Kallacha Dandii Bilisummaa Dhugaa

Damee Boruu irra | Adoolessa 5, 2012

Biyyoota qabsoo bilisummaa ofanii bilisummaa isaanii gonfatan irraa sabni Oromoo waan baratu qabaa?Qabsoo bilisummaa bara dheeraaf geggeessaa jirru kana keessatti qalbiin yaadni naannesine hubanne jiraa?Gareen keenya warri wagaa afrtamaa ol godaansa qabsoo bilisummaa Saba Oromoo keessa turre muxxannoo argame kan dhalootaa har’aa fi boruuf dabarsinu jiraa? jennee yoo of gaaffanne bareedaa dha.? Gaaffii kanaa kan fakkaatan armaa gaditti diddirirsinee deebii kennuuf yaalla.

Sabni biyya lafaa hedduun qabsoo hadhaan hida sirna kolonefataa of keessaa buqqisee darbeebilisummaa isaa gonfateera. Biyyi tokko gabrooftuu halagaa irra bilisa bahee jechuun ummatni qabsoo geggeese hunduu ilaa fi ilaameen nagaan bilisummaa booda biyyaa isaa keessa jiraachaa jira jechuu akka hin taanes hubatamuu qaba. Warrii aangoof dheebuu qabu mirga uummata irraa sarbani amma gaafa biyyoon isaan nyaatuuti jiruu fi jireenyi uumataatti ibidaa qabsiisaa akka jiran ni agarra. Haa tahu malee dandiin sabni itti bilisoomu danda’u tokkichaa fi tokkummaa akka tahe ifa kanjira.Innis waraana irree tokkumman uummatni oofu qofa. Qabsoon bilisummaa uummatni keessatti qooda hin fudhan bakka kam iyyuu hin gahu.Bara baraan achumaa lafa dhiituu dha. Amma saba guututti akka gurmuu tokkotti hin sochoofne hojiin keenya bakkuma tokko dhaabbanne lafa dhiitu irraa adda hin tahu.

Hojiin ijaarsa bilisummaaf of ijaareeuummatabalaa dammaqisee, ijaaree,hidhichisee lolaaf qopheessuu dha. Kan waraana hojii isaa godhatee bilisa of baasuu uummata sana. Uummata qopheessuuf dhaabni sun ofumaa isaa of iqixxeessee of ijaaru qaba. Kana malees uummata isaa irratti amaantii qabaachuu qaba.Geggeessitonni ijaarsa warri miseensotaa isanii irrati iyyuu ammantii hin qabanne uummata balaa irratti ammantii qabachii hin danda’an. Kanaafuu warri saba isaanii irratti amanttii hin qabanne human xiqqoo walitti qabaatanii maqaa bilisummaa sabaa afarsuudhaan yaroo haalli jijjiramu dantaa namumaaf argatan maqaa araaran keessaa butachuuf jojobi’aa jiratu. Xurree Bilisummaa Gootota Oromoon qulqulla’e utuu nutis harkakeenya hin boraafatiin, saba keenya hubachiiffanee darbuun dirqama keenya. Dhugaan ifa jiru harqoota garbummaajalaa kan bilisa of baasu Saba Oromoo qofa. Ijaarsa tahe fi biyyi ambaa kam iyyuu waraanan dhufee kan biyya Oromoo bilisa baasu danada’u hin jiru.

Yoo uumatni Oromoo taa’e akka humni biraa gaaf tokko dhufee akka bilisa isa baasuu egata tahe abjuun jiraachaa jira jechuu dha.Yoo humni bilisa of baasu uumata Oromoo qofaa jennee humni biraa eessaa dhufaa jira jennee eegna? Yaroo tokkotokko ijaarsonni Oromoo( ijaarsa kam iyyuu haa tahu) biyyaa alatti ijaaramanii gaaf tokko diina kana ni barbadeessu jedhamee yaadama,ni oddefamaafis.Kun dubbii dogongoraa saba keenya of dagachiisu dha. Qabsoo keessatti bifa kamnuu haa tahu, kan waraana, kan dingade, siyaasaa fi w.k.f. ala irraa argaman qabsoo biyya keessaaf gargarsa tahu malee hundee tahuu hin danda’an. Hojii qabsoobilisummaa inni biyya keessa isa ala irratti hin hirkatu.Hojiin biyya alatti deemaa jiru karaa maraanuu isa biyyaa keessaaf ida’atama taha.

