Abbaan irree Mallasaa Zeenaawwii adunyaa kana iraa boqote
Odduu Ayyaantuu.com, Hagayya 21, 2012
Abbaan irree fi mataan Wayyaanee/TPLF Mallasaa Zeenaawii du’aan addunyaa kana irraa darbuu isaa mirkanaa’e. Ji’a lama oliif iccitiidhaan qabamee kana ture du’i abbaa irree kun kan ifa ta’e har’a Televiziyoona Itoophiyaatiin (ETV) yoo ta’u guyyaan hawwalcha isaa akka uummataaf ibsamu addeessanii jiru.
Akkuma amaloota abbaa irree kaanii, du’i Mallasaa iccitidhaan qabamaa turee har’a kan ifa ta’e haallan Impaayera Itoophiyaa keessa yeroo ammaa jiru humnaa ol ta’aa dhufuu fi to’annaa Wayyaaneen ala akka bahan mal’atooleen muli’san babaayyachuu isaa irraan kan ka’e ta’uu isaa beektoti siyaasaa tokko tokko ibsaa jiru. Kanas yoo danda’ame hattatamaan fala itti barbaaduuf yoo dadhabame ammoo mariin bal’aan geggeeffamee wal harkaa fuudhiinsi aangoo dhoksaan akka raawwatu yeroo dheeraaf irratti mari’atamus walii galteen dhibamuusaa maddeen oduu Ayyaantuu ifa godhu.
Dhimma Itoophiyaa keessa humni USA kan AFRICOM jedhamu kallattiin akka sochoosaa jiru ayyaantuun torban kana gabaasuun ishee ni yaadatama. Waajjirri AFRICOM muummeen kan teessumi isaa biyya Jarmanii ta’e waa’ee dhimma bakka bu’iinsa Obbo Hayilamaaram Dassaalanyi, Itti aanaa Muummicha Ministeera Itoophyaa fi Ministera aajaa alaa biyyattii, ilaalchisee akka harka keessa hi qabne Hagayya 19, 2012 waakkachuun isaa ni yaadatama.



Rabbi hojii kee sii kenneera. Akka nu salphifte ija adunyaa fuulduratti salphachuun kee hojii rabbii ti. Otoon kana hin dhagayiin bagan hin du’iin.
Hojii jabduun dhaabilee fi uummata Oromoo eeggataa jirti. Amma yeroon dhiiro! Ofitti amanumma (self confidence) uummata keenyaa jabeessuu, humneessuu, odeeffannoon gayaa gochuu hidhachiisuun hojii itti aanu. Wanti hin dandayamne hin jiru addunyaa kana irratti. Mallasaanuu qophaa isaa akka dhibbaatti reebee, ajjeesee nu bite. Uummati Oromoo ammaan booda Wayyaaneetiin atu eenyu jechuu danda’uu qaba. Humni Wayyaanee akkasuma diigamuu danda’a haarsaa yartuutiin.
“Human concepts, however cleverly conceived they are, always work against the whole.” I heard this from a gospel preacher Evangelist. The architect of Revolutionary Democracy is gone for good. He left a legacy of greed, humiliation, and human crisis. He is truly a disgrace to the black race.
Two down! Prime Minister & Religious Minister! Who is next? Ayyantuu please check the list & update us!
Tpfl as a team will vanish from the face of the earth
Akkuma obbo Ibsaa Guutamaa barreeffama isaanii tokko irratti tuquuf yaalan dhimmi guddaan Oromoodhaaf faayidaa qabu du’uu Mallasaa utuu hintaane du’uu TPLF dha.Carraa amma uumamaa jiru kanatti fayyadamee Oromoon mirga ofiin ofbulchuu mirkaneeffachuu qaba. Amma tayitaaf waldorgommiin sadarkaa namoota dhuunfaattis sadarkaa sabaattis sadarkaa gareettis yaroo itti ta’aa jiru dha. Humnoonni bilisummaa Oromoo maal gochaa jiru laata. Haxxummaa, gootummaa, abshaalummaa gaafata carraa kana itti fayyadamuuf. Humnoonni bilisummaa oromoo dhoksaatiin meeshaalee waraanaa sirriitti oromiyaa irra kuufachuu qabu. Ilmaan Oromoo hidhachiisuu qabu. Akkasuma hanga sadarkaa gandaatti ijaaranii turuu qabu. Isa booda humna Oromiyaa bulchuuf dhufu ka birootti danqaraa ta’uun in dandaa’ama.
