Irreechaa Hora Harsadii 2012, Bishooftuu, Oromiya

(Qeerroo, Finfinnee, 2 Onkoloolessa 2012) — Kun sagantaa gabaabaa Ayyaana Irreechaa 2012 kan Oromiyaa,Hora HArsadii, Bishooftuutti kabajame ilaalchisee Gareen Qunnamtii Qeerroo kan sagalee fi suuraan qindeessee dha.

Ayyaana kana irratti humnooti tikaa fi poolisooti Wayyaanee haalaan bobbaa guddaa fi eegumsa cimaa gochuun akka ayyaanichi waltajjii ololaa fi dhaaduu Wayyaanee ta’u gochuuf yaalanii turan iyyuu, dhalooti Qeerroo karaa hundaan akka haawaasti ayyaanicha irratti argame, haala Oromoo fi Oromiyaanm keessatti argaman akka hubatan godhamee jira.

Jala bultii ayyaanichaa irraa eegalee dhaamsoliin addaddaa kan dhiibbaa fi miidhaa ummata Oromoo irra jiru saaxilanii fi hubachiisan akka ummata bira gahu godhamee jira.

Qeerroonis akka gaaffii mirgaa hin kaafnee fi warraaqsa Bilisummaa hin leellisne gochuuf humnooti Wayyaanee tattaaffii guddaa godhanii jiru. Haata’uutii, dhalooti Bilisummaa isaa karaa nagaa gaafachuu irraa duubatti hin deebine, Qeerroon Oromiyaa, weedduu fi sirbootaan warraaqsaan gaaffii fi fedhii saba isaanii beeksisaa fi dhaadhessaa oolanii jiru.

Sirna kana irrattis, diddaa isaanii mul’isuuf weedduu fi dhiichisa kan WBO leellisu, yeroo kamiyyuu “alagaaf hin gaabroomnu!” kan jedhu fi qabsoo Bilisummaa jabeessuuf akka kutatanii jiran mul’isanii jiru. Kana malees, Qeerroon Oromiyaa tokkummaa isaanii daran jabeessanii falmaa Bilisummaa finiinsuuf illee waadaa waliif seenanii jiru.

–Full Report at Qeerroo