Dogogorri kun bara dheeraaf saba keenya keessa jiraachaa turun isaa beekama dha. Har’a yaroo ilmaan Oromo ilaaltuu ija Saba Oromoo tahan akka ilmaan bineessaa ademsamnii yaroo dhumaa jiranii humni ala amma sinii dhufaa jira jechuun badii diini gochaa jiru irraa hirmachuu dha. Humni keenya ,qabeenyi keenya fi dandeetiin keenya biyya keessa jira. Isa sabni keenya itti fayyadamuu hanqate diinni itti dhima bahee saba keenya samaa, waxxalaa, biyya irraa ari’a, ajjeesaa fi mana hidhaa keessatti tortorsaa jira..Oromiyaatti keelaa ijaaree Qabsoo Bilisummaa Saba Oromoo kolaasuuf tattaaffii jabaa gochaa jira.

Diinni saba keenyaa inni duraa Mootumaa Habashaa akka tahe walii gala. Mootummaan Habashaa takka iyyuu of danda’e human mataa isaan uumata Oromoo cabsees, bitees hin beeku.Gargaarsabitamtootaa fi ayyan- ilaalatootan Oromoon saba Oromoo cabsee bara baraan bitaa jira. Uummatni Oromoo diina isaa duraa wajjin adda duraan walt dufuuf duraan dursee basaasota, bitamtoota fi ayyan-ilaaltoota qaaman Oromoo sammuun Habashaa tahan of jalaa qulqulleessuu qaba.

Namni mana isaa qulqulleessu hin dandenye alaa isaa fi naannoo isaa qulqulleessu hin danda’u. Akkuma kana sabni gantuu fi bitamtuu isa fakkattee, isa keessa teessee dhiiga ijollee isaa dangalassaa fi dhangalaasiisan of keessaa qulqulleessu kan hin dandeenye diina meeshaa waraanaa baraan of utubee jiru ni injifata jechuun dhugaa irraa fagoo jira.

Waggaa afurtmaafhaala kana fakkaatueenyuun keenyaa raga bahuu kan dandeenyu goota Oromoo diina utuu baqatu duubaan rukkatamee wareegame tokko illee ragaaf hin agarre. Garuu bara baraan meeqaataman Oromootaatu bitamtoota kanan duuban kolba’amee dhume!Lakkobsa isaanii seenaa barsitootaaf dhiisu wayya. Uumnti Oromoo warra kana of keessaa qulqulleessuuf, meeshaa waranaa baraa kan akka xiyyaaraa, madaafaa fi kilashinkoof isa hin barbaachisu. Meeshaa inni qabutu isaa gaha. Shimala, eeboo, mancaa fi haaduun warra kana of keessaa qulqulleessuuf gahaa dha. Warra garaa isaanii jaalatu kanaaf jechuu haatii Oromoo bara baraan boo’aa jiraachuun qaani’a.

Utuu nanmni Oromoo tokko intlaa yookan ilma Oromoo tokkotti quba hin qabne Tigreen isatti isaan beektee hidhuus, ajjeesuus dandeessi. Afaan guutanee diini Saba Oromoo Amhaaraa fi Tigree jechuun nama qaaneessa. Uummata lakkobsi ishee amma kana hin jedhamneetu saba guddaa kana moo’ee dhiiga boosisaa jira jedhanii ormatti himachhuun hin bareedu. Kan saba keenya bara baraan kiyyo garbuummaa jalatti hidhee waxxalaa jiru basaastota, bitamtootaa fi ayyan –ilaaltootaa Oromoo warra garaa isaanii gutachuu malee waan biraa isanitti dhagamne akka tahe ifa jira. Utuu Uumatni Oromoo sumii isa keessa jiru irraof qulqullesse diinni Habashaa jamaa uleen jalaa kufe taati.

Kanaafuu uumatni balaan Oromoo diinaisa keessa jiru irra of qulqulleesse akka nama tokkotti yoo ka’ee diinni Habashaa xiyyaraa fi madfiin isaa cabsuu hin dana’u. Diidaa uummataa waraanni injifatuu danda’u tokko illee hin jiru.Humni waraan meeshaa gudhaa qabuu human waraan xiqqaa meeshaa gahaa hin qabuu moo’ee dhabmsiisu danda’a. Seenaa biyya lafaa irraa ragaan agarru humni waraanaa kam iyyuu diidaa uumtaa loluufis moo’uufis dandeettii akka hin qabanne dha.

Qabsoon uumatni Oromoo ofaa jiru qabsoo Bilisummaatti.Gootni Oromoo kumaatan lakkawwaman dhiiga isaaniin xurree bilisummaa kanatarreessaniidhiiga isaaniin barreessanii darbanii jiru. Har’a waamchi isaan Oromoo dhaalatee lafa jiru maraaf bahaa amma dhihaa , Kibaa amm dhidhimaa qaqqabeera. Yoo xurree isanii wareegamaniif irra jalanne laffeen isaa qorree tahee nu warrana, dhiigni isaanii ibida tahee nu lamaxxa. Isaan faarsaa, qabsoon amma bilisummm fi injifanatti jennee, dhaamsa isaanii fudhatnee kaayyoo isaan kufanii amma bakkaan geenyu itti fufna.

Har’a Ijaarsonni Oromoo heddumachaa jiru.Hanga kaayyuu bilisummaa qabatanii Oromoo wajjin diinni irratti bobban rakkina irraa hin qabnu.Rakkina isa jiddu jiru illee deemsa qabsoo kana keessatti furachuu danda’u. Warri maqaa uummata Oromoo ifaanis tahee dhoksaan mootumaa Habashaa wajjin arara uumaanii uummata Oromoo garbummaa jala tursiisuuf deeman diinni Oromoo isa duraairraa adda baafne ilaaluu hin qabnu.

Uummtni Oromoo dhiibaa tokko malee hiree isaa ofiin murteefachuufeenyuunuu gaafachuu hin qabu. Kun mirga isaa uuman qabatu malee waan siyaasaa kamtuu hidhame miti. Warri haqa mirga Oromoo kana hin fudhanne uummta Oromoo wajjin qabsaa’uus tahe wajjin jirachuufi qophii hin qaban.Kanas adda baafnee beekuu qabna. Saboota hedduun sabakeenyatti naanna’anii jiru. Saba keenyan wajjin kan caban, saba keenya wajjin kan cunqurmafnii fi samaman , har’a dhiigiin isaanii saba keenya wajjin dhala’aa kan jiru, hireen isaanii hiree saba keenyaa wajjin wal qabataa dha. Warra kana ofti ammachuu qabna.Mirga isaanis eguuniif baayyee barbaachisa dha. Sabni Oromoo saba guddaa waan tahe sabaa fi sab-lamni naannaa keenya jiran sabni Oromoo nu liqqimsaa jedhanii yaaduu danda’u. Diinni illee kanuma yaroo yaroon isan yaadicha. Sodaa kana balleessuuf warra kana irraa homaa tokko ille akka sabni Oromoo isaan irraa hin barbadne isaan hubachiisuu qabna.

Ummatni Oromoo erga bilisummaa argatee abbaa barbaade wajjin jiraachhuu fi yookas qophaa isaa mootummaa dhaabachuu rifernadamiin murteefachuu qaba.Dhaabni tokko yookaas dhaabni baayyeen kan murteessu murtii saba oromoo tahee fudhatamuu hin danda’u. Kanaafuu warri har’a maqaa saba Oromoo daldaluuf wixxifachaa jiran araarrii isaan uumuuf deeman amma rifrendamii uummata Oromoo hin qabanne akka fudhatma tokoo illee hin qabne hubachuu qabu.

