Kora 37ffaa Tokkummaa Baratoota Oromoo Jarmanii (TBOJ)
Munshin | Fulbaana 8, 2012
Nuti Baratooti Oromoo biyya Jarmanii qubsumaan magaalaalee Jarmanii bakka adda addaa jiraanu guyyaa har`aa, Fulbaana 08.09.2012 magaalaa Munshintitti walitti dhufnee ogaa kora 37ffaa kana geggeessinu gammachuu gudaatu nutti dhagahama. Sababiin isaas TBOJ ijaarsottan Oromoo biyya ambaatti sagalee Oromoo alagaa biratti dhageesisuuf of-ijaaran kanneen hangafaa keessa isa tokko waan taaneefi. Sababiin ijaaramuu keenyaa gabrummaa fi hacuuccaa ummata Oromoo irratti humnaan fe`amee jiru dura dhaabbachuuf tahuun mara keenya biratti hubatamaa dha. Ammas haga Oromoon mirga humnaan sarbame mara deefatee abbaa biyyummaa mirkaneeffatutti ijaarsa keenyaa, TBOJn jabeessinee qabsoon karaa bifa kanaa fi haala adda addaan itti fufna jenna.
Baroottan kurnan-lamaan darban kana yoo of-duuba deebinee ilaalle TBOJs akkuma dhaabolee siyaasa Qabsoo Bilsummaa Oromoo (QBO) biroo rakkoo karaa qaama biraa itti dhufu irraan kan kahe hedduu mudatee laaffachaa akkasumas foxoqiinsi illee TBOJ akka mudate nu mara biraa dhakataa miti.
Sababiin laaffachuu fi foxoqiinsa TBOJ mudataa ture irraa faayidaa tokkollee argachuun hafee caalaatti jeequmssaa fi laafina jaarmichaa fiduun hubatamaa dha. Har`a garuu sababaalee kana irraa baratnee daandii rakkoo kanarraa walaba nu taasisu filatnee waan jiruuf kana akka injifannoo tokkooti ilaala. Kanas qabxiilee, marii keenya hara`a keessa akka tokkooti fudhatnee irratti dubatnee wal-hubannoo gahaarra waan geenyeefi.
Walumaa gala walgahiin keenya guyyaa har`a kun kanneen miseensoti TBOJ heddumminaan irratti argamanii qooda fudhatan waan taheef injiffannoo guddaan xumurre jenna. Akka walii galaatti TBOJ ammaa kaasee yaada armaan gaditti dhihaatan kana irraatti marii gahaa godhtee tuqaalee Ejjennoo kana fudhatee jira.
1. Gartuun tahe akka nam-tokkootti kanneen safuu fi aadaa Oromoo cabsuun hayyoota Oromoo irrattis tahe dhaabollee adda addaa mirga Oromoof falman irratti diinolee ummata Oromoo olitti ololaa fi maqa xureessii hujii kooti jedhanii facaasan mara dura dhaabbanna sana irraas akka dhaabbatan hubachiifnna.
2. Oromoon akka ijaaramee daandii filate maraan diina ummata Oromoo irratti hin qabsoofneef kanneen mirga wal-gurmmeessuu fi ijaaramuu Oromoo akka hawaasaa tahe akka siyaasaatti dura dhaabbatan ni morminna sana irraas akka ofqusattan hubachiifnna..
3. Dhaabboleen ykn jaarmoleen Siyaasaa Oromoo garaa garummaa gidduu isaanii jiru xiqqeesuun akka dhimma bilisummaa ummata Oromoof dursan gaafanna.
4. Jaarmolee Siyaasaa Oromoo fi Hawaasin Oromoo martuu akka qabeenya, dandeettii fi yaada qaban maraan wal-hubbannoon haala tokkumma QBO fi ummata Oromoo irratti hojjechuuf xiyyaafatan jabeessinee gaafanna.
5. Hawaasi Oromoo bifa adda addaan bilisummaan dhiibbaa jaarmiyyaa siyaasa Oromoo mara irraa walba taheen ijaaramanii akka QBO Oromoof gumaachuu qaban ejjennoo TBOJ tahuu jabeesinee hubachiifnna.
6. TBOJ akka maqaan isaa nu hubachiisutti Jaarmiyaa Baratootaa waan taheef akkuma jaarmolee hawaasa Oromoo bifa garaa garaan walababummaan ijaaramanii maraatti faayidaa QBOf gumaachanii takkatti, otuu dhaaba Siyaasaa Oromoo tokkoon hin masakamin ykn fedhii fi faayidaa Dhaaba Siyaasaa Oromoo mara irraa akka bilisa tahee irraa deebiinee hubachiifnna.
7. Kanaaf, nuti miseenssoni TBOJ marti yaada takkaan wal-hubannaa guutuun akka jaarmiyaan keenya, TBOJ walaba tahee muli’ata isaa fi dandeetii isaa maraan akka ummata Oromoo aangessu ykn humnneessuun hanga dand’ametti bilisummaan tumsa QBO akka tahee hujjetu irratti dubbannee walii-galuun yaada takkaan ejjennoo keenya kana irratti fudhachuu keenya hubachiifnna.
Tokkummaan Humnna !
