Haala Yeroo irratti Ibsa Hatattamaa Sochii Dargaggootaa Bilisummaa fi Deemokraasii (Qeerroo).

  1. Haala Yeroo irratti Ibsa Hatattamaa Sochii Dargaggootaa Bilisummaa fi Deemokraasii.
  2. Ilmaan Oromoo tokko tawuu qabu.

Haala Yeroo irratti Ibsa Hatattamaa Sochii Dargaggootaa Bilisummaa fi Deemokraasii.

Hagayya 21, 2012

Muummichi Ministeeraa Itoophiyaa Obbo Mallas Zeenaawii addunyaa kana irraa duáan boqochuun miidiyaalee sirnichaa irratti labsamuun beekamaa dha. Duuti Muummicha Ministeeraa kun eega dhagahamee turullee, mootummichi yeroo dheeraa ukkaamsee taaée amma reef labsuun isaa haala keessa isaa tasgabbeeffachuuf akka tahetti tilmaamna. Muummichi Ministeraa waggootii 21 darban keessatti lubuu ilmaan namaa kumataamaan bilash dhumateef gaafatamaa tahan illee, guyyaan du’a isaa seenaafuu akkas wal dhawuutti fi akka dhala namaatti gadda nutti dhagahame ni ibsina.

Bulchiinsi Obbo Mallas Zeenaawii bulchiinsa abbaa irrummaa fi faashistummaa akka tahe kanneen isa waliin biyya dhiigsan irraa kan hafe hunduu itti walii gala. Obbo Mallas Zeenaawii gochaalee faashitummaa fi abbaa irrummaa bulchiinsa isaanii keessatti hojii irra oolchaa turaniif itti gaafatamaa tahuu eeruudhaan akka hatattamaan aangoo gadhiisan ibsa Caamsaa bara 2011baafneen gaafachuun keenyas hin dagatamu.

Ibsa kana keessatti, biyyi Itoophiyaa jedhamtu tun addatti waggaa digdamman dabran karaa siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee deega caalaa hamaate keessa akka jirtu, sirni siyaasaa mootummichi lafa jalaan ittiin geggeeffamu yaad-rimee Istaaliinistummaa irratti akka hundaaé, qoodamiinsi aangoo walabaa karaa seera baaftotaa (legislatives), seera murtootaa (judiciaries) fi seera alangootaa (executives) dhugaadhaan addaan bahee karaa walabummaa isaanii eeggataniin hojii irra oolaa akka hin jirree fi qabxiilee jajjaboo biroo yaadachiisuudhaan ture kan gaaffii aangoo irraa kaúu Muummicha Ministeeraa kana dhiheessine.
Ammas yaaduma ibsa olitti eerame keessatti kaafne gad jabeessuudhaan gaaffiileen armaan gadii akka hatattamaan sirna amma aangoo harkaa qabuun osoo guyyaan itti hin kennamne deebii argatan barbaanna:

1. Hidhamtoonni siyaasaa hundumtuu osoo sabaa fi amantiidhaan adda hin baane hatattamaan akka gadhiifaman; addatti ammoo hidhamtootni Oromoo kan kumoota kudhaniin lakkaawaman fi hedduun isaanii kan waggaa 21 hidhaan dararamaa jiran akka hatattamaan gadi lakkifaman gaafatna.

2. Gaaffiin hawaasni Muslimaa gaafachaa jiru daddaffiin akka deebii sirnaa argatu, hogganoonni hawaasichaa dhimma kanaan wal qabatee hidhamanis akka gadhiifaman;

3. Seeronni maqaa “farra gooltummaa, seerota hawaasaa fi miti mootummaa, seera media ” jedhuun mirgoota siyaasaa fi hawaasummaa danquuf baafaman akka dafanii kaán;

4. Loloonni mirga bilisummaa fi demokraasiif jecha ummatootaa fi mootummicha gidduutti, addatti ammoo dhaabota ummatoota bakka buán kan akka ABO, ABBO fi kan biroo fi mootummaa gidduutti waggoota 20n dabraniif geggeeffamaa ture akka hatattamaan haasawaa ifaa, bifa ummataa fi addunyaaf banaa taheen dafee akka xumuramu; gaaffiileen ummatoota kanaas karaa nagaan deebii ifaan akka kennamuuf.

5. Mirgi hiriira nagaa bahuu, ijaaramuu fi walitti qabamuu heera mootummaa keessatti mirkanaaé akka hojii irra oolu, qoqqobbiin mirgoota ummataa kana danquuf taasifamaa jiru akka hatattamaan kaú;

6. Mirgi ijaaramuu fi yaada ofii walabaan ibsachuu akka kabajamu.

Sochiin Dargaggootaa Bilisummaa fi Demokraasii (Qeerroon) gaaffiileen armaan olitti kaán akka deebii hatattamaa argatanii fi jijiiramni ifaan hanga argamu qabsoo isaa kan it ti fufu tahuu mirkaneessa. Ummanni keenya Oromoo fi ummatoonni cunqurfamoon impaayera Itoophiyaa keessa jiran cuftuu gaaffii mirgootaa kanatti fayyadamoo tahuudhaan qabsoo bilisummaa fi demokraasiif taasisaa jiran akka finiinsan waamicha dabarsa.

