Gabaasa Ayyaana Irreecha Bara 2012

Infoo Deeskii ABO | October 8, 2012

A. Seensa
Ayyaanni Irreechaa kan bara kanaa yeroo ummanni Oromoo mirga isaa deeffachuuf falmaa maayyii irratti argamutti waan kabajameef haamilee fi xiiqii guddaadhaan ayyaaneffatame. Ayyaanni irreechaa Fulbaana 30, 2012 Sadarkaa Oromiyaatti Hora Harsadiitti wayita kabajamee ooletti ilmaan Oromoo, keessayyuu qeerroon haamilee fi xiiqii muul’atee hin beekneen golee Oromiyaa mara irraa walitti dhufudhaan jala-bultii irraa eegalee magaalaa Bishooftuu sirbaa fi dhiichisaan dirrisiisaa turan. Sochii kanaanis deeggartoota fi jaallattoota QBO hunda mirqaansisaa oolan; diina immoo mataa gadi cabsanii dachii itti golgoleessan. Ayyaanni baranaa dargaggoon/Qeerroon/ Oromoo Bilisummaa saba isaa fi Walabummaa Oromiyaa deebifachuuf hangam qophii akka ta’e kan agarsiise ture. Hoggansa humna kana qindeessee Bilisummaa fi Walabummaa dhugoomsuuf oolchu daranuu jabeessuun immoo dhimma yeroon itti hin liqeeffamnee taha.

B. Qophii waliigalaa hanga gaafa guyyaa ayyaanaa
Qophii ayyaanichaa milkeessuuf kaka’uumsa uumameen ummanni Oromoo daangaa hanga daangaatti kaayyoo ayyana Irreechaa hubachuudhaan labsii Walabummaa fi Bilisummaatti hirmaateera. Ummanni Oromoo keessayyuu dargaggoon haamilee adda ta’een gurmaa’ee dhufuudhaan ayyanichatti hirmaatee gaaffiilee siyaasaa belbeltuu bifoota adda addaan dhageessisuu dandaéera. Sirboota QBO leellisan, WBO faarsan sodaa tokko malee dhageessisuudhaan ummanni Oromoo haamileen isaa akka jabaatu, sabboononni immoo qabsoon itti jiran firii kanarra gahuu isaatti gammadanii dhaloota haaraa irratti abdii guutuu akka gatan dandeessiseera.

C. Jala bultii ilaalchisee
Ayyaanni kun gahuuf guyyaan 4 yoo hafu, daandii magaala Bishooftuu seenu mara cufudhaan sakattaa eegale, mootummaan Wayyaanee. Hanga guyyaa ayyaanichaa sa’aa 11:00AM tti sakattaan itti fufe. Namoota Oromoo ta’an kanneen kitaabban Afaan Oromoo bibbitatanii harkaa qaban irraa fudhatan. Uffata aadaa namoonni bitatanii ykn kireeffatanii gara Bishooftuutti deemaa turanis irraa saaman. Kanneen CD/VCDlee sirboota aadaa Oromoo Finfinnee keessaa bitatanii gara Bushooftuutti qajeelaa turanis akkasuma itti bobbaánii maqaa sakattaatiin irraa saamaa turan, hidhattoonni Wayyaanee.

Gaafa ayyaanaaf guyyaan tokko hafu (Sanbata galgala) immoo, “Ayyaanni boru; har’a maaf dhuftan? Magaalaa jeeqaa buluuf dhuftan? Iddoon bulmaataa waan hin jirreef karaarra yoo deemaa bultan yoo ta’e qabnee isin hiina; kanaaf har’a deebi’aatii bor koottaa; Diddanii as keessa deddeemtu taanaan maqaa keessan galmeessina; rakkoon tokko uumamnaan jalqaba isin warra maqaa galmeeffanne kanatu hidhama…” fi kkf jechuun namoota hedduu Duukamii fi Mojorratti doorsisanii abdii kutachiisudhaan gara namoonni sun irraa dhufanitti dachaasaa turan.

