Qabsoo Bilisumaa Oromoo bara 1991 duraa fi sana boodaa

Abdii Boruutiin | Fulbaana 13, 2012

Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBOn) kan eegale, biyyi teenya Oromiyaan Minilikiin weeraramtee; erga uummatni ykn sabni keenya gabrummaa Habashaa jalatti kufee kaasee akka ta’e seenaatu mirkaneessa. Barreeffama kana keessati, QBO bara 1991 duraa yoon jedhu garuu duubatti deebi’ee jalqabarraa kaasee ilaaluuf otuu hin taane, caalaatti kan ani itti xiyyeeffadhu, QBO Adda Bilisummaa Oromootiin gaggeeffamaa jiru yoo ta’u, yeroon ani bakkee lamatti baasee ilaalus erga ABOn ijaaramee kaasee hanga bara 1991 fi sana boodaa ti. Ijoon barreeffama kanaas sochii ABO fi dammaqinsa uummata keenyaa walbira qabee ilaaluu ta’a. Dammaqinsa yoon jedhu ammoo, guddina fi bilchina Oromummaa hubachuudhaan; sabboonummaan Oromoo sadarkaa maaliirra akka ture fi har’a irra jiru ibsuufi. 

Addi Bilsummaa Oromoo (ABOn) kan ijaarame haala baay’ee ulfaataa ture keessatti akka ta’e, bu’ureessitoota fi seenaatu ragaa ta’u. ABOn haala walxaxaa ta’e keessatti uumamullee; qabsoo hadhaawaa karaa lamaa gaggeessuu dhaan, bara 1991 jijjiiramni guddaan akka dhufu taasise. Karaa lamaan kana keessaa inni tokko, qabsoo fi falmii diina waliin godhaa ture yoo ta’u; inni biraa ammoo, uummata keenya dammaqsuu fi Oromummaa guddisuuf ture. Haa ta’u malee, tokkummaan qabsaa’ota Oromoo yeroo sanaa akka har’aa laafaa waan hin turiniif, rakkoolee gara garaan isa muudatan irra aanuudhaan, ABOn injifatnoo hamma kana hin jedhamne galmeessuu danda’e. Garaagarummaan ilaalcha siyaasaa qabsaa’ota jidduu turullee; akka har’aa cimaa waan hin turiniif, humni mooraa QBO cimaa ture jechuu dha. Yeroon sun deebi’ee dhufinaa laata??

Akka Adda Bilisummaa Uummata Eertiraa (EPLF) fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) humna hidhataa cimaa qabaachuu baatus, humni ABOs laafaa fi kan akka laayyootti ilaalamu akka hin turin himama. Haa ta’u malee, gara ofbaruu fi dammaqinsa uummatootaatiin yoo ilaalame, dammaqinsi uummata Oromoo fi kan uummatoota lamaanii (Eertiraa fi Tigraay) yeroo sana dugdaa fi garaa ture jechuun ni danda’ama. Otuu dammaqinsi uummata keenyaa fi guddinni Oromummaa kan yeroo sanaa akka har’aa turanii, injifatnoo sana caalutu argamuu danda’a ture. Cimina ABO yeroo sanaatu rakkoolee hundaa injifachuu dhaan jijjiirama guddaa bara 1991 fiduu danda’e. Injifatnoon biraa hafee; uummatni keenya akka ofbaru taasisuunuu, cimina ABO yeroo sanaa ti jechuun ni danda’ama.

Mee haa hubatnu, uummata gabrummaan sammuu isaa jijjiiree; eenyummaa isaallee akka dagatu godhame; uummata Afaan ofiilee dubbachuu saalfachaa ture; uummata maqaa ijoollee isaallee gara maqaa alagaatti jijjiiruu dhaaf dirqame; uummata addaan faffaca’ee lammiilee ofiillee hiraanfatee ture; uummata seenaa ofii wallaalee kan alagaa fii diinaa faarsaa ture;… eenyummaa isaa akka beeku taasisuun; kana birallee darbamee Oromummaa fi Sabboonummaan akka guddatan godhuun, dhugaatti cimina jaarmayaa tokkoo agarsiisa. Qabsoo hadhaawaa kana hundaa, keessa fi alaan gaggeessuudhaan ABOn seenaa Oromootiif bara 1991 boqonnaa haaraa bane; isa kana keessatti injifatnoolee gurguddoo galmeesse. Kun hunduu kan danda’aman tokkummaan qabsaa’ota keenyaa cimaa; hamileen isaaniis guddaa waan tureefi jechuu dha.

