Labsa Maree Dubartoota Oromo
Adoolessa 23, 2012
Nuuti dubartoonni Oromo guuyyaa har’aa Adooleessa 13, 2012, magalaa Minnesotatti wal geenyee, rakkinoota hawaasummaa, dinagdee, siyaasaa fi aadaa dubartoota Oromoo duubatti hambisan irratti mariyannee hubannoo gaarii argannee murtiilee barbaachisoo ta’anis dabarfannee jirra.
Qabsoon Dubartoota Oromoo hacuuccaa hawaasummaa, cunqursaa polotikaa fi saaminsa dingadee jalaa bahuudhaan mirga isaanii gonfachuuf deemsisanii fi kan ummatni Oromoo biyya ofii irratti abbaa biyyummaa isaa deebifatee hiree ofii murteeffachuuf deemsisaa jiru wal irraa adda hin bahu. Qabsoo ummanni Oromoo bilisummaa isaa dhugoomsuuf geggeessaa jiru keessatti hirmaannaan dubartoota Oromoo murtessaa dha. Dhibdee ummata keenyaa fi, keessattuu dubartoota Oromo, warra baqatee jiru irra gahaa jiru salphisuuf jaarmayaa jabaa akka feesisu ifaa dha. Kanaafis murtiilee asii gadii dabarfannee jirra.
Nuti dubartoonni Oromoo , amantii, ilaalcha siyaasaa fi gandaan addaan otoo hin qoodamin, dubartuummaaf Oromummaa keenya bu’ura keenya taasifannee jaarmaya keenya Ijaarsa Dubartoota Oromoo Addunyaa (IDOA) jabbeessinee qabsoo keenya fiixan baafachuuf murteeffannee jirra. Akka kanatti, jaarimyaan tahee dhunfaanis miseenssa IDOA tahuudhan humnoofnee sagalee keenya dhageessifachuu akka dandeeynu ni taasifanna.
Dubartoota Oromo ijaaramanii bakka adda addaa jiran jabeessuu fi jarmiyaanis tahe dhunfaan miseensaa IDOA akka tahan jajjabbeessuuf murteefannee jirra.
Dubartooti Oromoo rakkoo karaa hawaasummaa, dinagdee, siyaasaa fi aadaan isaan irra gahu irra akka aannuuf barnoota fi damaqinsaan dagaagsuu fi aangessuu irratti ni hojjenna.
Dubartoota Oromo biyyoota adda addaatti rakkachaa jiran haga dandeettii keenyaatti rakkoon issanii furmaata akka argattu gargarsa nu irraa eegamun bira dhaabanna.
Tokkummaan Dubartii Oromoo haa Jabaatu!
Cunqursaa Bifa Hundaa ni Mormina!




hunda dura nagayaa miilkiin akka keeysan tahu isiniif hawwa!
yeroo duraatiif, maqaa eenyummaa dubartoota keenyaa dhagahuu kiyyaaf akka nama Oromoo tokkotti gammachuu guddootu natti dhagayama, ijaaramuun keeysaniis daran kan na gammachiise waan taheef, milkaawaa waan kaataniifiis irra aanaa milkaawaan isiniin ja’a! qabsoon dubartoonni keenya godhan ittiis jiran kan dubartoonni biroo ol yo tahe malee sanii gadii miti Dirre qabsootiifii bakka gara garaatti,kaniin ifii beekuu huu himee hin fixu, garuu ijaaramanii maqaa Dubartoota Oromoo tiin hujii akkana eegaluun keeysan qabsoo bilisummaa Oromoo akka finiinsitee shaffisiiftu abdiin irraa qaba, waan kana taheef jabaadhaa ka’aa salphinaa fii rakkoo ar’a sabni keenya keeysa jiru tana jalaa akka baanu, karaan tokkichi fuullee hundaan jaaramnee tokkichummaa keenya walitti finnee nyaapha keenya dura dhaabbachuutu galma keenya galii nuti barbaannuun nugaya! kanaafuu jabaadhaa isin maddii jirraa!jabaadhaa! ni moonaa! Oromiyaan ni bilisoomti! injifannoon ta ummata Oromooti!!!!