Keessaa fi alaa amma ijaarsi jabaan tokko uumta hin hooggane bilisa bahuun akka hin danda’amne nu yaadachisu. Keessattu ijaarsonni Oromoo yoo biyyaa alatti ijaaraman malee biyya keessatti gonkumaa diinni akka isaan dhabamsiisu danda’u nuu himu. Biyyootii olaaa Oromiyaa itti naannesse kan bitaa jiru Tigree dha. Jibuutii, Sumalle Yemen, Sudanii fi Keenyiaa keessatti ijaarsa miti baqataa Oromoo iyyuu akka nama tokkotti dhokatee jiraachuu hin dandeenye. Galatni Eritraaf haa tahuu waan Tigree wajjin wal lolteef jecha namoota Oromoof sarma achi jiraachuu kenuushee waan gudda.Utuu Tigree wajjin wal hin lolle yookas araara buusanii namootni Oromoo achi jiraachuun isaanii waan hin fakkanne.

Waan baayyee guraan dhaguuf namaatti ulfaatu tokko namotni Oromoo biyya Awuropaa fi Amerikaakeessa of qanaaten jiraatan warra biyya Eritreaa keessa jiraatn yoo balafatn dhaguu dha. Mee eessa akka dhaqan barbaadu?Warriii kun sammuu waa naanneesse ilaaluuf waan hin qabneef itti gadduu hin qabnu. Nama yookan garee tokko jibbuun dhugaa irraa nama fageessuu hin danda’u. Humni Oromoo jiruu saba keenyaaf bu’aawaan fiduu qabu irra olshuun hafee wal cacccabsuu, wal dhoomsuu, wal gofachisuu fi maqaa wal xurreessuutu hojii isaanii isaa duraa warri godhatan hedduu dha.Kun maaliif tahe yoo jenne inni duraa doofummaa, inni lammaffan gowwumaa inni sadaa ffaa gammachuun qaawwa nu baneef keessa diinni karaa adda addan waan qeensa galchateef.

Har’a biyya alaa keessatti kan raggaa baanuu ijaarsota siyaasaa Oromoo keessatti dhuwwa utuu hin taane, haawasota Oromoo fi waldaa ammantii Oromoo hunda keessatti diigaaakka deemaa jiruu dha. Diigaan kun hundumtuu bifa tokko qaba. Kan diigamu isa laafee utuu hin taane isaa jabaatee mila butachuu ka’e akka tahe argaa jira. Kana hubanne dura dhaabbachaa jirra yoo jenne dhugaa irraa fagaachuu taha. Baraataan Oromoo irra guddan ayyan –ilaalatota.Garuma inni jabaatee deemuti deemuu filatu malee qabsoo saba isanii dhimmanii haala kana dura hin dhaabbatan. Warri haala kana irratti murannoo guutuun dura dhaabbatan waan xiqqataniif jecha iyyi isaanii dhagamu.Garaagaruma uumuufis human gahaa hinqaban.Ammamuu haa xiqqaatan malee Oromonni sabni keenya itti boonu danda’uus akka jiranis dagachuu hin qabnu.

Waa’ee gocha uummata bal’aa f raga kan tahu haala biyyaa lafaa irra seenaa saboota biraa tuhachuun fakkeenya gaarii nuuf taha.PLOn(Palestine Liberation Organization) mootumaa Yuudaa waggaa dheeraaf lola kan jilbeefchuu dadhabee Intifadaan (didaan Ummata Palstayiin) holchisse akka yaroo gabaaba keessatti PLO wajjin araara uumu driqma. Yaasir Arafaat Mootummaan Yuudaa bara dheeraa f kan qawween hadamsee dadhabee akka didaa Ummata Palastyiin irraa qabuf araara wajjin godhe.

Akkuma Kana ANC( Africa National Congress) bara dheeraaf Motumaa Sanyi balaafeetuu Afrikaa Dhidhimaa utuu wal irraa hin ctiin lola qawwee godheera.Dadhabiifi dhumaatii guddaatu tahe.Garuu mootumchi sanyi kun achuma jira. Haa tahu malee Dammaqinsa Ummataa( Peoples Conscience) jedhee finicli uumataa balaa yaroo ibida itti qabsuu dura dhaabachuu hin dandeenye.Uummatni Afrikaa Dhidhimaa waan hundaa dura sodaa mo’e. Kan mootumaan ajjeessuuf bu’uu dhisee .Reenfa baatee sirbuu, faarsuu fi itti dhadachuu tooftaa godhate. Haalli kun waan mootummaan sun bara dheeraaf beeku irra adda. Humni uumata kana dhaabuu danda’u akka hin jirre yaroo arguu Mootumchii, Nelson Mandela waggaa digdamii torbaa booda mana hidhaa keessaa baasa maaloo uummata kee nagaan nuu irraa dhaabi jedhe mootumaa itti kenne. Kun uummata dammaqee akka nama tokkotti ka’e dura humni dhabbachuu danda’u tokko ille akka hin jire agarsiisa.

