Doowwii Haasaa Adddaa ROP Hololoota Araaraa Afarfamaa Jiranirratti Ummata Hubachiisuuf
Oromo Press | July 27, 2012
Ibisa:
Raadiyoon Oromo Press (ROP), doowwii haasaa addaa isiniif qabaattee dhiyattee jirti. Doowwiin haasaa kuni yeroo ammaatti araara Pirofeessar Efireem Isaaqiin geggeeffamuuf jira jedhamee daayaasporaa Kaaba Ameerikaa keessatti hololamaa jirurratti xiinxala gadifagoofi walabaa dhiyeessa. Araarri (mediation) fi Dantaaf-dubbatachuun (negotiation) Sochiiwwan Biyyoollessa Oromoofi motummaa abbaa-irree Itoophiyaa jidduutti ammatti maaliif barbaachise? Haala umni mormitootafi wayyaanee walhinginne keessatti, araarri barbaachisayyuu? Mallas dhibamee yalamaa (ykn du’ee) haala jiru keessattiifi sirni isaa sochii Musilimotaafi fincila gootowwan Qeerroo Oromiyaatiin raafamaa yeroo jiru keessatti araaraf yeroon kun maaliif filatame yeroo kanirra? Waayyanee wajjin araaramuun mooraa qabsoo bilisummaa nijabeessa moo nilaaffisa? Aadaan Oromoo warra-harkaa wajjin araaramurratti maal jedha? Hololli araaraa uummata afanfaajjessuu, ratessuufi qooqqoodurratti gaheelee maalfaa qaba? Muuxannoo Aafrikaa Kibbaarraa mootummaa abbaa irree umna bicuu wajjin dubbachuurraatti maal barachuu dandeenya? Dowwiin haasaa kun gaaffiiwwan kanneen irratti xiinxalaafi ilaalcha dhiyeessa.
– Read More on Oromo Press


Efreem Yisaaq nama tokkummaa Toophiyaatti amanu dha. Orayyadamuu hinqabu kan ormoon qubee Laatiniitti fayyadamuu hinqabu,kan qubee sabaa wayya nama jedhu dha. Namni kun ofuma isaayyuu walakkaa sanyii Semetik qaba waanta’eef “Etiyooppiyaanistii”dha. walumaagalatti yaadni nama kanaa faallaa kaayyoo qabsoo bilisummaa oromoo ti.kanaaf namni kun araara Oromoof faayidaa qabu fida jedhee ka eegu yoo jiraate raatuu/gowwaa qofa.
Efreem Yisaaq nama tokkummaa Toophiyaatti amanu dha. Oromoon qubee Laatiniitti fayyadamuu hinqabu,kan qubee sabaa wayya nama jedhu dha. Namni kun ofuma isaayyuu walakkaa sanyii Semetik qaba waanta’eef “Etiyooppiyaanistii”dha. walumaagalatti yaadni nama kanaa faallaa kaayyoo qabsoo bilisummaa oromoo ti.kanaaf namni kun araara Oromoof faayidaa qabu fida jedhee ka eegu yoo jiraate raatuu/gowwaa qofa
Xinxalaa fi gamaagama aja’iba..well done !!!!
Ishoo Kormaa koo!!!! akkumma atuu jettee manguddoo gama lamenu irraa filatee ifatti biyyaa saddaffaa keessatii ta’uu qabaa.Araarii addaa araaraa hin qabnee walin yeroo godhamuu ofi egannoo guddoo godhuu barbaachisaadhaa.
This guy is a joke. Bull shit ! you want to do everything, you want to be everything… gaggabaa ! just do one thing you’re good at, and do it good. You voice sucks ! I can’t stand you. I can’t even understant the message of your rant. 95% of Oromo’s don’t understand what you are trying to say.
