Haaj Aadam Saaddoo: Kormicha Oromoo

Amaan Hedatoo Qeerransootiin/ Nov. 01, 2012

“Ka harkatti qabadhee dhufeen garatti deeffadheera. Kanaa achi waan feete godhuu dandeettan!”

Jannoota Oromoon qabaataa ture keessaa tokko ka ta’an Haaji Aadam Saaddoo /Daararaa/ ttu cinqaa fi rakkoo keessatti; garuu diina haga funyaanii hidhate dura dhaabatanii, murannoon funyaan diinaa jala quba qabanii dhaamsa hin dagatamne ta’ee dhalatti akka darbu godhanii dhalaaf dabarsanii darban. Haaji Aadam Saaddoo /Daararaa/ abbaa isaanii Aab-Saaddoo Sheekoo fi haadha isaanii Aay-Halkee /Haliimaa/ Waaqoo irraa bara 1877 tti dhalatan.  Oromoon bara dur waa sadi ilma ufiitiif hawwa ture.Bultii /qabeenya/, ilmaa fi ilmii /beekumsa/.

Abbaan Haaj Aadam Aab-Saaddoonillee hawwiin isaanii kanaan ala ta’uu baatus “Bultiinis ni dhuma, lubbuun yoo jiraatan ilmis dhaqqabamaa,  beekumsa horuun ganama!” yaada jedhu qabachuun akkuma ilmisaanii H/Aadam umriin isaanii barnootaaf gaheen sheekkota naannotti argaman biratti barnoota Islaamummaa akka baratan godhan. Ilmisaanii H/Aadamis umrii fi ilmiin guddataa deemanii ufii fi maatii isaanii gargaarutti aansanii naannoo ufii qorachutti seenan. Nama guddaa ta’an. Addunyaa tanarratti irra caalaan namaa ka waanuma beeku dubbatu jechutu danda’ama. H/Aadam garuu aaqila /qaroo/ fi aalima /beekaa yookiin hayyuu/ waan dubbatan beekan ,ka guddaa-diqqaa woliin balduu jaalatan,nama waan haarawa argan qorachuu fardeeffatan,hojjataa akka kanniisaa fi goota akka qeerransaa akkasumas abbaa nama maraa ta’anii ummatatti gabbahan.

Akka worri woliin dhalatee guddatee fi woliin ture mirkaneessutti Haaji Aadam nama waan arganii fi dhagayan hin daganne, nama kijibaa fi taallee /woliin dhooftummaa/ hin jaalanne,nama karaa maleen isaanitti deemu ka ufitti hin dhiifnee fi sodaa hin beekne ,nama waaqa /rabbi/ itti amanan tokkicha malee eenyuufuu hin jilbiiffanne fi hin saganne ,kana ta’uu isaanii ammoo tola keessatti qofa uduu hin taane lola /hammeenya/ lubbuu/ isaanii irratti aggaamame heddu keessattillee murannoon dura dhaabbatee nama falmu ta’uu goota mirkaneesse turan. Dhaabni /yookiin/ argaan isaanii ammoo hojaamessa /dheeraa/ rifeensa luuccaa fi bifaan diimaa cinaa Magaalaa marata jaalatan. Dhadhaa, aananii fi dammaan guddatanii farada collee yaabbachuu fi gulufsiisuu ka jaalatan H/ Aadam qandhafaa /ka xuriin irra hin buune/, qixila /bareedaa yookiin faaya/ namaa turan.Qoritti malee, mooqqaa /spoon/ malee marqa ka hin nyaanne,sabareen malee aanan,quluun /buqqeen/ malee buna ka hin dhunne.

