Tooftaa Koloneeffataa Kan Biraa: Dhugeeffannoo Keessaan Oromummaa Rukutuu

Ibsaa Guutama irraa | Caamsaa 6, 2012

Ibsaa Guutamaa

Musilman empayerichaa harki caalan Oromoo dha. Kanaaf dubbiin ka’e kun caalaatt Oromoo laala. Amantiin kan abbaati. Eenyuu nama irratt humnaan fe’uu yaalee milkaawe hin beeku. Reeffa nama malee ayyaanana saa too’achuun hin dandahamu. Fakeenyaaf bara durii mootiin Habashaa Yohaannis 4faa jedhamu ummata Oromoo kaabaa Kiristinnaa akka kootii fudhattan malee arraba “izaana” ittiin gootan isin irra cira jedhe. Kaan ni sarme, kaan didee arraba dhabe, kaan biyyaa baqatee bahe. Yohaanisis cubbuu sanaan Darbushiin mataatu ira cite. Amantichi garuu ammallee ballinaan hordofamaa jira.

Namooti amantee saanii akka barbaadanitt gaggeeffachuun mirga dhalootaati. Amanteen tokko kaan irra wayya jechuuf eenyuu mirga saas dandeettii saas hin qabu. Amantooti gurguddaan addunyaa kan murna murnatt hin qoodamin hin jiranii. Fakkeenyaaf Kiristinnaan, Kaatolikii, Ortodoxii, Lutheran kkf hiramu. Islammis Sunni, Shiyaa fatti hirama. Hundu murna jala hedduu qabu. Hunduu karaa karaan hordoftoota baayyifachuuf tattaafatu. Dhugaa saanii ummata barsiisuu fi ofitt hawwachuun giroo saaniiti. Sun dhimma finnaa tahuu hin qabu. Qoodi finnaa mirgi namoomaa akka hin uggamne tiksuu malee anjaa ofiif murna hawaasomaa tokko isa kaanitt naquu miti. Finnaa fi amanteen yoo gargar bahanii walabummaan gaggeeffaman malee hawaasa amantee adda addaa qabuuf balaa hin eegamne fiduu dandaha. Kanaaf bulchi amantalummaa kan barbaachise.

Empayerri Itiyoophiyaa amantee tokko haammatee kaan gadi qabaa bahe. Mutummaanis amantichis kan saba tokkoo ture. Sun sochii gurguddaa kakasaa dhufee. Isaan keessaa hiriirri Ebla/April 1974 Finfinneett Muslimin qophaawe tokkoo. Hiriirri sun Markaatoo Masgiida Anuwarii ka’ee hanga Parlamaatt diriire. Gaffiin ture hedduu ta’uyyuu inni guddaan walqixummaan ilaalamuu fi dhimma biyyaa keessatt qooda argachuu dha. Humnni tumsaaf murna birootaa irra bahe kan Musliman gadi hin turre. Sanan deggersi ummatooti qajeeltuu fi walqixxummaaf qaban garaa garummaa himatani akka dursu hubatamee ture. Aarii danfee bahe qabbaneessuuf ayyaanni waggaa Islamaa akka ayyana ambaa tahu fudhatamee. Imaammi Masgiidichaas walgahii hundatt Patriyarkiin walqixxee akka taahan godhame. Qurrammi hafan bifa bifan itt haananii dhoowun obonbolett warraqsaa kaasan.

Keessa keessa anjaa adda adaa haa kennaniif malee amantee dudhaa Habashaa ifatt finnaan tokko tahuun hafeera. Amantoota Oromoo garuu ija hamaan ilaaluun ittuma fufee jiraa. Hunda dura keettota saanii maqaa amanteen biyya keessa facaasanii onnee dargaggoo laashessuuf yaaluutt ka’an. Hayyama Waaqeffannaa kennameef irra mulqani. Itt haansanii naannaa Jimmaa fi Gumaa keessatt Kiristinnaa fi Musliman walitt buusuu yaalani. Amma Muslimaaniin murna nuti isiniif fille Ahbashii fudhattan malee isin goltuu jedhamtu ittiin jedhani. Dinniinuma Yohaannis 4faa sana.

Nambiyyaa hunda mirgooti ilmoo namummaa eegamuufii qaba. Heeraa fi seera biyyaa iddoosota saan tumame ulfeessuunis dirqama saatii. Kan seera cabse yoo jiraate mataan itt gaafatama malee murni keessa jiru hundi yaakkaa saaf hin gaafatamu. Kanaaf qaawwaa barbaadanii yk jette jettee funaananii amantee nambiyyootaa keessa qubaa galchuu yaaluun akeeka biraa qaba malee dubbii dhihaate qofa hin tahu.