Waanti Qerransoon darbe kun sirridha. Fedhin TPLF maqaa araaran namoota muraasaf angoo hiruudha malee oroomoo abbaa biyyumaa kennufi miti. Kaayoo nuti kaanefi miti. Namooti of goyoomsani ykn fedhi dhunfaa duuka bu’uni si amansiisu kaatu. Ummata qabsoo isaa gama hidhannoon jabeessa jiru akka dubbati harkifatu wixinaameeti. Araaras yoo jennu enyutu enyu bakka bu’a??. Dhaabileen siyaasa hundi sadarkaa gandaan ijaaramu irraa fagaatanis kan jirani miti. Enyutu araarama, bakka bu’aa ummata bal’a kamtu ta’u danda’a???. Osuma wal beeknumoo? Enna tokko qooda keessa fudhatu tokko keessa jiraachu baannaanis dubbidha. Waa’edhuma araara haasa’u irra qabsoo hidhanno yoomiyyu caala jabeefachaa adeemudha. Namootni biyyatti galuf fedhan yoo jiraatan qabata godhani yaa milkaa’ani. Waaye Prof. Efrem haasa’u hin barbaachisu, ifaadha. Mallas hiriyaa kooti jedhaa miti?. Gahaadha bakka isaa beekun. Hiriyaa kee natti hima enyumaa keen siti himaa jedhu miti?.
Maqaa arraaraman namoota muraasa biyyatti akka deebi’ani gochuufi. Danda’amu humna namaan qabsoo Oromoo dadhabsuudha. Kaleessa WBO akka salphaati harka itti galchu. Amma garu, karaa sana kan milkaa’ni hin fakaatu. Maqaa araaraan ummatni of dagatee gargaarsa WBO godhaa jiru dubatti harkisuuf. TPLF muddama keesa jirtu akka yeroo bitaatuf gargaara. Hundi yoo itti jabaachaa adeeme gaari hinta’u. Kanaaf garii isaani maqaa araaara qabudha. Tookko araaran itti fakaate kaatu waliti darbutu dhufa. Kanaan kan ka’es walitti gargalutu dhufa. Kunis TPLF waan guddaadha. Kanaaf of eeganno guddaa gochuu qabna hundi keenye. Waan gaari dhufu hunda keenyaaf ta’u qaba. Hundi keenya dura walitti dhufu qabna. Eegere isa tokko inni tokko hin murteessu beeka.
Good job ! Fedhiin Oromoo dhugaadhumatti dhimmi araara isa dhiphisaa hin jiru. Jaroonni waa’ee kanaa afarsaa jirani kaleessas yeroo qabsoon Oromoo waan tokkotti ba’uuf jedhu gufuulee fi sababoota adda addaa uumanii QBO laamshessaa turanidha. Yeroo rakkoon Wayyaanee keessatti uumamu isaanis eeganii ABO keessatti rakkoo fi afaanfaajjii uummata Oromoo keessatti uumanii diinaaf tumsu. Yeroon kun Oromoon taa’ee waan araraa kan haasa’u kan hin taane gama qabsoo isaa daran finiinssutti yaada isaa luucceffatu ta’uu qaban jedha, xiinxala gaariidha Qeerransoo itti fufi. Warreen Hayyuu ofiin jedhan Oromoonni Asilii irraa waa hubachuu qaban, yeroo isaan Oromoof hojjechuu qaban amma.
IUO!
Efreem Yisaaq gaaffiifi deebii RAP wajjin godhe irratti maqaa waaqayyoo irra deddeebi’ee waamaa ture. Ittiin oromoota doorsisee ykn gowoomsee Woyyaanota itti harka akka kennan waan yaade fakkaatta. Maqaa waaqaa irra deddibi’anii akkanumaan waamuun cubbuu dha. Bible says “Even the devil quotes sripture.”. Akkasumas “Maqaa Waqqayyoo akkanumaan hinwaamiin.”
The analysis is very nice. Specially history of arbitration between oromo liberation forces and Abysinian forces.Fake arbitration between:
. Gobana and Minilik
. Hailesillase and Lij Iyasu
. Hailesilase and Tadesse Birru
. OLF and Woyane in 1990′s
osoo dhugaan oroof qabsooftu ta’e waggaa digamiin akka ta’sa lafatii hin baduu.
