Oromia: Asoosama

Kumsaa irraa | Hagayya 29, 2012 

Kabajamtoota dubbiftoota sabaa himaa “Ayyaantuu”, harka fuune!

Yeroo kana, yoomiyyuu caala waayee tokkummaa ilmaan Oromooti dubbachaa jirra. Dhaabileen ilmaan Oromoo bakka heddutti dhaaban akka bilisummaa Oromootif gufuu taye, akka diinaf daandii babaldhise hundinuu ni beeka. Oromiyaanis akkuma biyyoota biraatti akka ijoollen ishii tokko taatu hawwiti. Anis, akkuma heddu keessaniin tokkummaa obboloota kiyyaa hawwa. Yoo tokkummaan jiraate waanni hundinuu jira. Waanan yeroo hundaa waayee tokkummaa lammii kiyyaa yaadufuu, kitaablee addaddaa kitabee, rakkina yeroo kana biyya keenya keessa jiruufuu ‘uummataan waliin gawuu hin dandeenye. Kanaafuu, karaa “intarneetii” asoosaman akka “diraamatti”asoosessee

IMIMMAAN HAADHA ILMAAN LAKKUU” jedhee moggaase keessaa filee isinii dhiyeessuf murteessee, mee dubbisaa!

Calqabni isaa, ilmaan Oromoo tokkummaan ka’anii biyya ofii keessatti mirga isaanii falmachuuf waan murtee dabarsaniifuu, baay’inaan naannoo isaanii bakka bu’anii magaalaa Finfinnee, galma baldhaa tokko keessatti wal gayanii, namoonni angafa ta’an sadii Waaqa kadhatanii, tokko tawuuf maal gochuun akka isaanirra jiru waliin mariyatu. Taraa taraa ka’anii yaada isaanii dhiyeessu.

Isaan keessaa inni tokko ka’ee-
“Obboo Boodasaan jedhama. Yaa jarana, jiruun nama keenyaa, dhuguma, guddiseeti nama gaddisiisa. Rakkoon namni keenya diina gargaaree walitti fide ala qofa otoo hin taane manattis nama rakkisaatuma jira. Maatin tokko ollaa kiyya jiraatu. Galgala galgala yeroo hundumaa yemmuu isaan wal- lolan nan dhaga’a. Haati manaa ulfooftee, mucaan hin dhaladhu jedhee, yeroon dawuumsaa darbee, warri isaa akka inni dhaltu kadhatu.

“HIN DHALADHU!”

Abbaa. Dhaladhu yaa ilma koo,
si arguun barbaadaa,
maaloo, yaa mucaa koo,
yeroo hundaa waanuma keen yaadaa!

Ilma. -Waanan hin dhageenye sitti fakaataa,
baay’ee rakkatu firootni koo,
yaa abbaa koo, eessatti na waamtaa?
Ani arguu hin barbaadu rakkoo!

Haadha. –Dhuguma, rakkanne, yaa mucaa koo,
qabeenya keenya nu irraa fudhatuu,
diinatu nyaata dafqa koo,
isin kunoo agabuu bultuu.

Abbaa. – Obboleessi koo jaratti michee,
diinagdee keenya nu saamsisee,
nuyis seera isaanii jalatti nu galchee,
kunoo akkanatti nu beelesee,
dhaladhu, yaa ilma koo!
Sitti himachuun barbaada rakkoo koo.

Ilma. -Eega obboleessi obboleessa ajjeechisee,
eega haadhoon garaa wal- hattee,
eega ollaan mana hidhaatti wal ficcisiisee,
eega lammiin wal- amanuu baatee,
ani arguu hin barbaadu kan akkanaa!
Eesatti dhaladhu naan jettu, yaa jarana?

Haadha. -Itti yaadu ta’a firoonni kee,
uummanni ka’eeti wal gargaaraa,
dhalootan hin darbini rakoon kee,
namni haa baratuu dogoggora isaa irraa,
yeroo hundaan yaadaa mataan na dhukkubee,
dhaladhu yaa ilma koo, ani ba’aa kana dadhabee!

