Rakkoo “Garee Shanaffaa” Qabsoo Bilisummaa Laamshessaa Jirurra Aaanuu

Gaachana Oromiyaa tiin

Onkoloolessa 30 (Oromo Press) — Tokkummaan dhaabbilee siyaasaafi miseensota isaanii, akkasumas tokkummaan ummata Oromoo waliigalaa qabsoo Oromoo galmaan ga’uu keessatti barbaachisaa akka ta’e dubbii haallamuu hindandeenye.

Garuu wayita waa’ee tokkummaa haasofinu wanti tuffannee irra taraa jirru nijira. Wanti irra darbaa jirru kunis  bilisummaa ummanni Oromoo, yoomirrayyuu amma caalatti dheebotee jiru, warra qancarsaa, ballessaa, xureessafi xireessaa jirani. Rakkoon kun sochii ummatoota biroo cunqursaa hamaafi kolonii jala turan keessatti rakkoo “garee shanaffaa” (the problem of the fifth column) jedhamuun beekkama.

Gaffiiwwan Ijoo:

Oromiyaafi biyyambaa keessatti, “garee shanaffaa” akkamitti hiikkanna? (garee shanaffaan maali?)

Warri garee shanaffaa walumaagalatti eenyufaadha? Amala maali calaqqisiisaa jiru?

Guutumattillee gaaffiiwwan kanneen gadifageenyaan deebisuunis dadhabamu, barreeffamini kuni yaadota ijoo gaaffiiwwan kanneeniin hammataman xiinxaluu yaala.

Maalummaa Garee Shanaffaa Irratti

Rakkoon garee shanaffaa qabsoo farra-gabrummaa keessatti biyyoota ardii Afrikaa kolonii jala turan keessattis ta’e, biyyoota ardii biroo kan akka Laatiin Ameerikaafi biyyoota Awurooppaa gara bahaatti argaman keessatti, akkasumas Eziyaa keessatti guddinaan mul’atee ture. Garee shanaffaan ammalli waloo inni agarsiisu inni guddaan ummatuma gabrumaa jala jiru keessatti of gurmeessee ykn bifa nam-tokkeetiin diina wajjin tokkumaa ifaa ykn tokkummaa lafajalaa uummatee qabsoo haqaa balleessuudha.

Amalli garee shanaffaa guddaan inni lamaffaan gadaantummaa xiinsammuuti. Gaadantummaa xiinsamuu garee shanaffaa kana faranjiin “Stockholm Syndrome” [Mallatto Istookolm]. Kana jechuun,  garee shanaffaan warra isaan booji’ee ofitti madaqiseen walfakkaachuu yaalu. Sirna gadaantummaa mataa kana keessatti booji’amaan (garbichi) ykn tajaajilaan diinaa warra isa booji’e jaalata. Ummata isaara gooftota isaatiif akka sareen warra isheetiif amanamtu amanama/mti. Gadaantummaan itti dhaga’amu kunis yaada sababii hinqabinerraa madda. Jarri kuni qabsoo Oromoo keessatti “buchiloota ykn lukeewwan diina, kittilayyota” jedhamu.

Rakkoon garee shanaffaa Qabsoo Oromoo keessa hinjiru jedhanii yaaduun of goyyoomisuu, ykn immoo mirqaanaa hubanno-dhabeessan guutamuudha. Eeyyen, garee shanaffaan waggooti dhiyooti asittis ta’e waggoota 21 darban keessa biyyattis biyya alaattis baayyachaa jiru.

Hiikini idilee “Garee Shanaffaa”  isa asii gadiiti:

 … garee namootaa ummatichuma keessaa bahanii/taa’anii icciitiidhaan fedhii  ummata isa guddaa warra duradhaabbatu yk qancarsu ykn balleessuu yaalu…Garee shanaffaan gurmuu namoota iccitiidhaan [ykn ifaan) kaayyoo diinaa warra dinqisiifatan, deeggaraniifi hojiirra oolchani. Tooftaan inni ijoon garee shanaffan dhimma itti ba’u,  deegartota diinaa ummata fi dhaabbilee siyaasa ummata bal’aafi haqaa  keessa lixuun   diina tajaajiluudha.  Afaan Ingiliziitiin hiikaa bal’aa garee shanaffaa argachuuf, as dubbisi.

