomnee diina garaa gubnu
Guyyaa bahaa dhuhaan walitti dirmannuu
Guyyaa kaba-kibbaan walyaamnee awwaanu
Xurii bara dhibbaa kani firraa dhiynuu
Roorroo fi hacuuccaa kani firra buusnuu
Hagoogii wallaalaa baqaqsinee baanu
Xiqqaa-guddaan keenya barnotatti bobbaanuu Read more…
Categories: Afaan Oromoo, Oromia Tags:
Kabaja Hundeeffama WWDO fi Guyyaa GOOTOTAA
WWDOn (Waldaan Walgargaarsa Dargaggoota Oromoo) DC, MD fi VA guyyaa hundeeffama isaa waggaa 1ffaa fi guyyaa goototaa Ebla 14, 2012 kabajatu. Galgala kanatti sagantaaleen barsiisaa fi bashannansiisaa ta’an adda addaa ni dhiyaatu. Kanaaf, beellami keessan galgala kanaa akka nu wajjin ta’u kabajaan isin hafeerra.
Categories: Afaan Oromoo, Oromia Tags:
JECHOOTA MOGGOYYAALEE KAN AFAAN OROMOO: Kutaa Kurnaffaa
Taammanaa Bitimaa irraa | April 10, 2012
Kutaalee dabran saglanuu akka argattanii dubbiftan abdachuun, kunoo harras kutaa isa itti-fufamu isiniif dhiyeesseen jiraa, mee ilaalaa!
SEENSA
Ton Leus furaa isaa keessatti jecha “sora” jedhamu jalatti jechoota kanaa gadii kenna. Mee amma isaan tokko tokkoon haa ilaallu!
“sora: rain = bokkaya, rooba. These are all three general words; for specific types rain, from drizzle to downpour, see bokkaya, buffee, bukiyyee, ebelee, gilgila, halada, hareessa, imimmaan bokkayaa, qacaca, rooba, sha’ee diiramaa, soraara, sorroo, tamna.”
Isaan armaa olitti tarreeffaman kanas mee tokko tokkoon furaadhuma Ton Leus san keessaa haa ilaallu! “Sora, bokkayaa fi rooba” hiikkoon isaanii waan kennameef, bira dabrama.
“buffee: a sprinkle (of rain).”
“bukiyyee: shower, scattered showers, small rain“.
“ebelee: drizzle, fine misty rain, this is more substantial than sorroo.”
“gilgila: spatter rain in small drops, dribble“. = tiifuu
“hareessa < hara: the first rain on drops to come down.”
“imimmaan bokkayaa: a good heavy rain, whether long or just a brief downpour.” = leekkee.
“qacaca: continous drizzle, solid enough to be good for the country.”
“sha’ee diiramaa: misty rain in the morning.”
“soraara: isolated rains or showers in the dry season.”
“halada: occasional showers during the month of Adoolessa.”
“sorroo < sora: drizzle, fine misty rain. It is even lighter than ebelee, and can go for a long time.”
“tamna: heavy rain, downpour“. Read more…
Categories: Afaan Oromoo Tags:
Ololli fi duulli itti heddoomus, qabsoon bilisummaa Oromoo galii hawwamu otuu hin gahin hin hafu
Abdii Boruutiin | April 3, 2012
Mee ofis walis haa gaafannu: Qabsoo bilisummaa saba bal’aa dhiisii, waanuma fedhee yoo ta’e, wanti gaariin hawwamu tokko haa xinnaatus haa baay’atus wareegama malee argamaa? Asirratti wareegama yoon jedhu, kun wareegama yeroo, wareegama qabeenyaa fi kana birallee dabree wareegama lubbuus ta’uu danda’a. Waan barbaadan tokko argachuuf ammoo, obsa qabaachuunis baay’ee murteessaa dha. Obsa dhabuun murannoo fi kutannoo nama dhabsiisa; hamilee namaallee hir’isuu danda’a. Qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) yoo ilaalle, erga biyyi Oromoo Minilikiin weeraramee, uummatni keenya gabrummaa jalatti kufee, kunoo waggoota dhibba tokkoo fi soddoma (130) lakkaawuuf deemna. QBOnis uumurii’uma kana qaba jechuun ni danda’ama. Maaliif yoo jedhame, uummatni bilisummaa fi biyya ofii dhabe, waan humnaan irraa fudhatame sana deebisee argachuuf, gaafuma sanaa kaasee qabsoo eegala jechuu dha. Read more…
Categories: Afaan Oromoo Tags:
JECHOOTA MOGGOYYAALEE KAN AFAAN OROMOO: Kutaa Saglaffaa
Taammanaa Bitimaa irraa | April 3, 2012
Kutaalee dabran saddeettanuu akka argattanii dubbiftan abdachuun, kunoo harras kutaa isa itti-fufamu isinii dhiyeesseen jiraa, yoo yeroon isiniif hayyame mee ilaalaa!
SEENSA
Ton Leus furaa isaa keessatti jecha “hantuuta” jedhamu jalatti jechoota kanaa gadii kenna. Mee amma isaan waliin haa ilaallu!
“hantuuta – general word for mouse, rat. The Borana identify two types of hantuuta:
- small ones, called quruuxa.
- larger ones, grey, called hantuuta gugurdaa. Specific names of rats
and mice are barroo, dhakii, halakee, illaada, kolissa, suli’oo.” Jedheetu isaan jahan kennaman kanas akka furaa san keessa ilaalllu nu akeekkachiisa. Mee amma isaan maal faa akka tahan wajjin haa mildhannu!
“barroo < barruu: a type of mouse which has stripes.”
“dhakii: young of the illaada mouse. = ilmee illaadaa. See also bakala.”
“halakee: a species of mouse, medium size, grey, with plumed tail.”
“illaada: type of large grey mouse, when very young they are called dhakii, when subadult, gorgoriisa; when grown, illaada guddaa.”
“kolissa: rat —. The Borana identify two types, both brownish without any markings
—. – kolissa didiqqissa, the smaller variety.
- kolissa gurgudissa, the larger type.”
“suli’oo: the smallest species of mouse, with a plain grey coat.” Read more…
Categories: Afaan Oromoo Tags:



