Calaqqisa Aadaa Oromoo: Mil’ata Shaggooyyee

Doorii Abbaa Fugug irraa | Adoolessa 11, 2012

Calaqisa eenyummaa hawaasa tokkoo keessaa aadaan isa tokko fi guddaa dha. Aadaa keessaa ammo sirbaa fi ragadni kan waltajji (ifatti) bahee balinaan hawaasa sana calaqisu(ibsu). Hawaasni tokko gammachuu, gadda, aarii, dambooba, jaalala, jibbanna, injifannoo fi milkii akka itti simatuu fi ibsatu qaba. Oromoonni isaan kana hundaahuu bifa ittiin geggeefatan qabdu. Sirbaa-ragadni; geerarsaa fi mirrigni; darasaa/shaa-shoobdoon; weeyduu-Helleen; faaruu-eeybi meeshaalee isaan kana ittiin geggeefatan keessaa mullatoo guddoodha.

Yo bu’ura sirboota oromoo laalle jaalalli akki itti ibsamu boona, damboobaa fi gootmmaa irratti hundaaweeti. Yo kan olla keenya Habashootaa laalle ammo booyaa fi kadhaa irratti kan hundaawe fakkaata. Siif du’e. Siif caphe. Siif gaggabe. Siif maraadhe. Na dhaqqabi. Yeroo dhihoo as sirbitoonni Oromoo garii gara staahila habashaa kana cillaayfachuu kan barbaadan fakkaatu.

Gara kan oromoo durii yeroo deebinu gootumma yeroo jennu maal jechuu keenya. Adduynaa tana irratti gootni leencatti fakkeeffama. Leencci ammo baroochuun gootummaa isaa mirkaneessa. Sirboonni dhiirti oromoo sirbitu baha dhaqi-dhiha; kaaba dhaqi kibba kan sagalee leenyaa barooduu hin qabni hin jiru (goomarsaa/goomaraa jedhama

Booniniis akkasuma mallatoo sirboota oromooti. Dardarri taaloo/afroo filatee, dubri naannoo dhawatee sirbaaf qophii tahuu mirkaneessuun mimmiidhagina isaaniti yeroo ibsu qaama isaanii quba miilaa irraa hamma rifeensa mataatti tokko tokkoon taphachiisuu fi dhiirti gooba/ morma liqimsitee akka kormaa adariitti yemmuu goomarsitu dubartiin ammo morma isii hamma dhuundhumaa dheeressitee mudhii isii diriirsuun (lakham godhuun) boona isii calqifti. Kana irraa ka’uuni wallisaan tokko akkana jedhee sirbe. “lakam –lakam jettaa mudhiin sin citinii—kan jaalatte malee dirqiin si mudinii”.

Kaayoon guddoon ragadaa fi dhiichisaa, iddoo miidhanii qaama ofii jiru caalatti dhaadhessuu dha. Fkf shamarran Oromoo irra caalattti yeroo naannoo/rifeensa/ fi harma isaaniitiin sirban dubartoonni/haawwan/ Afrikaa (Kenya, Kongo kkf) ammo gara duubaa yokaan hudduu roorasuun sirbu. Mee shaggooyyee fi Heellee walbira qabaa laalaa. Shammaran Oromoo durii hamma heerumanitti dhiiraan waan wal hin qunnamneef taa’aa hin gurguddatan. Qaamni isaanii loosha (“athletic”) dha. Haawwan taa’aa (hudduu) gurguddoo qaban hawata dhiiraatiif taa’aa kukurfaa irbanii taphatu. Akka dubroota Afrikaa hafaniitti. Garuu hawwan keeny taa’aa ni rooraasu malee hin irban. Kuni Snaannoo miidhaginni isaanii itti kuufame beekanii dhaadhessu dha.

Akkasuma sagaleen yeroo sirbaas tan boonaa fi damboobaan guutmte dha. Sagaleen yeroo sirbaatiif tan yeroo biraa garuma dhiiraa dhalaatiin dhihaatuuhuu sagalee yeroo biraa itti fayyadamaniin adda. Tan sirbaa boona, damboobaa fi sadoodhaan tan guuttamte. Yeroo hedduu dhiirti qooqa furdiftee funyaaniin sirbiti. Shammaran/dubartiin/ sagalee bifa waliigalatti qalliftee dheeressitee sirbiti.