H/Aadam Saaddoo meeshalee aadaa dhalatanii keessatti guddatan jaalatan nama waan ufiitiin boonu turan jedhama. H/ Aadam Saddoo ummata Baalee bira taranii ummata Oromoo guutuu biratti ka beekkaman wol qixxummaa amantiitiif falmuu,cunqursaa baras ummata Oromoo irra gahaa turetti dammaqanii dura dhaabbachuu fi irratti qabsaayuu isaaniitiin ture. Ufii isaaniitii maatii jiruu fi jireenya gaarii qabu irraa dhalatan. Garuu maatii jiruu fi jireenya gaarii qabu irraa dhalachuun miidhaa fi cunqursaa ummatarra gahu isaan hin daadofne. Seera duratti aggaammii lubbuu isaanii irratti fuulleffateef uduu hin jilbiiffatin cunqursaa fi hacuuccaa akkasumas miidhaa koloneeffattoonni barasii ummata Oromoo irraan gahaa turan irratti uf kennanii mormuudhaan dhugaan yoomuu akka irra aantu goota mudhise turan. Akkuma beekamu baras Impaayera Toophiyaa keessatti ol aantummaan ka amantii kiristaana Oortodooksii akkasumallee garaa garummaa mootummaa fi amantii kanaa adda baasuun yeroo nama dhibu ture. Guutumatti ilaalchi /ideology/ jiru kan amantii kanaa ture jechuun yeroo danda’amu sanitti miseensa sirna barasii akkasumallee hoogganaan ol aanaan sirnichaa fi Amantii Oortodooksii tokko Baaleen daaw’ata jedhamee ummanni hiriiraan akka simatu godhama.

Simannaa dirqii kanarratti bakka bu’aan Hayila sillaasee kun haasawa godhan. “Kabajamaa ummata Baalee! Egaa ka isin jaalattanii fi ka isin jaalatan mootiin kabajamaa /Hayila sillaasee jechuu isaati/ irraa ergaa jaalalaa fi nagayaa qabee isinii fideeraa gammadaa! Kabajamaan /girmaawiinnataachaw-afaan isaaniitiin/ mootiin keenya ergaa kana ummata Baalee keessatti argamee akka isiniif ibsu na erganiiran. ‘Gooftaan keenya ka nu uume ummata Baalee nu jaalatuu fi jaalannuuf nagayaa fi dagaaginna akka kennu hawwina!’ jedhaniiran. ‘Jaalala haga hin qabne ummata Baaleetiif qaban irraa ka’anii ummanni isaanii uduu amantiin hin qoqqoodamin tokko ta’ee, tokkummaa isaa jabeeffatee jiraachuu akka danda’u amantii kenyaa amantii Oortodooksii uduu fudhatee gammachuun nutti dhagayamu haga hin qabu’ jedhaniiran” jedhee dubbii isaa goolabee ummata Baalee irraa deebii eeguu qabe.  “Gara hanquu hin dhabanii cal’eensatti daban!” jedha Oromoon yoo mammaaku.

Ummanni Baalee dubbii ergamtichaa gara-hanquu bira taree haga tuffii deeme kana haga takka cal’isee waan ta’u laale. Garuu akkasitti hin turre. “Agarre! Agartan!”jedhee nama deebii kana isaan irraa deebisu mari’atee qaroo fi dhaheessa /ogeessa dubbii/ Haaji Aadam Saaddoo filate. Haajichillee deebii yaada ergamtichaatiin guddoo hin cinqamne. Waan deebisan mari’achuufillee hin rakkanne. Waan ummanni Baalee gaafatame kana deebisuuf yoo isaan woltajjitti bahanii qoonqa ciratan ergamtichaa fi ummanni Haajicha bakka buufate waan isaan jedhan dhagahuuf gurra qeensan. “Dursa ergaa jaalalaa fi nagayaa mootichi nuu ergan nuun gahuu keessaniif ulfaadhaa! Mootichi ummata Baalee akka jaalatanii fi kabajan nuuf ibsameera. Nullee akka isaan jaalannuu fi kabanyu /kabajnu/ akka deebiftanii nuuf himtan abdanna. Mootichi jaalalaa fi kabajaa ummata Baaleetiif qaban irraa ka’uudhaan ummanni Baalee amantii duraan qabu amantii islaamummaa dhiisee amantii kiristaanummaa Oortodooksii uduu fudhatee akka jaalatanii fi itti gammadan illee nutti himameera. Dhugumatti namni tokko waan ufii isaatii jaalatu nama jaalatuuf ta’uun /godhuun/ waanuma jiru waan ta’eef yaanni mootichaa badaa hin turre.

