Jabaatus Laaffatus ABOn Tokkicha

Ibsaa Guutamaa irra

Hagayya 9, 2012 (gubirmans) – Addi Bilisummaa Oromo (ABO) akka yaadaatt baayyee jabaa wan ta’eef meeqa itt duulamu, meeqa busheeffamu, bakka meeqatt caccabsuu yaalamus garaa Oromoo keessaa baduu hin dandeenye, muuxataa bulas. Akka shaakalatt garuu hoggansi saa cimina jaarmicha irra eegamu hin agarsiifne Giidoo barbaachisu dhabani. Gara diinagdeenis dadhabbiin jira. Sana maddisiisuun jarmaa fi hooggansa jabaa gaafata. Kanaaf ergamsi ABO waan halleef hooggansaa fi jaarmaa jabaa eeggataa jira jechuu dha. Akka dhaabatt muda dhalatu sirreeffachuuf mala dursee lafa hin kaawwanne. Rakkinni keessa keessa nyaataa ture kan mataa ka’e ta’uun dhiyoo barame. Miseensota Hoggansaa keessaa kan hin murteeffatintu turan. Falli sana hundaa irraa ququnxuranii waa bixilachuun utuu hin tahin of irratt warrraqsa gaggeessuu gaafata. Daayi egeree iftuu dha, abdiin bilisummaaf ummati Oromoo kuufate hanga inni carraa ofiin bulu argatutt hin dhaamu. Ummati Oromoo qaama ummata Afrikaa ta’uusaa ABOn bareeche beeka. Tokkummaan Afrikaa ummatoota bilisa ta’ani malee abbaa hirrootaatin ijaaramu akka hin dandeenyes ni amana. Akka uumata tokkooti ijjeerrii sana irratt qooda fudhachuuf Oromoon dura bilisomuu akka qabu ni fudhata. Of jabeessuun kan fa’iifis ni barbaachisa.

Kaayyoo ABOn qabatee ka’e kaayyoo akaakileen Oromoo bara hin beekamne jalqabanii mararfatani. Kaayyoon kun, bilisummaa, tokkummaa, walqixxummaa fi obbolummaa gosoota fi nagaa, araara ollootaa, kabaja mirgoota ilmoo nama, ummatootaa fi naannaa uumaa irratt hundaawe ofiin buluu saba tokkoo agarsiisa. Sunis sirna Gadaa jedhamuun tiffamaa jiraate.Maaljechii kaayyoo kan barruun lafa kaa’uu nama dhibu suukiin namatt dhagahamus qaba. Haa tahu malee barreessaan kun wan itt dhagahamu akka itt haanutt itt gaalchuu yaala: “Kaayyoo jechuun akeeka ilaalcha hin jijjiiramne irratt hundaawe, daaya lammiin nagaa, tokkummaa, walabummaa fi jireenya gammachuu barabaraaf qabu calaqqisu, itt gala hunduu bakkaan gahamuu saa abdiin eeggatu”. As irratt “daaya” jechuun kan Inglishiitt “vision” jedhani. Oromummaa jechuun kaayyoo kana dhalootaa dhalootatt dabarsuuf wareegama barbaarchisu baasanii manii saan gahuu dabalata.

Yeroon ABOn bu’urfame meeshaa hacuuccaa mala haaraan Oromoo irratt jabeessanii qiinqumuun Oromummaa keessatt hafte domsuuf yeroo itt karoorfataan ture. Kana jala dhaabbachuun hacuuccaa bifa hunda dhabamsiisanii republikii ummataa demokratawaa Oromiyaa dhaabuuf dargaggoon barasii kakatanii bobba’ani. Sabummaan isaan kakaase bilisummaaf malee eeenyu irrattuu jibbaa fi olhantummaa dagaagsuu miti.