Yeroo hedduu halagaas ta’ee firri oromoon gareen namoota siyaasa ufiin jettu horii halagaa irra argatuu deebisan lammii isaan gurguru qabsa’a dhugaa qancarsuu akka gantutti maqaa itti baasu walbaleesitu jedhu.
Amma illee isin bilisoomuff waggaa 150 isin barbaada jedhu.
Osoo waan bilisummaa barbaadan ta’ee guyyaa tokkoti TPLF baasitu ,garuu namootni siyaasa deemsisan baayye namoota dadhaboo fi waan oromoo quba iyyuu hin qaban.
Yeroo ONLF chinoota fi saamitota haleelu ABO fi partileen oromoo kursuu huddu habashaa jala butachuun hala hofiin orommummaa kabjifaachu hin dandeenye jedhu.
jaarsoliin oromoo fi beekan kan taa’ee oromoo gandaa fi amantii ta’ee akka beera Amaraa buna irra teesu waa’e maqaa nama sana yeroo haasa’n waa’ee saba ssanii irra quba hin qaban caliin ammii dha jedhu
oromoo osoo milion 40 ta’ee jiru tigereen miliion 4 akka hoola waliti dachaaftee garra keessan keessa dhiite bitaa jirti jedhu
Guyyuun almmin keessan ajjeefam fi du’aa jira akkamiin biyya keesaniti irratti cal jetu jedhu
Dhabootni oromo jiran ABOs dabalatee waan isaan dalgan tokko illee kan OPDOn gadii dha jedhu.
beekan oromoo hofiin quufe jiraachuu barbaada malee waaìee saba irra dhimma irra hin kaayatu jedhu.
……………………………………
ABO irra namootni jiran bakka sana taa’uu malee qabsoon oromoo kan guyyaa itti dhaltee irraa waan fagatee tokko hin qabu QQubbeee qofa akka lammii ga’uu ta’ee jedhu
;;;;;;;;;;;;;;;;
kan akka leencoo lataa fi Diimaa Ngeho fi ka biroo yaada aangoti itin ol ba’an barbaadu malee rakko oromoo dhimmi iraa hin qaban jedhu
……………………………
namootni amma bakka ABo jiran ka akka dhugaasa fi daawuud wal dorgommi aangoo gochaa jirtan malee diina tokoo waan irraa ajjeeftan,madeesitan tokko hin qabdan jedhu
………………………..
kamal illee akka jedhan taate antuti harmee ishee jaltii gusee huraa bartii karaa keesan iraa waa baratee isin irra baqate ganda masqalee galee jedhu.
::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::
Dhaabotni oromoo A_Z kan jirtan waldorgommii keesan namoota dhuunfan gara haangoo akkamiin akka itti baatan waldorgomii itti jirtan kana immo lammin oromoo fi halagaan isin beeke jira.
…………………………….
namni kamuu haangoo akka diktaatara human cabsee olba’uuf isin irraa muldhat. Kun dogogra ta’uu isaa bara.
………………………………..
yaada tokko akkamiin oromoo bilisumma akka gonfatu irratti walgaluu
::::::::::::::::::::::::::::
A ta’e B ykn D yoo lammii isatiif waan gaarii dalgee kabjaa argata akkasumas kan biro.
::::::::::::::::::::::::::::
Dhugaa qabadhaa deemu bilisumma fi walqixumma oromotti amana.gandumman fi amantiin martii keessan dema jirtan.
…………………
ummatni oromoo bay’ee xiqaate jira dhugaan yoo oromoo jaalatan qabsoo dhugaa godha.
http://danielberhane.wordpress.com/tag/dawud-ibsa/
Adurreen keessii keessishii binneenssa jedhuu miitiirree ? Dhuguma dhimmii kun dhugaa yoo ta’ee ammas taanaanii mootummaan wayyaannee sammuu ykn laphee shii quqquulleefatee oromoofi jechaa ykn dhugaattii hundooftee haraara waan barbaadan nattii hin fakaatuu. Wagaa 21 oli yeroo angoo irra turan gochaan illimmaan oromoo irraan gahaa turan akka ragaattifudhaachuu qabinaa lammaffaf hin mookfaamnnuu.Haraara barbaada dura issaanuuma maqaa oromoottiin biyyaa keessa jiranniini haraaramanii angoos yoo ta’ee issanuumatii hakeenan. Yeroo sana enyuummaan saaniifii maal akka yaadan hubachuun ni danda’ama .
