Qabsoo Bilisumaa Oromoo bara 1991 duraa fi sana boodaa
Abdii Boruutiin | Fulbaana 13, 2012
Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBOn) kan eegale, biyyi teenya Oromiyaan Minilikiin weeraramtee; erga uummatni ykn sabni keenya gabrummaa Habashaa jalatti kufee kaasee akka ta’e seenaatu mirkaneessa. Barreeffama kana keessati, QBO bara 1991 duraa yoon jedhu garuu duubatti deebi’ee jalqabarraa kaasee ilaaluuf otuu hin taane, caalaatti kan ani itti xiyyeeffadhu, QBO Adda Bilisummaa Oromootiin gaggeeffamaa jiru yoo ta’u, yeroon ani bakkee lamatti baasee ilaalus erga ABOn ijaaramee kaasee hanga bara 1991 fi sana boodaa ti. Ijoon barreeffama kanaas sochii ABO fi dammaqinsa uummata keenyaa walbira qabee ilaaluu ta’a. Dammaqinsa yoon jedhu ammoo, guddina fi bilchina Oromummaa hubachuudhaan; sabboonummaan Oromoo sadarkaa maaliirra akka ture fi har’a irra jiru ibsuufi.
Addi Bilsummaa Oromoo (ABOn) kan ijaarame haala baay’ee ulfaataa ture keessatti akka ta’e, bu’ureessitoota fi seenaatu ragaa ta’u. ABOn haala walxaxaa ta’e keessatti uumamullee; qabsoo hadhaawaa karaa lamaa gaggeessuu dhaan, bara 1991 jijjiiramni guddaan akka dhufu taasise. Karaa lamaan kana keessaa inni tokko, qabsoo fi falmii diina waliin godhaa ture yoo ta’u; inni biraa ammoo, uummata keenya dammaqsuu fi Oromummaa guddisuuf ture. Haa ta’u malee, tokkummaan qabsaa’ota Oromoo yeroo sanaa akka har’aa laafaa waan hin turiniif, rakkoolee gara garaan isa muudatan irra aanuudhaan, ABOn injifatnoo hamma kana hin jedhamne galmeessuu danda’e. Garaagarummaan ilaalcha siyaasaa qabsaa’ota jidduu turullee; akka har’aa cimaa waan hin turiniif, humni mooraa QBO cimaa ture jechuu dha. Yeroon sun deebi’ee dhufinaa laata??
Akka Adda Bilisummaa Uummata Eertiraa (EPLF) fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) humna hidhataa cimaa qabaachuu baatus, humni ABOs laafaa fi kan akka laayyootti ilaalamu akka hin turin himama. Haa ta’u malee, gara ofbaruu fi dammaqinsa uummatootaatiin yoo ilaalame, dammaqinsi uummata Oromoo fi kan uummatoota lamaanii (Eertiraa fi Tigraay) yeroo sana dugdaa fi garaa ture jechuun ni danda’ama. Otuu dammaqinsi uummata keenyaa fi guddinni Oromummaa kan yeroo sanaa akka har’aa turanii, injifatnoo sana caalutu argamuu danda’a ture. Cimina ABO yeroo sanaatu rakkoolee hundaa injifachuu dhaan jijjiirama guddaa bara 1991 fiduu danda’e. Injifatnoon biraa hafee; uummatni keenya akka ofbaru taasisuunuu, cimina ABO yeroo sanaa ti jechuun ni danda’ama.