Dargaggoon sun Oromummaa coraan qaban malee ilaalcha saanii akka waliin hubatamutt rogaan hin unkessine. Sagantan barruun tarreessan kanneen hin amannee akka fedhanitt furachuun kan salphaa ta’eef kanaaf. Afaan Oromo keessatt “walabummaa” fi “bilisummaa”n addaan ilaalamanii hin beekani. Afan Inglishiittu addummaa “freedom” fi “independence” kan hubatu yartuu dha. Walabummaa haa jedhamu bilisummaa, sagantan republika ummataa Oromiyaa gad dhaabuu akeekkate. Ammas yoo tahe qooqota lamaan walabummaa fi bilisummaan akka nama afanfajjessaniti dhihaachuu hin qabani. Adda Bilisummaa Oromoo maal akka ta’e Saganta 1976 fi 1998 fooyya’an irra hubachuun ni dandahama.

Waliigaluuf “walabummaa” biyyaaf, “bilisummaa” ummataaf, fudhachuun nama hin dhibu, kan qabnu irratt waa nuu dabala. Garuu akka wanti kun dudhaan adda addummaa qabutt ilaalamuun akka miti. Namooti al tokko hoggana olahaanoo ABO turan ambatt bahanii nuti duruu Itiyoophiyaa irraa gargar bahu garaa hin saganteeffanne jechuu eegalani. Kanaaf laaffinni dhaabaa tokko kan maddu ergaa sagantichaa isa dhugaa micciruun sammuu namoota duruu daarii irra jiran keessatt mamii uumuu dha. “An bilisummaan jaaladha” “An walabummaa hin deggeru” jechuun “Adda bilisummaa Oromoo” muldhata saanii dhiheenya kanaa, empayera demokraatessuun waliin dhahuuf abbaluu fakkaata.

Kaayyoo yerootu itt darbee bakka turret deebi’nee karaa biraa haayaallu jedhu. Amaarri deemee Tigraawwayi dhufuun, qonnaan mootummaa jigee kubbaaniyyaa alaatt lafti Oromoo gurguramu, lakkoofsi nama dabalu, lolli qabanaawaan dhaabbachuun kan manii itt aggammane jirjirsisuu gaafatan tahuutu himama. Kan nama dhibu kaneen akkas jedhan kaayyoo irratt yaada kan jijjiirratan sana hunda dura ta’uus himatanii turani. Haalli haraan yoo dhalatu kaayyoo utuu hin tahin tooftaa jijjiiruun barbaachisaa ta’uu dandaha. Haatahu malee kanneen tarreeffaman keessaa kamtu akeekaa nama jijjirsisa?

Dogoggorri jalqabuma beekamu sirreeffamuuf waggaa afurtama fudhachuun kan nama malalchiisu, innu ofuma dhama’uu ta’e. Hogganooti sun akka abba tokkootaatt yaadaa ofii qabaachuun mirga saaniiti. Garuu abbaawummaa fi dirqama aadaa, dudhaa fi seeraa qabu. Sirnaan dambiilee dhaabaatt dhimma bahuu lagachuun isaani irratt kan jalqabe utuu hin tahin kan dhaaba keessa turee jedhama. Isaan jalatt yeroo seerri cabu callisanii irra darbuu fi alii ali tarkaanfi madaala hin qabne fudhachuun ture jedhu. Loogiitu hamatama. Kan dhaaba keessa shakkii facaasanii burjaajessan keessaa shakalli kun isa biraati. Hamiin jedhame utuu hin ifsamiin darbuunis wal mamuu akka dhalcha dubbatama.

Duraan Kora haa tahu Koree Gidduu walitt qabani yaada amma naannessan kana mari’achiisuuf angoo qabu turani. Yero sana gochuu dhabuun saanii haalli keessaa fi alaa yero jijjiiramu akka of se’anitt dhageeffannoo argachuu hin dandeenye. Seera cabsuu mannaa tartiiba iyyannoo miseensarraa eegaa turan ofiifis hordofuutu irra ture. Yoo didaman qajeeltuun gara saanii taati turte. Haalli yeroo yeroon ni Jijjiirama. Kan hardha fulduratt fidan bor duubatt dhiibama ta’a. Kan duubatt hin dhiibamne fedhaa fi ulfina sabichaa qofa. Kaayyoon sun akka beekamuu fi hedduun akka irratt wareegaman “bu’ursitoota” fi dabballoota ABO caalaa kan lammii kakaase hin turre. Jarri sana gochuuf qara irra turani.