Kun egaa lakkoofsa ummataa hir’isuuf toftaa fayyadamaa turan keessaa isa tokkoo dha. Namoonni haal-duree isaan kaa’an kana didanii fi kanneen galgala magaalaa keessa qilleensa fudhachaa turan funaanamanii galgaluma jala bultii san qbamanii hidhaman. Gariin isaanii bakka siree kireeffatanii fi iddoowwan haara-galfii garaa garaatii funaanamanii hidhaman. Hanga har’aattuu hidhaadhuma jiru. Namoonni hidhaman walumaagalatti gara namoota 150 olitti tilmaamamu. Kana keessaa maqaan namoota 26 adda bahee miidiyaalee fi dhaabota mirga namoomaaf ibsamuun ni yaadatama. Maqaa warra hafanii argachuufis yaaliin godhamaa jira.

Sanbata waaree booda irraa eegalee hanga gaafa ayyaanichaa bariitti barreeffamootni akeeka ayyaana Irreechaa ibsanii fi dhaadannoleen garaa garaa waraqaadhaan bittinsamaa turaniiru. Namoonni waraqaa kana osoo dubbisanii qabamanis lakkoofsaan hedduu akka ta’an odeeffannoon waajjira poolisii Bishooftuu keessaa argame mirkaneesseera.

D. Gaafa ayyaanichaa
Gaafa ayyaanaa ganama barii alaabaa fi dhaadannowwan malkaarraa (Hora Harsadii) fi daandiiwwan irratti fannifamanii bulan yoo argu diinni akka malee nahe. Hidhattoonni mootummaa namoota akka carraa ta’ee ganama barii sa’aa 7:00AM dura irreeffachuuf dursanii achitti argaman hundaan “isintu alaabaa ABO fannise” ittiin jechuun mana hidhaatti guuran. Gochaan Wayyaanee kun caalattuu kan isaan aarse dargaggoonni dursanii iddoo malkaa gahan, karra gadi seensa malkaa cufudhaan faaruu tokkommaa oo’isanii faarfachuu eegalan. Ummannis haamileedhaan itti daddabalamee hunduu harka walqabatee oo’isee faarfate. Kanuma keessa ergaa fi labsiin Bilisummaa fi Walabummaa lallabamuu eegale. Namuu daangaa hanga daangaatti harka walqabatee sagalee lafa sochoosuun Bilisummaa fi Walabummaa lallabate. Haalli kun daqiiqaa 15f kan ture yoo ta’u, dhumarratti dhiichisa armaan gadii kanaan gara malkaatti gadi bu’ame.

“Yaa saba koo wal abdannuu laata … ohoo …
Akkamiinii???
Akkasiinii…. Akka WBOn jedhe saniinii!”

“Teenyaa Oromiyaan teenyaa
Ni falmannaa hanga yomitti usnee teenyaa
Ni falmannaa biyyaa abbaa keenyaa
Teenyaa Oromiyaan teenyaa!”x2

Sirbi, dhiichisnii fi faaruun gurmuu dargaggootaa kun ummata achitti argame mara qalbii hawate. Xiiqii fi jagnummaa itti hore. Jaarsi waggaa 80 illee osoo hin hafin haamiledhaan dhiichisaa fi geeraraa gurmuu kanaatti makame. Bittinsudhaafis ta’ee reebuuf baayyinni gurmuu kanaa amma humna waraana Wayyaanetii ol ta’e. Hidhattoonni mootummaa haala kana akka dhaabsisuu hin dandeenye kan taasise sakoondii irraa gara sakoondiitti lakkoofsi gurmuu kanaa idaáa deemuu isaa ti. Sirbii fi dhiichifni qabsoo, akkasumas, labsiin bilisummaa dargaggootaan eegalame kun daqiiqaa muraasa keessatti kan guutuu hawaasa Oromoo Irreechaaf bahe sanii tahe.

Haalli kun humna hidhataa mootummaa yoo abdii kutachiisu ifatti muláteera. Tarkaanfii fudhachuuf hin onnanne. Malkaa irraa ol deebii irrattis gurmuun labsii kun gar malee baayyachuurraa kan ka’e bakkoota saditti qoodamee sirboota qabsoo oo’isee itti fufe. Tuuta gurmuu kanaatin ala dhiichisni/sirbi tuuta biraa hin turre. Ummanni keenya bilisummaa dheebote akkasitti guutummaan guututti gootummaadhaan Malkaa too’atee oole. Gurmuun dargaggootaa Bilisummaa fi Walabummaa labsuuf akkasitti qindaa’ee dhufe kun akeeka dhufeef akka gaaritti raawwachudhaan milkiidhaan wal eebbisee gargar deeme.