Ummanni Baalee akkuma mootichi isa jaalatanitti mooticha jaalata.Kanaafuu akkuma mootichi hawwan san ummanni Baaleellee mootichii amantii kiristaana Oortodooksii dhiisanii uduu ummata Baalee woliin Islaama /musliima/ ta’anii akka fedhuu fi jaalatuu fi itti gammadu mootichati nuu himaa” jedhanii jannummaa fi qarummaan gaafii mootichaa ummata rakkisaa ture saniif deebii ummata gammachiisu kennuudhaan Baaleen boonsan jedhama. Jannaa fi qaroo yaada akkanaatiin woltajjitti beekkaman kana karaa danda’ame maraan salphisuufi irra aanuu ka dadhaban hanga’oonni Hayla sillaasee jibbaa fi hinaaffaan gubatanii ciincayan. Hin taaneef malee woltajjii agatan mararatti isaan salpphisuu fi diqqeessuuf waan hin ta’in hin qaban.

Gaaf tokko wol gahii hanga’oonni mootummaa ol aanoon, ummataa fi jaarsi biyyaa itti hirmaate tokko keessatti hanga’ichi tokko Haajicha aarsuu babaadee “Haaji! Ummanni keessan namoota qaroo,dhaheessaa fi beekaa akka keessanii heddu uduu qabu nama barate hin qabu. Akkanatti maaltu duubatti isin hambise?” jedhe xibbiibbamee /uf tuulee/.Deebiin Haajichaa gabaabaa,ifaa fi quubsaa ture. “Akka hiree ta’ee worri baranne jedhee, mirga nutti argatee nu bitaa jiru waan nurra hin jirreef /nu hin geenneef/” jechuudhaan yaada uf tuultichaa qulleessan /qullaa dhaaban/. Haaji Aadam Saadoo mala-dhaheessa,qalbi-qabeessa,beekaa dubbii fi Abkaatoo ummataa qofa uduu hin taane qabsaayaa bilisummaa,dammaqsaa fi abbaa worraaqsaa akka turan
hujii isaaniittu ragaa baha.

Diina Oromoo hin taane kamuu biyya isaanii irratti hin qeebalan ture. “Bilisummaan bilisummaa dha! Cabduun ,cittuun yookiin ballaan hin jirtu” yaada jedhuun yeroo Hayila Sillaaseen Ingiliizitti badee Xaaliyaan biyya qabattullee Xaaliyaanotaaf tole hin jenne. “Suunsumni jijjiiramullee ibiddi ummata gubaa ture sanuma” jechuudhaan namoota muratoo yaadasaanii qaban gurmeessuudhaan hidhachiisanii sochii irra turan. Haata’uutii haalli isaan irra turan sun gantoota sabaatiin maltoota halagaa bira gahee qabamanii hidhaman. Dhaheessaa fi maleessa ta’uu Haajichaa ka hubate worri Xaaliyaan yeroo gabaabduuqofa hidhanii gadhiisan. Kun yaalii ummataan qabachuuf godhan ta’ullee hin qabanneef. Baras yaanni Haajichaa xurree sochii ummata isaaniitiin wolitti isaan baaftu tamuu fayyadamanii murna kaayyoo bilisummaa qabu tokko gurmeessuudhaan hidhachiisanii bakka bakkatti sochoosuu irratti fuulleffata. Kanaanis adeemsa yeroo keessati diddaa gabrummaa kamuu irratti ka ummanni bakka bakkatti hidhatee
deemsisu wolitti qindeessanii gara tokkotti luuccessuu keessatti gaheen isaanii ol-aanaa ture.