TBOJ
09/ 08/ 2012



Walgayiin kun, walgayii Tokkummaa Baqattoota Ethiopia kan biyya Jarmanii(TBEJ) jiraatan, warra qabsoo uummata Oromoo fuuldura dhaabachaa jira; amma waraqaa ragaa argachuuf jecha, Alabaa ABO jalatti walitti qabamanii jiru. Isaan TBOJ utuu hin ta’iin TBEJ dha. TBOJ seenaa qabsoo isaa dadhabiin fixatee taa’ee jira.
Obbo/Adde TBOJ,
Yeroo baayee waantokko dubbachaa turreera. Kunis qabsoo uummata Oromoo kan dadhabsiise keessaa inni guddaan diina irratti qabsaa’uu dhiifnee wali irratti qabsaa’uu keeny dhaa jechaa turreera, jechaas jirra. Dhaabni ykn jaarmiyaan Oromoo dhaabbanna kan jedhu kami iyyuu uummata Oromoof bu’aa kanan busuu karaaykn kallattii kanaaanii yeroo jedhu lamiin isaa gara biraan garuu gonkumaa jala dhaabachuu hinqabu. Yoo dandenye, haala ittiin walgorsinee waliin hojechuu dandeenyu haadhuummanu, yoo dahdbane garuu waldura dhaabachuun eessa illee nungeessisu hindanda’u. Waan akkanaa kun yoomi illee tokkummaa nuufidu hindanda’u caalatti wal irraa nufageesse malee. Deemee deemee bakki walga’insaa kooraa dha jedha mitiree abootiiin keenya yeroo mammaakan. Kallattii barbaadameen yoo deemameyyuu, galli isaa tokko, innis uummata Oromoo isa garbummaan rakkachaa jiru bilisa baasuu dha. Namni yaadaan walabes hanga galmi isaanii tokko ta’etti waliin hojechuun hunuma danada’ama. Kanaafuu mee wal jala dhaabachuu haadhifnu hundaa ol!
Oromiyaan ni bilisoomti!
Warri TBOJ ofiin jettan kun akkan ibsa ejjennoo keessan irraa hubadhetti wal-gahii ayyaan laallattootaan guutamee akeeka ofumaa jiraachuu qabdan fakkaattu.Garuu alaabaan isin of afoo fannistaniittan kun kan dhiiga gootota Oromoo Bilisummaa Saba Oromoof kitmiyaa ta’aniin dhufe waan ta’eef amna keessan waliin wal-hin fakkaatu.Kanaaf alaabaa isin fakkaatu fannifadhaa
ya ummata oromo mee ilalaga haqa jiru isinumti hubadhame enyutu gabruma jala akka jiranu gochaa jira? enyutu oromo cunqursa jira? enyutu oromo cacabsa jira? oromoma mitire numatu walikenya gabruma jala akka hinbane gocha jiram jarmiyan keenya akka cacabu kangodhe numa mitire waliratti duludhan enyuyu kara itti fakate oromumasaf haqabsa’u oromof jedhe hanga ta’etti malif dura dhabana nuttis kara keenya kara dandeenyun malif diina oromoratti hinqabsofnu TBOJ tokuma baratota oromodha tokuman baratota kun malif akkuma jarmiya kenyaa hincacabne jechaa jiramoo? tokumakana jabessa jira? oromon walitti dhufe yero ijaaramu kan jibu kan maqa xuressu dina oromo qofa malo oromo hubadhume malif walirati dula malif diina oromoratti hindulu? debisa isinumafin dhisa…..
Magan – Dhaaboota oromoo kanneen bilisummaa fi walabummaa Oromoof hamma dandayan hojjatan yoo gargaaruu baattan, akkamitti Qabsoo ummata oromoof gummaachuu dandeessa? yaada waliin dhawaa fi fedhii dhokotaa of keessaa qabu fakkaata. TBOJ hamma arraa akka beeynutti kan qooda guddaa kanne QBO dhaaf falmuu qofa otuu hin tahin warra qabsaawu gargaaruu dhaani. Amma Mezgabu, Habii fi Tamam faan darsa xaxatani biyyatti galuuf waan foolleefachaa jiraniif jacha. Akka oromoon qabsoo oromoo bira hin dhaabbanne yaada abdii kutannaa babal’isuu waan fedhan fakkaata. Kanneen warra abdii kutatee (defeatest) waan tahaniif ummanni Oromoo bakka jirutti saaxiluu qaba.
Yaa Obbo Q,
Oromoon yoom iyyuu abdii kutatuu hindanada’u! Warri duriii yoo du’an warri dargaggoon garuu itti guddanna. Ati garuu ofiikee waan abdii kutatteettu fakkata. Mee waldura hindhaabbanu maaloo!!! Biyyatti galuun osoo danda’amee hunduu nihawwa waan badaa miti.Kanaafuu yoo dandedessa haala isaan faana hojechuu dandeessu barbaadi, yoo danda’mu dide garee walirratti qabsaa’uun bu’aa tokko illee hinqabuuti walgorsuu umma wayya.
Yaa Dargagoota Oromoo jabadhaa warra haamilee keesan busuuf isiin irratti oloolaniif Gurra hin keeniinaa Dhalla Oromoo hundda Ijja tokkoon ilaalun kesan kabajja isiniif kensiissa jabbadhaa hojjedhaa Guyyaa tokko ni bilisomna