Tarkaanfiin mootummaas kan hammaate kana booda ture. Dargaggoota sochii labsii kanarra turan keessa keessaa adamsanii duukaa bu’udhaan kopha kophaatti magaalaa keessatti ukkaamsanii fuuchuutu itti fufe. Osoo hin turin garuu dargaggoonni Oromoo dhaamsa elektroonkii hatattamaan walii dabarsaniin tarkaanfii mootummaadhaan fudhatamaa jiru jalaa wal oolchuu dandaán. Namuutuu tooftaa gara garaatiin hidhattoota diinaa jalaa miliqee akka baafatuuf dhaamsi hatattamaan facaé sun dhugaatti kan dinqisiifatamuu fi sochii gara fuula duraa keessatti illee fakkeenya tahuu qabuu dha. Dargaggoonni Oromoo kumootatti lakkaayaman akkasitti tarkaanfii xiiqeffannaa Wayyaanee jalaa miliqanii bahuu fi wal baasuu dandaán.

E. Ayyaana Irreechaa baranaa irratti lakkoofsa ummataa gad xiqqeessuuf tarkaanfiilee diinaan fudhataman
Ayyanni Irreechaa bara 2012 kan sadarkaa Oromiyaatti Hora Harsadiitti Kabajamee oole kun kan waggoota 3,4,5 darbaniin wal cinaa qabamee yoo ilaalamu baayyinni uummataa hiráteera. Kunis sababni isaa akkuma olitti ibsame ummanni Oromoo kumoota dhibbatti lakkaayamu kallattii adda addaa irraa gara Hora Harsadiitti qajeelaa ture karaa irratti danqamee gara irraa dhufetti akka deebiú taasifamuu irraa ti. Haa tahu malee namoonni danqaa diinaa kana hundumaa irra aananii bakka ayyaanaa gahan haamileen isaanii, keessayyuu kan dargaggootaa kan yeroo kamiiyyuu caalaa dachaadhaan kan dabale tahuun isaa ayyaana baranaa adda taasisa.

Ayyaana Irreechaa baranaa irratti dhaamsonni fi barreeffamoonni dadammaqsaa ummata keessa balínaan faca’aa turuun kan isa yaaddesse sirni Wayyaanee, ayyaana kana bacancarsudhaan baayyina uummataa gadi xiqqeessuuf yaalii dandaámeef hundumaa taasiseera. Yaaliin ayyaana kana bacancarsuuf taasifame guddaan tokko, ayyaana Irreechaa duraan onoota Oromiyaa adda addaa keessatti guyyaa adda addaatti kabajamaa ture guyyuma tokkichatti deebisuu dha. Guyyaan filatames guyyuma gaafa Irreecha Hora Harsadii ti. Kana gochuudhaan ummannii jigee Hora Harsadiitti akka hin baanee fi qeyee qeyee isaatti akka hafu taasifame. Dabballonni Wayyaanee “Onootni hunduu ayyaana irreechaa sababeeffachudhaan iddoo turizimii beeksifachuu qaban …” sababa jedhuun waan guddina tuurizimii Oromiyaaf quuqaman of fakkeessuudhaan karaa bulchitoota Onootaa fi manguddootaatiin yeroo dheeraaf ololaa turan.

Jala bultii irraa qabee hanga guyyaa ayyaanichaatti ammoo, keellaalee sakattaa irratti tarkaanfiilee namoota qabanii hidhuu fi bakka irraa dhufanitti humnaan deebisuu tu fudhatame. Akka fakkeenyaatti tokko tokko maqaa dhawuuf:

1. Daandii Finfinnee-Bishooftuu irratti:

• Namootni 3 keellaa sakattaa Duukamitti alaabaan ABO tu kiisha keessan keessatti argame jedhamanii hidhaman.

• Namoonni 5,000 ol ta’an immoo haalli uffannaa keessanii sirrii miti; halluu alaabaa ABO qaba; konkolaataa keessatti ABO faarsaa dhuftanii fi kkf jedhamanii karaarraa deebifaman.

