Rakkoo “Garee Shanaffaa” Qabsoo Bilisummaa Laamshessaa Jirurra Aaanuu
Gaachana Oromiyaa tiin
Onkoloolessa 30 (Oromo Press) — Tokkummaan dhaabbilee siyaasaafi miseensota isaanii, akkasumas tokkummaan ummata Oromoo waliigalaa qabsoo Oromoo galmaan ga’uu keessatti barbaachisaa akka ta’e dubbii haallamuu hindandeenye.
Garuu wayita waa’ee tokkummaa haasofinu wanti tuffannee irra taraa jirru nijira. Wanti irra darbaa jirru kunis bilisummaa ummanni Oromoo, yoomirrayyuu amma caalatti dheebotee jiru, warra qancarsaa, ballessaa, xureessafi xireessaa jirani. Rakkoon kun sochii ummatoota biroo cunqursaa hamaafi kolonii jala turan keessatti rakkoo “garee shanaffaa” (the problem of the fifth column) jedhamuun beekkama.
Gaffiiwwan Ijoo:
Oromiyaafi biyyambaa keessatti, “garee shanaffaa” akkamitti hiikkanna? (garee shanaffaan maali?)
Warri garee shanaffaa walumaagalatti eenyufaadha? Amala maali calaqqisiisaa jiru?
Guutumattillee gaaffiiwwan kanneen gadifageenyaan deebisuunis dadhabamu, barreeffamini kuni yaadota ijoo gaaffiiwwan kanneeniin hammataman xiinxaluu yaala.
Maalummaa Garee Shanaffaa Irratti
Rakkoon garee shanaffaa qabsoo farra-gabrummaa keessatti biyyoota ardii Afrikaa kolonii jala turan keessattis ta’e, biyyoota ardii biroo kan akka Laatiin Ameerikaafi biyyoota Awurooppaa gara bahaatti argaman keessatti, akkasumas Eziyaa keessatti guddinaan mul’atee ture. Garee shanaffaan ammalli waloo inni agarsiisu inni guddaan ummatuma gabrumaa jala jiru keessatti of gurmeessee ykn bifa nam-tokkeetiin diina wajjin tokkumaa ifaa ykn tokkummaa lafajalaa uummatee qabsoo haqaa balleessuudha.
Amalli garee shanaffaa guddaan inni lamaffaan gadaantummaa xiinsammuuti. Gaadantummaa xiinsamuu garee shanaffaa kana faranjiin “Stockholm Syndrome” [Mallatto Istookolm]. Kana jechuun, garee shanaffaan warra isaan booji’ee ofitti madaqiseen walfakkaachuu yaalu. Sirna gadaantummaa mataa kana keessatti booji’amaan (garbichi) ykn tajaajilaan diinaa warra isa booji’e jaalata. Ummata isaara gooftota isaatiif akka sareen warra isheetiif amanamtu amanama/mti. Gadaantummaan itti dhaga’amu kunis yaada sababii hinqabinerraa madda. Jarri kuni qabsoo Oromoo keessatti “buchiloota ykn lukeewwan diina, kittilayyota” jedhamu.
Rakkoon garee shanaffaa Qabsoo Oromoo keessa hinjiru jedhanii yaaduun of goyyoomisuu, ykn immoo mirqaanaa hubanno-dhabeessan guutamuudha. Eeyyen, garee shanaffaan waggooti dhiyooti asittis ta’e waggoota 21 darban keessa biyyattis biyya alaattis baayyachaa jiru.
Hiikini idilee “Garee Shanaffaa” isa asii gadiiti:
… garee namootaa ummatichuma keessaa bahanii/taa’anii icciitiidhaan fedhii ummata isa guddaa warra duradhaabbatu yk qancarsu ykn balleessuu yaalu…Garee shanaffaan gurmuu namoota iccitiidhaan [ykn ifaan) kaayyoo diinaa warra dinqisiifatan, deeggaraniifi hojiirra oolchani. Tooftaan inni ijoon garee shanaffan dhimma itti ba’u, deegartota diinaa ummata fi dhaabbilee siyaasa ummata bal’aafi haqaa keessa lixuun diina tajaajiluudha. Afaan Ingiliziitiin hiikaa bal’aa garee shanaffaa argachuuf, as dubbisi.
