VOA: Haqa Jal’ate Loogdummaa fi Cunqursaa Mormee Aarsaa Ta’uun Koo Anaaf Kabajaa Dha
Note from Ayyaantuu editor: wanti kun hunda keenna ilaala. Maal godhuu qabna kan jedhu irratti yoo haasofne gaaridha. Faamiliin jara kanaa rakkachaa jiru. We have come to a critical juncture, where none of us can by pass safely. Whether you are Muslim, Christian, Waaqefataa, OLF, WAFIDO, OPC, etc. supporter or not, the time has come for you for national call. Being an Oromo is sufficient to be targeted. The merciless minority regime of TPLF is determined to brutally and gradually exterminate our heroes and people. What should we, in Diaspora with full of freedom, can do for these innocent heroes’ families immediately? Should we just ignore them and their families to die or find a way to help them and their families? This is also a responsibility of all Oromo Communities in Diaspora. For the sake of saving at least the families of our heroes, let us get together. Any comment on this point that gives a workable solution will be posted later. You can also write to oromia@ayyaantuu.com
November 2, 2012, WASHINGTON, DC (VOA Afaan Oromo)— Manni-mutii Federaalaa Itiyoophiiyaa, Dhaddachi yakka sadaffaan, Obbo Beqqelee Garbaa faa irratti yakka murtee jira.
Waggaa tokko Abbaan-alangaa Federaalaa “Obbo Beqqelee Garbaa faa ergaa shororkeessummaa, kan Adda Bilisummaa Oromoo fudhachuudhaan, dhaaba polotikaa seera-qabeessa dahoo godhachuudhaan humnaan qabsoo hidhannoon Mootummaa taayitaa irraa buusna, Oromiyaa qaama Federeeshinii irraa kutna” – jechuun yakka shororkeessummatti hirmaatan – jechuun, bara dabre himannaa irratti dhiheesse.
http://realaudio.rferl.org/voa/AFAN/manual/2012/11/01/cdcbcd66-4e81-4335-818e-bbd770be35db.mp3
Kanneen yakka kanaaan himataman Obbo Beqqelee Garbaa dabalee sagal yoo ta’an isaanis Obbo Olbaanaa Leellisaa, Olbaanaa Lammii, Adam Buusaa, Dubree Hawwaa Waaqoo, Obbo Mohaammed Muluu, Darajjee Katamaa, Addisuu Mokiree fi Galgaloo Gufaa ti.
Dhjaddachi Har’a gara waareetti taa’e sun akka beeksisetti murtiin kun ka kenname, abboota-murtii ammaan dura xaddacha sana irraa tajaajilaa turaniin malee kanneen Har’a taa’aniin miti.
Abbaan-alangaa ammaan dura kanneen himannaa koo naaf mirkaneessu,jedhe ragaalee adda addaa dhiheeffachuu isaa fi manni-murtii ragaalee sana xiinxalee ilaaluu isaa — himatamtoonni garuu, ragaalee himannaa sana dhara taasisu dhiheeffachuu dadhabuu isaanii dubbate – Abbaan-murtii.
Eega murtii yakkaa muree booda immoo abbaan-alangaas tahe himatamtoonni yaada murtii akka dhiheessan gaafatee ture. Abbaan-alangaa yakki sun yakka guddaa waan ta’eef akka adabbiin guddaan itti muramu ka gaafate yoo ta’u Himamtoota keessaa, Obbo Obbo Beqqelee Garbaa, Obbo Olbaanaa Leellisaa fi Obbo Olbeekaa Lammii akka abukaatoo malee yaada ofii ibsatan akka ehamamuuf gaafatanii, abbaa-murtii irraa ehama argatan.
Haala kanaan, akka dabaree isaaniitti ka dura yaada ofii kennan – Obbo Beqqelee Garbaa, “Bara jireenya kootti, haqa-jal’ate, loogdummaa, loogii-sanyii fi cunqursaa mufadhee mormeen jira. Filannooo kootiin otuu hin taane – fedha Waaqayyootiin kanan irraa dhaladhe – uummatni Oromoo, mirgawwan namummaa fi mirgawwan dimookiraasummaa isaa kabajamaniifii, ija qixxeen akka ilaalamu gochuuf qabsoon karaa nagaa geggeesseef aarsaa ta’uu danda’uun koo anaaf kabajaa dha” jedhan.
