Tokkummaa Dhaadhessuu fi Tokkummaa Ijaaruun Walii-lama
Hubataa Dubbii irraa | Waxabajjii 25, 2012
Torbbaan afuran dabran keessa gaaffii fi deebii lama, kan Raadiyoon Afuura Biyyaa, Hayyuu Duroota gartuu ABO lama waliin godhee akkan barruu kana barreessu na kakaase.
Inni dura, tokkummaa qabsaa’ota Oromoo ilaalchisee gaaffii raadiyoo kanaaf deebii Obbo Dhugaasaa Bakakkoo, HDn gartuu ABO isaaniin hoogganamuu, kennan. Obbo Dhugaasaan akka jedhanitti sochiin gartuun saanii “yeroo ammaatti fuula irratti deeffatee hojjechaa jiru hunda caalaa humnna qabsoo keenya kan … baroota dabraniin diddiigame, rakkoon mudate, walitti fiduu fi gurmeessuu dhaafii hojjetamaa jira.”
Inni Lammaffaa gaaffii wal-fakkaataa isaaniif dhihaate irratti deebii Obbo Daawud Ibsaa, HDn ABO isaaniin hoogganamuu, kennan. Isaaniis akka jedhanitti, gartuu ABO Obbo Dhugaasaan hoogganamu wajjin “yeroo addaddaati walitti deebinee waan hedduu haasofnnee, waan hedduu irratti wal taanee, waan irratti hahaftte jirtti. Isheen kun itti fuftti. Itti fufttee, ni xumuramtti.”
Tokkummaan qabsaa’ota Oromoo, sabboontota Oromoof, gaaffii yeroo fi hawwii sabboontota Oromoo ta’uu isaa hubatanii irratti waa jechuusaaniif isaaniin galateeffadha.
Hawwii sabboontota Oromoo kan ta’eefis sababa malee miti!
Inni duraa, mirga ofii falmachuun qabsoo feedha. Qabsoon ammoo qabsaa’aa malee hin jiraatu. Qabsaa’anii injifachuun gurmaa’anii qabsaa’uu gaafata. Guurmaa’anii qabsaa’uun ammo tokkummaa qabsaa’otaa gaafata. Tokkummaan gurmaa’anii qabsaa’uun saba keenyaa fi irree cima kenna; injifannoos ni shaffisa. Tokkummaan qabsaa’otaa kanaaf hawwii sabboontota Oromoo ta’e.
Inni lammaffaa, tokkummaan qabsaa’otaa yeroo laafu, qabsoo gaaga’a; injifannoo fageessa.
Kanaaf ragaa guddaan haala amma QBO keessa jiru caale hin jiru. Erga ABOn gartuu addaddaatti baqaquu jalqabee booda qabsoon bilisummaa Oromoo yeroo dheeraaf yeelalaa dhufee sadarka gaddisiisaa fi yaaddessaa amma jiru irra ga’e. Qabsaa’onni Oromoo gartuulee addaddaa keessatti faffaca’anii, humnna fi qabeenya saanii ittichanii sosso’uu dadhabuun saanii waan inni QBO irraan ga’e tilmaamuun rakkisaa miti.
Qabsicha laamshessuu bira taree, mootummaa Wayyaanee caalaatti ija jabeesse. Wayyaaneen, yaaddoo tokko malee roorroo saba keenya irraan geessu hammeessaa dhuftte. Lafa Oromoo, Oromoo irraa buqqifttee, abba feetetti gurguruutti bobbaate. Osoo qabsaa’onni Oromoo tokkummaan sosso’anii saba saaniif irree ta’anii jiraatanii kanneen Wayyanneen lafa Oromoo itti gurguruu yaaltullee bituu sodaatu turan. Sabin irree cimaa hin qabnne alagaa biratti kabaja hin qabu. Kanaaf, alagaan, soda tokko malee, lafa saba keenyaa akka qircaa gargar hirachaa jira. Oromoon irree cimaa fi alagaa biratti sodaatamaa dhabuu isaaf sababin tokko qabsaa’onni isaa tokkumaa dhabuu dha. Kannaaf ammo gaafatama seenaa jala hin ba’ani.