Waanta amma Impaayeera Toopiyaa keessatti raawwachaa jiru yoon xiinxalu waan lama irraa hubachuun dandaa’a:
1. Waaqayyo dhugumaan jiraachuu isaatii fi jabaa ta’uu isaa. Namootaa fi garee oftuulummaadhaan cunqursaa hedduu ummata irraan gaa’aa turan qeendaa jira. Safuu dha isaaf!
2. Humnoonni siyaasaa Oromoo baay’ee caccabanii akka jiran hubachuun hindandaa’ama. Mee carraan akkana kun yoo uumamu Oromoon maal gochaatti jira. Woyyaaneetti kallattii adda addaan lolli banamee jira. Humnoonni bilisummaa Oromoo ammas akkuma dur iddoo afurii fi shanitti walqoodanii walnyaachaa jiru. Kuni gochaa diinaati moo maal jedhama. Ittihaayaadnu. Dogoggora dur hojjenne ilaallee gaabbuu utuu hintaane tarsiimoo fi tooftaa yaroo dheeraa fi gabaabaa baasnee atattamaan carraa amma jiru itti fayyadamnee carraa ofiin of bulchuu humnaan kabchiifachuu qabna.
Bara 2011 ani mataan koo abjuu tokko argeen ture. Innis Mallasaa Zeenaawii farda gaarii guddaa arkisu qopheeffatee qabeenya isaa hunda fe’atee Loowan, fardeen fi hoolotnillee otoo hin afiin mana guddaa tokko fuula dura namoota baay’ee waliin dhaabatee isa arge. Namootas nan gaafadhe isaanis Mallasaatu godaanuuf deema naan jedhan. Ganama ka’een Sahiba kootiin wayyaaneen biyyaa bahuufi jedheen itti hime. Ani kan natti fakkaatee ture Mallasaan jiraa isaa biyya sana irraa godaanan sehe malee akkanatti dhokatee du’aan biyya sana keessaa waan gadi dhiisu natti hin fakkaannen ture. Mee ilaalaa yaa obboloottan kiyya hundi keenya gaafa biyya lafaa kantti dhufnu qullaa keenya itti dhufne. Kan fudhannee deemnus bututtuu tokkittii nurra buusani biyya lafaa kana irraa godaanna. Mallasaa Zeenaawii nama meeqa samee salphise ? Nama meeqas ajjeechise ? Qabeenyi inni samee kuufate suni eessatti afe ? eenyuufis afe ? Wayyaanotni afanimmoo kana irraa waa hin baratanii laata ? Kaleessa dallaa diinni hin cabsine jaboo fakkaatu turani. Har’a garuu tokko tokkoon luqifamanii laafanii bututaa jiru. Kaleessa Mallasaatu du’aan karaa bane. Itti aanee Abbaa Phawuloositu ordofe. Generaal Saamoraanis na dursitan jedhee isaan qaqqabuuf karaa irra jira. Akkuma saba guddaa salphisanii itti taphatan isaanittis Waaqni saba bal’aa Oromoo isaanitti taphachaa jira. Sabni Oromoo du’eellee booha kan dhabe isanis akkasuma du’anii booha dhaban. Hojii harka keetii si hin dhoowwatiin yaroo namaan jedhan waan xiqqoo tokko fakkaata. Garuu waan guddaa tahuu isaa mee haa ilaallu.
Namichi erga du’e turee jira. Wayyaaneen dhoksuu dadhabnaan ifa baafte. Baga gammaddan. Baga gammanne. Haa ta’u malee, bilisummaan duuti Mallas mirkanaayuudhaan hin argamtu.
Warri qarriffaa qaratee yaa’u martuu Oromiyaa fi Oromoo nyaachuuf yuusaa jiran. Qabsoo guddaatu nu eeggata.
Gammachuudhaan of irraanfachuu dhiifnee, carraa kanatti fayyadamuudhaan humna keenya tokkoomsine wareebessa nu nyaachuuf qarriffaa qarate ofirraa deebisuuf kutannee ka’uun dirqama.