Oromiyaafi Ambatti Hojii Garee Shanaffaa Qabsoo Daddaaqisuufi Qancarsuurratti
Oromiyaa keessatti garee shanaffaan akka dhaabatti Adda Bilisumma Ummata Tigireetiin ijaaramee qabsoo Oromoo qancarsuufi garadabarsuurratti ifaan kan hojjetaa as gahe Dhaabbata Dimokirasummaa Ummata Oromoo (DhDUOdha). Akka garee shanaffaatti hojjechaa turuun DhDUO waan ifatti ummanni Oromoo hundi beeku. Kanaafuu, asitti waa’ee Dhaadiyoo kanuma eeree irra darbuun fedha.
Dhimmi yaachisaan baroota dhiyoodhaa asitti mul’achaafi margaa jiru garuu rakkoo garee shanaffaa mooricha qabsoo biliumumaa Oromoo keessaa warra waggoti kurnoota baay’eef hirmaachaa turaniiti. Garee Shanaffaan keessa qabsichaatii madde kaansarii hamaa ta’aa odoo jiruu, dhimmi kun akkamitti osoo hinaka’in har’a ga’e?
Bara kana keecha garee shanaffaan mooraa qabsichaa keessatti iccitiin ijaarraman amaloota ijoo muraasaan beekkamu: i) cimsanii waa’ee waggaa 40 darbeef qabsoon Oromoo bu’aa agarsiisuu dadhabuu irraa haasa’u; (ii) waa’een rakkoo garee shanaffummaa isaanii yoo ka’e, tokkummaa keenya diigufi jedhanii watwaatu; (iii) Itoophiyaafi Itoophiyummaaakka waan rakkoo hinqabineetti keessafi ala isaanitti uffatanii deemu–warruma Amaaraafi Tigireerrayyuu Itoophiyummaan caalanii mul’atu (iv) akka garee fooyya’oo mara-adunyaattti (global) ykn akka garee naannootti (regional) godhanii of dhiyeessu; (vi) umna gantoota heedduu barataniifi duraan qabsicha keessaa mufatanii ba’aniitti dhimma ba’u; (vii) horiin isaan ittiin hojii garee shanffummaa isaanii hojjetaniin horii kallattiidhaan mootummaa Itoophiyarra itti ergamu ykn maallaqa jabaa biyyoota warra lixaatiin iccitiin itti kennamu. Amaloonni kunneen gaaffii: “Garee shanaffaa akkamittan garee dhugaarraa addaan baafadha?” jedhuuf deebii ta’u.
Garee shanaffaan bara kanaa ummatichuma keessaa akka muka qottotti sababa biqileef, dhugumaan kaayyoo Oromoon bilisummaa Oromiyaatiif qabu dura dhabbata jedhanii mamuun rakkisaadha. Bifa garrarraa uffachuun qabsoo dhugaan of fakkeessanii ummata raatessu. Kanneen isaanii maqaan isaan dhaaba isanitiif moggaafatan guutumatti maqaa dhaaba haqaa waliin walfakkaata. Gochi isaanii garuu gocha diinati. Maqaan otoo hintaane, waan godhaniin adda ba’u. Yoo namini isaan shakke ykn isaan qeeqe garrarroonni holola banuudhaan amala namaa ajjeesuurratti xiyyeeffatu. Oromoodhaaf isaan malee Oromoon biraa beekufi akka hindadeenye akka hundabeektotaafi hundadanda’ootatti of dhiyeessu. Isaan yoo badan, qabsoonis nibada itti fakkaata. Aangootti ofumaaf cichu malee dhaloota haaraa ofitti makuus ta’ee leenjisuuf fedhii hinqabani. Yoo ofitti makakanis akka daballee jalee hojii isaanitti dhimma ittiba’uufi.