Dhiibbaan faffaca’iinsii qabsaaota Oromoo saba keenya irraan ga’e lafa isaa irraa buqqifamuu qofaa miti. Biyya keessa fi alatti gaaga’ama hammana hin jedhamnneef saxile. Hidhaa fi dararaminni Wayyaaneen irraan geessu yeroo kamuu caalaa hammaachaa dhufe. Kanneen baqatanii biyyoota ollaa jiranille daangaa dabrtee uukkamsuun fudhattee galtee ajjeesuu ykn mana murtii mataa isheetti dhiheessitee du’a itti muruuf ija jabina kenneef. Osoo qabsaa’onni Oromoo tokkoomanii sabichaaf irree cimaa fi alagaa biratti sodaatamaa ta’aniifii mootummoonni ollaallee nama keenya qabanii diinatti kennuu ni sodaatu turan. Maal goona ree? Sabin irree cimaa hin qabnne, alagaa biratti kabaja hin qabuu!
Tokkummaan qabsaa’ota Oromoo isheef badiisa akka ta’e waan beekttuuf qabsaa’ota Oromoo gargar eeguun hojii wayyaaneen itti boobbatee keessaa isa guddaa dha. Basaasota addaddummaa qabsaa’ota Oromoo xixiqqoo irratti xiyyeeffachuun caalaatti isaan diigan hedduu bobbaaftte. Ganduummaa, naannummaa fi amantiin gargar hirttee walitti bobbaasuuf maallaqa hedduu dhangalaaftte. Sobaan wal yakkuu fi wal shakkuun akka isaan gidduutti dagaagu halkanii fi guyyaa hojjette. Kana irratti hamma tokko waan milkooftte fakkaata. Osoo tokkummaan qabsaa’ota Oromoo jabaa ta’ee jiraatee qabsoon Oromoo akkasi diinaaf banaa hin ta’u ture.
Gabaabaatti, tokkummaa dhabuun qabsaa’ota Oromoo saba keenya irree dhorkate. Irree dhabuun qabsaa’ota keenyaa saba keenya alagaa biratti kabaja dhabsiise, diina saba keenyaa jabeesse.
Haala kana dachaasuuf jecha sabbontonni Oromoo tokkummaa qabsaa’ota Oromoo hawwu. Kanaafis, gaaffii yeroo godhanii dhiheessu.
Hayyuu durootnni kun lamaan kana hunda akka gaariitti hubatu jedheen abdadha. Gurmuu qabsaa’ota Oromoo deebisanii dhinsuu fi Oromoo humneessuun fedhii saanii akka ta’e yeroo nutti himan kun isa duraa miti. Yeroo addadaatti, irra deddebi’anii nuti himaa fi hamilee nu kakaasaa turan. Ha ta’u malee, hamma ammaatti, tokkumaa dhaadhessuu malee ijaaruu saanii hin agarre. Inni ammaa kunillee kanneen dabran irraa adda ta’a jedhanii abdachuun nama dhiba.
Tokkoffaa, deebiin Hayyuu Durootnni kun lamaan gaaffii isaaniif dhihaateef kennaan waan qabatamaa tokkollee hin qabu.
Obbo Dhugaasaan, walumaagalatti humanna qabsoo Oromoo gurmeessuu irra jirra ha jedhu malee, homnoota kana keessaa eenyufaa wajjin akka mare irra jiran fi yoom akka xumurachuuf deeman waan himan hin qaban. Deebiin saanii, deebii isaan fi jaallan saanii, bara dheeraaf, yeroo addaddatti gaaffii kanaaf kennaa turan irraa adda miti. Hamma waan qabatamaan nutti deebi’anitti, abdiin irra buufatamuu hin qabu.