Faaruu Haadha Mootummaa
Mootummaan Kaaba Oromiyaa, Salaale ti dhalatee guddate. Ilma tokkicha qofaa waan qabduuf, haati isaa qananii dhaan guddifte. Farda-sangaa bulloo, qawwee zinnara isaa wajjin bitteef. Haadha warraa bareeda fuusifte.
Akkuma beekamu, Oromoon Salaalee sirna Nafxanyaatiin gidiraa guddaatu irra gaye. Mootummaan roorroon itti baay’atnaan nafxanyaa heddu galaafate. Sirnichi nama nyaataan sun qabee Karchallee Alem Baqqaany ti umurii guutuu akka hidhamu itti murteesse.
Roorroo kanatti kan gaddite Haati Mootummaa faaruu ilma ishiitii Alem Baqaany kessatti gaafachuu yeroo dhaqxu jettu haadholiin keenya nuuf dabarsaniiru:
Yaa Mootummaa:
Yaa Mootummaa yaa ilma koo
Tokkicha Koo
Farda jennaan bulloo sii bitee
Qawwee jennaan beeljigii bitee
Niitii jennaan bareeda fidee
Maalin balleesse yaa ilma koo
Tokkicha koo?
Yaa Mootummaa yaa ilma koo
Tokkicha koo
Yaa Mootummaa yaa ilma Turaa
Alem Baqqany buutee na duraa
Itti hin bartuu galaa shumburaa
Garaa si muraa
Yaa Mootummaa yaa ilma koo
Tokkicha koo
Koottu hin gallaa Salaalumattii
Iyyan lammiin namaa birmattii
Maalin balleesse yaa ilma koo
Tokkicha koo!
Yeroo hundumaa, faaruu kana mana hidhaa keessatti jechaa turte nuun jechaa turan haadholiin keenya. Miid’dhaan dubartoota Oromoo irraan gayaa ture fi har’a illee daran babal’achaa jiru akka laayyootti waan bira darbamu miti. Kanaaf, roorroo haadholii keenya irraan, obboleetii keenya irraan gayaa turee fi ammas gayaa jiruuf yaadannoo akka ta’u, faaruu seena-qabeessa kana artistootni keenya walaloo isaa guutuu wajjin dhaloota dhufutti dabarsuu qabu jedheen amana.
Oduu durii fi faaruun hadholiin waa heddu ilmaan isaaniitti dabarsu. Mootummaan nama tokko mitti warri jedhan illee jiru. Mootumaa Oromiyaa isa humnaan cabe warri jedhanis jiru. Waan hundaafuu, ani warra seenaa qorataniifan dhiisa. Amman ofii beeku isiniif hire.
Jiruu Barii
diiri isin deesan tan diina ajjeesu osoo hin taane ka oduu jaalatu fi sodaatu dha.Lammuu dhiira hin dayna yoo dhiira deesan ajjeesa.
qaama saala irraa kutaa gataa
2.Diiri oromoo laaftu dhaa qabsoo oromoo yoo dubartootni hoggana bilisummaan bakka geesi
Dubartootni oromoo haa jiraatan dhiiti lafa irra haa dhuman
Dhiirri Oromoo hobbaatii miti. Baay’een isaa wallaalaa dha. Karaa hedduun kan onnee isaa laamshessu duulli irratti banamee jira. Keessaa fi alaan lolli bal’aan itti banamee jira. Duulli karaa amantii alagaa irratti banamee jiru kan akka salphaa ti ilaalamu miti. Maqaa amantiitiin kan nu saamu malee biyya tokko fira argachuu hin dandeenye Oromoon.
Wallaalaan Oromoo har’a nama Saudi Arabiyaa caala musliima, nama Israa’eel caala Kristaana of fakkeessa. Biyyi lachuu iyyuu dhimma Oromoof hin qaban. Gaafa kana hubannee Oromummaa cimsannee, tokkummaa keenya jabeeffanne lolii dhugaa diina keenya irratti qiyyeeffate gaggeeffamuu danda’a.
Amantiin gabroomi jedhu hin jiru. Garuu warri “Pacifists” jedhaman mindaan guddaan kaffalamuuf hojii isaanii gaafa sirriitti hubatanii of qusatan QBOn finiinuu danda’a.
Namooni otoo sirriitti waanan ani jechaa jiru hin hubatiin aaruu danda’u garuu kuni dhugaa dha.
Jiruu Barii