Mee haa hubatnu, uummata gabrummaan sammuu isaa jijjiiree; eenyummaa isaallee akka dagatu godhame; uummata Afaan ofiilee dubbachuu saalfachaa ture; uummata maqaa ijoollee isaallee gara maqaa alagaatti jijjiiruu dhaaf dirqame; uummata addaan faffaca’ee lammiilee ofiillee hiraanfatee ture; uummata seenaa ofii wallaalee kan alagaa fii diinaa faarsaa ture;… eenyummaa isaa akka beeku taasisuun; kana birallee darbamee Oromummaa fi Sabboonummaan akka guddatan godhuun, dhugaatti cimina jaarmayaa tokkoo agarsiisa. Qabsoo hadhaawaa kana hundaa, keessa fi alaan gaggeessuudhaan ABOn seenaa Oromootiif bara 1991 boqonnaa haaraa bane; isa kana keessatti injifatnoolee gurguddoo galmeesse. Kun hunduu kan danda’aman tokkummaan qabsaa’ota keenyaa cimaa; hamileen isaaniis guddaa waan tureefi jechuu dha.
Egaa, erga ABOn ijaaramee kaasee hanga bara 1991tti haala qabsoon kun ittiin gaggeessamaa ture walitti qabnee yoo ilaalle, wanti hubatnu inni guddaan tokko, yeroo dammaqinsi uummta keenyaa sadarkaa gadi aanaa; guddinni Oromummaa fi Sabboonummaa ammoo xiqqaa turan sana keessatti ciminni ABO hammam akka ture dha. Warra haala ulfaataa ta’e kana keessatti injifatnoo nuuf galmeessan; kan har’a lubbuudhaan jiranis ta’ee kan qabsoo kana keessatti wareegaman galanni isaanii daangaa hin qabu. Kan du’an seenaa bareedaa dhaan yaamamaa; kan jiran ammoo, ulfina fi kabaja guddaa argachuu qabu. Nama waan gaarii hojjeteef kabaja fi ulfina qabaachuun ammoo, aadaa fi safuu Oromoo ti. Gaafiin asirratti ka’u garuu, Oromoon hunduu aadaa fi safuu kana kabajaa jiruu? kan jedhu yoo ta’u, maaliif gaafii kana akkan kaase gara boodaatti ibsama.
Bara 1991 booda maaltu ta’e? Har’a haala akkamii keessa jirra? QBOn hoo bifa akkamii agarsiisaa jira? Gaafiilee kanaa fi kan kana fakkaataniif deebii quubsaa argachuun yoo hin danda’amnellee, waan tokko tokko kaasuun ni danda’ama. Erga ABOn bara 1992 mootummaa ce’umsaa Itoophiyaa keessaa bahee; hoggantooni isaa gara biyya alaatti deemanii kaasee, waa baay’eetu ta’e; waa baay’eetu godhames. Waan gaarii caalaa waan badaatu baay’atee argama yoon jedhe kun dhara waan ta’u natti hin fakkaatu. Rakkoolee baay’eetu uumamanis. Rakkoolee kana keessaa inni guddaa fi hangafnni ABO garee adda addaatti hiramuu fi kana wajjin walqabatee mooraa QBO keessatti jaarmayootni siyaasaa Oromoo heddoomuu dha. Dhugaa dha, bara 1991 booda haalli addunyaa jijjiiramee jira. Tarii jijjiirama kanatu akka qabsaa’otni keenya ilaalcha adda addaa qabaatan taasise jedheen yaada.
Haa ta’u malee, sababni qabsaa’ota gara gara facaase fi mooraan keenya akka laafu taasise, jijjiirama haala addunyaa fi garaagarummaa ilaalchaa qofaa natti hin fakkaatu. Sababni inni biraa guddaan, haala jijjiirame kana keessatti amalli keenyaillee jijjiiramuu fi aadaa fi safuu Oromoo kabajuu dhiisuu dha. Waayee sirna Gadaa yoo dubbatnu, Gadaan hundee diimookraasii ti jennee ittiin boonaa fi ittiin dhaadachaa; karaa biraatiin garuu faallaa isaa dalagaa jirra. Xinnaan guddaa; quxusuun hangafa; wallaalaan beekaa; walumaagalatti nama kabajuun aadaa Oromoo ta’ee otuu jiruu, har’a wal obsuu dadhabuu fi kabaja waliif dhabuun mallattoo amala badaa; mallattoo safuu dhabuu waan ta’eef, isaan kanatu akka amalli keenya jijjiirame ykn jijjiiramaa deemu mul’isu jechuu dha. Kana qofaa miti; wanni gabrummaa keessatti Habashootarraa dhaalle tokkos ni jira. Innis oftuulummaa, anatu si caalaa beeka jechuu, anatu siif murteessa jechuu, ana malee wanti tokko bakka hin gahu jechuu fi kkf. Kun aadaa Oromoo ti miti.