Abbaa. -Qe’uma keenyatti salphannee,
humnaan qabeenya keenya fudhatuu,
ofii hojjannee isaaniif laannee,
keenya kunoo beelaan rakkatuu,
maaloo, dhaladhu yaa ilma koo,
rakkoo dhaa baasi biyya koo!

Ilma. –Lammiin woo kunoo, wal gurguree,
diina jala galeeti wal rakkisaa,
eenyummaa isaa qarshiitti geeddaree,
obboleessi obboleesa ajjeesaa, ajjeechisaa,
yaa jarana, eessatti na waamtuu?
Akkamitti “Ija keetiin kana argi!” naan jettuu?

Haadha.-Biyyi boodatti hafee,
callaan hin guddatuu,
garbummaa jalatti kufee
uummanni wajjin hin tattaafatuu,
namni tokkummaa dhiisee,
inni kaan diina jala galee,
duudhaa ofii balleessee,
kan algaatiin olee bulee,
hin didinii dhaladhu, yaa ilma koo,
rakkoo dhaa baasi biyya koo!

Abbaa. –Kan diina nutti fide namuma keenyaa,
kunoo uummanni rakkatee,
alagaatu fudhata kan isaa qabeenyaa,
agabuu isaati bula halkanii fi guyyaa hojjatee.
Yookaa situ rakkoo dhaa nu baasaa,
uummata tokkummaan kaasee,
bilisummaa nu argachiisaa,
isa wal- gurguru gorsee,
guddiseeti si eega uummanni koo,
hin didinii dhaladhu, yaa ilma koo!

Ilma. — Namni woo aangoo xixiqqoo qaqqabatee,
uummata ofiiti rakkisaa,
hardha kunoo jara fakkaatee,
isa beekaa ta’e ni ajjeechisaa,
isa dureessa taye ni saamsisaa,
akka seenaan boru isa gaafatu dagatee.
Yaa jarana, eessattan dhaladha?
Akkamittan dubbii yaraa dhaggeeffadha?

Haadha.- Nuyi danuu turree,
lammii nu gabaabsanii,
nutti muranii adaba namtti hin murree,
isa kaan mormaa gad awwaalanii,
isa kaan yaa’itti baasaniiti fannisanii,
dubartii ulmaa ciiftu illee harma irraa muranii,
dhiirri akka jilbeeffatee daaku taasisanii,
walabummaa ishee sitti abdatti Oromiyaan, haati koo,
hin didinii dhaladhu, yaa ilma koo!

Abbaa. –Yeroo namni biraa guddatu
keenya boodatti hafee,
barumsa yeroo kanaa hin baratuu,
“saayinsiifi teeknologii” hin guddifatuu
rakkoo guddaa jalatti kufee,
ati maal argite, yaa mucaa koo?
Baay’ee rakkatte haati koo,
hin didinii dhaladhu, yaa ilma koo!

Ilma. — “Maal argite?” maalif naan jetta?
Rakkoon woo dhalootan darbee,
kanaaf namni namaa gad bulaa,
ani woo dhiiga keetii, gaafii maaliti na gaafatta?
Ijaanii mitii isa lapheen argantu caalaa!
“Dhaladhu! Dhaladhu!” jettuu, yoon dhaladhe,
yaa uummataa, wal wajjin kaataa?
Ani kunoo garaa koo kutadhee,
dhiiraa fi durbaan wal- gargaartaa ?
Yaa abbaa koo, itti yaadda moo akkuma
jaraatti duudhaa geeddarta?
“Dhaladhu!” jettee nan dhaladhaa,
maqaa koo eenyu jetteeti na waamta?
Akka aadatti Bilisaa jettee na moggaaftaa?
Ani (Bilisaan) dhalachuufii tokko ta’i, yaa uummataa!
Wal gargaarran rakkootti hin haftuu, ni bilisoomtaa,
duraan dursii ofi keessa arami yartuu,
ishii si jala garagaltee diina jala galtu.
Ishii dhiiga keetin daldaltu.
Nan dhaladhaa na eegi, yaa abbaa koo,
ulfooftee hin haftuu haati koo,
ni bilisooma uummanni koo!
Ni bilisooma uummatni koo!
Rakkoodhaa baati biyyi koo!”

(Imimmaan haadha ilmaan lakkuu, bara 2004 alAw)

–Kumsaa drirsa@yahoo.com