Kun seenaa darbe irraa kan agarru. Seenaa yaroo keenya kana deemaa jirus yoo illee fakkeenya nuuf tahu biyyootii hedduu keessatti qabsoo deemaa jiru arguu dandeenya. Motummaan Tigree waan of sodaatuuf jecha oduu biyya lafa akka biyya keessatti hin dhagamne ukkamsaa jirti. Haa xiqqaatu malee ummanti quba qaba jennee abdanna.

Uumanti Tunisiyaa, Libiyaa, Misiraa fi Yemen akka nama tokkotti Mootumoota bara dheeraaf dhiiga uummataa xuuxxaa ture of irraa darbanii jiru. Waldhansoo godhan kana keessatti namootni kumaatamaan lakkawwan lubbuun isaanii darbee jira. Wareegama malee injifannoon hin argamu.Garuu dhiigni isaanii bilaasha hin baadne.Seenaa biyyaa fi uummata isaanii boonsu argamsiisanii darbaniiru. Dhalootni boyyotii isaaniin barab baraan ni yaadatamu. Har’as uummata Siriyaa yoo ilaale fakkeenya guddaa nuuf taha.Guyyaa guyyaan namnotni dhibaan lakkowwaman dhumaa jiru. Garuu didaan uummataa itti jabaachaa deemaa jira malee of booda deebi;aa hin jiru.

Uumatni injifannaaf qophaa’ee duraan dursee kan injifachuu qabu sodaa dha. Sodaa yoo hin injifanne diinni meeshaa waraanaa nama sodachuu qabu duraa dhaabbchuun hafee, poolisiin isheen ulee qabatee yaatu iyyuu uummata facaafti. Manni hidhaa isaa, waxxalamuun fi ajjessuumuun yaadoo guddaa dha. Ummata soddaa injifatteef xiyyaaraa fi madaafnuu of booda hin dheebbisu. Dhugaan kuun waan ifa jiru.

Fincli Qeerroo Oromoo erga dhowwee yaroo gabaaba miti.Isa duras tahe isaa as dhaltuun Oromoo kumaataman lakkawwan du’aaniiru, hidhamaniiruu fi biyya irraas calaasamannii jiru.Yaroo ijoolleen isaa dhumtu Abbaa fi Haatii isanii maaliif taa’aanii ilaalu?Waan ofiif sodaatanniif.Abban yookan haatii dhala isaanii hin jalatan jechuu miti. Waan godhan walaalunis ni jira. Waan godhu walaalanii abbotni baayyenakka of ajjessan oduui jira . Maalli isaa soda moo’anii akka nama tokkotti diina dura dhaabbachuu kaafneera. Kana gochuuf hojiin Qeerros tahe ijaarsota Oromoo biyya keessatti hojjetaa jira jedhanii uummata qopheessu dha.Bara Baraan garbuummaa jala boo’aa jiraachuu irra aduu bilisummaa guyyaa tokkoo arganii du’uu wayya.

Sodaa kan uumata keenyatti naqee basaasaa fi bitamootaa Tigree uummta keenya keessa jiraatu. Inni duraa isaanii irraa uummatni keenya bilisa bahuu isa barbaachisa. Yoo mana barumsaa tokko keessa Oromtittiin yookan Oromticchi qabamee baastuun yookan batimtuun Tigree mana barumsaa sana keessa jira jechuu dha. Inni duraa quba irraa kutuu dha. Yoo dabale harka irra kutan.Yoo tasa dide mormas irra kutuun kan hafu hin tahu. Isaa irra hin hafe ni barata. Inni warshaa keessatti, qutee bulaa keessatti , hojii mootumaa keessatti tahe waraana keessatti quba ilma oromotti qabu ayyani isaa akkuma kana tahuu qabu. Kanaafuu inni duraa eenyumaa walii bareechanni hubachuu dha.Basaastoni yaroo baayyee warra qabsoo bilisummaaf of keennee fakkeessanii nutti dhiyaachuun dhaan nu gaaga’u. Wal tuhachhuun baayyee barbaachisaa taha.