Bilisummaan qabsoo malee hin argamtu. Qabsoo, qabsoo, qabsoo irratti haa xiyyeeffannu.
Oromiyaan ni bilisoomti!!!
Hitler is gone!!!!!
Oromo what comes next? I feel bad that we as Oromo still have a leadership crisis at the crucial time in the history of the empire. Meles is gone, the empire is in deep political disaster. This the time we would step in and intensify our fight for freedom. Thanks for for those incompetent Oromo leaders, this is again would be a lost opportunity. Let me say something. Can we leave our differences behind and form a strong political leadership that can lead us in to a victory. It is urgent call. Le us be not a loser every time the opportunity knocks on our door. It is shameful to just sit and blame those who failed us. It is time to come up with new fresh idea and fresh leaders. We need to forget those corrupted incompetent OLF leaders. It is a time for new leadership and new tangible ideas.
Bakkalcha dha
Galatooma.
The day of joy for the political prisoners of that country and for the innocent oromo prisoners and for exiled oromos. Mr. Zenawi is died and his northern companions are also dying of fear and shock one after the other. The regime will also die slowly but surely. The mass media of the country continued lying as usual.
Now, we have again Hailemariam !! Ahhh!
I am wondering, what our ” oromo pioneers of that regime !!!” gammada, atoomsa, gidaadaa, saddo, dammaqsaa etc are doing. Are they also gravely sick, hiding themselves or they will carrying the Abune and primer to the grave.
hell with that regime!!
Freedom and peace for Oromos and oromia!!
Jarri dhimma kessa ishii erga tottolfattee booda du’a nama-nyaataa kanaa labisite. Du’uu isaa gammaduun waan tokko, garuu immoo wanti baruu qabinu akkamitti hokkoroota hinbeekamine dhufuuf jiranirraarraa akka bu’aa itti argachuu dandeenyurratti ummata keenya umnaan qopheessudha. Hokkarri dhalannaan qophaa’umsi keenya gahaan hinjiru taanan, kan irra miidhamu uummata Oromooti sababiin isaa uummata keenyarraa hidhannoon hiikkamee waan jiruuf.
jaalawani armaanii ollii bareesiitani hundaafuu yaani kessaan bareedaa tahee garuu du’a abbaa irree tokkoo irraattii yadaa kenuu keessan diinqiisifadha. Malii yoo jetaan ilimaa nama wayiitaa dhalatee du’e isaa moottii waayyanee mittii nabbiiyoonu du’anii.
Garruu waani marii’achuu qabbinu
A. sabiini oroomo akkamiittii caraa argamee kanaa ittii fayyadamu qabba?
B. Sabbiin oroomo akkamiiti waalabomu qabbi?
C. Sabbin oroomo akkamiitti karaa tayyitaa dhuufu qabba? Kanii jedhuu kanarattii osoo mari’aanee waani bareedaa.
Oromoo yaroon kun kan taa’an mitii hin taa’iin Diinni kee inni guddaan namuma kee sitti qopheessaa jira. Ameerikaan karaa hundaan haada ittiin nu hiitu nuuf qopheessaa jirti. Karaa tokkoon uummata kibbaa keessaa kan dhalte garuu dantaa Abashootaa fi tokkummaa immiyyee Itiyoophiyaa kan tiksu bakka Mallasaa buusisaa jirti. Karaa kaaniin tokkummaa itiyoophiyaa tikkisuu dandahu jettee nama itti amantu numa keessaa filattee qabsoo oromootti danqaraa gochuuf nutti qopheessuutti jirti. Kana kan nuuf mirkaneessu jidduu kana Dr Mararaa Guddinaa fi Dr Bayyanaa Pheexiroos Washington itti dhoksaa dhaan waamuun ishii kanuma agarsiisa. Jarreen kuni maqaa Itiyoophiyaatiin galanii yoo biyya sana qabatan qabsoo bilisummaa Oromoo irratti baay’ee danqaraa taha. Diina dhiifnee ofuma waraanuutti deebina.Akka natti mul’atuuti kana booda riphanii taa’uun faayidaa waan qabu natti hin fakkaatu. Guutummaa Oromiyaa keessatti goolii uumuu malee kan nu baasu hin jiru. Dhibba irraa dhibbatti nan amana ABOn kana gochuu ni dandaha jedheen amana. Garuu yaroo ammaa kana waan hin jalqabneef naaf hin galu. Tottolfannaa guddaan bineensa galcha jedha Oromoon. Yaroo kana caalaa yaroon Oromoof tolu yoomiyyuu akka hin jirre beekuu qabna. Bilisummaan balbala nutti rukuchaa jirti. Balbala keenya yoo banuufii didne garuu nurraa deebiti. Yaroo kanatti yoo fayyadamuu dhiifne uummatni keenya abdii kutata. Lammata waahee bilisummaa nu waliin hin dubbatu. Abdii nu hin kutachiisiinaa ka’aa. Yaroon Taaksii miti dhaabatee nu hin eegu. Dafnee yaabbannee ittiin deemuu qabna. Kana yoo godhuu baanne lammata ija keenyaanuu hin arginu. Yaroo, yaroo, yaroo ammas yarootti haa fayyadamnu.