Karaa biraatiin ammoo, maddi sababa isaa waan fedhes haa ta’u; qabsoo kana keessatti garaagarummaan aayidoolojii gurguddachaa fi babal’achaa dhufuu dha. Garaagarummaan akkanaa kun durumaanuu ABO keessa ture warri jedhan jiru. Haa ta’u malee, garaagarummaan kun har’a ifa ta’ee as bahee; gaafii uummata Oromoo fi kaayyoo QBOllee gaafii keessa galchee jira. Fakkeenyaaf, yaadni impaayarittii diimookraatessinee; achi keessatti bilisummaan Oromoo argamuu ni danda’a jedhu kun, bara 1991 dura waan ifa ta’ee mul’ate ykn yaadni kun waan ka’e hin fakkaatu. Har’a hiikni “bilisummaa” fi “walabummaa” jedhullee mormisiisaa ta’ee jira. Hunduu akka itti fakkaate fi itti amananitti ibsaa jiru. Kaayyoo QBO otuu hin taane, waan jechoota lamaan kanarratti xiyyeeffatan fakkaatu. Akka barbaadnetti jechoota kanaaf hiika haa kenninu; jaalannus jibbinus, har’a yaadolee gurguddoo lamatu mooraa QBO keessatti ifa ta’ani mul’atu. Isaanis Itoophiyaa diimookraatessuu fi Oromiyaa bilisoomsuu ykn walaboomsuu dha.
Hangan beekutti, hangan dhuunfaadhaan itti amanuttis, kaayyoon ABO bilisummaa Oromoos haa jedhamu, walabummaa Oromiyaa, isa kana galiin gahuu dha jedheen yaada. Kan bara 1991 dura dhaga’ame fi hubatames isuma kana jedheen amana. Har’a garuu bara 1991 booda jechoota adda addaatu uumamanii; uummata keenya afaanfaajjessaa jiru. Fakkeenyaaf, jechoota kan akka bilisummaa, walabummaa, birmadummaa, hiree ofii ofiin murteeffannaa, Itoophiyaa diimookraatessuu, Federaalisimii dhugaa, jijjiirama, tokkummaa biyyoota Aafrikaa fi kkf. Jechootni baay’atanis; karaa adda addaatiin hiikkaan kennamuufis; mooraa keenya keessatti kaayyoo lamatu mul’achaa jiru. Kuni ammoo kan agarsiisu bara 1991 booda QBOn bifa maal akka qabu dha. Gaafiin asirratti ka’u garuu, eega hin oollee, jaarmayootni kaayyoo tokko ykn walfakkaataa qaban, maaliif akka kaayyoo isaaniitti garee tokko keessatti hin gurmoofne? kan jedhu ta’a. Yoo kun hin taane, kaayyoon biraa, kaayyoon dhuunfaa duuba jiraatinaaree laata?