Walaloon sirba oromoo durii keessatti wal faarsuu fi wal eebbisuu caalatti mullata. Miidhagina uumaa waaqaa waliin falfakkeessaniiti faarsu. Siif gaggabe, siif du’e ; nadhaqabi jechoota jedhu hedduu hin agartu. Akkasuma dhiirti sagalee akka dhalaatti qallisanii booyaan guutanii, waywaataa jaalala ibsatuuf yaalaan hin jiru. Jaalalti Oromoo durii kan seeraa fi heera nama- sa’aa fi lafaa- waaqaa irratti hundaawe. “As na qabi, achi nagaqabiidhaan jaalalti kadhaa hin barbaaduu …. “jedhee mitii ree sirbituun Oromoo waan kana hubate tokko.

Eeguma meeshaa muziiqaa ammayyaatti fayyadamuun eegalameyyuu, muziquma hoodaa fi dambooba oromoo olitti kaafnee waliin deemuutu filatama. Warren akka Abdi Qophee (rabbi rahmata haa godhoofi), Roobaa dhaabaa (Mulugeta Abata) fi Ali birraa, Elemoo kkf. sagalee muziiqaa sirba Oromoo fi kan habashaa sirritti adda baasaanii beekan.

Kan qalbii nama cabsu garuu artiin Oromoo fuullee hawwisoomaa kanaan jiru guddina ol’aanaa galmeessaa jiraattullee, gara kaniin booyaa fi waywaataa Habashaatiin hedduu laaqamtee/xurooytee/ jirti fakkaatti. Gara sochii qaamaattiis yo deebine haguma wanni gurguddaan hojjatame jiru sochiin kan Oromoo hin tahin (kan Oromoo waliin hin deemne), kan sochii Oromoo diqaalessan hedduu yeroo ammaa sirba Oromotti makamaa jiru.
Galanni kan technology haa tahuu arra sochiilee sirboota Oromoo hagam daandii isaanii qabatanii deemutti jiranii fi gad dhiisan laaftumatti raga bahaa jirra. Fuullee kanaan sirboonni hedduu aadatti hidhaman kan akka sirba foollee, tirrii fi iyyaaseen faan yeroo irraa dandamatan gariin ammo hedduu hubamanaati jiran. Isaan guddinaas agarsiisaa miidhaaniis irra geese keessaa tokko shaggooyee fakkaata. Kanaaf mee barruu keenya kan arra keessatti shaggooyyee haa ilaalluu.

Shaggooyyee

Maddi jecha kanaa sirritti beekkmuu baatullee jechoota lama irraa kan uumame fakkaata. “Shak-goone. Jechoota jedhu irraa. Shaggooyyeen sirboota Oromoo kan bahaa keessaatti baroota dheeraaf sirbamaa turan kanneen akka Urrubsuu, jeeysaa, okkoynaa, heellamaa fi kkf keessaa tokko taatullee sirboota oromoo kan ballinaan oromoota hunda biratti jaalalaa fi fudhatama ol’aanaa argatan keessa isa tokko taatee mullatti.

Shaggooyyeen uunkaan uffata shamarrani saddeetaa adii, manquux (sabbata gurraachaa) hidhamee, nannoonnoo fi martuun kuulaa fi qarmaan hidhamtee/sakaalamtee/; kulkultaa fi gumeen meetaan wal makamanii harkatti’ naqatamanii; fi dardarrii ammo taaloo filatanii filaa handara diimaa suuqqatanii; marxoo gubbaan billawa hidhatanii jechoota mi’aawaa fi sochii laaftutti qabtamtuun dhihaachuun Oromootaa fi alagaa biratti arguu fi fudhatamuun akka wal-dukaa deemaan taasifte. Inni arge, itti gammadaa, ni jaalata. ni fudhata.

Haa tahuu malee, shaggooyeen akkuma dantaalee Oromoo hedduutti abba dhablee taatee raafamaa kan jirtu fakkaatti. Fedhiin hawwisoonni keenya shaggooyee taphachuu fi guddisuuf godhan kanuma hamilee fi sabboonummaa irraa madde malee kan sirnaa fi kunuunsa qabeenya Oromoo kana eeguuf bayyanootaan xiyyeeyfate hojjataa jiru hin fakkaatu. Kuni dadhabina hawwisoota kanaa irraa osoo hin tahin, humniti hubannoo fi ogummaa waan kanaa qabdu isaan duubaa hojjattee isaan hojjachiisu dhaba irraahi.

Akkasuma ammallee wallistootaa kanneen ragadtoota (sirbitoota) isaanii ifii leenjisu qabanii miti. “Kireeffataniis” tahe shagalchiifatanii sirbisiisuuf, isaan ofii dura yaada sirnaa fi tartiibaa shaggooyee beeku qabaniidha.

