Oromia: Weellisaa Kadir Martuu maa’ikalaawwiitti hiraarfamaa jira;ilmaan Oromoo ukkaamfaman hedduunis maa’ikalaawwii dhiphisanii jiran

Kadir behind the bar

(Qeerroo, Finfinnee, 18 Hagayya 2012) Yeroo dheeraaf eessa buuteen isaa dhabamee kan jiru, Artisitiin Oromoo beekamaa fi jaalatamaa Kadir Martuu mana hidhaa Maa’ikalaawwii keessatti hiraarfamaa akka jiru saaxilame.

Oduu mana hiraarsaa Maa’ikalaawwii keessaa Qeerroo dhaqqabe akka saaxilutti,wallisaa beekkamaa Artiistii Oromoo Kadir Martuu lukkeelee fi basaasota Wayyaanee Biyyaa Sudaan keessa jiraataniin qabamee mana hidhaa Sudanittii darbatamee ture.

Artisitiin kun yeroo dheeraaf erga ergaramaa tureen booda basaasota Wayyaaneetti kennamee akka hiraarsaa saaxilamu godhame.

Akka Seera baqattummaa addunyaatti namni dahannaa siyaasaa gaafate tokko fedhii isaa malee gara biyya irraa baqateetti deebifamuu hin qabu.

Haata’uutii, hireeen baqattoota Oromoo bakka iyyuutti fedhii isaanii malee biyya keessaa baqatanitti humnaan deebifamaa jiraachuu kan dhiyeenyatti hubachiise humnaan butamuu fi ukkaamfamuun Kadir Martuu haga yeroo odeessi kun argameetti achi buuteen isaa dhabamee ture.

Akka odeessi maa’ikalaawwii keessaa argame kun dabalee hubachiisutti, Kadir Martuu erga Sudaan irraa gara Mana Hidhaa biyyaattii kan ilmaan Oromoo irraattii gochi dhala namaa irraattii hin dalagamne dalagamu, mana Hidhaa Maakalawii keessatti tumamaa fi hiraarfamaa jira.

Yeroo ammaa kanas qaamni isaa hedduu miidhamee kan jiru yoo ta’u, waa’ee isaa akka nmni biraa hin argineef dhoksaatti hidhanii akka jiran beekamee jira.

Ilmaan Oromoo hedduunis kanneen biyyoota akka Somaalii laandi, Jubutii fi kanneen biroo keessaa humnoota tikaatiin ukkaamfamanii deebifaman mana hidhaa maa’ikalaawwii keessatti gochaan gara jabinaan guutame irratti raawwatamaa akka jiru beekameera.

Dhimma kana irrattis Liigiin Mirga Namoomaa Gaanfa Afrikaa baatii Guraandhala 2012 keessaa ibsa baasee fi ergaa pirezidaantii Sudaan, Omar AlBashiritti ergeen baqattooti Oromoo gara 15 caalan baatii humnaan qabanii mootummaa Itoophiyaatti kennamuun kan isa yaaddesse ta’uu ibsuun, keessaayyuu kannneen dahannaa siyaasaa gaafatan biyyatti humnaan deebisuun seera addunyaa kan cabse ta’uu isaa ibsuun, yoo Itoophiyaatti deebifaman, tarii, torturii fi hiraarsaan jabaa isaan mudachuu akka malu yaadachiisuun isaa kan yaadatamuu dha.

Qeerroo