Irreechaa 2012, Australia

Ayyaanni Irreechaa hawaasa Oromoo biyya Australia, kutaa Victoria, magaalaa Melbourne fi naannoo ishii jiraataniin Fulbaana 30 bakka Footscray park jedhamutti kabajamee dha. Ayyaana Irreechaa kana irratti ilmaan Oromoo uffannaa aadaan faayamanii aadaa fi eenyummaa saba Oromoo agarsisanii jiran.