Fakkeenyaaf, Sochiin bara dargii keessa adaa oromoo diqaalessuu fi suutasuutaan itoopheessuuf hawwisoon dargii kan akka Artist Bitaw Warquu faana shaggooyetti makan beekuu. Makamni kun dhala arraatiin dhaalamee daranuu hafraawaa deemaa akka jiru hubatuu fi shaggooyyee dandamachiisuuf carraaqu qabanii dha.

Maaliif? Shaggooyeen yeroo dura ballinaan badiyyaa gara maqaalaa as baate warreen dura simatanii TV irratti baasan jara kana. Jarri kun, yeroo dura shaggooyyee simatan uffata adaa Oromoo osoo hin tahin kan amantii islama itti uwwisaniiti oromoo fi alagaaf dhiheessan. Kuni sababa malee miti. Adaa diqaalleysuuf yokaan ammo booressuufi. Adaa Oromoo adda qoqqoodanii akka wal hin fakkannee taasisuuf. Garii sirbitoota keenyaa kanneen kana hin hubanne sanuma wal irraa fuudhanii-walitti dabarsaa jiru.

Mee asxaalee fokkatoo kana haa ilaalluu. Qamni ragdtootaa keenyaa kan gocha alaagaan itti galche akka agarsiisu dirqaman, akka waan qaama sirbituu sanii hin tahinitti fokkatee mullata. Mee shaggooyyee fokkatte ilaalaa. Harki qaama hunda caalaa dheeratee lafti isa hanqatti. Boonaa fi damboobaan kan guutamee nama hawatuu miti. Ifii qindaawanii, miidhaganii, gammadanii nama gammachiisuu caalaa, harka facaasanii nama jeequ.

Asxaalee jennu kannee mee shaggooyeelee armaa agdii kanneen fudhannee waliin haa laalluu.

Kamar Yusuf
Wallisaa guddaa fii Mootii shaggooyyee ti jechuu ni dandayama. Qamar shaggooyyeeleen isaa haalaan bahaniif. Qamar sirboonni isaa boonaa fi damboobaan (gootummaa fi injifannoo) kan guutaman tahuun sirna aadaa sirboota oromoo akka calaqisu isa taasise. Qamar ifii isaatiif akkasitti haa sirbuu malee warren isaaf shaggooyyee ragadan ( leenjisees tahu kireessee) akkamitti akka isaaf taphachuu qaban kan tasise hin fakkaatu. Kana irraa kan ka’e shaggoyeleen isaa kanneen ulaagaalee olitti kaayyame kana guutan tahanii hin mullatan.

Shaggooyee tana shamarran gosa lamaa keessa jira. Tokko warren gurguddoo ogooyyii ragadaa fakkaatan, garuu adaa shoggooyyee akkeessanii sirbanii irraa mullata. kanneen lamadaa, dubaree xixiqqoo shaggooyyee oromoo bifa adda addaa laalaa guddatan. Garaagarumma jara lameen kanaa inni duraa simboo dha. Hamilee jaalala dhugaa irraa maddite. Inni kuun akkaataa itti nannoo/ martuu/ isaaniitti fayyadaman/ dhangalaasan. Akka kanaan sirba miidhagaa kana caalatti shaggooysuuf.

Waan sirba kana irraa wayyaawuu qaban.

1/ Kaxaa duraatiifii inni guddaan shaggooyyee ammayyaa waliigalatti balleesse harka herregaa ala dheeressanii facaasuu dha. kana wayyeessuun hattattamaan barbaachisa. Wanni guddaan shaggooyee ammayyaa fokkise harka sirnaa ala, qaama hafe kan biraa irra dheeressanii facaasuu kana. Harki yeroo akkasitti faca’e gayee miidhagina qaama hafanii kan olitti kaaf liqimsee nama gammachiisuu caalaa nama weerara. Harki sossoohu qabaa? Eeyyeeh. Garuu sababaani (reasonably).

