Duula Daa’imman Baqataa Oromoo Gubuu irratti Xiyyeeffate
Hagayyaa 7, 2012
Oromoon dhibedee cunqursitoota sirna Habashaa jalaa bakkoottan itti baqatu keessaa takka biyya ollaa isaatti argamtu tan yeroo ammaa SomaliLand ofiin jettuu fi ummanni naannoo Hargeisa jedhee waamuu dha. Garuu biyya Oromoon miidhaa isaarraa hafuura itti baafatuu fi tan hawaasni addunyaa ilaalchaa fi tika kennuuf osoo hin tahin, biyya Itophiyaa waliin wal tahuudhaan miidhaa adda addaa baqataa Oromoo irratti geggeessaa jirtu taateetu beekkamti.
Gochaalee gara-jabeenyaa kan ammaan dura bifa qindaawe kanaan geggeeffaman keessaa nama Oromoo kan lafoota qonnaatti kuulii hojjatanii jiraatan, yeroo kaffaltiirratti waldhabanfaa, summii nyaachisanii fixaniiru, kan rasaasaan rukutanii ajjeesan herrega hin qabu, kana malees kan akkaan nama laalessu warra/maatii tokko ilmaan isaanii lamaa waliin 2010 keessa mana (dasee) duubaan itti cufuudhaan gubanii fixaniiru. Oromoo arrabsuun, xiqqeessuu fi akka hawaasni Soomalii ija diinummaatiin ilaalu gochuun hojii dhaabbataa biyya tana keessatti geggeeffamaa turee fi jiruudha. Wanni ajaa’ibaa gochaa farra ilma-namaa taate tun yeroo hojjetamtu maqumaafillee inni badii hojjatu bakka seeraatti dhihaatee kan gaafatamu hin turre.
Warra gara mootummaa Itophiyaa irraa kana qindeessuu fi hojiirra oolchutti ramadaman keessaa inni mataan, nama Hussein Jamal Guuled jedhamu. Namni kun nama shanyii Soomalii Iisaq jedhamturraa dhalatee fi gosti isaa Ida-galee jedhamtuudha. Haa tahu malee bakki itti dhalatee fi barnoota itti barate magaalaa Harari. Kanaaf, Afaanota Somalii, kan Adaree fi Afaan Oromoo fi aadaa isaallee nama tolchee beekuudha. Jibbansaa fi tuffii Oromoo akkaan waan qabuu fi ulaagaa basaasummaa Wayyaaneen barbaaddu waan guutuuf, qaadhimamee Huursotti barnoonni basaasummaa kennameefii tooftaadhaan UNHCR-Hargeisa keessa akka hojjatuuf qaxarame. Dirqamni isaa guddaan fi kan duraa baqataan Oromoo achi jiru rakkoo dinaggeef malee kan siyaasaaf akka hin baqatin UNHCR fudhachiisuu, warri mootummaa SomaliLand kanarratti akka isaa tumsan amansiisuu, horii fi jireenyi baqataan jaarmaya UNHCR irraa argatu akka muramu ykn akka haal-duree wahiitiin kennamu taasisuufaa dha.
![]() |
![]() |
Kanatti milkaawee Oromoo danuu dirqiidhaan yeroo adda addaatti akka ukkaamfamanii dirqiidhaan biyyatti deebi’anii harka diinaa seensifaman, kaan ammoo achirraa akka lafa Jabuutiifatti baqatan akkasumas jireenyi irraa muramu taasiseera. Haala kana mormuudhaan yeroo adda addaa baqattoonni iyyata isaanii UNHCRtti kan dhiheeffatan tahuus namani ilaalcha kenneef hin turre, inumayyuu isa (Hussein) deeggaruudhaan waan inni itti dhiheessu hojiirra oolchaa turan, jiraniis. Sababii kanaan baqataan Hargeisa keessa waan jiraatuu dadhabeef, dhibbootaan kan lakkaawaman mooraa UNHCR durii “Social Welfair” jedhamtutti hiriira bahanii mormatan. Akka furmaataatti warri UNHCR “horii hanga tokko isinii kenninaa magaalaa seenaatii hojjatadhaa jiraadhaa” jechuudhaan nama hanga tokko magaalaa keessa facaasan. Hanga guyyaa ar’aatti dhimma warra hiriiraan mooraa UNHCR keessa jiraniis tahee kan magaalaa keessa facaafaman namani kaasee ilaale hin jiru. Ammaan ji’a kudhaniif miidhama cimaa keessa jiru. Lafa sanatti daa’imman 23 caalan aduu guyyaa, qorra halkaniitii fi ergarama jireenyaatiin dhumataniiru. Inumayyuu, bakka itti baqatanii hiriiraan jiran sanirraa kaasuudhaaf mana buldazoraan irratti diiguu, kaaniis magaalaa keessatti tumuu, xiqqeessuu fi ajjeesuu akkasumas dirqiidhaan butanii Itophiyatti darbatuun bifa cimaadhaan itti fufee jira.
