Ayyaana Arafaa marroo 1433ffaaf magaalaalee empayera Itophiyaa keessatti kabajame irratti hawaasni musliimaa hiriira mormii jabaa gaggeessuun mootummaa Wayyaanee balaaleffataa oole
(Qeerroo, Finfinnee, 27 Onkoloolessa 2012) – Hawaasni musliimaa gaaffii mirgaa mootummaan Wayyaanee dhimma amantii keessaa seenuu akka dhaabu gaafachuu eerga eegalee bubbulee jira. Haa tahu malee mootummaan Wayyaanee gaaffii mirgaa kana deebisuu irra dura dhaabbatuu filatee hawaasa musliimaa addatti ammoo gaggeessitoota kan tahan mana hidhaatti guuraa ture.Tahus hidhaa fi ajjeechaaf hin jilbeeffannu jechuun hordoftootni amataa musliimaa Godina garaa garaa keessatti argaman gaaffii mirgaa dhiyeessaan cimsanii itti fufanii jiran. Uummatni mirga isaa sarbames gaaffiin hawaasni musliimaa kaase gaaffii mirgaa tahuu hubachuudhaan hawaasa musliimaa cinaa dhaabbatuun gaaffii mirgaa akka dhiyeessan kakaasee jira.Haalli kunis daran jabaatee boqonnaa haaraatti ce’uu irraa Onkoloolessa 28/2012 wayta ayyaanni arafaa kabajamutti dhaadannoo garaa garaa dhageessisuunii fi barreeffamootaan qabachuun jibbinsa mootummaa abbaa irreef qabu agarsiise. Ayyaana magaala Finfinnee keessatti kabajame kana irratti hawaasni musliimaa Istaadiyoomiitti walitti dhufe qindoomina bilchaataan mootummaa wayyaanee balaaleffatee jira.Hawaasni musliimaa dhaadannoolee:
1. Hidhamtootni haa hiikaman
2. Sagaleen keenya haa dhaga’amu
3. Mirgi keenya haa kabajamu
4. Hooggantootni nuyi fin filanne nu hin bulchan
5. Mootummaan wayyaanee abbaa irree dha
6. Cunqurfamuun,Reebamuun,Ukkaamsamuun haa dhaabbatu
7. Bilisaan dhalanne bilisummaa barbaadna
8. Biyya keenya irratti cunqurfamuu fi ukkaamsamuun haa dhaabbatu
9. Raadiyoo fi Televisioniin Itoophiyaa sobduu fi Hattuu dha
1o. Miidiyaan Itoophiyaa sobduu dha fi k.k.f dhaadachuun mootummaa Wayyaanee guddoo rifachiisan. Kana malees ayyaanaan booda Dhaabbata Raadiyoo fi Television Itoophiyaatti marsuudhaandhaadannoo ETV sobduu! ETV hattuu! dhageessisanii jiru.Haaluma wal fakkaatuun hawaasni musliimaa waajjira ajajaa Poolisii Federaalaa Warqinee Gabayyootti marsanii waraqaa akeekkachiisaa itti kennuun poolisootni federaalaa abdii akka kutatan godhamee jira.
1. Mirgi keenya haa kabajamu
2. Wayyaaneen abbaa irree dha
3. Hawaasni musliimaa nagaa barbaada
4. Biyya keenya irratti dhiitamnee hin jiraannu
5. Mootummaan dhimma amantii keessaa harka haa fudhatu fi k.k f kanneen jedhaan dhaadannoolee bal’ inaan maxxanfamani dha. Magaala Shaashimannee,Baalee(Roobee),Kamisee keessatti diddaan wal fakkaataan uumamee hawaasni musliimaa waraqaa keelloo agarsiisuun mootummaa Wayyaanee akeekkachiisuun balaaleffateera. Magaala Harar,Gujii,Dirree Dawaa fi kanneen biro keessattis mormiin hawaasa musliimaa sadarkaa jabaatti ce’ee pirezedaantii Harar kan tahe Fuadii fi Kantiibaa magaala DirreeDawaa Abdullaah jedhaman hanga manaa itti deemuun arii’anii jiran.Pirezedaantii Harar soda irraa gara Finfinneetti dabarfamee jira.


Wanti isaan kaasan sirriidha. Ta’uu kan qabus akka mirga lammummaa isaaniif kennameetti ta’uutu irraa eegama. Ummatni Musliimaa sababa hin beekamneen reebamuufi dhiitamuu akkasumas ajjeefamuun irraa dhaabbachuu qaba. Namni hunduu mirga guutuu rabbi isaaf kenne akkuma qabu hundaatti ummatni keenya kun mirga jiraachuu fi sagalee ofii dhageessifachuu argachuu qabu. Bilisummaan biyya keenyaaf haa ta’u!
Duraan TPLF haala akkanaa uumtee dhimma itti bahuuf ture,amma immoo harkaa gara biraa kan isiin hin yaadin tahaara.Naannoo Oromiyaa fi fuula lammiin Oromiyaa jiru hundatti dhiiga obbolaan keenyaa dhangalaasera humni TPLFKanaafuu nuti kiristaanni Oromiyaa obbolaan keenya kan mirga isaaf falman waliin dhaabannee wareegamuuf qophii tahuu qabna.TPLF sataana lafaa waan taheef maqaa Yesus qabannee obbolaan keenya kan islaamaa waliin sataana romiyaa irraa baasuun dirqama Oromummaa kan saba Waaqayyoo taheera.Nutri Oromoo saba nagaa jaalatu.TPLF nagaa booresseera,of irraa fonqolchu qabna.
Hayluu Margaa yaada gaarii gumaachiteertaa baay’ee si galatoofanna! dhuguma oromoon tokko. amantiin ,lagaa fi gosaan kan gargar nu baasuun gonkumaa hin kajeelamu!