–Full Report at Oromo Press


Barreeffamni kun hubannoo gaarii kan haga ammaa sirriiti hinbarreeffamiin/hindubbatamiin irra taraman qabattee jirti. barreessaa galatoomaa. Akkuma barreeffamichi jedhu oromoonni hedduun sababa jireenya gamtaa /social life/jeduun eenyummaa /identity/ isaanii yoo dagatan argina. Fknf. Oromonni sagal habashaa tokko waliin yoo walqunnaman martinuu Amaariffaan haasa’u. Maaliif? Namichi tokko sun yoo fedhe barachuu qaba;fedhii yoo hinqabaanne jaraan wal arguun irraa hin eegamu;jara hinbarbaadu jechuu dha. Akkasumas amma illee dargaggoonni tokko tokko habashoota wajjin fuudhaa fi heerumaan walqunnamuun kiyyoo/ibidda/ umurii guutuutti of galchu. Habashaa wajjin gaa’ila godhachuun umurii guutuu hidhaa ofirratti murteessuu dha. Maaliif yoo jenne oftaatee jiraachuu irratti gufuu guddaa qaba. Ittihaayaadnu.
Anis barreefama hojii garee shanaffa jedhu kana irratti waa xinnon darbachu fedha.
Wa’e qabso bilisumma fi tokkumma qabsa’ota bilisumma oromo yeero bayye irra dedebi’ame kaafame jira. Kunis dheebu u’ummati oromo bilisumma isatiif qabu fi dhabota maqa u’ummatichatin kakatan garu beekas ta’e wallalani yaada faalla qabso kana dhabbatan yoo danda’ame hubanno tokko, galma tokko qabatanii deemu, yookanis diina ta’u isaanii ifatti arganii irra maqu fi namoota tarii dogogoru danda’nis hubanno itti horun akka maluf jedhameeti.
Yaadi kun garu, galama isa ga’e rakko ture salphisu irra daranu utuu gareen babal’acha jiru ija keenyan ilaala jirra. As irratti yeero darbe nami tokko sagale Ameerika qophi afaan Amara irratti gaaffi rakkoon ABO yookanis cinachi laafan isa maal jette yaadda jedhame yoo gafatamu, deebin inni kenne “rakkoon iddo lama-saditti cituu caale maal” amma dhabi maqa bilisumma oromotiin qabsa’an lama-sadii ga’aniru jedhe. Hubadha egaa namini knu ofiifu dhaaba arfaffa dhaabuf wixifata jira.
Dhiiro mee dhaabanne of haa gaafannu. Amma yoomitti odeesiitu taana, waa hasaun yaada wal-dabarfachun gadhedha jedhe miti, dhugummayyu innu qaama fi injifanno qabso kanati, garu mee isa yaadan jennu maddi qabso hidhanno amma itti jirru gama kamiin taakku tokko jijirra haa jennu. Falli keenya afaan ittiin waliin marii goonu madditti affan qawwe keessa dhufaa qabsotti haa cichinu.
Dear Author,
your concern is not bad, but your way of categorizing all Oromo nationalists, who are not in your faction/group, as the fifth columinist is simplistic and naive. Open your mind and try to see the whole spectrum of the political views in the Oromo community.
You don’t need to panic; the baabura bilisummaa is moving slowly, but surely forwards. No Oromo national is ready to move back to DJ (Djibouti = Amhara dominated unitary Ethiopia) and to live in AY (Ayisha = keep the status quo), but we all want to move forward to the achievable arrival at DD (Diredhawa = the position of realizing true federation with Oromian autonomy) on the journey to AD (Adaama = an indispensable Oromian independence, which currently seems to have got certein obstacles). You seem to see only two political colours (black and white), and have color blindness for the other political colours in a grey zone, as some of our Oromo intellectuals seem to be.
I heard from one vetrinary doctor, that dogs do have such a picture of only black and white regarding their environment, because their visual capacity is not developed to the level of humans in order to discern the whole spectrum of colors. I wish those Oromo nationalists, like you, who are with such color blindness better differentiate genuine Oromo nationalists in different organizations, who are having different approach regarding the liberation movement.
