AYYAANA HUNDEEFFAMUU WAGGAA 30ffaa WALDAA GARGAARSA OROMOO (WGO) BIYYA UK

1982 – 2012, MAGAALAA MAANCHISTAR (INGILIZII)

Fulbaana 17, 2012

Waldaan Gargaarsa Oromoo biyya UK (WGO-UK) ayyaana hundeeffamuu waggaa 30ffaa isaa Fulbaana 8, 2012 magaalaa Maanchistar biyya Ingilizii keessatti sirna ho’aa fi miidhagaan kabajate. Erga bara 1982tti hundeeffamee, WGO-UK bifa adda addaan baqattoota Oromoo Gaafa Afriikaa fi biyya UK keessatti argamaniif tajaajila gargaarsaa kennaa ture. Waggoottan darban kana keessatti, Waldaan kun biyya Oromiyaa keessattis hojiilee garaagarsaa fi guddina misoomaa irratti hirmaateera. Gargaarsa inni kennaa jiru keessaa inni guuddaa fi angaafti maallaqa, nyaata, qorichaa fi uffata walitti qindeessuun baqattoota Oromoo biyyoota ollaa kan akka Sudaan, Keeniyaa, Jibuutii, Somaaliyaa fi Eritiriyaa keessa jiraniif erguu dha. Biyya UK keessatti, WGO-UK kallattii iyyata koolu galtummaa, mana jireenyaa, barnootaa fi kanneen kana fakkaatan irratti gorsaa fi gargaarsa barbaachisu mara kennuun baqattoota Oromoo cina ni dhaabbata. Akkasumas, OSG (Oromiya Support Group) faana wal-utubuun yeroo hedduu qorannoo geggeessuun rakkoolee baqattoota Oromoo irra gahaa jiran kan akka dhiibamuu mirga dhala namaa addunyaatti beeksisuuf carraaqqiin godhamaa jiru guddaa dha.

Waldaan kun hojiilee gurguddoo akka kanaa hojjechaa turuu isaa sababeeffachuun ture bakka baqattootni Oromoo hedduun argamanitti hundeeffamuu isaa kan ayyaaneeffate. Keessumoota simachuun sagantaa kan banaan Dr Gizaawu Taasisaa kabaja ayyaanichaa ilaalchisee yaadannoo hundeeffamuu WGO irratti haasaa baniinsaa godhaaniiru. Toora sagantaa ibsuun ture Dr Gizaawu akka aadaa Oromootti maanguuddoota eebbaaf kan affeeran.

Seena hundeeffama WGO (kan walii galaa)  irratti xiyyeeffachuun, J/ Xahaa Abdii WGO, maalif akka jalqabame fi maalfaa hojjechaa akka ture ragaa qaban hirmaattoota sagantaaf qoodanii jiru. Bara 1976tti gama Adda Bilisummaa Oromoon tumsaa fi deggersa godhameen Waldaan Walgargaarsa Oromoo bu’uureffamuu jalqabame. Gorsaa fi deggersa L/Guddinaa Tumsaatiin ammoo yaaliin WGO biyya Jarmanitti galmeessisuuf godhame hin milkaa’in hafe. Bara 1978tti biyya Sudaan keessatti seeraan abbummaan isaa galmeeffame. Mirgi seeraan kennameef kan mirkaneessu WGO bakka hundatti hojjechuu akka danda’u dha.  Haaluma kanaan, Oromoota biyyarraa buqqa’an gargaaraa ture kan WGO  gara biyyoota ormaa keessatti babal’achuu jalqabe. Hojiilee gurguddoo Waldaan kun guddina misoomaa fi baqattoota gargaaru gufachiisuuf shirri gama mootummaa wayyaaneen godhame laayyoo hin turre. Dhiibba kana hunda dandamachuun ture WGO amma har’aa jabaate kan sabaaf bu’aa buusuu danda’e.