Walumaa gala hanga sirni fi caasaan cunqursaa bakka irraa ka’uu mirgootni Umamtaa fi dimokrasii kabajaman qabsoon ummataa akka finiinuu gadi jabeessinee dhaammatna

Haqni ni injifata!

Ka’I Qeerroo!

Sochii Dargaggootaa Bilisummaa fi Deemokraasiif (Qeerroo)

—-******—

2. Ilmaan Oromoo tokko tawuu qabu.

“Yommuu muka jigsan yoo hidda isaa jalaa buqqisuu baatan deebi’eetuma marga.”

Hagayyaa 21, 2012

Akkuma dhageenyufi arginu, duuti muummicha minsteera Itiyoophiyaa obboo Mallas dhokataa turee, kunoo, ifa bayee jira. Dhuguma, ajaja nama kanaatin ‘uummanni Oromoo rakkoo heddu keessa akka gale, mana hidhaatti akka dararamu, akka qabeenya isaa saamamu, akka lafa isaa irraa buqqa’u, akka biyyaa baqatu, biyya baqatetti illee akka ajjeeffamu, akka amantii amanu irraatti illee rakkoon irra qaqqabu, — beekamaadha. Haa tawu malee, obboo Mallas, namni tokko du’eef, yoo seerafi heera inni biyya ittiin bulchaa ture baduu baate namoota akka isaa heddutu dhalata. Hojiidhuma inni hojjataa ture itti fufu.

Yeroo ammaa kana yoo jiruu addunyaa ilaallu Ameerikaadhumatu biyyoota of hin dandeenye bulchaa jira. Nama jabaatee lolate gargaaraniiti, yoo fedhii isaanii waan guutuf taye, akka biyya bulchu taasisu. Haa tawu malee, murtee kan dabarsu Ameerikaa qofa miti. ‘Uummanni fi namni ‘uummata sana hoogganu hammam akka jabaatee mirga isaatif dhaabatu (lolatu). Akkuma hundinuu beeku, hamma ammaatti ilmaan Oromoo waanjoo rakkinaa jalatti kan galuu dandeesse, warra diina jennee waamnun qofa otoo hin taane, ilmaanu Oromoo, warra jaroota kana gargaaraniinis. Hardhas kanuma.

Yeroo kana, jarraa 21 keessa waanni hundinuu jijjiiramaati deema. Lammileen heddu mirga ofii kabajachiisati jiru. Mirga ofii kabajachiisuf immoo tokkummaa barbaachisa. ‘Uummanni tokkummaa hin qabaanne yoomiyyuu taanan mirga isaa kabajachiisuu hin dandawu. Mirga ofii yoo kabajachiisuu baatan immoo, kunoo, akkanumatti namaa gad bulu.

Du’a muummicha minsteeraa Itiyoophiyaa irraa kan ka’e, yeroodhaf itti aanaan akka biyya bulchu, heera biyyattiirratti akkuma hundaayetti, Ameerikaan murteessitus, namni kun qobaa isaa jijjiirama fiduu hin dandawu. Gara fuulduraatti yoo “parlaamaan” mummicha minsiteeraa filate jaruma sana keessaa nama tokko. Rakkinni kun ittuma fufa. Kana waan tayeefuu, ilmaan Oromoo hundinuu, dhaaba addaddaa dhaabanii addadda bittinfamuun akka ‘uummata irratti rakkoo guddaa fidu ubattanii, maqaa ‘uummata Oromootin kaatanii tokkummaan Oromoof dhaabachuutu isin irra jira.

Kana waan tayeefuu, akkuma barame lammii biraa, isa isinitti fayyadamee biyya qabatu dhiiftanii akka hundi keessanuu bakka tokkotti walitti dhuftanii, waliin mariyattanii, yaada tokko irra geessanii ‘uummata Oromoo gargaartanii rakkinaa baaftan, akka ilmoo Oromoo tokkootti, maqaa Waaqayyootin isinin kadhadha.

Waamichi kiyya “OLF (dame hundaafuu), OPC, OPDM, OFD, OPDO (warri nafxanyaa hin taane),” akkasums akka jaroota dhaabilee kana hoogganan nuuf gorsitan jaarsa biyyaa, barsiisotaafi barattoota Oromoo, hawaasilee Oromoo biyyootta addaddaa jiraattan, — nama hireen Oromiyaafi Oromoo nas ni ilaalchisa jedhu hundaafi.

Maaloo mee, yaa Waaqayyo ilmaan Oromoo tokko taasisi!

Kabaja wajjin

–Kumsaa drirsa@yahoo.com