Dudhammi biraa yoo hin jiraanne obsa, danda’ina fi gamnoommi hooggana irra waan eegamu ture. Abbaan doonii doonii saa ni jajjeebeessa, yoo dadhabes waliin cubuluqa malee cite jedhee gatee dheessuun salphina. Bu’uursitooti sunis akka abbaa doonichaatt of ilaaluu qabu turani. Utuu hin citin gatanii dheesuun salphina sana caaluu ta’aa. Abbaawummaa fi itt gaafatama seeraa fi seenaa qabu. Rakkina amma walxaxee furuun saa yeroo fudhate sun dhibu dha.

Dhaabi tokko akka itti dhufett utuu hin ta’in waan tolchu dursee karoorfachuu qaba. Akeeka ittiin sosso’u akka masakaniif sagantaa malbulchaa, heera, seerotaa, dambilee fi barruunqabi adda addaa lafa kaa’atatu eegama. Jarri kun hundi ilaalcha yk kaayyoo sabichaa calaqqisu. Miseensoti saa qaraa hamma jinfuutt jiran fecoo qabee barruulee sanaa waliin hubachuu qabu. Yoos ilaalchi sabummaa, Oromummaan maal akka ta’e qayyabatu. Barruuleen sun ganna afurtama dura lafa kaa’amanii. Kan hojii irra hin oolleef kanneen kaayyoof dudhama hin qabnetu itt hin dhimmine fakkaata.

Oromiyaan qabeenya humna nama, qabeenya lafa irra fi lafa jalaan sorettii dha. Garuu qabeenyi sun kan dhimma baasaa jiru halagaa isa garboomfateefi. Qabsoon Oromoo hanga qabeenya kana hin hirmaannett ofirratt hirkachuu hin danda’u. Gargaarsi karaa gara garaa alaa eegamu abddachiisaa mit. Kan qabsoott bobba’ame inn abdatamee miti. Yoo argame hin didamu. Fala ittiin galii argatu soquun dirqama hoggansaatii. Kun waareegama diina ofirraa faccisuuf godhamuu gadi hin gaafatu. Kanaaf hooggansa kutataa durfannoon saa ofirratt hirkannoo ta’e gaafata.

Hunduu laafina jaarmaa ABOn qabutt kara karaan qubaa itt qabu barbaada. Jaarma jabeessuuf hoogganatu itt gaafatama qaba. Kanneen hooggana turan akkamitt laafina komachuu danda’u? Kan bara afurtamaa ijaaramee jalcaasaa fi fedha misha qabu kabun dadhabamee attamitt haaraa yayyabuun yaadame? Dubbiin saa qaama yaa’a ABO laaffisuu keessaa tokko akka ta’e hin mamsiisu. Eenyuu wan itt hin amanne haddheessuu fi yoo dandahame diiguun kan jiru. Garuu waan bukeessuu saa keessa jiranitt qubaa qabuun safuu dha. Mana ijaare onsee haaraan ijaara kan jedhuuf attamitt amanamaa? Malbulchi xiiqiin utuu hin ta’in malaan gaggeeffama. Kan hafan keessas kan of hin mullisne yoo jiraatan malee jarri kaan amma walii tumsanii garaa garummaa agarsiisuu dandahu.

Hogganooti ABO irra qoollifatan kun saba saaniif waan duraan gumaachaniif galata qabu; haa tahu malee ulfina fi leellifammi saanii ulfina kaayyoo sabaaf kenaniin walitt hidhataa dha. Kanaaf tujuba keessa seenan, akka abjuu baddeett fudhatanii, afaalla’atanii deebi’u utuu ta’ee kan hundaan yooyyiffamu. Sana gochuu danda’uun gamnummaas jannumaa dhas. Hogganooti murnoota ammalee kaayyoo hin jijjiirree jedhanii akka fedhett haa tahuu dhaaba kana maqaan tursuuf galata qabu. Sana jechuun ABOn kan dhuunfaa saaniiti jechuu miti. Kan bor dabarsanii abbaa dabareett kennani. Kanaaf hariiroon bora’e akka dhimma dhuunfaa irra maddett ilaalamu hin qabu.