Basaasotaa fi bitamtoota jidduu gargaarumaa jiru beekuun barbaachisaa dha.Basastoni wayyaa nuti uffannu ufatu.Barataa wajjin barataa, barsiisaa wajjin barsiisaa tahu.Hojjetaa wajjin hojjetaa tahu.Loltuu wajjin loltuu tahu.Afaan nuti dubbannu dubbatu.Hojii basaasa dhoksaan waan rawwataniif jecha isaan adda baasanii beekuun salphaa hin tahu.Garuu uummata bal’aa jalaa waan dhokachuu danda’u hin jiru. Bitamtoonni warra nu wajjin dhima uummta hojjechuuf jalqaban yookanwaan qabswaan hojjetan dhaganii horii yookan aangoo Mootuma Tigree biraa argachuuf jedhanii warra ilmaan Oromoo akka hoolaa dabrsee gurguru dha. Hireen warra kanas balaaijollee , abbotii fi hadhotii keenya irran Tigreen geessu kan adda tahuu hin qabu. Isaanis waan namaaf kenaa jiran irraa haa habuqatan. Yoo warri kun nagaan kanuummata keenya keessa jiraatantahe wal gurguranii jireenya bololi’aa jiraachuun soogda caalaa mi’aa taha.

Garuu jireenya keenya keessatti argaa waan as geenyetu jira.Namootni gidiramtooni tokkotokkoo sobaan mootumaa wal ajeesisaa turan. Qabsoo bilisummaa karaa soobaa irra deemaa hin jiru.Warri jibbina wal irraa qabuu wal dhabamsiisuuf afuraa qabsoon itti dhima bahuuf yaaluun cubbu isa guddaa.Haaduun sobaan obbolessaa fi obboletti ofii irratti akeekan deebi’ee akka abbaa nyaatu beekamuu qaba. “Karaan sobaan irra darban irra deebi’uufnama dhiba”, jedha Oromoon.Kanaafuu hojiin uummta haalaan qoratamee waan dhugaan murtiin irratti fudhatamu tahuun barbaachisaa dha.

Walii gala warri OPDO keessa jiran hundi farra bilisummaa Oromooti jechuun rakkisaa dha. Warri OPDO keessa gallee Mootumaa Oromiyaaf hojjetu hundi Mootumaa Tigree tiksuuf hin galle. Hojjetaa kan tahan (civil servants) Mootummaa kam jalatuu hoojjetanii jiraachuun dirqama. Warri kun jireenyaaf malee hireen isaanii kan SabaOromoo irraa adda tahee hin ilaalamu. Warri garaan isaanii akkuma keenya gubachaan jiran ille jiru.Farri inni duraa warra OPDO tahe mootumaa Tigree tiksuuf murannoo guutuun jala kaatu. Warra kadirootaa fi ol’aana siyaasaa OPDO gageessaa jiran jireenyi isaanii Mootumaa Tigree irratti hirkataa dha. Warri kun ajajaan Tigree yaroo gubaa irra gad itti dhufu utuu oolee hin buliinhojii irra olchuuf warra kaatan.Warra kanas adda baafne ilaaluu qabna.

Rakkinni sabni keenya qabuu rakkina Tigree fi Amaahraati yoojenne of gowwomsuu taha.Dhugaatti kan bilisummaa saba Oromo o dura dhaabbatee jiru Oromoo dha. Kallachi Dandii Bilisummaa Dhugaa Saba Oromoo inni duraa Oromoota bilisuummaa Saba Oromoo dura dhaabbatan irraa bilisa bahuu dha. Issa booda diina Habashaa warra tahee uummata keenya tufatu wajjin fulaa fuulatti walitti baanee gootumaa fi gamnumaa isaanii ilaalla. Abbaa baqaatuu fi waakkatus ni agarra. Bilisummaa keenya kadhaan isaan irraa hin argannu. Irree tokkumaan, humna keenyaan injifannee gofanna malee!

–Damee Boruu damee.boruu@yahoo.com