Ayyaanni Irreessaa (Irreechaa) mallattoo Oromummaa waan ta’eef, bakkee hundattuu bal’inaan kabajamuu qaba

Abdii Boruutiin | Onkoloolessa 3, 2012

Waayeen Irreessaa (Irreechaa) yoo ka’u, beekaniis ta’ee otuu hin beekin namootni baay’een amantii wajjin walitti hidhanii karaa tokkoon qofaa ilaalu. Akka qorannoon tokko tokko agarsiisutti, ayyaanni irreessaa amantii Waaqeffannaa wajjin firooma qabaatullee, kophaatti bahee akka amantiitti ilaalamuun isaa dogoggora. Amantiin Waaqeffannaa Waaqa tokkotti amanuu ta’us, uummata Oromoo biratti amantiin kun karaalee adda addaatiin argamaa ture, jiras. Karaalee kana keessaa inni tokko malkaa fi tulluutti bahanii irreeffachuu dhaan Waaqa kadhachuu yookaanis Waaqaaf galata galchuu dha. Kanaaf, Ayyaanni Irreessaas laga ykn malkaatti (bakkee bishaan jirutti) ayyaaneffatama malee, akka alagaa fi diinni Oromoo waayee kana gadi xinneessuuf jedhanii dubbatan lagatti, malkaatti, tulluu fi mukatti amanuufii miti.

Tulluu bahanii ykn malkaa bu’anii Waaqa kadhachuun yookaanis ammoo Waaqaaf galata galchuun aadaa Oromoo fi amantii Waaqeffannaa keessatti akka duudhaatti waan barameef malee, kan kadhatamu, kan galanni kennamu fi itti amanamu Waaqa tokko qofaa dha jechuu dha. Laga ykn malkaa bu’uun; tulluu bahuun waan akka bakkee kanatti amananii nama jechisiisuu hin qabu; hin danda’us. Mana ofiis taa’anii Waaqatti amanuu, Isa kadhachuu fi Isaaf galata galchuunis ni danda’ama. Warri amantii biroo hordofanis, fakkeenyaaf Islaama fi Kiristaana yoo fudhanne, Allaah fi Iyyasuusitti amanan malee masgiida ykn batskaana dhaqan (mana ijaarame sanatti) amananiitii miti jedheen yaada. Kanaaf, Oromoon malkaa bu’ee Ayyaana Irreessaa yoo kabajatu, kun akka waan lagatti ykn malkaatti amanamuu fakkeessanii adda godhanii ilaaluun sirrii miti. Kun amantii dha jedhanii hubatnoo biraa qabaachuunis dogoggora.

Ayyaanni Irreessaa akka Ayyaana Biyyoolessaa Oromootti (as Oromo National Holiday) ilaalamuu fi akka mallattoo Oromummaatti fudhatamee; Oromoo hundaanuu kabajamuu qaba malee, kun amantii Waaqeffannaa ti jedhamee daangahuu hin qabu. Kaayyoo inni guddaan Ayyaana kanaa, bakkee murtaaye tokkotti walgahanii Waaqaaf galata galchuu ta’us, karaa biraatiin yoo ilaalame garuu, Oromootni naannolee Oromiyaa gara garaatii walitti dhufanii, wal arganii tokkummaa dhaan eenyummaa ofii kan itti calaqqisiisanii dha. Kanaaf, ayyaanni kun akka ayyaana walootti; akka ayyaana lammiilee Oromootti ilaalamuu qaba. Kun mallattoo Oromummaa ti malee, dhiphatee ilaalamuu dhaan akka mallattoo amantii Waaqeffannaattii qofaa fudhatamuu hin qabu jechuu dha.

Diinni fi alagaan eenyummaa Oromoo gadi xiqqeessuuf sababni isaan hin uumne hin jiru. Afaanfaajjiin isaan hin yaalles hin jiru. Oromootni garuu amantii fedhan dhuunfaadhaan haa hordofan, Ayyaana kana akka mallattoo eenyummaa isaaniitti ilaaluu qabu. Olola diinni fi alagaan Ayyaana Irreessaa irratti oofan akka dhugaatti fudhatanii; kanarratti wal qoqqooduun diinaaf karaa baasuu ta’a malee bu’aan uummata ykn saba Oromootiif argamu hin jiru. Wal qoqqoodinaa fi wal lagachuu Oromoorraa kan bu’aa argatu yeroo hundaa diina Oromoo ti. Kanaaf, olola nurratti godhamu, olola eenyummaa keenyarratti godhamu karaa danda’amu hundaan gamtaadhaan, tokkummaadhaan dura dhaabbachuu fi ofirraa ittisuu qabna. Diinaaf meeshaa ta’uu hin qabnu. Kun dirqama Oromummaa fi lammummaa ti.

