Oromia: Karoora Kabajaa Bara 50ffaa Sossooha Afran Qalloo
Sagantaa Seenaa
• Dr. Mahammad Hassan: Lola Calanqoo tii fii gaaga’ama hawaasa Oromoo irratti fide.
• Obbo Mahdii Haamid Muudee: Sossooha Afran Qalloo – Diddaa gabrummaa Misraa fii Habashaa.
• Obbo Usmaa’il Muummad: Seenaa Hawwisoo Afran Qalloo, keessaa-huu kan Urjii Bakkalchaa – Haala jaaramuu hawwisoo dura hawaasa Oromoo keessa turee fii jijjiirama eegas arkame.
• Dr. Ismaa’il Abdullaahii: Qooda Harraambeen sossooha Afran Qalloo keessatti qabaatte.
• Obbo Shantam Shubbisaa: Sossooha afaanii fii aadaa Oromoo kan biyya Soomaalee keessaatti godhame – Imaltuu hidhannoof godhamtee fii seenaa Qeeyroo Ganamaa.
• Obbo Yuusuf Bakhar: Sossooha Afran Qalloo tii fii qabsoo hidhannoo bilisumnmaa Oromiyaa – Sossooha Darmii Gooroo-rraa hammaa Laga Xirroo.
• Dr. Gammachuu Magarsaa: Qooda sossoohinsi Afran Qalloo guddina afaanii fii aadaa Oromoo tiif Gumaache.
• Obbo Ibraahim Haaji Alii Boruu: Akkaataa Hawwisoon Afran Qalloo walleelee afaan Oromoo itti ammayyeessite.
• Obbo Abdurashiid Abdurahmaan: Seenaa Ayyub Abuubakar fii Abuubakar Muussaa – Qooda guddina aadaa fii afaan Oromoo tiif gumaachan.
• Obbo Araarsoo Boruu (Ahmad Muussaa): Sossoha Afran Qalloo kan Bara 50maa.



baay’ee gaaridha. seenaa ummata oromoo waan isaan oromoof hojjetan ibsuun keessan nama gammachiisa. Ammas wanta heddu jira waan ta’eef itti fufaa.
Baayyee waan nama gamachiisufi abdii gudda nama horachiisu, hayyoleen teenya hundinu seenaf gumaata godhun dirqama sabummaatifi lammumaati,jabaadha itti fufaa.
Seenaa aartii fi qabsoo oromoo keessatti baandiin kun iddoo ol’aanaa qaba. Carraa kana fayyadamuudhaan barruulee “bulletin” ibsa bal’aa qabattee waa’ee seenaa baandii kanaa hubachiiftuu utuu nuuf qopheessitanaii harka oromoo hundaa galee duubifamee misha yaada jedhu kennuun barbaada. Ayyaana gaarii.