Oromiyaafi Ambatti Hojii Garee Shanaffaa Qabsoo Daddaaqisuufi Qancarsuurratti

Oromiyaa keessatti garee shanaffaan akka dhaabatti Adda Bilisumma Ummata Tigireetiin ijaaramee qabsoo Oromoo qancarsuufi garadabarsuurratti ifaan kan hojjetaa as gahe Dhaabbata Dimokirasummaa Ummata Oromoo (DhDUOdha). Akka garee shanaffaatti hojjechaa turuun DhDUO waan ifatti ummanni Oromoo hundi beeku. Kanaafuu, asitti  waa’ee Dhaadiyoo kanuma eeree irra darbuun fedha.

Dhimmi yaachisaan baroota dhiyoodhaa asitti mul’achaafi margaa jiru garuu rakkoo garee shanaffaa mooricha qabsoo biliumumaa Oromoo keessaa warra waggoti kurnoota baay’eef hirmaachaa turaniiti. Garee Shanaffaan keessa qabsichaatii madde kaansarii hamaa ta’aa odoo jiruu, dhimmi  kun akkamitti osoo hinaka’in har’a ga’e?

Bara kana keecha garee shanaffaan mooraa qabsichaa keessatti iccitiin ijaarraman amaloota ijoo muraasaan beekkamu: i) cimsanii waa’ee waggaa 40 darbeef qabsoon Oromoo bu’aa agarsiisuu dadhabuu irraa haasa’u; (ii) waa’een rakkoo garee shanaffummaa isaanii yoo ka’e, tokkummaa keenya diigufi jedhanii watwaatu; (iii) Itoophiyaafi Itoophiyummaaakka waan rakkoo hinqabineetti keessafi ala isaanitti uffatanii deemu–warruma Amaaraafi Tigireerrayyuu Itoophiyummaan caalanii mul’atu (iv) akka garee fooyya’oo mara-adunyaattti (global) ykn akka garee naannootti (regional) godhanii of dhiyeessu; (vi) umna gantoota heedduu barataniifi duraan qabsicha keessaa mufatanii ba’aniitti dhimma ba’u; (vii) horiin isaan ittiin hojii garee shanffummaa isaanii hojjetaniin horii kallattiidhaan mootummaa Itoophiyarra itti ergamu ykn maallaqa jabaa biyyoota warra lixaatiin iccitiin itti kennamu.  Amaloonni kunneen gaaffii: “Garee shanaffaa akkamittan garee dhugaarraa addaan baafadha?” jedhuuf deebii ta’u.

Garee shanaffaan bara kanaa ummatichuma keessaa akka muka qottotti sababa biqileef, dhugumaan kaayyoo Oromoon bilisummaa Oromiyaatiif qabu dura dhabbata jedhanii mamuun rakkisaadha. Bifa garrarraa uffachuun qabsoo dhugaan of fakkeessanii ummata raatessu. Kanneen isaanii maqaan isaan dhaaba isanitiif moggaafatan guutumatti maqaa dhaaba haqaa waliin walfakkaata. Gochi isaanii garuu gocha diinati. Maqaan otoo hintaane, waan godhaniin adda ba’u. Yoo namini isaan shakke ykn  isaan qeeqe garrarroonni holola banuudhaan amala namaa ajjeesuurratti xiyyeeffatu. Oromoodhaaf isaan malee Oromoon biraa beekufi akka hindadeenye akka hundabeektotaafi hundadanda’ootatti of dhiyeessu. Isaan yoo badan, qabsoonis nibada itti fakkaata. Aangootti ofumaaf cichu malee dhaloota haaraa ofitti makuus ta’ee leenjisuuf fedhii hinqabani. Yoo ofitti makakanis akka daballee jalee hojii isaanitti dhimma ittiba’uufi.

–Full Report at Oromo Press