Baroota 1960 keessaa eegaltee saba Oromoo hanga dandeessu gargaaraa kan waliin dhaabbatte Dr Varjiiniyaa Luuliing ayyaana kana irratti bu’aa hundeeffamuu WGO-UK fi muuxannoo Waldaan kun keessa darbe irratti haasaa gabaabaa gootee jirti. Dr Varjiiniyaan waa’ee saba Oromoo kan isheen barte yeroo barnoota isheef waa’ee saba Oromoo ilaalchisee barreessite ture. Yeroo sana irraa eegaltee aadaa fi seenaa saba Oromoof gammachuu fi kabajni isheen qabdu daddabalaa bule. Haaluma kanaan ture gara WGO-UK dhuftee hojiilee garaagaraa irratti hirmaachuu kan eegalte.

Baroota 1980 fi 1990 keessa, projectii gargaarsaa WGO-UK jalatti gara Gaafa Afriikaa deemuun baqattoota Oromoo biyyarra buqqa’an gargaaruu keessatti gumaacha guddaa gootee jirti. Bara 199   2, du’aa kan lafa kana irraa boqotte J/Liidiyaa Namarraa faana gara Oromiyaa keessatti hojiilee misoomaa kan akka bishaan dhugaatii baasuu, biqiltuu dhaabuu fi dhibamtoota wallaanuu irratti hirmaattee jirti. Dhuma gara jaarraa 20ffaa irraa eegalee ammoo baqattoota Oromoo gara biyya UK dhufan gargaaruu keessatti gumaachi isheen goote ol-aanaa dha.

Hiriyaa Oromoo kan ta’e Dr Tireevar Turuumaan ayyaana kana irratti haasaa dheeraa gochuun ture muxannoo gama OSG (Oromia Support Group) fi WGO-UK qabu jireenya baqattoota Oromoo waliin wal qabsiisee hirmaattootaaf kan qoode. Bara 1988 irraa eegalee WGO faana hojjechaa kan jiru Dr Tireevar, bara 1990/91 talaallii kittibaataa kennuuf ture gara Oromiyaa zoonii Wallaggaa kan adeeme. Yeroo sana irraa jalqabee qabsaa’ota Oromoo garaagaraa waliin dhimma Oromoo ilaalchisee mari’ataa ture. Fakkeenyaaf, J/Leenco Lataan Dr Tireevar saba Oromoof hiriyaa ta’ee waa’ee mirga dhala namaa saba Oromoo addunyaatti akka beeksisuuf mari’ataa turan.

Dhaaba OSG dhaabuun ture Dr Tireevar rakkoolee baqattoota Oromoo irra ga’aa jiran adduyyaatti beeksisuuf carraaqqii guddaa kan godhe. WGO-UK faana wal-utubuun yeroo garaagaraatti gara Gaafa Afriikaa deemuun qorannoo geggeessuun dhugaa jiru ifatti kan mul’isaa ture. Barreeffamootaa fi xalayoota adda addaa gara mootummoota garaagaraattis barreessaa tureera. Gara fuula duraatti saba Oromoo waliin dhaabbachuuf waadaa qabus ibsee jira. Ergaa inni saba Oromoo dabarsu yoo jiraate, tokkummaan walgargaaruun dhimmi Oromoo addunyaa irratti akka inni dhageettii qabaatuf haa hojjennu. Saboota kaan kan biyya Itoophiyaa fi biyyoota ollaa jiran faana illee hiriiruun falmii mirga dhala namaa  itti fufuu qabna jedhe. Dr Tireevar Turuumaan haasaa isaa keessatti, bara Alamuu Qixxeessaa lubbuun jiranitti gaaffii fi deebii waliin godhan keessatti dubbii qotee bulaan Arsii jedhe hiikkaa guddaa akka qabuu fi tokkuummaan dhaabachuun bu’aa guddaa akka argamsiisu hirmaattootaaf ibse. Bara 1960 keessa ture qotee bulaan Arsii akkas jedhee kan dubbate, “Burqaa xixiqqoon walitti yaa’anii laga ta’u. Lagi baay’een walitti yaa’uun garba guddaa uumu. Dhalli namaas akkuma kanaan walgahee saba ta’ee biyyas ta’a.”