ABO kukkutanii bibixxiluun qoroo xixinnoo dhaabuu yaaluun rorroo Oromoott fe’ameef furmaata akka hin taane ganna kurnan darban agarreerra. ABO laman garaagarummaa saaniif waan himatan qabu. Tokko anatu caalaa kaayyoo ganama tissaa jira jedha. Tokko isaan biraa keessa farri kaayyoo sussutamanii akka jiran durse argeetu ta’a. Kanneen hafan garuu booqaa sana maxanfatanii dhiisanii kaayyoon ganama dogoggoraa dha jedhu. ABOn kan leellifamu kaayyicha bakkaan gahuuf sagantaa malbulchaa ganama baafateef malee maqaa saatiif miti. Ta’uus maqaan saa ulfaataa fi jaallatamaa ta’uun hin haalamu. Akeeka saa jallisanii booqaa “ABO” jedhu maxxanfataniif ABO hin ta’amu. Ummati ABOn lama sadii osoo hin ta’inii tokkicha beeka. Innis hamma mirgi hiree muteeffannaan Oromoo kan ofiin bulummaa dablatu hojii irra oolutt hidhannoo saa kan hin hiikkanne. ABO gatii dhabsiisuuf abbatokkeen maqaa saa dhahatanii fi hoggana saa ta’uu himatan jiraachuu akka mudaatt dhiheessuun ABOn maal akka tahe beekaa haaluu dha. ABOn tokkicha. Kan hafan hundu kan sobaati. Sagantaa malbulchaa saaniin walbiraa qabanii laaluu dha.

ABOn adda abba tokkeen jannoota dhugaaf dhaabbatan, ummata saanii, biyya saanii fi ulfina saanii kan qabate irra faccisuu fi hanga inni biyya saanii gad dhiisee deemutt aarsaa isa dhumaa baasuuf fulduratt dhufanii kakataniti. Yeroo kaasichaaf qaama saanii fi lubbuu saanii golee Oromiyaa hundatt kennan sana gochuu saanii ture, ammas sana gochaa jiru. Kiisii saaniitt sagantaa malbulcha dhaabaa, harka tokkott alaabaa saanii isa biraatt meeshaa saanii qabatu turan. Al hundaa hogganoota saaniitt ni amanu, ajaja saaniitinis ibdatt dhiichaniiru. Faaruu biyya saanii, dhaaba saanii, alaabaa saanii, gootota saanii fi jaallewwan saanii akka hogganotii barsiisanitt farsaa deemu turan. Akkasitt kan ABOn kan jiru irra qaari’ee kan du’an kan haammate. Ayyaana waraaqxota ganna afurtaman darban dhufanii deeman hundaati. Bu’uura fi miira jabaa fakkeessituuf hin tolle qaba. Hogganootii fi miseensoti laafina fi afanfajja’a ni agarsiisu ta’a, garuu ABOn yeroo hunda jabaa dha. Miseensotii fi hooganooti ni jijjiiramu ABO dhaabbataa ta’ee hamma ergamsa saa bakkaan ga’utt ni jiraata.

Oromoon hoogganoota saanii irra seeraan bulummaata eeggatu. Biyya ilaa fi ilaameen walbulchu nuu ijaaru jedhanii abddatu. Kun shakala dudhaa Gadaa irra dhaalani. Kan seera cabse ni buqqifamaa, murtii dhumaas yeroon itt fudhatamu ture. Sun amma durdurii ta’uyyuu safuu Gadaa eeguun waan ilmaan Oromoo hunda irra eegamu. Kaayyoon qabatee ka’ee fi ammas hordofu ABO ayyaana Oromoo taasiseera. Yoomuu hin dabu hin dabsatamu. Akka yaadaan cimaa ta’ee jaarmaanis waan hin cimneef hin qabu. Dogoggora kanaan duraa irra yoo barate of sirreessuun nama hin dhibu. Hoogganooti ammallee kaayyoo ganamaatt amanan walitt dacha’uuf yeroo balleessuu hin qabani. Sana gochuun Sardaa dha, sababni ture hundi kan buqqa’e fakkaata. Kan hafuu falfalaa barsiifataa keessaa caffatanii bahuu dha.

