Irreechaa 2012, Nairobi, Kenya

(Qeerroo, Nairobi, 3 Onkoloolessa 2012) Baqaattooti Oromoo biyya Keeniyaa, magaalaa Naayiroobii keessatti argaman ayyaana Irreechaa sirna hoo’aan kabajatanii jiru.

Ayyaana kana irrattis sirnii fi duudhaan aadaa buna qalaa kan raawwatame yoo ta’u, dhimma kana ilaalchisee gaaffii fi deebiin gabaabaa godhamee jira.

Ayyaana kana irratti kanneen argaman sirna Irreechaa booda sirbaa fi dhiichisaan guyyaa ayyaana Oromoo miidhagsanii jiru. Sirboonni ayyaana Irreechaa irratti dhiyaatan martis tokkummaa Oromoo fi Oromummaa kan leellisan ta’uu Qeerroon Naayirobii irraa nuuf gabaasee jira.