Qeerroon London keessatti alaabaa Oromoon Olompiika miidhagsan!
(Oromocentre, Melbourne, 20 Hagayya 2012) Qeerroon Oromoo biyya abbaa isaanii keessaa dhiibamanii jireenya godaansaa keessatti argaman qabsoo oromoo fi mallattoo qabsoo Bilisummaa Oromoo kan ta’e, Alaabaa ABOtiin ayyaanaa fi sirna Olompiika baranaa miidhagsuun isaanii beekame.
Odeessa karaa walqunnamtii hawaasaa kan akka youtube fi facebook tamsaasamaa jiru irraa akka hubatamutti Qeerroon Oromoo biyya Engilaandi, magaalaa London keessa jiraatan alaabaa Oromoo qabachuun sirbaa fi weedduu Oromoo dhageessisaa eenyummaa saba Oromoo waltajjii addunyaatti mul’isanii jiru.
“Qabsoon bakka kamittuu adeemsisamuu akka danda’u kan mirkaneessan dhalooti sabboonoo kunneen hojii boonsaa dalagan kanaan bara baraan kan yaadatamaniidha,” kan jedhan deeggartooti qabsoo Oromoo hedduun, kabajaa fi ulfina dhaloota kunneeniif qaban dabarsaafii jiran.
Kanneen seenaa keessatti hojii badaa dalagan akkuma dhalootaa dhalootatti balaaleffataman, kanneen hojii boonsaa dalagan immoo faandhahii dhalootaa ta’uun faarfamuu caalayyuu, galmee seenaa qabsoo Oromoo keessatti bakka olaanaa goonfatanii jiraatu.


Kun waan gaarii dha; garuu yeroo maratonaa kan dubartiis, dhiiraas fiigicha san laalaan ture; wal dorgommii adda addaas hordofaan ture; garuu ija camera kan TV.lee hedduu adda addaan dabarfamu irratti hin agarre; hin mul’atne jechuu koo ti; akka nama tokkoottis Oromoon achi jiru tokkumtillee maaf alaabaa keenya qabatee bakka tokko dhaabbatee hin mirmirsine jedhaan ture; anumatu hin agarre moo egaa hin beeku; yo ta’eera ta’eef waan baay’ee gaarii dha; ha jajjabaatan.
Qeerroon keenyaa baayyee hojii nama gammachiisu ojjechaa jirtu hojjetanittus jabaadhaa kun waaanta nu hunda keenyarraa beekamuudha- habashaan yeroo kana meeqatu dhi=ukkubsata seetan–viva qeerro continue your struggle until we freed from abyysinians!