Yeroo amma projectii WGO-UK geggeessaa jiru keessaa tokko kan ta’e baqattoota Oromoo barumsa isaanii irratti gargaaruu dha. Haaluma kanaan, shamarran jireenya baqattummaa keessatti haalli barumsaa itti cime Waldaan kun gargaaraa akka jiru qindeessituun projectii kanaa Aduu Joobaa hirmaattoota ayyaanichaaf haasaa goote keessatti ibsitee jirti. WGO ijoollee shamarran Oromoo biyya Keeniyaa jiran gara mana barumsaatti erguu keessatti baasii mana barumsaa fi kan jireenyaa danda’uun gargaaraa jira.  Fiixa ba’umsa projectii kanaafis ammoo hirmaannaan namootaa baay’ee murteessaa fi barbaachisaa akka ta’e dubbatti Aduun. Itti dabaluun, namni hunduu hanga danda’u maallaqa gumaachuun WGO-UK faana hiriiruu akka qaban Aduun hirmaattoota hubachiistee jirti. Deggersa qaban ibsuuf, hirmaatootni battaluma sanatti qarshii walitti guuruun gummaacha godhanii jiru.

Ayyaana kana irratti namoota kanaan dura guddina WGO-UK keessatti gumaacha godhaniif badhaasni yaadannoo godhamee jira. Haaluma kanaan, Dr Vargiiniyaa Luuliing, Dr Treevar Turuumaan fi J/Xahaa Abdii badhaasa isaaniif qophaa’e Manguddoo Oromoo harkaa fudhatanii jiru. Akka J/Leencoo dubbatanitti badhaasni kun kan kabaja, jaalalaa fi tokkummaa Oromoota gidduu jiru calaqqisuuf ta’a.

Hawwisoon ‘Greater Manchester Oromoo Community’ qophaa’e sirboota aadaa Oromoo garaagaraa qopheesuun ture hirmaattoota sagantaa kan bashannansiisaa turan.

Dhuma irratti haasawaa xumuraa kan godhan J/Barsiisaa Guutamaa, I/G ABO Kutaa UK turan. J/Barsiisaan walitti dhufeenya ABO fi WGO irratti xiyyeeffachuun, WGO kan uume ABO ta’uu isaa ibsaniiru. WGOn waggoota hedduu darban keessatti hojjetaa ture QBO keessatti bakka guddoo qaba. Seena WGO yeroo illaallu jabbnnii fi laaffinni isaa sochii ABO waliin adeema. Kunis, gaafa sochiin ABO jabaatu, hujiin WGOs jabina akka agarsiisaa turee dha. Kanaaf fakkenya guddaa kan ta’u yeroo ABOn bara 1991 mootummaa ce’umsaa seenee ummata Oromoo biratti fudhatama guddaa argatee bal’inaan hojjechaa ture, WGOs biyya Oromoo keessatti of gad dhaabee hujii gargaarsaa fi misoomaa babal’see hojjechaa ture. WGOn baroota 1991- 1995 gidduu guddina seenaa isaa keessatti hin argamne agarsiisee ture. Yeroo ABO mootummaa ce’umsaa keessaa bahe, hujiin WGO biyya keessaa jabaachuun  sodaa guddaa waan Wayyaaneetti fideef seera malee qabeenyaa WGO  millionaan lakkaawamu saamanii akka hojiin WGO biyya keessaa dhaabbatu taasisan.

Dhiibbaa mootummaan wayyaanee WGO dhabamsiisuuf biyya keessaa fi biyyoota ollaa keessatti gochaa ture hunda keessa taruudhaan WGOn har’a ga’e. WGO biyya ambaa fi biyyoota ollaa keessatti deebisee of ijaaree carraqqii godhaa jiru; har’s itti jira. Kana jajjabeeffachuun garuu dirqama keenya ta’a. Walii galatti waan hubachuu qabnu,  mootummaan Abashaa  jaarmayaan Oromoo bilisa ta’e bifa kamiiniyyuu akka hin jiraanne jala bu’anii akka eegaa jiranii dha. Nutis kana hubannee  jaarmayaa qabnu tikfachuu; akkasumas tokkummaa keenya jabeessinee hojiin qabsoo fi baqattoota Oromoo bakka jiranitti gargaaruun akka itti fufu abdii qaban dubbattanii jiru.