Kan ta’es ta’u, qabsoo bilisummaa Oromoo fi Adda Bilisummaa Oromoo bara 1991 dura fi sana boodaa walbira qabnee yoo ilaalle, tokkummaan qabsaa’otaa (tokkummaan ABO) 1991 dura cimaa; sana booda garuu laafaa akka ta’e fi laafaas akka deemu hubatna. Dammaqinsi uummata keenyaa; guddinni Oromummaa fi Sabboonummaa garuu faallaa kanaati. Isaan kun bara 1991 dura laafaa; sana booda garuu baay’ee cimaa akka ta’an fi cimaas akka deeman hubachuun nama hin rakkisu. Yeroo isaan kun hunduu cimaa deeman kanatti; jaarmayaan isaan cimse ykn akka isaan ciman taasise, ABOn, laafaa deemuun; gareeleen heddoomuun; yeroo uummatni keenya jaarmayaa cimaa of duuba isaan hiriirsu barbaadanitti, kun dhabamuun ykn hir’ina qabaachun baay’ee nama gaddisiisa. Hamilee namaallee tuqa. Waayeen kun ammoo yoomiyyuu caalaa qabsoo kana laaffisaa deemuu qofaatti otuu hin hafne; qabsoo kanas gaaga’ama guddaa keessa galchuu danda’a. Haalli kun jijjiiramuu baatnan, bilisummaan achi nurraa fagaachaa deemuu qofaa otuu hin taane argamuun ishiituu gaafii keessa galuu danda’a.
Namni balaa itti dhufuuf deemaa jiru tokko alaalatti argee yeroodhaan mala hinbarbaadne; yoo balaan kun bira gahe ofirraa ittisuun baay’ee rakkisaa ta’a. Haalli mooraa QBOs akkanumatti ilaalamuu qaba. Diinni fi alagaan lafa jalaanis ta’ee ifatti dhimma waloorratti ciminaan hojjechaa jiru. Dhimmi waloo kunis QBO dadhabsiisuu; yoo danda’ame sirumaa dhabamsiisuu dha. QBOrratti duula hamaa gaggeessuuf itti qophaawaa jiru. Meeshaan duula kanaas Oromoota isaan wajjin hiriiranii dha. Karaa kanaan qabsoo keenya dadhabsiisuu fi dhabamsiisuun salphaa waan ta’uuf, gareewwan tokko tokko ofitti qabu. Diinni QBO tokko qofaa miti. Diinni hangafti fi inni hamaan, kan bar-kurnee lamaa ol nu nyaachaa jiru, faashistii Wayyaanee haa ta’u malee, kan beelayee nu nyaachuuf qophaawaa jirus dagachuu hin qabnu. Kan caalu nutti dhufuu danda’a. Kanaaf furmaatni tokkummaa ykn tumsa mooraa keenyaa ti. Badii waggoota diigdamman dabran keessatti ta’erraa haa baratnu. Tokkummaa dur ture sana haa yaadatnu. Tokkummaa keenya qofaatu galii hawwinutti nu geessuu danda’a. Oromoon gargaarsa biraa hin qabu. Humna ofii qofaarratti hundaa’a. Kanaaf, humna mooraa keenyaa haa cimsinu.
Galatoomaa!
–Abdii Boruu aboruu@gmail.com


Dhuguma dha yaada armaan olitii walii gala kanaaf
hundi keenya /oromoon/mooraa qabsoo bilisummaa diiguu irratti bobbaúu irraa fi bor waan kolfaa taúu irraa hundi keenya bilisummaa keenyaaf jabaachuu nu irra jira.namatti quba qabuu irra tokko tokkoon oromoo qbsoo bilisummaa orommof maal gumaachaan jira jennee uf-gaafachuun barbaachisaa dha
keessumaa warra lubbuu isaanii tokko qaban bilisummaa orommoof wareegaman maal nuun jedhu.
ANY HOW THEY ARE SACRIFIED”THE PATH OF DUTY BE THE WAY TO GLORY”‘ WE OROMOOS PROUD OF THEM.
IUO
Yaa barreessaa baruu kanaa hedduu galatoomaa. Barreeffamni ke hubannoo gaarii bnaaf kenne. QBO ABO’n gaggeeffamu bu’aa hedduu buusuun isaa hinhaalamu. Haata’u malee bakka tokko ga’ee ammaan tana dhaabachaa jira jechuun ni dandaa’ama. Ammaan booda tarsiimoo fi tooftaa haaraa kaayyoo sana akkamitti galmaan geenya isa jedhu irratti dhaloonni suniif dhaloonni kun bal’inaan ittiyaaduu qaba.