2/ sirboonni shaggooyyee “rukkuttaa” (bit) shan qabu. Isaan kun: Daddaaysa, Rasrasa, Qirrisa, Dhadhaaba fi Dhawata qaba. Isaan hundaafuu Mataan/nannoo akka itti lulattu/ dhangalaatu/ qabdi. Mormi, harki, mudhiifi qaamni hafe akka itti lulatu qabu. Akkasuma naannoo/martuu/ rifeensa/ gurra gubbaan dhangalaasuu/lulu/; adda gubbaan dhangalaasu; dubatti ceekuu gubbaan dhangalaasuu. Fkf kan shamarran xixinnoo gurra gubbaan dhangalaasuu dha. Shammaran gurguddooniis akkasumatti jalqaban. Garuu jiddutti kan harkaa badu fakkaata.
3/ Adaa Oromoo kessatti shaggooyee dardaraa fi dubraatu waliin taphata. Sirbi dubartiin kuphaa xaphattu ni jira. Fkf, hillee, dukkoo fi kkf qofa. Akka adaatti dubri kophaa taphatee shaggooyee jedhanii yaamuun na dhiba. Haatahuu ammo, haala jiruu ammo,Shaggooyyee guutuu taasisuuf dardaraa waliin taphatuun dirqama taha.

Habtaamuu lamuu

Dhugumatti yaalii ragadtoonni shaggooyee Habtaamuu “marii mee” kan jajjbbeefamuu fi dinqisiifatamu qabu tahuu ibsuun barbaachisaa dha. Qooda isaan ummata Oromootiif gumaachaniif galata gudda qaban. Marsaa dhiichisaatiin eegalanii; urrubsuu jilba bu’anii; marfata martuu tirrii hammatanii, boonaa shaggooyyee gaadiin taa’anii yeroo oliin ka’an daawwatoota gammachiisuu fi ajaaibsuu bira kutanii dandeettii lashii qaama shamarran oromoo qaban kan mullise. Jaalattoota shaggooyyee hedduuf abdii daran kan horachiisee dha.

Walalooleen kan uumaan miidhagan, jechoota hiikkaa gayaa qaban, kan suduudaa/qajeelaan/ kaayyoo aggaamatamaniif mi’awaa rukkutan of keessaa qaba. Soochiin shamarranii haala amanuuf nama dhibutti mataa irbuu fi maarfatuun naannoo dhangalaasan. Qaama isaanii quba miiaa irraa hamma rifeensa mataattti bakka heddutti cabasanii shaggooyyee gadiin taa’anii yeroo oliin ka’an heddu namatti tolan.

Gama shamarraniitiin harka tokkicha dabree-dabree sababaan maletti facaasan yo hin tahin bifa haalaan nama ajaa’ibsutti jalqabanii xumuran. Hojii isaanii bifa waliigalaatti shaggooyyeelee oromoon qabdu keessaa ol’aantummaan kan hojjatame tahullee godaannisni maraatuu Bitow Warquu dabare-dabreen bakka harka facaasuutti waan mullatuuf wayyaawu qaba.

Gama dardaraatiin hedduu hojjatamullee caalatti waan wayyaawuu qabuutu hedduun jir. Shaggooyyee keessaa wanni nama rakkisaa yeroo dubraafii dardarrii wal fuula duraa dhaabbatanii sirban, yokaan yeroo walitti hin bu’inni. Yeroon namuu boonaa fi dambooba agarsiisuun malaniis yeroo kana. Iddoo banaa kana cufuuf dargaggoonni shaggooyyee kana sochii dhiichisaatti fayyadamuun ganuumaadha.

Haa tahuu malee akka shamarraniitti mataa gad buusanii hurgufuu fi harka facaasanii daansii joollee magaalaa dannasuun miidhagina shaggooyyee tanaa kan waliigalaa irratti dhiibbaa uumuun hin oolle kuni wayyaawu qaba. Bifa walii galaatti wanneen asii gadii kun wayyaawu qaban.

1/ Mataa buusanii hurguufuu dardaraa kan seeraa fi aadaa shaggooyyee oromoo olitti tuqnee fallessu waan taheef waayyaawu qaba. Dardarri akka dubra naannoo luluutti mataa hurgufuu.

2/ Harki shamarranii yeroo takka takka sababa (purpose) ala faca’u sababni tolfamuufi qaba. FKF yeroo sana harka dhawuu, shubbisuu fi kkf.

3/ Miidhaginni shaggooyyee qindaawuminaa waliin waan deemuuf shammaran harkaa, miilla,qaamaa fi faffacaasiin nannoo isaanii waliin deemsisuu qaba.

Walumaagalatti Shaggooyyees tahe Sirboonni aadaa Oromoo hedduun –sirboota bara dhibba hedduu Oromoon wal irraa dhaalaa, daran miidhegsaa, daran mi’eessaa, daran xaliilchaa dhufan waan taheef yeroo sirbinu yokaan ni ammayyeessina jennu hedduu eeggachuu akka qabnu hubachuu barbaachisa.

Eessa irraa garam guddifna kan jedhu kutaa itti aanutti walitti deebina.

–Doorii Abbaa Fugug sirranaa@gmail.com