Abbaan-murtii garuu, “kun yaada adabbii salphisu miti yaada keessan sirnaan dhiheeffadhaa” ittin jechuun ajaje. Obbo BBeqqeleen garuu, daqiiqaa tokkoof illee akka dhageettii argatan ehama gaafatanii itti fufan.
“Qabsoon haga ammaa godhe keessatti dhiifama gaafachuu yoo na barbaachise dhimma lama qofa irratti. Tokkoffaa gidiraa fi roorroo uummata Oromoo irratti geggeessamu, akka ta’uu qabutti yoon ibsuu hanqadhee fi kanas kanan qodhe — nagaan waliin jireenya uummatootaa fi obbulummaaf yaaduu irraa sababaa hanqateef yoo tahe – uummatni Oromoo akka dhiifama naaf godhun gaafadha. Lammata immoo miidhama Uummata Oromoo hamma ta’ee ol how’isee dubbadhe yoo ta’ee fi kanas kanan godhe – dantaa dhuunfaa koo fi maqaa guddifachuuf yoo tahe, Waaqayyo akka dhiifama naaf godhun gaafadha” jedhan. Itti-fuduudhaanis “Manni-murtii otuu ani badii hin hojjetiin yakka natti mure, naaf gaddee adabbii natti salphisa – jedhee waanan hin amanneef, yaada adabbii-salphisu dhiheessuu dhiisuu koof nan gadda” – jechuun yaada isaanii xumuran – Obbo BEQQELEE GARBAA. Haati-manaa isaanii, hojii irraa waan hari’atamaniif, ijoolleen isaanii galii tokko malee akka gidiramaa jiran illee Manicha murtiitti dubbatanii turan – Obbo BEQQELEE-n.
Obbo OLBAANAA LEELLISAA-s akkasuma yaada ofii ibsachuu yaalanii turan. Garuu, abbaan-murtii deddeebi’anii seeraa ala akka ta’e itti dubbachuun dhaabsisan. Himatamtoonni ka biroonis galmeen ka biraan akka irra hin jirre, namoota maatii bulchan ta’uu isaanii fi rakkoo fayyaa akka qaban ibsuudhaan akka manichi murtii adabbii isaanii salphisuuf gaafatanii jiran. Manni-mutiis rakkoo himatan sanaaf ragaa akka dhiheeffatan ajaja kennuudhaan, murii adabbii kennuuf — Sadaasa 14,2005 beellamee jira.



“I seek no leniency in my sentencing from a court that willfully and wrongfully convicted me of crimes I did mot commit in the first place.” Beqqele Gerbaa, contemporary Oromo hero
We love you brother, your self-sacrifice shall not be in vain
@BonayaBonso
Qabsaa’aan kaayyoo qaba, kaayyoo ganama qabsoo eegaleef. kaayyoon isaa yoo galma akeekkatameef gahe milkiidha,yoo galii isaa hanqates kaayyoo ofii qabatanii waliin du’uun kabaja /ulfina /guddaa dha Jenna.
Galatoomaa obbo Baqqalaa Barbaada fi Obbo Olbaanaa leellisaan.
kaayyoon keessan galma gahuun ni tura malee hin hafu!
I U O tiif. !!!!
Yoomuu hin dagatamtu
Dhuugaan naqqalattii malee hin cituu!
waqqiini guddaani haqqa kessanii habasuu akkanumaasi waarootaa maqqaa oromoottiin hidhaamani marayuu waqqiinii haqqa isaani habasuu.
dhuugaan naqqalattii malee hin ciituu!!!!
Yaa waaqi oromoon saba kamuu ol miti gadis miti- fuula keetti jechuu kooti!saba abbaa hin qabne kan abbaan arge qe’eesaarraa buqqisee irraa nyaatu-arrabsu taasiste- kunoo isa saba isaaf dhiigee sbani oromoo akka mirga uumama isaatti haa kabajamu jedhee dubbatuuf ni hidhu- gidirsu ni ajjeesu-saba oromoo kan uume si miti moo saba oromoo ati hin beeektuu???egaa sabni oromoo dhugumaaaf taanaan saba isa balleessuuf dhaaadatu malee hin qabu-egaa nuti suma biraa eegganna-nuti akka dhala namaatti akka nu uuumtetti beekna-ati garuu waan callisteef situ beeka- waan tokkummaa nu dhabasiisteef situ beeka!!!
Egaa nuti warri hafnes kanatu tahe jenne waan dhiisnuuf hin qabnu- bor warra amma ajjeesamuuf hidhamu bakka buhee kan uummata koof falmu ana-erga namummaaf falmachuun rabbii biraas nama biraas dhageettii dhabee- waanti boodatti u deebisu tokko hin jiru- hamma dhumnee bannutii itti fufna-ittan fufa!!