Oromiyaan biyya amantoota hedduuti. Hawaasi Oromoo abba tokkoon haa tahu tuutaan amantee fedhe gula bu’uun mirga saati. Yoo fedha saa tahe murnoota Kiristinaa, Islaamaa, Waaqeffannaa kkf keessaa kan barbaade yk homaayyuu amanuu dhiisuu filachuu dhowwamuu hin qabu. Waan akkasii yaaluun nagaa naannaa fi ummatootaa boreessuu akeekkachuutt fudhatama. Ummati Oromoo hanga yoonaatt gara kamiinuu karisummaa agarsiisee hin beeku. Kun miira saa dhaabbataa dha. Ummata nagaa jaallatu dubbii hin feenee, mirga koo naa beekaa qofa jedha. Ori’a caalaa ilaa fi ilameett amana.

Amma garuu mootummaan angoo Habashaa dhuunfatee jiru abba tokkootaa fi murnoota Oromoo maa teessuu, ka’aa, nagaa booressaa jedhaa jira. Garuu hin milkaawu. Ummatni aadaa Gadaa himatu lammiin ofii amanteef yeroo guraaramu ishoo jedhee harka hin rukutu. Dorgommee murnoota amantee keessa jiru kan damboobsu haa tahu kan daanya’uu qabu hawaasicha. Murni tokko kan biraattin roorrisa yk ulfina sabichaa, eenyummaa fi tokkummaa saan jeeqa yoo jedhe aarii sabichaa jala akka hin baane beeka. Seeraa akka hin cabsine of eeguu kan qaban abba tokkoota sochii amantee tahee kan biraa keessati qooda fudhatanii. Giddiitti sochiin Oromoo kan addunyaan walitt hidhamuu hin qabu. Sana mootummaan hardha angoo irra jiru kan lallabuuf miti.

Erga mootummaan amma jiru aangoo qabatee Oromiyaatt duula hedduutu baname. Daldalooti saa walqixxummaan daldalanii akka hin buufanne taasifamaniiru. Lafa saa irra bakka biraa fidanii nama qubachiisaniiru. Ballinaan lafa taadhii irra buqqisanii daldaloota gabra gamaatti gurgurataniiru. Haddhaan laggeenii fi biyyoo saa faalaa jiru. Sanaan nama, horii fi naannaan uumaa badaa jira. Namoota iyyannaa bahan fixaniiru, bosona ibdaan barbadeessaniiru. Barumsa, tajaajilla fayyaa fi bu’aa adda addaa argamuu malu lashesaa jiru. Duulli amma amantee irratt tolfamaa jiru sanaan addatt kan laalamu miti. Duula sadarkaa olhaanatt butame kan sanuma irra guddataa dhufe.

Oromoon kamuu duulli hardha murna amantee saa tokko irratt gaggeeffamaa jiru hanga sana cabsee itt darbutt eeggachuu hin qabu. Kaleessa kallacha qabsoo saa ABO shororkeessituu jedhanii, waan isaan nama nagaa mana saa taa’u irraan gahaa jiran ni arga. ABOn dhaaba amantalaa/secular tahuyyuu miseensoti isaa amantee fi godinaa Oromiyaa hunda keessaa bahani. Kaayyoos, goototas, biyyas tokko qabu. Akeeki saa Oromiyaa ofiin bultu fi ummata birmaduu argamsiisuu dha. Diinni Oromoo waan kana beekuuf mala adda addatiin hankaaksuuf murteeffate. Kun yaalii saa isa dhumaa hin tahu ijoo lallaaftuu itti fakkaatan barbaadee tuttuquu hin dhaabu.

Kanaaf hundi dammaqee mirga ummata saa waliigalaaf dhaabbachuutu irra jira. Islamummaa kan hordofu dilormaa Oromoo keessaa walakkaa gadi hin tahu kan jedhan jiru. Lakkofsa guddaa akkasitt aggammachuun hundatt aggaamachuu gaditt ilaalamuu hin qabu. Kanaaf keettoo isaan keessa facaasaa jiran dammaqanii ofirraa ittisuuf qophaawuun barbaachisaa dha. Dhiigi lammoota keenyaa Arsiitt gidduu kana lola’e caalaatt nu jabeessa malee qabsoo keenya hin laaffisu. Sababa amma himamuun haatahu kan biraa uumamee golee Oromiyaa hunda keessatt hidhaa fi ajjeechaan akka itti fufu beekanii of qopheesuu dha. Kan dabaan kufan hundi gootota Oromooti; Bilisummaan dhiiga saaniitiin ni lalisti malee hin coollibdu.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokko

– Gubirmans.com