Haga gabroomfataan xaaliyaan gallakkisee bahe meeshaa woraanaa guddaa dhossanii kaayuudhaan qabsoo diddaa gabrummaa itti aanuuf haala aanjeffachutti uduujiranii lukkeewwan iccitii /dhossaa/ kana beekan ammas hojjattoota nagayaa H/Sillaaseetti waan eeraniif ka yaadan hanqatee ka jibbanii falmaa turan isaan simatee ammas mana hidhaa seenan. Yeroo baay’ee namoota bebbeekamoo ummata biratti dhageettii qabanitti fayyadamuudhaan ummata san bituuf yaaluun amaluma gabroomfataa maraati.Haaj Aadamiin hidhuun yookiin ajjeesuun faaydaa ka isaanii hin qabne qofa uduu hin taane gaalaan /daafeen/ isaa gadoo fi jibbaa biraa akka dabalu ka hubatan hanga’oonni Hayila Sillaasee haajicha mana hidhaatii baasanii hawachuu filatan.

Haala kanaan aangoo giraazmaachummaa fi uffata aangoo kana ibsu kennuufiif sirni badhaasaa tokko qophaaya. Sirna woltajjiin qophaaye kanaa irratti haasofni hanga’oota mootummaatiin erga godhameen booda taraan /marroon/ isaan gahee woltajjitti bahan.  “Namni waa namaaf godhe tokko galata hin dhabu.Aangoo giraazmaachummaa fi uffata na badhaasuuf yaaduu keessaniif ulfaadhaa!Garuu an Giraazmaachi Aadam Saaddoo jedhamuu irra maqaa waan kamiinuu caalaa jaaladhu,ka yoo naan waaman natti tolu,ka haadhaa-abbaan kiyya naa baasan qaba. Aadam Saaddoo naan jedhan. Ka amantii fi fedhii kiyyaan naa kenname, ka anillee jaaladhee fudhadhe, maqaan kabajaa ittiin waamamu, ka ummanni kiyyallee jaalatee naan waamu, ka anillee itti gammadaa jalaa awwaadhu qaba. Inni ammoo Haaji Aadam Saaddoo ti.

Kanaafuu maqaa fi uffata naa kennuu feetan kana hin barbaadu. Nama maqaa kanaaf dharraa qabuu fi uffata kanaaf daara qabuu yoo jiraate akka kennitaniif kabajaan isin gaafadha” jedhanii adda babayii keessatti soda tokko malee diina qaanessan.  Haaji Aadam Saaddoo akkuma gubbatti kaafne Baaleen bira taranii Oromiyaa guutuu,ummata Oromoo birtatti ka beekkaman wol qixxummaa amantii tiif falmuu fi cunqursaa Oromoo irra gahaa ture mormuu fi dura dhaabachutti dabalee onnee Oromoo guutuu ka seenan  jecha jalqaba seenaa isaanii irratti kaafne “ka harkatti qabadhee dhufeen garatti deeffadheera! Kanaa achi waan feete godhuu dandeetta!” jedhaniin.Haaji Aadam jecha kana ka dubbatan bara 1958tti ture. Barri bara woldaan wolgargaarsaa fi misoomaa Maccaa-Tuulamaa jannoota akka Koloneel Alamuu Qixxeessaa,Obboo Hayila  Maaram Gammadaa,Obboo Mokonnin Wosanuu,Janaraal Taaddasaa Birruu, Dhibbaalaa Maammoo Mazammir fi kanneen hafaniin bu’ureeffamee sochii jalqabe ture.

Haaji Aadam ammoo Baaletti bu’ureessaa fi bakka bu’aa woldichaa turan.Dabalees yeroon yeroo sochiin diddaa gabrummaa ummata Baalee ka Janaraal Waaqoo Guutuutiin durfamu haala haarawaan oo’aa jiru ture. Haaji Aadam Saaddoo baruma ummanni Oromoo quba wol qabeenyaan halagaa irratti tokko ta’ee qabsaawu hawwaa waan turaniif yeroon isaan yaadaa turan kun mudhachutti guddoo gammadan.