Egaa, erga ABOn ijaaramee kaasee hanga bara 1991tti haala qabsoon kun ittiin gaggeessamaa ture walitti qabnee yoo ilaalle, wanti hubatnu inni guddaan tokko, yeroo dammaqinsi uummta keenyaa sadarkaa gadi aanaa; guddinni Oromummaa fi Sabboonummaa ammoo xiqqaa turan sana keessatti ciminni ABO hammam akka ture dha. Warra haala ulfaataa ta’e kana keessatti injifatnoo nuuf galmeessan; kan har’a lubbuudhaan jiranis ta’ee kan qabsoo kana keessatti wareegaman galanni isaanii daangaa hin qabu. Kan du’an seenaa bareedaa dhaan yaamamaa; kan jiran ammoo, ulfina fi kabaja guddaa argachuu qabu. Nama waan gaarii hojjeteef kabaja fi ulfina qabaachuun ammoo, aadaa fi safuu Oromoo ti. Gaafiin asirratti ka’u garuu, Oromoon hunduu aadaa fi safuu kana kabajaa jiruu? kan jedhu yoo ta’u, maaliif gaafii kana akkan kaase gara boodaatti ibsama.

Bara 1991 booda maaltu ta’e? Har’a haala akkamii keessa jirra? QBOn hoo bifa akkamii agarsiisaa jira? Gaafiilee kanaa fi kan kana fakkaataniif deebii quubsaa argachuun yoo hin danda’amnellee, waan tokko tokko kaasuun ni danda’ama. Erga ABOn bara 1992 mootummaa ce’umsaa Itoophiyaa keessaa bahee; hoggantooni isaa gara biyya alaatti deemanii kaasee, waa baay’eetu ta’e; waa baay’eetu godhames. Waan gaarii caalaa waan badaatu baay’atee argama yoon jedhe kun dhara waan ta’u natti hin fakkaatu. Rakkoolee baay’eetu uumamanis. Rakkoolee kana keessaa inni guddaa fi hangafnni ABO garee adda addaatti hiramuu fi kana wajjin walqabatee mooraa QBO keessatti jaarmayootni siyaasaa Oromoo heddoomuu dha. Dhugaa dha, bara 1991 booda haalli addunyaa jijjiiramee jira. Tarii jijjiirama kanatu akka qabsaa’otni keenya ilaalcha adda addaa qabaatan taasise jedheen yaada.

Haa ta’u malee, sababni qabsaa’ota gara gara facaase fi mooraan keenya akka laafu taasise, jijjiirama haala addunyaa fi garaagarummaa ilaalchaa qofaa natti hin fakkaatu. Sababni inni biraa guddaan, haala jijjiirame kana keessatti amalli keenyaillee jijjiiramuu fi aadaa fi safuu Oromoo kabajuu dhiisuu dha. Waayee sirna Gadaa yoo dubbatnu, Gadaan hundee diimookraasii ti jennee ittiin boonaa fi ittiin dhaadachaa; karaa biraatiin garuu faallaa isaa dalagaa jirra. Xinnaan guddaa; quxusuun hangafa; wallaalaan beekaa; walumaagalatti nama kabajuun aadaa Oromoo ta’ee otuu jiruu, har’a wal obsuu dadhabuu fi kabaja waliif dhabuun mallattoo amala badaa; mallattoo safuu dhabuu waan ta’eef, isaan kanatu akka amalli keenya jijjiirame ykn jijjiiramaa deemu mul’isu jechuu dha. Kana qofaa miti; wanni gabrummaa keessatti Habashootarraa dhaalle tokkos ni jira. Innis oftuulummaa, anatu si caalaa beeka jechuu, anatu siif murteessa jechuu, ana malee wanti tokko bakka hin gahu jechuu fi kkf. Kun aadaa Oromoo ti miti.

Karaa biraatiin ammoo, maddi sababa isaa waan fedhes haa ta’u; qabsoo kana keessatti garaagarummaan aayidoolojii gurguddachaa fi babal’achaa dhufuu dha. Garaagarummaan akkanaa kun durumaanuu ABO keessa ture warri jedhan jiru. Haa ta’u malee, garaagarummaan kun har’a ifa ta’ee as bahee; gaafii uummata Oromoo fi kaayyoo QBOllee gaafii keessa galchee jira. Fakkeenyaaf, yaadni impaayarittii diimookraatessinee; achi keessatti bilisummaan Oromoo argamuu ni danda’a jedhu kun, bara 1991 dura waan ifa ta’ee mul’ate ykn yaadni kun waan ka’e hin fakkaatu. Har’a hiikni “bilisummaa” fi “walabummaa” jedhullee mormisiisaa ta’ee jira. Hunduu akka itti fakkaate fi itti amananitti ibsaa jiru. Kaayyoo QBO otuu hin taane, waan jechoota lamaan kanarratti xiyyeeffatan fakkaatu. Akka barbaadnetti jechoota kanaaf hiika haa kenninu; jaalannus jibbinus, har’a yaadolee gurguddoo lamatu mooraa QBO keessatti ifa ta’ani mul’atu. Isaanis Itoophiyaa diimookraatessuu fi Oromiyaa bilisoomsuu ykn walaboomsuu dha.