Barreeffamni kun haala yeroo ammaa QBOn keessa jiruu fi qabsaayotni fi ummatni Oromoo keessa jiran haalaan kan hubachiisu dha. Kanaaf, barreessaan kun galata guddaa qaba. Namni barreeffama kana hin hubatne nama dammaqinsa hin qabne fi nama qabsoo irraa fagaatee taa’u qofaa dha.
Waan as nutti adeemaa jiru tokko arginee dafnee of eeggannoo cimaa gochuun barbaachisaa dha. Maanguddoon Oromoo tokko mammaaksa Habashaan tokko itti mammaake akkanatti nuuf dhaaman: “Irsi barsuu sigaan bakubat xibasuu.” Oromoo Oromoodhaan rukutuun toftaa afaan isaanii keessa illee jiru ta’uu nu hubachiisa kun. Lama nu suufaniiruu akka sadaffaa nu hin suufne of eeggachuun gaaffii yeroo ammaa ti. Hedduu galatoomi! Qabsaayaan dhugaa ummata isaa hubachiisu umriin isaa/ishii/ishee haa dheerattu.
Abdii yaada kastee kanaaf bayyee sigalaatefachuun barbaada. Kaan bayyee nama ajaayiibu kessa anillee wantookko kasuun yaala: ummaanni kenyaa yeeroo amma kana hundaas jeechu bannuu irra caalaansaa itoo hinbeekiin wal irraatiis qabsoo irratiis guufu ta’a jiira yojennee sooba miti. Akkamiiti yoo jennee namootumtii enyummaa isaniif jeecha mana bahaani wanmeeqa itti abanii fi sabboonumaan isan keessa calaqiisuutu oromoof wangaari wandalagaan isaaniti fokkaatee QBO irrati gufuu isa guddaa yeroo tadhaantu mul’aata. Kabiiroonimmoo hanguuma ammalle namoota toftaa warra habaashaa kana itoo hinhubaatiin jiraantuu jiiraani. Isaan kuuni anaan akkakooti bayyee nagadiisiisu. Ammalle jarri afan lafaani, arraaba minyefataanii, walaalaas beekaas fokataanii haaluuma irra milkahaniiti gargaramuun wanfedhaan ittiin dalagaacha jiru. Akkuuma atu jette sabboonumaan amma kan caaluu ta’uulle toftaa habashoota yeroo yeroon jijjiiraamu irra oolu bonkuuma hindandenyee. Akkasumaas ituuma sabboonumma qabnuu cimiina hubanoo gama qabsoon jiiru calaqiisisuu hindandenyee jechuu kesuuma ifaama, obsaa, waldandahuu fi fakenyaa ta’aani mul’achuu abuun qabsoo kanaaf lafiina isa birooti. Mee hundumaafu qabsoon kuun kan ummaata oromoo bal’aa ta’u hubanne qabsoo amma xiqoo qanqee numulliiseti haxiyefannu. Magaan
Qabsoo billisumaa oromo bara 1991 duraa fi sana boodaa Illalichissa reoo durbeera yookin buraa 1991 duraa naaga abootti kanyaa wallin qaabanii
yookinis maatti issan wajiin jiraatan,qaabeny issan guututii ittin jiraatandhee.
Hutaau yuu malaa sananii barra duriibee inyaadataa, Guyootaa kana jaliqaabe 1991 garuu guutu tti qaabnyee issanii qoofaa huutu intaain luubuu ttin iyuu sabn oromo fayyaa ,biyya irraa baa’un,sammamun,laaftii issan irratti guriigraamun illimaa nii issan ajjeesuu nii maa
naa issan irraat guubun saabin oromo dhee’ma.
Dhuugan hindhooqatuu baarabran jiraata.
duua inni ollee biira soobaan inni dubaatina
dhuugaa dubbadhee duu’a waaqayyoo siin garrigaraa.