Qabsaayaan ni kufaa qabsoon itti fufa-seenaan barabaraan isaan yaadataa hafa!!!
Tokkichi hundaa oltahe Rabbi isin waliin haajiraatu jabaadhaa. Rabbiin Oromoo waliigalchee humneeysee haqa isin mana hidhaa wayyaanee keeysatti gidiramaafii jirtan kana nuuf haa mirkaneeysu.
Jabaadhaa!
Ofii keenya teenye gootumma isaani jajuu dhiifnne, gaaffii gaafatame ha deebisnu. Haalaa attaamitin cina isaani ha dhaabannu dha faaffin gaafatame gabaabaatti. Maatii isaani rakkacha jiran ha gargaaru dha. Kanaaf, waan salpha kana eenyu keenya iyyuu gochu ni dandeenya jedheen abdadha. An gama kootin hamma humni koo na ayyamee gumaachuuf qopha’a dha. Kanaaf, me kara isa adara seena Oromoo nu mijeessati nutti debbi’a. Galatoomi Ayyaantuu.
Ayyaantu!! Jarreen mana hidhaa diinaa keessatti dararamaa jiran akki itti gargaaruu dandeenyu yoo maatii isaanii qaqqabuu dandeenyee dha. Karaan ittiin waa gumaachinu yoo jiraatee nutti himaa maaloo!! Biyya keessa namni waan kana qindeessu yoo jiraate gumaachuun salphaa ta,a jedheen yaada. Asittis qindaa,ee ergamuufii ni danda,a. Oromoo amma egaa booreen!!
Ossaanaa!
Oduun ni gaha. Gara hojiitti haa tarkaanfannu. Anis yeroon amma kana barreessuu kaasee amma humni koo danda’uun maatii isaanii bira dhaabbachuuf waadaan seena. Bakkan hojjadhuttis himeen qindeessa.
Ayyaantuu.com galatoomaa waammicha kana ummataaf dhiyeesuu keessaniif. Ammas irran deebi’a oduun nu gahe!!!!
Adaraa akkaataa gargaarsa maatii namoota kanaaf gumaachuun danda’amu qindeessaatii nutti beeksisaa. Anis hanga humni koo danda’u gumaacha nan godha.
It shouldn’t be only financial support, plan for revenge. If we don’t have unifying organization , we can do a lot as an individual.
Baqqalaa Garbaa dubbiin dubbate gootummaa isaa mul’isa. Harka Woyyaanotaa utuu jiruu waan jechuu qabu jedhe. Nuti hoo? Maal gochaa jirra? Maatii jara kana gargaaraa jirra? Gumaa isaanii baasuuf qophii qabnaa? Itti haayaadnu.Dhiirri Woyyaanee irra balaa guddaa geessisuu danda’u eenyu? Qabeenya isaanii ibiddaan barbadeessuu hindandeenyu?
Thank you Ayyaantuu for taking a lead on this crucial matter. You are playing a historic role. Obboo Baqqalaa and other heroes are right now under untold and immense human suffering. They do this in the name of Oromo people. All of us we hear it, we honor and praise them for the human energy and determination in them, unwavering stand for the TRUTH.
Their families are victims of this suffering. Please kindly proceed to soliciting support for their families, if there is any way and means to do it and reach them. I am ready to help.
Goota cichaa akka Maandeellaa Oromiyaanis akka deessee qabdu fuulduraattis goota seenaa fi yeroo gaddisisaa fi qaanii/salphinaa uummati Oromoo keessa jiru keessaa baasuu danda’u kan akka Cheguveeraa akka dhufuu malu gootumman Baqqalaa Garbaa wabii gahaadha.
Maatii gootota gochaa diinaan dararamaa jiran kanaa bira dhaabbachun dirqama lammii Oromoo hundaati!
Hedduu galatoomi Ayyaantu.
Karaan matii isaanii itti gargaaru nutti haa himamu. An dirqama Oromummaa ba’uuf qopheedha.
Oromia Shall be free!!