![]() |
![]() |
Kan akkaan nama suukanneessu dhiheenya kana akkuma bara 2010 magaalaa Hargeissaa Ganda Daammii jedhamutti warra/maatii Abdii Mohammed Yuuyyaa fi jaartii isaa Farihaa Mohammed ilmaan isaanii Farhan Abdii (bara 4) fi Naafii Abdii (bara 1.5), manaa keessatti guban saniitti baranallee gaafa guyyaa 15/07/2012 daa’imman lama mana keessatti, magaalaa Hargeissaa Ganda Sheekh Madar ykn Hara Caat jedhamtutti gubaniiru. Gubaatii daa’immaniitin dura namtittiin Kadraa jedhamtu, maqaa abbaa isii ammaaf hin beekuun hin dendeyamin, Abbaa daa’imman kanaa kan tahe Abrurahman Korroosoo Kaayyoo (File No. 785-060C00582) waliin waldhabdee waan jirtuuf, naannoo sanii godaansisuudhaaf nama gargaarsifattee akka malee tumsiiftee/tumtee miidhaa gurguddoo irraan geesse turte. Inni miidhame bakka boolisaa dhaqee himatullee tarkaanfiin fudhatamte hin turre.
Guyyaa itti aanu jaartiin tuni, ilmaan abbootiin kuulii hojjetachuuf, nyaata nyaachisanii raffisanii biraa bobbahan, bututtutti gaaza raphuudhaan fooddaa manichaa bananii bututtuu sanatti ibidda tuqanii daa’immanii ciisaa jiru, guyyaa adiidhan guban. Daa’imman kunneen Milkoo Abdurahman, intala umriin isii waggaa jahaatii (6), fi gurbaa Abdiisaa Abdurahman kan umriin isaa waggaa sadihii (3) ti. Daa’imman lameenuu baqattootaan awwaalcha tokko keessatti awwaalaman.
Yeroo ammaa kana dhimma kanaan wal qabatee waa lamaatu deemaa jira. Karaa tokkoon jaartiin Kadraa jedhamtu tun sababii kanaan hidhamtee waan jirtuuf isii gad lakkisiisuuf jecha Basaasticha Hussein Jaamaa sanaa waliin haadhaa-abbaa daa’immanii biyya sadaffaa barbaadaniifii dhimma kana ukkaamsuudhaan Kadraa bilisa taasisuudha. Karaa biraatiin ammoo ammallee gosti isiidhaa, Iissa-Muusse, namni akka dhimma kana hin kaafne sodaachisoo fi roorrisuurratti bobbahanii jiru. Bobbaan tuniis daa’immanirratti kan fuulleffatte tahuu mallattooleen jiran ni mul’isu. Dhiheenyuma kana nama Abbaa Gadaa jedhamu ganduma sana keessatti bishaan summaawe (pesticide) akka daa’imman isaa dhuganiif hulaa isaa dura kaayaniifii isallee sodaachisanii amma baqatee mooraa UNHCR kanatti godaaneera.
Kanaaf, yaa Oromoo waan biraa yoo dadhabame walitti nuuf iyyaa, iyya dabarsaa. Addunyattillee nuuf iyyaa, haqa keenyaa fi haqa daa’imman keenyaaf ka’aa. Warra mootummaa biyya keessa jirruu kana nuu beeksisaa, jechuudhaan kan iyyataa jiran obbolewwan, ilmaanii fi aanaa keessan kan Somaliland/Hargeisa keessatti waadamaa jirani.
Haqaa fi mirgi keenya, akka badeen hin hafin,
Lammiileen teenyas nutti hin callisin.






Waan iyyamu hin jiru, iyyaanis jijjiiramni dhufee hin beeku! Furmaati isaa biyya ofiitti achi galagalanii falmuudha!! Uummata complain godhaa jiraatu hin ta’ina! Mirga keessantu dhiibamee?? Harra miti kan jalqabe! Maaluma godhu saaa!!???
Heart breaking tragedy which we need to help by all means available.
Partly this is also caused by the incompetent, divided and endless bickering of weak Oromo clan political movements whose non pragmatic narcistic figures keep articulating high sounding empty words devoid of any practical application and significance on the ground to help the needy embattled Oromo people.
Oromoon osoo biyya qabuu maliif dararama?
Maaliif ajjeefama?
Maaliif xiqeefama?
maaliif saamama?
…
Sadarkaa jalqabaa abbaa biyyummaa of gonfachuuf waraanaan uf kabachiisu yoo sana hin taane tufatamuun balaaf saaxial ba’uun kan irra daddebi’e muldhatu.Oromoon gareen kirisitaanii waan Amaarii waliin kirisitaana taatan fakkaachuun amaara firoomfatu akkasumas oromoon warri musilimii akkaa musilimiin martii fira keessan taatetti filatu:
oromoon orommummaa isaa ofiin amanuun biyyaa abba isaa irratti walaba ta’ee akka jiraatuuf kan shoora guddoo taphachuu danda’uu namotta sochii siyaasa gaggessan amma ammaati galii siayaasa bakkan ga’uu dadhabuun isaan gaaga’ama lubbuu oromooti fidee.Sochuu isin gootan kan fedhii keessan gara kooraa angooti ol isin baasuuf kan kaatan malee lammii keessa akka kanatti bakka maratti ilkaan warabeesa biyyaa fi alatti akka kantti nyaatamu osoo yaadan oromoo guyyaa gabaabdutti bilisoomti turte.
kanaaf dhaabotni siyaasa martii kabajamuu lammi oromootiif hidhannoo isin akka barbaachiisu fi tuffii halagaan oromoo irratti qabdu mataa cabsuun amma.
Oromoo oromoo jechuu bu’a hin qabuu.
akka ilma namtti miti kan hilaalam jirtu akka sareeti kun itti saalfachu kan qabnu mataa keenyati .
Rabbiin bira haa dhaabbatu!