Barreessa baay’een si galateeffadha waan baay’ee sammuu keenya keessa keesseetta .
Amma kan dadhabame isuma kankeenyaati malee orma miti numatu dabarsee wal kenna numatus boollattis wal darbachaa jira karuma ittiin uummata keenya gorfannu adaraa mala dhayaa walii gallee waliin taanee garbummaa ofirraa dhabamsiifnaa
Dhiifama waliin abdii boruu ani baruu kee hundaa ni hordofaan ture atis yoo ibsitu aka nama miseensa jaarmaya siyaasaa tokole hin ta,initi ibsita garuu ilaalcha kee keessati aka miseensa ABO ta,uu muldhisa mee kana na ibsuu dandeetaa galatoomi
Abdii waaqaa,
Barruulee kiyya hordoftee dubbisuu keetiif galatoomi. Gaafii na gaafachuu barbaaddeef dhiifama jechuun sirra hin jiru; kun gaafii seeraa ti; mirga keetis.
Akkuman kanaan duras ibsaa ture, ani miseensa jaarmayaa ogummaa (member of professional organization) malee, miseensa jaarmayaa siyaasaa tokkootuu miti; ta’ees hin beeku. Ani nama walaba ta’ee yaada dhuunfaa kootii barreessu dha. Barreeffama kiyya keessatti tarii jechootni tokko tokko, waanan ani miseensa ABO ta’e fakkeessuu malu. Ani garuu miseensa ABOs miti. Haa ta’u malee, ABOn akka amma gareelee adda addaatti hirame kana otuu hin taane, akka jaarmayaa jaalatamaa tokkootti laphee Oromootaa keessa jira. Anis akka ilma Oromoo tokkootti jaarmayaa kana nan jaaladha. Kaayyoo inni ijaarameefis nan deeggara. Tarii isa kanatu Abdii Boruu miseensa ABO ta’inaa laata nama jechisiisuu mala.
Asirratti wanti hubatamuu qabu, ani kaayyoo ABO nan deeggara yoon jedhu, ABO qofaa kophaatti baasuu kiyyaa miti. Jaarmayootni Oromoo hunduu, kan walaba ta’anii bilisummaa keenyaaf qabsaa’an, hanga fedhii uummata Oromoo hin faallessinetti, hundi isaaniituu deeggarsa kiyya ni argatu. Gabaabumatti ani hundumaa walqixxummaa dhaan ilaala jechuu kooti.
When we do observe the authors and commentators in the Oromo websites, we just do see two groups of Oromo nationalists and scholars: the ANTAGONIZERS and the INTEGRATORS. The antagonizers do pray the mantra of polarizing the Oromo liberation forces presenting them as if they are irreconcilable enemies being divided into two Oromo camps: pro-union and pro-independence. Usually the antagonizers cry as if the pro-union Oromo are collaborators to the Abyssinian camp. On the other hand, the integrators do look at the two post-bilisummaa Oromo goals (independence/walabummaa vs union/walfaanummaa) of the Oromo as two sides of the same coin (two sides of bilisummaa); they try to assert that both the pro-independence and the pro-union Oromo nationalists are de facto pro-bilisummaa (freedom fighters), who do have two reconcilable alternative objectives. Interestingly Woyane foot soldiers try to camouflage as pro-independent Oromo and curse the pro-union nationalists or the vice versa just for the sake of sawing a discord in Oromo liberation camp.Their motive is clear: Oromo should be divided, antagonized and polarized in order to be kept weak and ruled. What is pity here is that some of our nationalists and scholars simply fall in this trap of the Woyane cadres and do the bidding of our enemy without any payment. Actually Woyane has hired a lot of cadres doing the antagonizing job with the millions of dollars being invested on this project. May God open the eyes of our fool antagonizer Oromo nationalists, who are still doing the job of Woyane without payment!