The sinful death of the cruel man death of his unholy patriarch does not entail the death of the Emperial system, the change of Abyssninian cruel mentality and the separation of Orthodox Taabot from contolling the affaiirs of the Empire.
Look, the death of the Prime Minister of Abyssinian Locust has been announced just after CIA completed the so-called opposition leaders’ meeting in the USA.CIA summoned them how to save the crumbling Empire from going to grave with Meles and Abune Paulos. CIA ordered them just to act against any radical religious or ethnic movement who seeks the right to “self-determination” either for the liberation of their faith from the archaic Abyssinian Orthodox faith or the libeartion of their ancestral homeland from the colonial empire.
Pre-Meles butchery kings and dictators died, but the empire did not die. It continues to exist and continues to breed cruel rulers like Meles Zenawi.
Thus what is the solution? Colonised-opressed peoples like the Oromo, Somali, Sidama and Affar must unconditionally continue to hasten the demise of the Ethiopian Empire and liberate their country from northern Abyssinian locusts.
Kan guddoo na gaddisiisu, Oromoon dursee maal hojjechuu akka qabu irratti nammi keenya hubannoo dhabuu dha. Hojiin hangafattii, kan kabajaa, dhageettii, ulfina, deggersa fi injifatnoo argamsiisuu danda’u tokkichi, kaayyoo tokkicha jalatti jaaramuu,hooggana jabaa kaayyoof amanamu fi halagaaf meeshaa hin taane qabaachuu, miseensota fi deggertoota :kaayyoo beekanii dhaaba fi hooggana jala deeman, naamusa qaban, qajeelfama dhaabaa hojii irra oolchanii gaabasan, wareegama: maallaqaa, qabeenyaa, humnaa, yeroo fi dandeettii fi kkf kaffalan qabaachuu dha. Kana irratti yoo milkoofne, waan hunda irratti milkaahuuf bu’urri jabaan buufame jechuu dha. kana irratti yoo milkoofne, waraanas salphaatti: ijaaruu, qajeelchuu fi hoogganuu ni dandeenya. Tarkaanfii bu’uraa fudhatamuu qabu kana irratti haasa’uu fi hojjechuu dhiifnee waan biroo irratti yeroo keenya gubuun hagam doofummaa siyaasaa fi jaarmaa keessaa akka nuhi jirru kan saaxilu fi akka nuhi waaä’ee jaarmaa hin beekne kan muli’isuu dha. Furmaati Oromoon qabu tokkichi, ABO isa dhugaa, Obbo Dhugaasaa Bakakkootiin hoogganamu, kan kaayyoo walabummaa Oromiyaa irratti daddaaqama tokko illee hin qabne fi dantaa ummata Oromoo alagaatti dabarsee hin gurgurre waan hundaan gargaaruu dha.
“hawwinnee” yanii kee bareeda garuu dhaaba kan dhaba kan osoo hin jenee oromooni mariiyuu tokko tahee afani tokko duubatee bareeda. Dhabooni oromoo mariiyu hangaa maqqa oromootin dhabaatanii cuffituu tokko tahanii walii galanii nanuumafii kuttanii walii qoduu dhesaani afani tokkonii hasayuu qabban. Yeroo kunii godhammee sabiini gudaani oromoo yeroo gabba kessatti billissumma isaa goniifat(hariikani gayyata) huniidaffu waqqiini tokko nuu hagoodhuu!!!
yoomi yaroon?…..