Otherwise we all do fall into the trap of Woyane foot soldiers, who are busy dividng the Oromo freedom fighters as a “criminal pro-Ethiopian democratization” Oromo VS a “self righteous pro-Oromian liberation” Oromo. Of course, we do have other smart Oromo scholars, who differ from your likes for they seem to see at least four political blocs in that empire: the unitarist Amhara elites to dismantle Oromia, the hegemonist Tigrai elites to dominate Oromia, the federalist Southern elites to recognize bilisummaa Oromia and the liberator Oromo nationalists to achieve walabummaa Oromia.
From the liberator Oromo nationalists, there are some like those whom you try to villify here, who do accept the position of the federalists as a transitional solution on the way to an independent Oromia. They seem to believe that in a genuinely federated NEW Ethiopia, there will be a realized bilisummaa Oromia (Biyya-Oromo free from any alien rule), which is a very good prelude to the walabummaa Oromia we all strive for. But some people being either DiGa (Diina Gamna) or FiGo (Fira Gowwaa), do fight in cyber world against such noble Oromo freedom fighters, who do have a smart way of struggle towards the same kayyoo of bilisummaa and walabummaa. I wish that the FiGo develop their political out look from the level of seeing only black and white to the level of having an inclusive look to the whole spectrum.
Otherwise, no question that the liberation of Oromia is taking place step by step as shown below:
- the time from 1889 to 1991 was the phase of ‘Oromia dhabame’ which is the same to life in DJ (Djibouti) = compelte grbummaa under the Amhara rule; it took the baabura bilisummaa many years to reach the border town called Ayisha (AY).
- since 1991, we do live in AY, the symbol for ‘Oromia qabame’ = Oromia with a limited cultural autonomy under the Tigirai hegemony; now, it seems the baabura bilisummaa started to move forward and the Tigrai hegomony already started to shake.
- In the year X, in the near future, we will reach at DD (Diredawa), the phase of ‘Oromia bilisa’, the land which is free from an influence and rule of any alien force.
- In the year Y, in the middle future, the babura bilisummaa will arive at AD (Adaama) = Oromia walaba with our flag in the UN.
- In the year Z, in the far future , we will achieve the unification of Oromia in the Horn of Africa including all areas, where the Oromo people do live, which is equivalent to the final journey to FF (Finfinne).
Of course, confirming your scepticism regarding the possible democratization of that area, Ethiopia and Oromia are diametrically exclusive to each other; the crescendo of Oromia’s liberation is tantamount to a decrescendo of Ethiopia. In Short: Ethiopia of Amhara = Oromia dhabame … Ethipia of Tigrai = Oromia qabame … Ethiopia haaraa = Oromia bilisa … Ethiopia diigamte = Oromia walaba …Ethiopia dhabamte = Oromia tokkoome!
Waa’ee Oronmiiyaa ilaalchisee barruun 1970 keessa gulaalamee karoora daandii warraaqsi bilisummaa fudhatameera.Sunis kaayyoo har’aa fi kaleessaas Hogganoota irraa hanga miseensa fi ummanni keenya itti wareegamaaruudha.
Haa’tau immoo ammaas waa gadi fageessanii ibsuun barbaachisaadha.Dhaloota mma qabsoo dhaale kan akka Qeerroo fi kan biros Daandii Warraaqsaa kana gadi fageenyaan akka keessa hubatan taasisuun barbaachisaadha.
Namuu fuula jirruun waan dandenyu barruu fi haasa’aan seenaa bilisummaa irraa waan tokkummaa fi murannoolee fi itti ciccha hanga bilisummaa tti qajeelfama nuuf tahu irratti haa gumaachinuu jedha ,galatoomaa,Baraari’aa fi injifannoon guula kan Oromiyaa !!!
Bareessaan barruu kanaa yaada nuu laattaniif baay’ee galatoomaa.
Garuu, maaluma qaba yeroo dhimma saba guddaa kanaa irratti waa tokko jennu /keessattuu miidiyaa irratti/ ija tokko qabannee barreessuu irra yooni nurraa hafe. Arrabsoo fi wal xureessuun tekstii bal’aa hagana gayuu eegaluun Oromoofi moo garee tokkoof yaadameeti? Hojiin akkasii immoo daran wal jeequun ala bu’aan tokko kan inni qabu hin jiru.
Gaafa tokko shoorarkaa kana keessaa numa baana!!!