Hangan beekutti, hangan dhuunfaadhaan itti amanuttis, kaayyoon ABO bilisummaa Oromoos haa jedhamu, walabummaa Oromiyaa, isa kana galiin gahuu dha jedheen yaada. Kan bara 1991 dura dhaga’ame fi hubatames isuma kana jedheen amana. Har’a garuu bara 1991 booda jechoota adda addaatu uumamanii; uummata keenya afaanfaajjessaa jiru. Fakkeenyaaf, jechoota kan akka bilisummaa, walabummaa, birmadummaa, hiree ofii ofiin murteeffannaa, Itoophiyaa diimookraatessuu, Federaalisimii dhugaa, jijjiirama, tokkummaa biyyoota Aafrikaa fi kkf. Jechootni baay’atanis; karaa adda addaatiin hiikkaan kennamuufis; mooraa keenya keessatti kaayyoo lamatu mul’achaa jiru. Kuni ammoo kan agarsiisu bara 1991 booda QBOn bifa maal akka qabu dha. Gaafiin asirratti ka’u garuu, eega hin oollee, jaarmayootni kaayyoo tokko ykn walfakkaataa qaban, maaliif akka kaayyoo isaaniitti garee tokko keessatti hin gurmoofne? kan jedhu ta’a. Yoo kun hin taane, kaayyoon biraa, kaayyoon dhuunfaa duuba jiraatinaaree laata?

Kan ta’es ta’u, qabsoo bilisummaa Oromoo fi Adda Bilisummaa Oromoo bara 1991 dura fi sana boodaa walbira qabnee yoo ilaalle, tokkummaan qabsaa’otaa (tokkummaan ABO) 1991 dura cimaa; sana booda garuu laafaa akka ta’e fi laafaas akka deemu hubatna. Dammaqinsi uummata keenyaa; guddinni Oromummaa fi Sabboonummaa garuu faallaa kanaati. Isaan kun bara 1991 dura laafaa; sana booda garuu baay’ee cimaa akka ta’an fi cimaas akka deeman hubachuun nama hin rakkisu. Yeroo isaan kun hunduu cimaa deeman kanatti; jaarmayaan isaan cimse ykn akka isaan ciman taasise, ABOn, laafaa deemuun; gareeleen heddoomuun; yeroo uummatni keenya jaarmayaa cimaa of duuba isaan hiriirsu barbaadanitti, kun dhabamuun ykn hir’ina qabaachun baay’ee nama gaddisiisa. Hamilee namaallee tuqa. Waayeen kun ammoo yoomiyyuu caalaa qabsoo kana laaffisaa deemuu qofaatti otuu hin hafne; qabsoo kanas gaaga’ama guddaa keessa galchuu danda’a. Haalli kun jijjiiramuu baatnan, bilisummaan achi nurraa fagaachaa deemuu qofaa otuu hin taane argamuun ishiituu gaafii keessa galuu danda’a.

Namni balaa itti dhufuuf deemaa jiru tokko alaalatti argee yeroodhaan mala hinbarbaadne; yoo balaan kun bira gahe ofirraa ittisuun baay’ee rakkisaa ta’a. Haalli mooraa QBOs akkanumatti ilaalamuu qaba. Diinni fi alagaan lafa jalaanis ta’ee ifatti dhimma waloorratti ciminaan hojjechaa jiru. Dhimmi waloo kunis QBO dadhabsiisuu; yoo danda’ame sirumaa dhabamsiisuu dha. QBOrratti duula hamaa gaggeessuuf itti qophaawaa jiru. Meeshaan duula kanaas Oromoota isaan wajjin hiriiranii dha. Karaa kanaan qabsoo keenya dadhabsiisuu fi dhabamsiisuun salphaa waan ta’uuf, gareewwan tokko tokko ofitti qabu. Diinni QBO tokko qofaa miti. Diinni hangafti fi inni hamaan, kan bar-kurnee lamaa ol nu nyaachaa jiru, faashistii Wayyaanee haa ta’u malee, kan beelayee nu nyaachuuf qophaawaa jirus dagachuu hin qabnu. Kan caalu nutti dhufuu danda’a. Kanaaf furmaatni tokkummaa ykn tumsa mooraa keenyaa ti. Badii waggoota diigdamman dabran keessatti ta’erraa haa baratnu. Tokkummaa dur ture sana haa yaadatnu. Tokkummaa keenya qofaatu galii hawwinutti nu geessuu danda’a. Oromoon gargaarsa biraa hin qabu. Humna ofii qofaarratti hundaa’a. Kanaaf, humna mooraa keenyaa haa cimsinu.

Galatoomaa!

–Abdii Boruu aboruu@gmail.com