Bu’ureeffamuu woldaa misoomaa fi wol gargaarsa Maccaa-Tuulamaa hundeeffame kana sochii diddaa gabrummaa ummata Baaleetiin wol simachiisuuf ammoo sochiin ummanni Baalee bakka bakkatti godhu gara sochii kaayaa-kaayyo-qabeessa ummata Oromoo guutuu tokkotti jijjiiruuf tattaafachuun hujii isaanii ta’e. Kanarrattis hojjatanii sochiin qabsoo woldaa Maccaa-Tuulamaa fi sochii qabsoo ummata Baalee wol simatuun karaan aanjawe. Haaluma kanaan woldichi haga humnaa fi haalli yeroo dandeessiseen kutaalee Oromiyaa heddutti dameen isaa akka bu’ureeffamu caasaa eega diriirfateen booda kora tokko Finfinnetti waame. Haata’uu malee yeroon sun yeroo mootummaan Hayila Sillaasee ijaaramuu woldaa kanaa mormuudhaan woldicha sababa itti uumee /barbaadee/ jissuuf socho’aa ture ture. Hoogganoota woldichaa bahaa-gala dhoorgee yeroo adamsaa ture kanatti Haajichi ummata Baalee bakka bu’anii xalayaa ummata Baalee irraa keessattuu Janaraal Taaddasaa Birruutiif barreeffamte qabatanii Finfinnee ka dhufan. Gaafa Haajichi Finfinnee dhufan kana humni woraanaa mootummaa hojjattoota woldichaa funaanee hidhuuf  Finfinnee woliin dhayaa ooleera.

Ka humni woranaa qabee hidhuuf mana marse keessaa tokko Janaraal Taaddasaa Birruuti. Janaraal Taaddasaan garuu harka kennachuu didanii cabsanii baafatan. Manni Janaraaltichaa woraanaan qabameera. Haaji Aadam kana quba hin qaban. Birattillee Janaraal Taaddasaa maqaa malee qaamaan hin beekan. Ka isaan beekan hiriyyaa Janaraal Taaddasaa ka ta’an obboo Makonnan Wosanuu turan. Janaraal Taaddasaa arganii dhimma dhufaniif irratti mari’achuuf silkii gara mana obboo Makonnan Wosanuu dhahan. Hin milkoofne. Gara mana Janaraal Taaddasaa yaalan.  “An Haaji Aadam Saaddoo jedhamaa; Janaraal Taaddasaa barbaada” “Eessaa dhuftan?” jedheen namni jalaa kaase. “Baalee dhufe! Bakka bu’aa woldichaati!”  Silkii ka Haajicha jalaa kaase Janaraal Taaddasaa isaan barbaadan uduu hin taane yayyii humna woranaa mana janaraaltichaa marsee weerare keessaa tokko ture.

Shuumtichi silkii Haajicha jalaa kaasee woliin haasaye sun ka dhagaye amanuu baatullee woldicha adamsaa jiran laalchisee ragaa dabalataa qabatamaa argataa akka jiru hedatee Haajicha dhuunfachuuf murate. “An Taaddasaa dha. Maaliif mana dhuftanii woliin hin mar’ianne ree?” jedheen.Uffata akkamii akka uffatanii fi eessa akka jiran itti himanii,namni Loltuu Asheetuu jedhamu akka ergamuuf itti himame. Baras ministeera haqaa, akka ammaatti Immigreeshina  balbala guddoo duratti akka eegan itti himanii eegan. Haaluma kanaan loltichi ergame sun uduu Haajicha bira gahee hin dubbisin eega adda baafateen booda bira dhaqee, nagaa gaafatee Haaji Aadam isaan ta’uu adda baafate.Isaanillee loltuu Asheetuun isa ta’uu gaafatanii qulqulleeffatanii, konkolaataa ergameef yaabbatanii qajeelan. Konkolaataan Maarsadiisiin yaabbatan sun ka qajeelte gara mana Janaraal Taaddasaa Haajichi yaadan uduu hin taane gara buufata poolisaa “Ammistanyaa” jedhamuutti.  Haajichi Janaraal Taaddasaa qaamaan beekuu dhabuun ka isaan miidheefi ka diina fayyade ta’uu ka beekan eega konkolaataan buufata Poolisaa seentee yayyiin woraanaa isaan marse booda. Ee mukkure! Maal godhan ree?