Kun gaaffii sirriidha, galatoomi Ayyaantu. Karaa matii isaanitiif dirmachuun dan’amu irratti namni haala mijeessu jiraannan ani gama kootiin dirqama sabummaa bahuuf duubatti hin jedhu! Kun garuu furmaata yeroo gabaabati, akkuma beeknu kan akka Baqqala Garbaa fi Olbaana Leellisa mana hidhaa wayyaannee keessatti dararamaa jiruufi maatiin isaani sababa kanaan lubbuu dhaban kumaataman kan lakkaa’aman tahuu dagatamuu hin qabu. Kun hanga yoomitti akkasitti itti fufuu qaba. Ilmaan wayyaanee china, Ameerikaa fi Awuroppaatti barnoota barataa jirti, kan oromiyaa garuu mana hidhaa keessatti injiraan isaan nyaatti. Kun hanga yoomitti, hanga yoomitti….nuti walumatti falaxaa horfuu malee waan diina keenya waan daganne fakkaata. Maaloo oromoo bakka jiruu haa damaqnuu dammaqqaa!
Sabboontonni kun uummata oromoof ykn nuuf aarsaa ta’aniiru. Anis,atis hundi keenya maatii isaanii haa kunuunsinu diinota isaanii ijaa / haaloo haa baanuu. Amma ega adda kan baanu!
jajjabaadha
GARBUMMAAN wan baay’ee nama gooti!!!!!! UUMMANNI OROMOO me waa’ee garbummaa kana itti haayaannu. uummanni garboome mirga hin qabu. kanaafuuuuuuuuuuu maal wayya laata??????
maal jenna maaliis dubbanna osoo waan heddu jechuu qabnu.oromoon rabbiin maal ballessine dhignni ilmaankenya bakka hundatti kan waangoo dhugu foon oromoota kan warabeessi bakka argetti nyaatuu? Warri kayyoof jettanii of wargdani gammadaa kayyonkeessan galma ga’uuf deema jabadha
Bineensi illee yeroo diinni nyaachuuf itti dhufu waliif tumsa. Yeroo gafarsi wal-ta’uun leenca of irraa lolatee ari’u youtube fi marsaa internet Oromoo irratti argineerra. Amma yeroon gafarsa irra nuti waliif tumsuu akka dandeenyu hojiin mirkaneessinu amma.
Galatoomaa!!
Anii kanan jedhuu waan tokkoo, innis diini yeroo kamuu jireenya isaa waan ta’eef kara dandahameen ilmaan oromoo daandi qabsoo irraa jallisuufi halkanii guyyaa dalagu ,yoo barbaadani ajeessu,hidhuu,qabenyaa isaani saammuu dha. Kan waa’ee kana irraatii dalaguu waldaan tokkoo ilmaan oromoon dhabachuu qaba jedheen yaada. walli tumsuun dirqama oromummaatii(lamuummaa)tii!!
Dear Oromo brothers and sisters,
Greetings from Agaw Midir.
Your fight for self-rule and self-recognition has been inspiration for the Agaw people. Through your sacrifices, remember that your are also freeing Agaw, Sidama and all others in Ethiopia. The Agaw would not have survived their dying language by fighting alone. Keep on the fight. We support you.
Thank you for honoring our culture. We are moving in the right direction to self-recognition. Bad and good news coming from Agaw Midir.
http://wlka.wordpress.com/2012/10/22/ethiopia-recognizes-kemants-but-declines-to-guarantee-self-rule/
From Armachiho
Akka Soresan jedheti gargaarsi kun qarshi duwwa otoo hinta’in yoo jarmiya cimaa qabanne wan barbaachisu baafnne bilisa Bahu dandeenyya. Ammas oromoota man hidha jiran hingargaarra. Waliti dhufnne akkamiti qabsoo cimsuu qabnu walihaagalu kun hardhaf boru kanjedhamu miti bada jiraafi.
Galatooma. Haagargaaru.
“Ijoollee koo arfan bifa isaanitiin otoo hin taane amala isaanitiin akka waan balleessan irratti adabaman na abjoochise.” jedhe, kabajamaan mormituu mirga dhala namaa, Maartin Luutar Kiing. Jechi sun akkamitti xinsammuufi yaada namaa akka jijjiire isinuu ni beektu. Waanni obbolleessi keenya, sabboonan dhala Oromoo jedhe kunis akkuma jecha sanaati.
Ani ija kiyyaan mana hidhaa Qaallittiittis akkamitti akka rakkatanis tayee mana murtee federaalaa ofiin jedhanan sana keessatti akkamitti akka ragaan isaan irratti bawu, Oromoonni jara kana ni beekna jedhanii dhufanii ragaa irratti bayan argeera. Eenyu faa akka jaroota kana faana achitti dararaman argeera. Asi irratti maqaa isaanii barreessun waan hin barbaachifneefuu dhiisera.
