VOA Afaan Oromo: Finfinnee Naannoo Bole ti Mana Diigaa Jiruu

Audio clip: Adobe Flash Player (version 9 or above) is required to play this audio clip. Download the latest version here. You also need to have JavaScript enabled in your browser.

WASHINGTON DC — Magaalaa Finfinnee naannoo Boolee Bulbulaa jedhamu aanaa 12 keessatti mootummaan manneen 400 ol diiguu isaa jiraatonni ibsanii jiru.

Waggootiitorba caalaaf iddoo kana keessaa jiraataa akka turan kan ibsa jiraatonni tajaajiila Ibsaa fi Bishaanii mootummaan nu ehamee galfanne jirra jedhu.

Jiraatonni iddoo kanaa harka saddettamaa ol Oromoo waan taaneeef bakka dahannaa Adda Bilisummaa Oromooti jechuun nu shakkaa eega turanii booda dhuma irratti yeroo mummichi ministeera Itiyoophiyaa duraanii Mallas Zenaawwii du’an warra bo’icha hin deemne irratti fulleffachuun tarkaanfii kana nu irratti fudhatan jedhu.

Bulchaan aanaa 12 obbo Amdee Tasammaa deebii gama mootummaa gaafatamanii waan isaa hin beeku, kan dubbannu yoo jiraate waajiira keenya kottaa nu dubbisaa jedhanii jiran

VOA Afaan Oromo