• Namoonni kuma kudhanootaa hanga kuma dhibbaatti lakkaa’aman immoo sababa sakattaatin karaa irratti danqamanii yeroon akka malee waan itti guyyaa’eef osoo bakka ayyaanaa hin gahin gara qeyeetti deebiúuf dirqaman.

2. Daandii Adaamaa-Bishooftuu irratti:

• Namoonni 300 ol ta’an tuuta tokkoon kan Shaashamannee irraa dhufan sakattaa karaa Adaamaa irratti huccuu halluu diimaa-magariisa-diimaa qabu uffatanii argamtan jedhamanii konkolaatuma dhufaniin gara irraa dhufanitti akka deebi’an dirqisiifaman. Isaan keessaa namootni kurnan tokko immoo battalumatti qabamanii hidhamann.

• Namoonni 4,000 ol ta’an konkolaataa keessatti ‘sirba ABO faarsu sirbaa akka dhuftan odeeffannoon isinuma keessaa waan nu dhaqqabeef dabruu hin dandeechan jedhamanii waraana wayyaanetin dirqamanii makiinotuma ittiin dhufaniin of duuba deebifaman. (Namoonni kunniin dargaggoota Naannoo Adaamaa, Baatuu, Assallaa fi Onoota Zoonii Baha Shawaa irraa dhufaniidha.)

• Akkuma daandii Finfinnee namoonni kuma kurnootaa hanga kuma dhibbaatti tilmaamaman immoo sababa sakattaatin karaa irratti danqamanii yeroon ayyaanaa waan itti dabreef osoo lafa garaa isaanii hin gahin gara qeyeetti deebiúuf dirqaman.

Kun egaa akeeka ayyaana irreechaa bara kanaa fashalsuu fi sunis yoo dadhabame lakkoofsa uummataa daran xiqqeessudhaaf tarkaanfii mootummaa Wayyaaneetiin fudhatame tahuu isaa ti. Akkasuu tahee garuu, ummatni ayyaana Irreechaa Hora Harsadii irratti argamee kan bara kaanaa gara Miliyoona 2.5 hanga 3tti tilmaamama.

Tarkaanfiin karaa irratti ummata danquu kun shira wayyaaneen itti yaaddee hojjatte waan ta’eef ummannis kana hubachudhaan danqaa kana hunda irra tarkaanfatee Waamicha dhiyaateef owwaateera. Kan qaamaan Hora Harsadiitti argame qofa osoo hin taane ummanni Oromoo mana mana isaatti dabarses qalbiidhaan waamicha qabsoo kana owwaataa akka oole shakkii hin qabu.

F. Xumura
Ayyaana Irreechaa irratti galiin diinni lafa kaayate hin milkoofne. Akeekni Bilisummaa fi Walabummaa labsachuuf ilmaan Oromoo lafa kaayyatan garuu hin gufanne, milkaa’eera. Kana booda, yoomis tahee eessattuu, dachii Oromiyaa irratti kaayyoon diinaa hoongawaa deema malee milkaawuuf hin jiru. Ummanni Oromoo ayyaana Irreechaa baranaa irratti seenaa hojjeteera jechuu tu dandaáma. Hora Harsadee irratti bilisummaa sabaa fi walabummaa biyya isaa Oromiyaa labsateera. Labsi bilisummaa fi walabummaa kun akka of duuba hin deebines waadaa waliif seenee irreeffatee gale. Kan hafu waadaa seena-qabeessa Hora Harsadiitti seename kana hojii irra oolchudhaan galii QBO dhugoomsuu dha.

Ilmaan Oromoos kana booda dabarsanii diinaaf wal kennuu irraa gaabbii itti dhagahame ibsachaa fi daandii sabummaa qajeelaatti deebiáa jiran. Har’a miseensonni OPDO diinni isaanii dhugaan eenyu akka tahe hubatuudhaan bal’inaan ilaalcha isaanii sirreeffatanii gara mooraa QBOtti luuccaa’aa jiru. Kun immoo ummata Oromoof injifannoo dacha dha! Milkiin qajeelte tun harka ummata Oromoo keessaa akka hin baane tikaa-tiksee ta’udhaan kan hafe fiixa baasuun dirqama mara keenyaa taha!

Injifannoo Ummata Oromoof!

Infoo Deeskii ABO