Mee isa yeroo heddu wal komannu, waliin muggutnu dhiifnee, waanuma kanaratti illee Oromummaa keenya, sabboonummaa keenya haa ibsinu. Akka natti fakkaatu yoo taye, akkuma kanaa olitti yaanni dhiyaate, maatii jara kanaa gargaarun barbaachisaadhuma (yoo karaan argame).
Rakkinni kun garuu rakkina maatii tokkoo lamaa miti. Rakkina ‘uummata Oromoo hunda. Kana waan tayeefuu, hawaasni Oromoo (diaspora) warra maqaa ABO-n daldalu, warra nama addadda qoodu dhaggeeffachuu dhiifnee, hundi keenyayyuu biyya biyya jirutti (inni Ameerikaa Ameerikaatti, inni Awurophaa magaalotaa Awuroophaa hundatti, inni Awustiraaliyaas, inni Afrikaa kibbaas, warri biyyoota Arabaa jiraatanis) hiriira baanee, akkuma Abashoonni wal jabeessanii, bakka hundatti hiriira bayanii addee Burtukaan Miidhaksaa hiiksifatan sanatti, uummata addunyaa kanatti iyyannee jaroota kana qofa otoo hin taane ilmaan Oromoo, warra mana hidhaa Tigrootatti rakkatan hiiksifachuutu nurra jira.
Yoo yaada kiyya kana waan deeggartan taye, karaa “Ayyaantuu” guyyaan isaa yoom akka namaa mijaawu walii gallee, hiriira baanee rakkina ‘uummata keenyaa “TMW (UN), tokkummaa Awuroophaa (EU), dhaabota mootummaa hin taane (NGO) addaddaatti haa hiyyannu!
yoomuu hi dagatamtan,Jaallewwanko,ijaa kana baasuuf HAMMALLEE DAANDIIRRA JIRRA rabbi nama ija kana baasu nuun haa godhu…
please karaa ittiin warra isaanii gargaarru barbaanna.
Nuti dirqamni nurra jiru warreen dhugaa(haqa) barbaadaf hidhaman Muslima tahus Christian tahus Waaqeffataa k.k.f biraa tahus gargaaruf qabna hubadhaa!!!!
please karaa ittiin warra isaanii gargaarru barbaanna.
Nuti dirqamni nurra jiru warreen dhugaa(haqa) barbaadaf hidhaman Muslima tahus Christian tahus Waaqeffataa k.k.f biraa tahus gargaaruf dirqama qabna hubadhaa!!!!
These guys are going to devote themselves just for the sake of Oromo not for their family or for the sake of fun. Their families are in danger. I was discussing about this point with some of my friends the last three days in the country where I live. All of them are willing to help with all possible way. Let’s make some contribution locally where we live or internationally with all fellow Oromos to rescue their families life. Let’s show the unity of oromo by standing together with their family. As it was mentioned, being genuine Oromo is good enough to be targeted weather you are in the so called legal party or illegal party including OPDO. So, please, let’s unit once again to defeat our enemy and recover all our right with every possible means.
Wishing all the best for their families
AddAdama
Yaada obboleewwanko yeroo yaada keessan kana dubbisu baay’een boone. Hagama akka keessi keenya gubateeru agarsiisa. Kan yaada kana kenne warra carraa internet qabuu fi yeroo qabu dha. Gola Oromoo hunda utuu seennee ilaalle kan akka kanaa garaatti ciinca’aa adeemu miiliyoonatu jira.
Garuu kun hundi qindaa’uu dhabuu irraan diinni dhufaa darbaan nutti taphatti. Namoonni danuun Yaada maallaqaan gargaaruu kaasan. Innis yaaduma gaarii dha. Garuu kan kanaan olii dalaguu ni dandaeenya. Bakkuma jirru hundatti gurmoofnee hariira nagaa baanee ADDUNYAATTI BEEKSISUU ni dandeenya. Akka isaan hiikaman illee dhiibbaa gochuu ni dandeenya.
Yoo lammiileen Oromoo biyya alaa keessa jiraatan hariira nagaa ba’nii deeggarsa isaanii ibsan, ijoolleen Oromoo biyya keessaa illee qabsoo kana itti fufuu danda’u.
Warri qabsoo bilisummaa Oromoo qindeessan Bal’isanii itti yaaduu qabun jedha.
Galatoomaa!!