Haata’uutii abdii kutatanii yeroo hin balleessine.Dhaheessa sammuu isaanii woliin mari’atanii mana fincaanii dhaquu akka fedhan yayyii woraanaa qawwee baatee isaan marsetti himan.Yayyiin woraanaa sun qaama isaanii marse malee sammuu isaanii hin agarre. Dhugatti ammoo woraanni afaan sibiilaa malee afaan namaa hin beenne sun sammuu akka Haaji Aadam Saaddoo hubata jechuun dogoggora qofa uduu hin taane hubannoo dhaba. Haajichi akkuma marfamanitti mana fincaanii seenanii woraqaa ergaa ummata Baalee cicciranii mana fincaaniitti gatuu yaadanii “ni baasan!” jedhanii shakkan. Malli ergaan sun diina harka akka hin seenne godhaniin garatti deeffachuu qofa akka ta’etti murteeffatanii woraqaa san cicciranii alanchan. “Mi’aayaa dirqamaan nyaata/dhugan irra hadhaa jaalatanii nyaatan/dhugantu mi’aaya yookiin nama gammachiisa” jedhama. Haaji Aadam woraqaa san alanchanii erga liqimsaniin booda mana fincaaniitii bahan. Akkuma mana fincaaniitii bahaniin marfamanii biiroo shuumtichaa geeffaman.

Shuumtichi itti ol ka’ee “meeti woraqaan qabattee deemtuun?!” jedheen.  “Duuti luynaa /sodaataa/ kuma, Ta gootaa /jannaa/ takkittima!” jedhama mammaakaan. Deebiin Haaji Aadam Saaddoo ta murannoollee takkittima turte. Ee! “…ka harkatti qabadhee dhufeen garatti deeffadheera! Kanaa achi waan feete godhuu dandeetta!…” jedhan. Shuumtichi yoo duraa raga gahaa waa’ee woldichaa Haajicha irraa argadha jedhee gammachuun uf wollaale jecha Haajichaatiin ciincaye. Sodaachisee dirqamaan himsiisuuf Haajicha kokketti rarra’e. Ee! Haaji Aadam Saaddoo ammoo akka dhala har’aa, tokko tokko ka midhaan midhaaniin unatu /budeenni midhaan,shiroon midhaan/ irraa hiyyummaan lafa jala dabarsitee,lafee cabsitee yoo takka kabalan lafa dhayuu fi waan beeku dhiisii waan hin beeknellee xinniquuf /kijibuuf/ tafaafuru /kaanii kaan jedhu/ hin taane. Akka worri har’allee isaan yaadatu himutti Haaji Aadam Saaddoo mooraal-jaboo fi yaad-bilcho qofa uduu hin taane abbaa jabeenya qaamaa turan.

Kanaafuu loltoota akka tiisisaatti itti caaccayan ufirraa lafatti dachaasanii,shuumticha kokketti isaan rarra’e garaa waaqatti addeessan. Bineensi isaan marsee akkuma ta’e ta’ee tooyannoo jala isaan oolche taan caalaa ka rifate erga shugguxii rivoolvara 38 mudhii Haajichaa irratti arge booda. Shuumtichi garaan isaa waaqatti addaatee akkuma ta’e ta’ee tattaafatee ka’ee, kana arge shugguxii saniin achitti hafuu dhabuu isaatiif,galata waaqa itti amanutti galfachuu hin oolin sun nahee qabbanaaye. Jannoonni akka Haaji Aadam Jiloo,Janaraal Waaqoo Guutuu fa’a bira hin turree maal godhan ree??? Haaji Aadam ji’oota hedduuf hidhamanii mana murtii ol aanaa deddeebi’aa turan. Murtiin baras namoota balleessaa yookiin yakka guguddaa hojjate jedhametti
murtaayu bifa afur ture. Isaanillee;

  1.   Hidhaa woggoota 25 /ruuba jaarraa tokkoo/,
  2.  Qacceen /jiraafiin-afaan Amaaraati/ qaama hidhamaa sanii harka 40 /afurtama/ shabbeenuu /tumuu/,
  3. Qabeenya hidhamtichaa akkuma jiruun fudhachuu /dhaaluu/,
  4. Woggoota 25 itti murteeffame biyya Amaaraa keessa tararuu /baqaan jooruu/ ture.