Misiroon ni bareeddi jennaan misirroon faaqii ija babaafte jedhanii xiqqoo keessa baatanii midia bira taruun garee qabattanii deemaa jirtuu utuu dhiiftanii akka media saba tokkootti utuu deemtanii woyya yaa soogiddaa ofii jettu mi,aa,i anaaf jettu dhiisi yookaan dhagaa jedheen si darbaa jedhe namichi jedhanii galatoomaa!!
Jarri kun maal jechuu yaaltu?ifa bahaa OPDO hin xuqinaa TPLF hin tuqinaa jedhaa.raya fi kan biros maal xibaartu?quba hanga laattanii nama ajjeesiftan isiniif gahaa,amma hidhaamrtu ofii keessanif maal nu dhiisaa jettu isin kondoonni garaaf hojjtu
Isin warri biyya faranjii keessaa gare garee jettan sobduudha.Dhaaba ABO isa tokkicha Jaal Daawud Hogganu kan ummanni Oromiyaa fi Qeerroon isaa beeku.Wiskii dhugdanii akkuma nafxanyaa interneet irraa garee wal moggaaftanii kan iyyitan birrii TPLF bankii biyya faranjii guuru sana qoodachaa akka jirtan ummanni Oromiyaa ni beeka.OPDO tokko biyya keessatti nama ajjeesisa kaanis dhaaba of moggaase biyya faranjii keessaatti ummata adda qooduu dirqama fudhate.
Hojii diinni goobanootaaf laatu tokko illeen qaruuxee bilisummaa Oromiyaa fi ummata Oromiyaa irraa kan dhokatuu miti.
ABO duris ammaas qaama ummata Oromoo isa callaa dha kan hojjachaaru,soba dhiisaa yaa OPDO biyya faranjii ergamtee fi kan biyya keessaa nama ajjeesiftanis,boru isinis hidhamtu akkuma Juneeddii Saaddoo fi kan biroos.
Gaacahan Oromiyaa
Atis udaanuu keeti malee Oromoof dubbachaa akka hin jirre barreeffama keeti irraa sirritti Oromoof gala. Kan nama dhibu, eenyutu isin filee Oromoof wabii isin akka godhe saba baldhaaf hin galu. Biyya baqattan keessatti akka feetan udaanuun mirga keessan. Garuu Oromoon inni keessaa fi alaa erga isin tufee oolee bubbulee ti jira. Gurra si haa seenu. Xeebuu feetu garee kee matatti baadhadhuu xibaaraa ooli.
Kannee Afaan qabannee waan sabaaf tolu dalagna jettanii amantan ammoo…alba’aa ooluu dhiisaa waan dandeettan hojjadhaa. Kan hojjate haa nyaatuu” jedha Oromoon. Kanaan alatti, kana booda hammamuu gareelee teessanii iyyitanuu lafi isinitti dukkanooftee jirti.
Qabsoon tan Ummata Oromoo ti! Rafugee usaa kuulii teessan dalagadhaa.
Aanolee,ati iyya faranjii jiratteef namni hundi biyya faranjii jira jettee hin yaadin.Dhugaa barbaaddu ani bilbila koo siif laadha.Finfinnee keessattis na arguu dandeessa,bahaa fi kibba keessattis.Garuu,amma wal dhiifnu tola,aarii buufadhu,ummanni waraana bilisummaa shawaa fi baha kibbaa kaabaa dhiha keessatti argaara,ummanni abdii fi sabata argateera,akkasuma qeerroo hamileen jabaateera.
Ani illeen garee tolfataa fi garee falmuuf miti dhugaa jiru argee qaamaa sammuun sabadheera,gammachuun dhufeera ifaan bilisummaa dhufaara,injifannoo oromiyaaf !!!
Annolee, jechuma dhabdeet “udaanuu” fayyadamtee? Ati yakkamaa Oromoo hiraarsitu ta’uu hinooltu. Barreeffamichi akka si aarse nibeekisisa. Oromoo fedhii Oromoof dhaabbate barreeffamini akkasii aarsuu hindanda’u. Guyyaan badii keessanii dhiyaatee jirti. Oromiyaan kan Oromooti!