Ummata Oromoo garbummaa jalaa baasuuf aarsaa kafalaa ka jiran obbolaan keenya baay’ee muraasaa dha. Hundumti keenya kallattiidhaan dhaaba siyaasaa Oromoo tokkotti lixuu baannus QBO duubaan deeggaruu dandeenya. Fknf. Maatii qaabsaa’ota keenya tumsuun qabsoo tokko. Kanaaf maatii obbo Baqqalaa Garbaa fi oromoota ka biroo isaan wajjin hidhaman hatattaman waan dandeenyeen gargaaruu qabna. Gargaarsi akkanaa kun immoo bifa qindaa’aa fi jabaa ta’en gara fuulduraattis akka adeemuuf dhaaba/waldaa hojii kana irratti xiyyeeffatee hojjetu dhaabbachuu qabna.
Gama biraan immoo gargaarsa qofa utuu hintaane gumaa isaanii baasuuf gareedhaanis ta’e gurmuudhaan waan nuuf dandaa’ame gochuu qabna. Tooftaan tokko basaastota woyyaanee dhukkamsinee fuudhuudhaan odeeffannoo irraa funaannee namoota farra Oromoo ta’an Oromoo mana hidhaatti guuran achitttis dararan adda baasnee beekuudhaan tarkaanfii barbaachisaa irratti fudhachuu qabna.
Jarana gubannee dhumannee, yookaa nukaasaa, yookaa nu afoo maqaa…
Seenaan isin hindagatu
[...] We have come to a critical juncture, where none of us can by pass safely. Whether you are Muslim, Christian, Waaqefataa, OLF, WAFIDO, OPC, etc. supporter or not, the time has come for you for national [...]
We are proud of you Bekele and Olbana.
Nuti oromoonni akkuma biyya keessaa baayina qabnu biyya alaattis yoo bifa faffaca’een ta’ellee baayyina qabana- kana nama maatii lama ykn sadii gargaaruu mitii guutummaa biyyattii bituu ni dandeenya turre garuu……. amma kanin jechuu barbaadu koreen waanta kana geggeessu dhaabatee maatii jaaroota kana isa durii ol akka jiraatan- ijoolleessaanii barsiisuu fi iddoo guddaan gahuun nuuf salphaa dha garuu maatii sanaaf keessumattuu biyya itoophiyaa keessatti baayyee cimaadha- kana waan taheef nuti oromoon alagaayyuu gargaaraa turee; isaan nuuf jedhanii hidhaa eeggattan maatiisaanii penny illee haataatuu too darbannee salphumatti jiraachisuu ni dandeenya-diina garaa ha gubnu jamaa- isaanillee kaayyoo bara dheeraa qabatanii itti jiruu nummoo walbira haa dhaabbannun jedha!!!nuti yoo walii hin iyyyanne sabni itoohiyaa keessa jiru tkkollee akka diinaa fi bineensa nama nyaachuuf qophaayeetti nu ilaala malee hommaa nuuf hin godhu- ilakkaaniin sitti kolfaa boolla sitti qota- nuti yoo wal arrabasines- yaadaan waldhabanes dhukkubbiin saba keenyaa bifa addaaddaatiin nuti dhagahameeti malee namni oromoo caalaa waljaallatu hin jiru- diinni waan baayyee odeessa hn dandeenye- nutu hin beeku malee isaan oromoo baayyee baayyee dinqisiifatum jamaa- mee jaalala keenya kana walitti finnee tokkummaan haa argisiisnu- oromiyaan kana oromoo hundaati
Jaalala nu jidduu jiru haalaan hubatanii waan arganiif bar beektotni keenya roorroo of irraa dhoowwuuf malli jiru Oromummaa cimsuu qofaa dha kan jedhan. Ammas kan nu baasu Oromummaa cimsuun tokkummaa keenya jabeessuu dha. Yeroo sana waanti hundi nuuf salphata. Diinni keenyas ni naati; abdiis ni kutti. Nuuf immoo yeroon bilisummaa itti argannu immoo ni gabaabbata.
[...] Hawwaa Waaqoo, Obbo Mohaammed Muluu, Darajjee Katamaa, Addisuu Mokiree fi Galgaloo Gufaa ti. Read more… www.Ayyaantuu.com Share this:FacebookTwitterqeerroo youtubeQeerroo [...]
JABAADHA,JABAATAN MALEE JABAA HIN TA’AN”DHIMMA GOLOO DHIIFNE DHIMMA WALOO IRRAATTI HAA FUULLEFFANNU!