Oromiyaa jireenyi see guyyuu dorsifamaa jira. Si’ana haalli dhalate gita bittuu Tigrayi kan beekame caalaa kan birdhachiisuu fi ababbarsiisuu. Malli Mallas isaanis empayerittis ittiin xaxee to’ataa ture kan dhaalutt waan hin dabarre. Habashaa mormitoonni hamma danda’an itt sadaa jiru. Mirga cunqurfamooti hanga yoonaa argatan ni fugisiifna kan hin jenne isaan keessatt hin argamu. Kaan akka mootichi hin fayyinne Waaqaa saanii itt kadhataa, itt dagamaa, itt qara’aa bulu. Gabaabaatti balaan Oromiyaa irra marsaa jiru kan salphaatt ilaalamu miti. Kan gabbarres kan hin gabbarres rakkina walfakkaataa keessa jirra. Kanneen ABO diiguu aggaammatan qaawwaa argataniin jaalbiiyyoota mogolee buusuu yaalaa jiru. Dura ijaajjuu hin dandeesssanii keessa gugadha jedhuuni. Sanaan akeeka qabsoo doomsuu bakkaan gahachuu fedhu.

Kan Oromummaan itt dhagahamu falachuun utuu caalaa hin waari’inii. Oromoo dha kan ofiin jedhu hundi badiisa mirgaa fi bitaan itt xiyyeeffate irraa baraaramuuf walii birmachuu feesisaa. Ammaaf sagantaa gabaabaan hiriirsuu danda’u ummata tokko, biyya takka fi hiree tokko akka waliin qaban amanuu dha. Ilaalcha addan qaban erga balaa ofirraa dabarsanii itt deebi’uu danda’u. Yeroon saa ilaalcha “nuu” fi “isaan” jedhuun qabsaawota gidduutt gargar baasa osoo hin ta’in kan guddaa itt yaadanii fi wal qayyabachuu itt yaalani. Balaan didichaa yero dhufuutt jiru kana mooraa halagaatt dheessuun jiraan awwaalamuu dha. Akkasitt jannoota hedduutu galaafatame. Sana akakilee keenya akka Goobana Daaccee faa irra barachuu dha. Lubbuu fi maqaan badani.

Ummati Oromoo erga qabamee kaasee eenyummaan saa, qaammi saa, qabeenyi saa, dafqisaa fi lubbuun saa itt hin hafne. Ofirraa faccisuun kan du’e irra garbummaan dhiitamee, tuffatamee, jeejeen guraaramee fi ergaramaan kan dhumetu caalaa. Sun hundi ta’ee mooraa gabroonfataa keessaa mootummaa saaniin mormanii cunqurfamaa bira kan dhaabbatan hin turre. Hundi saanii Waan akka isaan tajaajiluu Oromoo uumeef itt fakkaataa bahe. Hardhas isaan keessaa kan yaada jijjiirrate hin muldhatu. Oromootu roorrisaaf jilbeefachuu balfinaan haala kana fuggisiisuuf ABO ijaarrate.

Ergasii, ABOn ummata jaalalaan wojjin jiraate kan walfuudhee walirraa irraadhalche gargarbaasuu yaala jedhe mooraan diinaa wacuutt ka’e. Isaan dura jaalalli sunii fi soddummaan itt muldhatee maaf ba’aa saa hin salphifne, maaf tuffiin gadi ilaalame? Ammallee gidiraa naannaa jaarraa tokkoo fi walakaa irraan gahaaniif kan gaabbe hin jiru. Amma kan isaan yaacessu qabeenya fi humna nama Oromiyaa gatii bucuun bolqan dhabuun itt mullateetu. Akka saba biyya saa irratt abbaa biyyaa taheett walqixummaa fi obbolummaan waliin jiraachuu hin fedhani. Empayericha bara baraan jiraachisuun akka ergama saanii tahett fudhatu. ABOn sana diiguuf kakatee. Yoo sun tahe qofa ummatni jalati hidhaman hundi gadi dhiifamu.