Obbo Daawuds gara saaniitiin, gartuu Obbo Dhugaasaa wajjin yeroo addaddaatti walitti deddeebianii haasa’uu saanii malee, haasaan kun yoom akka jalqabame fi yoom akka xumuruu yaadan waan ibsan hin qaban. “Ni xumuramtti” jechuu qofaan gahaa miti. Deebiin saanillee akkasuma kan abdiin irra buufatamuu qabu miti – hamma waan qabataman nutti deebi’anitti. Isaani fi jaallan saaniis, baroota dheeraaf, gaaffii kanaaf deebiidhuma kana kennaa tura.
Gartuun kun lamaan bara 2009 keessa haasaa araaraa jalqabuun saanii kan hundi beeku. Kun har’a waggaa sadi’ii ta’ee jira – itti baha isaa hin agarre. Yoo seenaa saanii dabre irraa kaanee sochii saanii fuula duraa tilmaamnne, yeroo dhihootti tokkoomanii Oromoof irree ta’u jedhanii abdachuun abjuun nyaatanii quufuu dha.
Dhaamsi ani hayyuu duroota kana lamaaniif qabu: Tokkummaa dhaadhessu fi tokkommaa ijaaruuun walii-lama. Yeroo dheeraaf dhaadhessitanii jirttu – ni gaha! Amma ijaaruusaa irratti fuulleffadhaa! Nus dhageessisaa!
Hubataa Dubbii
Waxabajjii 20, 2012
–Emailii Hubataa Dubbi hubataadubbii@gmail.com


Good point Mr Hubataa! If Dawud & Dhugasa’s reconciliation talk comes up with unification as early as possible, it might be putting a ‘STOP’ sign for Lencoo’s Marii! But if Lencoo’s Marii comes with conclusion prior to Dawud-Dhugasa’s reconciliation, that will be disastrous! So my advice is hurry up! Compete with time!
OLF leaders
J/Dhugasa and Bekako it time for you .
You must hurry up and propel forward.
Your unification is ??KEY” and to cuop TPLF in short duration.The mercenaries like LEnco and Dema they put the weaknes of TPLF andb the y wanna to use the chance .
Be hurry up and do not put in to consideration lenco and dema.
The oromo poeple with you.
The leaders be get tough!
you both are traitors intha of provisional government and stil now ana you cannot me stand stil for oromos right and we do not wanna yo ,
Cease up where are you now!
grub sons’
http://www.theafricareport.com/index.php/20120625501814182/east-horn-africa/ethiopia-china-in-$-1.5-billion-railway-deal-501814182.html
Waa’een marii yoo ka’u Oromoon waan gadi fageenyaan xiinxaluu qabu:
1ffaa. Gartuun kolneeffattootaa gonkuma mariif qopha”a akka hintaane
2ffaa. Dhaabbilee siyaasaa oromoo gidduutti mariin bifa ittifunfinsa qabu adeemuu akka qabu
3ffaa. Dhaabbileen siyaasaa oromoo jaarmiyaalee ummattoota cunqurfamoo ka biroo kan akka jaarmiyaalee ummata Sidaamaa, beneshaangul,kkf wajjin caalmaatti walitti dhufee hojjechuu akka qabu
4ffaa. jaarmiyaaleen siyaasaa habashootaa/nafxanyoota/ faayidaalee mataa isaanii eegsisuu fi bifa Oromoon gabrummaa jala turu miijessuuf malee rakkoo oromoo hiikuuf gonkuma akka hinbarbaadne beekuu qabna.
Egaa mariin amma morminu kan Oromoo fi Oromoo gidduutti ta’u utuu hintaane kan Oromonni tokko tokko woyaanota waliin marii’anna jedhanii abjuu hintaane abjootani dha. warri marii biyyaa ofiin jedhan kun tokkummaa garee Dawwidii fi Dhugaasaa Bakakkoo diiguuf ka tattaafatani dha. kanaaf Mariin biyya tooftaa Woyyaneen ittiin Oromoota diiguuf baasaa jirtu dha.