Gara mata duree barreeffama kanaatti deebi’uudhaaf, akkuma argamu fi beekamu, Ayyaanni Irreessaa Oromiyaa ala biyyoota gara garaa keessatti, bakkee adda addaatti Oromootaan kabajamaa jira. Kun baay’ee gammachiisaa ta’ullee, bakkee Oromootni jiraatan hundatti otuu hin kabajamin hafuun isaa garuu haphina agarsiisa. Akka gabbinaa fi bal’inaan ayyaaneffatamu irratti hijjetamuu qaba. Yeroo’uma Birraan dhufu (Fulbaana fi Onkoloolessa) Ayyaana kana yaadachuu qofaa otuu hin taane, waayeen kun akka sirriitti hubatamu hawaasota Oromoo keessatti waayee sirna Irreessaa barsiisuun barbaachisaa ta’a. Akkuma kanaa olitti ibsame, Ayyaanni Irreessaa amantii waliin walitti hidhamee; amantii Waaqeffannaa wajjin walitti hirkifamee, moggaatti bahuun irra hin jiru.

Akka hanga ammaatti hubatametti, Ayyaanni Irreessaa biyya alaatti, biyyoota gara garaa keessatti guyyaalee adda addaa ayyaaneffatamaa ykn kabajamaa ture, jiras. Fakkeenyaaf, Ayyaana Irreessaa kan bara kanaa yoo ilaalle, Fulbaana 29 hanga Onkoloolessa 6 tti bakkee adda addaatti kabajamaa jira ykn kabajamuuf karoorfatamee jira. Ayyaanni kun akka ayyaana biyyoolessaa Oromootti, bakkee Oromootni jiraatan hundatti kabajamuu qofaa otuu hin taane, guyyaa inni Oromiyaa keessatti (keessumaayuu handhuura Oromiyaa Bishooftuutti) kabajamuuf murtaaye tokkotti, biyyota hundattuu guyyaa’uma kana otuu ayyaanaffatame gaarii dha jedheen yaada. Oromiyaa keessatti fi biyyoota alaatti guyyaa tokko kabajamuun Irreessaa:

  • Ayyaanni kun akka sadarkaa ol aanaatti guddatu fi bal’atu taasisuu danda’a. Guyyaan kunis akka guyyaa ayyaana biyyoolessaa Oromootti ilaalamuu danda’a.
  • Guyyaan kun bara baraan akka yaadatamu fi guyyaa Ayyaana guddaa Oromoos akka ta’u taasisa.
  • Hawaastonni Addunyaas guyyaa mallattoo keenyaa kana beekanii akka nu yaadatanii fi hubatan godhuu danda’a.
  • Hanga bilisummaa keenya argannee, guyyaa bilisummaa fi walabummaa Oromiyaa kabajnutti, guyyaan Ayyaana Irreessaa kun akka guyyaa Walba Aadaa Oromootti seenaa keessatti galmaayee taa’a.

Ayyaana Irreessaa ilaalchisee, akkan yeroo tokko tokko waan tokko tokko dhaga’utti ykn dubbisutti, ayyaanni kun ol guddatee, sadarkaa biyyaatti (Itoophiyaatti) akka kabajamu mootummaa Wayyaanee gaafachuun waan yaadame/yaadamu fi yaalame/yaalamu fakkaata. Haa ta’u malee, guddinni ayyaana kanaa hawwii uummata Oromoo ta’ullee, mootummaan Wayyaanee, kan farra Oromoo ta’e kun, waan kana ni godha jedhanii isarraa waa eeguun abjuu natti fakkaata. Mee yaa hubatnu! Akkuma gabroonfataarraa bilisummaa kadhatanii ykn gaafatanii hin arganne, ayyaana mallattoo Oromummaa ta’e kana akka ayyaana biyyoolessaatti nuuf haa kabajamu jedhanii diina gaafachuun garaagarummaa hin qabu. Otuu Oromummaan akka guddatu barbaaddee, Wayyaaneen Oromoota Sabboonummaan isaanii bilchaate fi guddate guurtee mana hidhaatti hin naqxu ture.

Qabsoon bilisummaa Oromoo kan itti xiyyeeffatu bilisummaa fi abbaa biyyummaa dhabne deebifnee argachuuf qofaatti ta’uu hin qabu. Aadaa keenya guddisuunis qaama qabsoo kanaa ti. Oromummaa guddisuunis akkasuma. Kanaaf, waan eenyummaa keenya calaqqisan hundaa guddisuuf diina gaafachuu hin qabnu; gaafatnus wanti argannu hin jiru. Ayyaana Irreessaa sadarkaa biyyaatti guddisuun hafee; hanguma amma deemaa jiru kanattuu uummatni keenya bilisummaa dhaan kabajachuu dadhabanii; kunoo Wayyaanee faashistiin lammiilee keenya mana hidhaatti guuraa jirti. Kuni ammoo kan agarsiisu Ayyaanni Irreessaa mallattoo Oromummaa akka ta’e; diinniis kana waan beekuuf akka Oromummaan hin guddanne karaa danda’amu hundaan dura dhaabbata. Nuti ilmaan Oromoo garuu mallattoo eenyummaa keenyaa kana guddisuuf tokkummaadhaan, ciminaan irratti hojjechuu qabna. Dhumarratti, nuti ilmaan Oromoo akka waliigallu; sagalee tokko dubbatnu fi tokkummaa dhaan dhimma keenyaaf qabsoofnu, Waaqni/Rabbi nu haa gargaaru jechaa Ayyaanni Irreessaas kan milkii akka nuuf ta’u carraa kanaan dhaamsa koo dabarsuun barbaada.

Galatoomaa!

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com