Ayyaana Irreessaa irratti Oromoonni nagaa waraana TPLFn hidhaman 150 ol ta’uun beekame
(Onkoloolessa 01,2012 Finfinnee) — Oromoonni ayyaana Irreessaa nagaan ayyaaneffachuuf bahanii badii tokko malee Waraana Wayyaaneen qabamanii hidhaman 150 ol tahuu beekame.Fulbaanaa 30/2012 Ayyaanaa irreechaa irraattii Ilmaan Oromoo jumlaan Hidhaman, Qabeenyaa Akka vedio, kameeraa fi Mobilaa Loltotaa Wayyaaneetiin ummataa irraa samaman, Uffaannii Aadaa Oromoo halluu diimaa magarisaa diimaan hojjetamee miidhaguun Wayyaanonni Alaabaa ABOti jechuun Ummataa irraa ifatti saamaa turan, Onkoloolessa 1,2012 ganama bariin ka’aniis dargagootaa fi ummata nagaa naannoo isaatti galuuf deemaa jirus namoota 50 ol hidhan. Hanga ammaa Oromoonni 150 ol ta’an bakka buuteen isaanii hin beekamne. Haala kanaan namoota naannoo adda addaa irraa hidhaman keessaa hammi tokko maqaan akka armaa gadiiti:-
Ilmaan Oromoo Jumlaan Hidhamaan keessaa namootaa Muraasaa kan maqaa Argannee kanneen ittii anaan kana:
- Gammaachiis Girmaa Godinaa Lixaa Shawaa Onaa Tokkee Kutaayee,
- Ashannaafii Angaasaa Godinaa Kibbaa Lixaa Shawaa Onaa Tolee,
- Gaddiisaa Tarreessaa Godina kibbaa Lixa Shawaa Onaa Iluu Magaalaa Taajjii,
- Shimallis Abbiyyuu Godinaa Horroo Guduruu Wallaaggaa Onaa Jimmaa Raaree,
- Gutaamaa Taasisaa Godina Horroo Guduruu Wallaaggaa Onaa Abbayi Coommaan,
- Lalisaa Luccee Toleesaa Godinaa Lixaa Shawaa Onaa ILfaataa,
- Baayisaa Tarreeffaa Godina lixaa shawaa Onaa Iluu Galaan,
- Tamasgeen Raggaasaa Godinaa Lixaa Shawaa Onaa Jalduu,
- Ababaa Gaddisaa Godinaa Horroo Guduruu Wallaaggaa Onaa Hammuruu,
- Toomaas Amantee Godinaa Shawaa Kaabaa Onaa Kuyyuu,
- Fayyeeraa Ababaa Godinaa Lixaa Shawaa Magaalaa Amboo 03,
- Gammaachuu Haptamuu Godinaa Wallaaggaa Lixaa Onaa Jaarsoo,
- Zaalaaleem Baayisaa Godinaa Kibbaa Lixaa Shaawaa Onaa Gachii,
- Tamasgeen Qaajeelaa Godinaa Kibbaa Lixaa Shawaa Onaa Iluu,
- Caalaa Tolaasaa Godinaa Lixaa Shawaa Onaa Incinii.
- Yaaddeessaa Nagaroo Godinaa Lixaa Lixaa Shawaa Onaa Baakkoo Tibbee,
- Fayisaa Namoomsaa Godinaa Lixaa Shawaa Onaa Daannoo,
- Maammoo Lammii Godinaa Lixaa Shawaa Onaa Abunaa Gindaa Barati,
- Qixxeessaa Alamaayyoo Ayyaanaa Godinaa Wallaggaa Bahaa Onaa Guutoo Waayyuu
- Bultumaa Geetahuun Godinaa Lixaa Wallaaggaa Onaa Najjoo,
- Mazgabuu Tolasaa magaalaa Bishooftu
- Dhugumaa Ittaanaa magaalaa Bishooftuu
- Yoohannis Kabbadee magaalaa Bishooftuu
Kanneen keessaattii Argamaan dabalatee Ilmaan Oromoo 150 olittii lakkaa’amaan badii tokkoo malee humnotaa waraanaa Wayyaaneen qabamanii lafti isaan ittii hidhamaan illee yeroof kan hin beekamnee ta’uun gabaafamera. Oromoota hidhaman maqaa isaanii guutummaatti gara fuula duraa dhiheessina.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!



walirratti dhiisun rakkoo essanuu nuggahuu walirraa haakaasnuu aboleewwan keenya hidhaman kun hidhamuun isaanii nutti dhagahamuu qabaa nuti tokkummaan walii falmuu qabna maaltu nadhibee dhiisnee maatii ollaan maf hidhaman jennee gara dhimmi ilaalchisuti hiriira bahu qabnaa maaf walirratti lallaa???????????
haalli oromoon keessa jiru nama gaddisiisa,wayyaaneen waan hundaan oromoo miidhaa baate amma garuu akka ayyaana keenya hin kabajanne nu godhaa jirti,oromoo falli maali?
Ka’a Ka’a Ka’a Yaa ilmaan Oromoo haga yoom tenyee roorroo walirratti laalla ???
Kalee hordoftoota amantii Chirstianaa hogganaa Wayyaanee keessaa irratti shuumaniit akka fedhan irratti hojjataa turan.
Ji’oottan 10 dabran hawaasni kenya kan Muslimaa kn gaafii mirgaa gaafatan kaan ajjeesaniit kaan hidhatti guuranii ammas itti jiran ammo hawaasni Muslimaa hidhaafii ajjeechan qabsorraa if duuba hin deebifne mirga ufiitif falmaa turan ammas jabaatanii itti jiran.
Amma immo Waaqeffataa Oromoo warreen Waqefannaa(Ayyaana Irressa)kabajataa jiru badii tokko malee hidhatti guuraa juru.
Hubadaa Nuti:Muslim+ Christian+Waaqeffataa=OROMOO.
Yoo usnee walirratti laalle waan bilisummaa jennee dubbannu hin qabnu.
Oromo= Muslim + Christian+ Waaqeffataa.
Tokkummaan humna yoo waliif dirmanne amma bilisomna!!!!!!!!