Waa xiinxaluu dhaaf dura ofiif hubachuu barbaachisa. Ati ofiikeet iyyuu waan hubatte natti hin fakkaatu.
Kan sagantaa kana gaggeessu manguddoo Oromoo Efreem Isaac jedhe ibsee dhuguma Efreem Isaac Manguddoo Oromootii? KKKKKKKKKKKKKKK
Ama yeroo kana keessa,waayyee nama kaayyoo dhokataa of keessa qabu afaarsuun maaliif barbaachise? Dhugumaa Oromoo fi Oromoo ormaatuu walitti araarsaa? Isaac ABO walitti ararsuu irraa akkamitii rakoo dhabde? Kan nu diguuf adeemu nu araarsu ni danda’aa?
Akka kooti Prof. Isaac ABO sadan walitti araarsee boodee isaan haala itti dhabamsiisu qopheefachuutti adeema jira. Kan cinaan itti himan kan hin galeef cinaa isaa yoo cabsan galaaf. Kanaaf otuu cinaacha keenya hin cabsiin Oromoo irratti damaquu qaba!
Mee waan Isaac Radiyoo tokko irratti dubbatee haa xuinxaluu: Waaqayyo mootummaa sodadhaa jedha jedhe akka ummanni keenya otuu du’u, otuu samamuu, otuu hidhamu biyaa ari’atamuu taa’e ilaaluu qaba nuun jechaa jiru.Sagalee waaqayyos nama akka mootummaa waayyannetiif dubbachuun isaa qaniidha! Sagantaa araara bara 1993, 2005 jalqabamee turee keessa Isaac harka keessaa akka qabu Oromoon hubachuu qaba. Oromoon isa kan bara 2008 irra kan hin baranne haraas ni barata jedhe hin yaadu. Prof. Isaac ABO walitti araarsuuf inni eenyu jedhe sabnii gaafachuu qaba?
Xinxalli kee baayee gariidha namoota biras otuu affertee haasofsiftee gariidha.
Raadiyoon Oromo Press (ROP), doowwii haasaa addaa isiniif qabaattee dhiyattee jirti. Doowwiin haasaa kuni yeroo ammaatti araara Pirofeessar Efireem Isaaqiin geggeeffamuuf jira jedhamee daayaasporaa Kaaba Ameerikaa keessatti hololamaa jirurratti xiinxala gadifagoofi walabaa dhiyeessa. Araarri (mediation) fi Dantaaf-dubbatachuun (negotiation) Sochiiwwan Biyyoollessa Oromoofi motummaa abbaa-irree Itoophiyaa jidduutti ammatti maaliif barbaachise? Haala umni mormitootafi wayyaanee walhinginne keessatti, araarri barbaachisayyuu? Mallas dhibamee yalamaa (ykn du’ee) haala jiru keessattiifi sirni isaa sochii Musilimotaafi fincila gootowwan Qeerroo Oromiyaatiin raafamaa yeroo jiru keessatti araaraf yeroon kun maaliif filatame yeroo kanirra? Waayyanee wajjin araaramuun mooraa qabsoo bilisummaa nijabeessa moo nilaaffisa? Aadaan Oromoo warra-harkaa wajjin araaramurratti maal jedha? Hololli araaraa uummata afanfaajjessuu, ratessuufi qooqqoodurratti gaheelee maalfaa qaba? Muuxannoo Aafrikaa Kibbaarraa mootummaa abbaa irree umna bicuu wajjin dubbachuurraatti maal barachuu dandeenya? Dowwiin haasaa kun gaaffiiwwan kanneen irratti xiinxalaafi ilaalcha dhiyeessa.