Oromoon koloneeffataa waliin malee olloota saa irra gaaffii mirgaa hin qabu. Ammaa hojiin Oromoo eeggatu jaarmaa saa cimfachuu fi hoogganoota qabu jajjabeessaa fi wal dhuunfachiisaa haaraa jalaaa biqilfachuu dha. Amma huuqqataa haa fakkaatu malee keessisaa migira ta’uurrayyuu, humna riphaas akka qabu beekamaa dha. Humna riphaa sana misoomsee hanga gad of dhaabutt dirqama biraa fudhachuun itt gala akeekkate irra of hankaaksuu dha. Kanaaf dura walabummaa yoo gonfatan ofirra darbanii ilaaluun dhufa. Haa ta’u malee kolonota akka saa waliin qabsoo irratt walii tumsuun hin dhaabbatu. Empayeran demokraatessa yoo jedhe garuu “Hudduu irraa hin qabdu mataatt aguuggati” isa jedhan taha

Miseensoti angfi ABO namoota dhaloota Tokkummaa Afrikaa kan Amerikaanota Gurraacha irraa ka’ee malbulchesitoota Afrikaa 60mootaa akka Kwame Nkurumah fai’in waldayichatt dabarfamaa dhufe kanneen utuban turan. Jarri sun OAU akka karaa Tokkummaa Afrikaa dhugaatt geessutt qayyabatann. Hamma yoonaa fiixaan hin baane. Tokkumaan Afrikaa dhugoomuuf fedha tokko tokkoon ummata Afrikaa hin faalamin irratt malee mootummoota kan hedduun saanii abbaa hirroota tahan irrati miti. Fedhi abbaa hirrootaa fi Tokkummaa Afrikaa kan akeeka demokrasii bilisummaa, walqixummaa, baabsaamitii, ulfina mirgoota ilmoo naamaa fi ummatoota fi obbolummaa Afrikaanotaa irratt hundaawe wal fincilaa dha. Sanaa gochuuff gara sammuu dhiphatu.

Addi Bilisummaa Oromo (ABO) ciminni akka yaadaanmalitt qabu shaakalatt shaffisaan jijjiiramu malee gaaffiin Oromoo deebii argachuuf dhaloota hedduu fixuu dandaha. Sun bara meeqa fudhatus ABOn garaa Oromoo keessaa hin baduu. Kanaaf ergamsi saa ammallee hoogganaa fi jaarmaa caalaa jabaa eeggataa kan qabuun tattaafataa jira. Akka itt mudaa qabu sirreeffachuu dandahu heera fi seera tumatee ture. Garuu hojiirra ooluu saanii guyyuu kan to’atu fi qajeeltuu ilaaluf qaama aboo qabu lafa hin kee’anne. Silaa beekaa badii irra darbuun hogganootaas ni ittifama ture. Sana lafa kaa’achu hafuutu laaffisaanii dhufe. Rakkinni ABO mataadhaa gad eegale. Hooggansa keessa kan hin murteeffatin jiraachuun daddaaqina hore. Sana qulqulleessuun yeroo eeggataa jira. Kanaaf irraa ququnxuranii waa bixilachuu utuu hin tahin of irratt warrraqsa gaggeessuutu kaayyoo bakkaan gahuu gargaara. Ummati Oromoo qaama ummata Afriikaati. Tokkummaan Afrikaa fedha bilisa ummataatiin ijaarama malee kan abbaa hirrootaa fi koloneeffatootan miti. Annisaan akeeka ABOn Tokkummaa godinichaa haa ta’u kan waldayaaf qabuu sanaa. Dura tokko tokkoon ummataa dhugaatt bilisoomuu qabu. Kolonii keessaa dacha’uun bar tokko sanati geessuu danda’a. Daayi egeree iftuu dha; abdiin Oromoon bilisa bahuuf kuufate hanga sun carraa hojiirra ooluu argatutt hin dhaamu. Jabaatus laaffatus ABOn tokkicha.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Hagayya 2012
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo.

Gubirmans