Haata’uutii namni tokko qacceen /jiraafiin/ shabbeenamuun /tumamuun/ duratti tumamuu ka danda’u yookiin hin dandeenye beekuudhaaf doktoraan mirkanaayuu qaba.Akka hiree ta’ee doktorri kanaaf Haaji Aadamiin qorate akka Haajichi tumaman hin eeyyamne. Worri Haajichallee ta’ee ummanni Baalee galmeen murtii isaanii gara Finfinneetti akka deebi’u iyyachuu isaaniitii fi Haajichi mataan isaanii dhaddacha “Nugusa nagast” jedhamu dhihaatanii mormatanii irra aanuun murtii manni murtii Ol aanaa isaan irratti dabarse san jijjiirsisuu /shaarsisuu/ danda’uu isaaniitiin murtiileen arfan gubbatti tuqaman isaan irratti uduu hin rawwatamne hafan.

Egaa Haajichi kun yeroo hidhaa irra turan kamuu hanga’oota aangoo,abbootii seeraa fi humnoota poolisaa fi woraanaa sodaa tokko malee dhugaa jirtu itti himuudhaan falmaa godhaniin egeree Oromootaa akeekaa turan.Nyaaphummaa hanga’oota mootummaa fi eenyummaa Oromoo ummata Oromootiif ibsuu irraa uduu humni kamuu isaan hin dhooggin /uggurin/ falmaa bahanii,dhaqqabuu baatanillee guca bilisummaa Oromoota harka kaayanii dhaamsa hin dagatamne dhalaaf dabarsanii, bara 1983 addunyaa tana irraa darban. Ruhii isaanii rabbiin jannataan haa qananiisu!!!  Iccitii /dhossaa/ qabatee haala cinqaa /muddama lubbuu/ keessatti balaa hiriyyaa,maatii, aanaa, gosaa fi saba tti dhufu oolchuun aadaa Oromoon woliin dhalatee ittiin jiraate. Barri har’aa bara namni ka harkatti qabatee deemu dhiisii kanuma garaa qabuyyuu ciniinnatee qabachuu dadhabe ta’ullee Haji Aadam Saaddoo fa’a qaamaan du’anillee seenaa,hujii fi gootummaan isaanii lafa hin banne.Gucni bilisummaa isaan qabsiisan kichuuwwan /daa’imman/ baras dhalachuu dhiisii garaayyuu hin jirree, ka miliyoonotaan lakkaayamaniif ibsaa ta’ee sochoosaa jira.

Seenaa fi jechoonni barnoota qabeeyyii ta’an, kanneen goota kanaa /Haaji Aadam Saaddoo/ barreeffama gabaabduu tana keessatti guduunfamanii ka dhumatanii mi. Seenaan isaanii ka barruu fuula muraasaa,akkasittuu mata duree takka jalatti ka’ee dhumatu qofaa uduu hin taane, ka kitaaba irra taree kitaabbilee bahu. Haata’uutii nama seenaa galmeessee ol kaayu dhabuun,namoota seenaa gootowwan darbanii beekan manguddoota lubbuun jiranitti dhihatee seenaa irraa qoratuu fi baratu dhabuunii fi ka haguma sanuu beeknuuyyuu wolitti dhihaannee,qindeessinee wol barsiisuu fi dhalatti dabarsuu dhabuu irraa seenaa fi hujii gootowwan keenna hedduu badee hafeera yookiin hafaa jira. Seenaa gootummaa abboota keennaa dhaallee akka abbootii keennaa ta’uu dhabuun akkaa-akka-malettuu /jaalannee jibbineellee/ waanuma jiraati. Seenaa fi hujii isaanii wolii dabarsuu fi wol barsiisuu dhabuun ammoo dadhabbinna. Seenaa isaanii gatuun ammoo dadhabbinna qofa uduu hin taane daaraa ibiddarraa dhalate nu taasise. Seenaan abbootii keennaa galmaayee dhaloota dhufuuf taruu qaba.

Kan Barreesse: Amaan Hedatoo Qeerransoo