Dhiittaa Mirga Namoomaatu Nu Irratti Rawwatame [Audio at end]

Gaazexxeesoota Siwiidiin

Onkoloolessa 19, 2012, WASHINGTON DC (VOA Afaan Oromoo) — Bulchiinsa naannoo Ogaadeen keessa sosso’aa kan jiru Adda Bilisummaa Biyooleessa Ogaadeen waliin ehama tokko malee daangaa Itiyoophiyaa seenanii qabaman kan jedhaman gazexxessonni lammii siwiidiini lama manni murtii olaanaan hidhaa waggaa kudha-tokkoo mata mataatti erga irratti muree booda waggaa haaraa Itiyoophiyaa kan bara 2005 irratti dhiifamaan gadhifamanii jiru.

Gazexxessonni Yohaan Parshiin fi Maartiin Shiibiiy jedhaman kun Raadiyoo Sagalee Amerikaaf ibsa kennaniin attamitti akka qabaman dararaa nu irratti rawwatame jedhan ibsanii jiru. Kana malees yakka ilaalcha mannni murtii isaan irratti gaggeesse attam akka ture, seera farra shoroorkeessummaa kan Itiyoophiyaa akkasumas yaada ofii ibsuuf mirga heeraan kenname ukkaamamuu isaa kan ilaaleen ibsa bal’aa kennanii jiru.

Gazexxessonni lameen sabaa himaa adda addaa irratti ibsa kennan irraa ka’uun ministriin dantaa alaa Itiyoophiyaa ibsa baaseen, haala gaarii keessaa turanii gara laafinaan akka hikaman eega godhamee booda waan dogoggorsaa akkasii dubbachuun isaanii waan ofumaa ol-fudhamee afarfamee fi maal-dhibdeen kan ta’e ittiin jedhee jira.

Gabaasa guutuu

Audio clip: Adobe Flash Player (version 9 or above) is required to play this audio clip. Download the latest version here. You also need to have JavaScript enabled in your browser.

Gabaaa guutuu kutaa 2ffaa

Audio clip: Adobe Flash Player (version 9 or above) is required to play this audio clip. Download the latest version here. You also need to have JavaScript enabled in your browser.

VOA Afaan Oromoo